Itoophiyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu guutummaatti ni fudhatti- MM Abiy

Madda suuraa, FBC
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Naannoo Kibbaa iddoo daawwataa jiran Arbaa Minci irraa haala qabatamaa biyyattii yeroo ammaa irratti ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii kanaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti irra ga'ame onnee guutuun akka fudhatan eeran.
Waliigalteen Afrikaa Kibbaa kun gama nageenya buusuutiin injifannoo uummanni Itoophiyaa guutuun gonfateedha jedhan.
Birmadummaan Itoophiyaa fi bulchiinsi waloo dhimma mariif dhiyaatu akka hin taanee fi biyyi raayyaa waraanaa tokko qofa qabaachuu qabdi kan jedhurratti gareen lamaanuu waliigaluutti guddoo akka gammadanis ibsan.
Akkasumas filannoon bu'uura seeraa malee gaggeeffame haqamuun filannoo seera qabeessa ta'een akka buufamu waliigalamuuttis gammachuu qaban ibsan.
Bakkeewwan gaaffiin abbaa qabeenyummaa irratti ka'aa turee fi madda waldhibdee ta'an osoo dhiigni hin dhangala'in mariin nagaan sirreessuun akka danda'amurratti gareen lachuu waliigaluus akka injifannootti eeran.
''Marii Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamerratti yaadi Itoophiyaan dhiyeessite dhibbaa dhibbatti fudhatama argateera,'' jedhan.
Gootummaan mo'achuu qofa miti kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, ''Nuti erga injifannee booda dhiifama gochuus beekna. Waliigaltee nageenya irra ga'ames onnee guutuun simanna.''
''Waliigalteen nageenyaa irra ga'ame uummata Itoophiyaa fcarraa guddaa waan ta'eef, carraa kana fayyadamuun Tigraay ijaarree, uummata Tigraay dandamachiisnee miira duraatti deebisuun akka walin dhababannu kabajaa guddanin isin gaafadha,'' jechuun dhaamsa uummataaf dhaaman MM Abiy.
Gootummaan keessan kan mirkanaa'u yoo waan qabdanirraa qooddanii uummata Tigraay beela'e soortan qofa jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abdiin nageenyaa amma argame of duuba akka hin deebine fi nageenyi waaraa akka mirkanaa'uuf uummanni Itoophiyaa hunduu tokkummaasaa cimsuu fi waan qabu hundaan akka tumsu gaafatan.
Miidhaa hin malle uummata Itoophiyaa fi Tigraay irratti raawwateera kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, ''kanaan booda Uummanni Tigraay waraana hin malle keessa hin seeninaa, aarsaa hin taane hin kaffalinaa,'' jedhan.
Waraanni lubbuu hedduu galaafate asirratti haa dhaabbatu jedhan.
''Yeroo baayyee waliigaltee booda shiratu jira, kanaafuu uummanni Tigraay ga’ee keessan akka baatan. Kanneen shira hojjetan debisanii waraanatti akka isin hin galchine, uummaa Itoophiyaa kaan waliin akka waltatan,'' jechuun ergaa dabarsan.
Ministirri Muummee Raayyaan Ittisa biyyaa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti ga'ee olanaa gumaache jechuun galateeffatan
Biyya mitii matiinuu walitti bu’a kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, ''kanaafuu ni mari’anna waliigalla. Itoophiyaa rakkoo keessa glachuuf kan deeman jiru. Isaan kunneen dura dhaabbanna. Kan darberraa haa barannu,'' jechuun dhaaman.
Ministirri Muummee Abiy marii hunda galessaa fi hunda hammaterratti hunduu hirmaachuun biyyi akka ijaaramtu dhaamaniiru.
''Yaada fidnee irratti haa mari’annu, Itophiyaa yaa ijaarru. Walajjeesuun, walbuqqisuun, wal abaaruun haa dhaabbatu. Gosaan, sabaan walqooduun hafee akka biyya tokkootti haa dhaabbanu.''
Marii kana keessatti yaadi Itoophiyaa fayyadu kamuu yoo dhufe Badhaadhinni ni fudhata, kana waadaa galuun barbaada jedhan.












