Waraanni Itoophiyaafi loltoonni TPLF 'nyaataafi tamboo waliin qooddataa jiru'

Madda suuraa, Getty Images
Waraana waggaa lamaa booda waliigaltee nagaa torban darbe mootummaan Itoophiyaafi aangawoonni TPLF irra gahan hordofee haalonni fooyyee qaban mul’achaa akka jiran aangawaan Itoophiyaa himan.
Gorsaa nageenyaa MM Abiy Ahimad kan ta’an Obbo Reduwaan Huseen loltoonni TPLF nyaataafi tamboo barbaacha waraana Itoophiyaa gaafataa jiru jedhan.
Miseensonni waraanaa lamaan kana dura wal lolaa turan.
Qondaalli kuni miidiyaa buufati isaa Ameerikaa taasifateefi EMS TV jedhamuufi gaaffiifi deebii taasisani kan kana jedhan.
Dubbiin Obbo Reduwaan yeroo ajajoonni waraanaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF Keeniyaa, magaalaa Naayiroobiitti marii taasisaa jiranitti dhagahame.
‘’Nyaata sooratu, tamboo argatu, suuraa waliin ka’u, akkasumas wal ta'uun kanneen du’an owwaalu. Bakka buutonni TPLF viidiyoo kana agarsiisu akka qaban nutti himaa jiru, nuuf qoodu,’’ jechuun osoo marii Naayiroobiirra jiranii dubbatani.
Loltoonni gama lamaanuu ‘’ajjeesuufi du’uun’’ waan isaan hin gammachiifneef waliigaltee nagaa irra gahameen gammachuu akka qaban ibsan aangawaan kuni.
‘’Lubbuu isaanii oolchanii maatii isaanii gargaaruu barbaadu. Rakkoon siyaasadha, takkaa rakkoon siyaasaa furamnaan, hunduu bakkatti deebi’a,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltee nagaa torban darbe irra gahame hordofee Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Komaandarri TPLF Janaraal Taaddasee Warradaa mariitti jiru.
Mariin kuni akkaataa humnoota TPLF hiikkachiisaniifi kanaan walqabatan irratti kan xiyyeeffatedha.
Dhimma hiikkachuu kana irratti qeeqa diyaaspooraa Tigraay tokko tokkorra ka’ef deebii kennaniin Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachoo Radaa akkana jedhan:
‘Wanti goonu mara fedhii ummata Tigraay guutuufi. Nagaan waan kamuu caalaa waan ummanni keenya fedhudha,’ jechuun Tiwiitara gubbaa barreessan.
Mootummaan Yunaayitiid Isteetis waliigaltee waraana dhaabuu humnoota TPLF fi Mootummaa Federaalaa gidduutti torban darbe gahama akka hojiitti akka hiikamu akka tumsu ibse.
Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa US Need Piraayis ibsa miidiyaaleef kennaniin Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi Humni Ittisaa Tigraay guyyoota shan keessatti raawwii waliigaltichaarratti walta'u jedhan.
''Ajandaan marii Naayiroobii Tigraayiif deeggarsa namoomaa atattamaan dhiyeessuu, Tigraay dabalatee naannolee ollaa Affaariifi Amaaraa keessattis tajaajiloota bu'uraa adda citan deebisuu akka of keessaa qabu ni hubanna'' jechuun himan.
Waraanni waggaa lama dura eegale lammiilee kumaan lakkaa’aman akka galaafate amanama.












