'Mariin Naayiroobii deeggarsa namoomaa atattamaan dhiyeessuu, tajaajiloota bu'uuraa deebisuurrattis xiyyeeffata'-US

Need Piraayis

Madda suuraa, Ned Price

Mootummaan Yunaayitiid Isteetis waliigaltee waraana dhaabuu humnoota TPLF fi Mootummaa Federaalaa gidduutti torban darbe Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti mallatteeffame hojiitti akka hiikamu akka tumsu ibse.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa US Need Piraayis ibsa miidiyaaleef kennaniin Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi Humni Ittisaa Tigraay guyyoota shan keessatti raawwii waliigaltichaarratti walta'u jedhan.

Ibsi mootummaa US alanaa kan dhagaahame akkuma waliigalticharratti lafa kaahame, hooggantootni waraanaa qaamolee lamaanii TPLF'n waraana hiikkachiisuu dabalatee dhimmoota biroo irrattis Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti wayita marii gochaa jiranittidha.

''Ajandaan marii Naayiroobii Tigraayiif deeggarsa namoomaa atattamaan dhiyeessuu, Tigraay dabalatee naannolee ollaa Affaariifi Amaaraa keessattis tajaajiloota bu'uraa adda citan deebisuu akka of keessaa qabu ni hubanna'' jedhan.

Dhimmi ijoon sagalee waraanaa hambisuu akka ta'es kaasan.

Mariin Naayiroobii kuni gaggeessuummaa jaarsa araaraa Gamtaa Afrikaa Oliseeguun Obaasanjoo, pireezidantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keniyaataafi baka buutota Afrikaa Kibbaan durfamaa akka jiru himan.

Dura taa'aan IGAD Warqinaa Gabayyoofi Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Maayik Hamar taajjabdummaan qooda fudhachaa akka jiranis himan.

''Bakka bu'aan keenya raawwii waliigaltee kanaa deeggaruuf naannichuma turu,'' jedhan.

Dhimmoota rakkisoo ta'an furuudhaafis sararri qunnamti hooggantoota olaanoo qaamolee lameeniin hundaa'e jiraachuus dubbatan.

Waraanni waliinii Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeefamaa ture namoota miiliyoonaan lakkaawwaman qe'eerraa buqqisee, kumoota dhibban kan lakkaawwaman galaafatee fi qabeenya biyyaa hedduu mancaase xumura argachuuf abdiin kan horatame waliigaltee torban darbe raawwatameeni.

Hoogganoonni olaannoon TPLF fi Mootummaa Itoophiyaa marii jabaa guyyoota 10'f gaggeesaniin sagalee waraanaa callisiisuudhaan biyya gara nagaatti deebisuuf yeroof walta'an qabxiilee ijoo hedduurratti waliigalteerra gahuuni.

Waliigaltee waraana dhaabuu Piritooriyaatti mallatteefame hojiirra akka oolu mootummaan isaanii murannoo qabaachuu Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyoota dura ibsaniiru.

Humnoonni TPLF's akkasuma murannoo qabaachuu ibsuun qaamolee waliigaltichi akka hin raawwanne gufachiisuu malu jedhan hawaasni idila addunyaa akka hordofu waamicha godhanii turan.