'Indaastirii balallii Afrikaa keessatti riikkardii haaraa galmeessisaa jirra' Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

Madda suuraa, AIL
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xayyaara ammayyaa ‘Airbus A350-1000’ sirna hoo’aan harkatti galfateera.
Sagantaa simannaa Buufata Xayyaaraa Idil Addunyaa Booleetti taasifamerratti angawoonni mootummaa, diplomaatonni, hojjettoonni Daandii Qilleensaa Itoophiyaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Hoji Gaggeessaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw, daandiin qilleensichaa xayyaara kana harkatti galfachuunsaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaafis ta’e Afrikaaf tarkaanfii seenaqabeessa akka ta’e dubbataniiru.
Xayyaarri har’a harkatti galfate imaltoota 395 baachuu akka danda’u kan himan Obbo Masfin, “kunis xayyaarota Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qabu keessaa isa guddaa isa taasisa” jedhan.
“Imaltoonni xayyaarichaan imalan tekinoloowwajiiwwan bashannanaa xayyaarichi qabufi teessumawwan bal’ina fi mijaa’ina qabaniin muuxxannoo imalaa fooyya’aa ni qabaatus” jedhan.
Kana malees motoronni xayyaarichaa boba’a kan qusatan, xayyaarota isa duraa waliin yeroo madaalamus hammeentaa kaarbondaayoksaayidii xiqqaa kan gadi lakkisan ta’uunis himameera.
Kana malees “dizaayiniin xayyaaricha si’aa’ina kennuun fi jeequmsa sagalee hambisuun imalawwan fagoo dhadhabsiisoo akka hintaane kan godhudha” jechuunis dubbatan.
Xayyaarri har’a simatame xayyaarawwan Airbus A350-1000’ afur daandiin qilleensichaa bituuf ajajate keessaa isa tokko ta’uun kan himame yemmuu ta’u, xayyaaronni hafan sadeenis ji’oota itti aanan keessa harka daandii qilleensichaa akka galan Obbo Masfin dubbataniiru.
“Xayyaara A350-1000 bituun keenya fedhii damee balallii Afrikaa keessaa dursuu itti fufuu fi indaastirii balallii addunyaa keessatti haalaan dorgomuuf qabnu kan agarsiisuudha” jedhan.
Gama biraatiin hoggantoota fi hojjettoota dhaabbata Airbus kan galateeffatan Obbo Masfin, “waliin ta’uun indaastirii balallii Afrikaa keessatti riikkardii haaraa galmeessisaa jirra” jedhaniiru.
Daandiin qilleensichaa lakkoofsa xayyaarotaa qabu baay’isuun cinatti misooma humna namaafii bu’uraalee misoomaa irrattis hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan naannoo magaalaa Bishooftuutti buufata xayyaaraa dandeettii buufata xayyaaraa Boolee dachaa afur qabu ijaaruutti akka jirus himaniiru.
“Ijaarsa buufata xayyaaraa kanaaf qophiiwwan barbaachisoo taasifamaa kan jiran yemmuu ta’u, ijaarsa isaas yeroo ji’oota 12 keessatti eegaluuf karoorfameera” jedhaniiru.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daandiin Qilleensicha xayyaaricha guyyaa kaleessaa Sadaasa 4, 2024 iddoo walitti qabaan boordii Daandii Qilleensichaa Letinaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fi hoji gaggeessaa olaanaan dhaabaticha Masfin Xaasaw argamanitti biyya Faransaayitti dhaabbata xayyaaricha oomishe 'Airbus' waliin walharkaa fuudhinsa taasiseera.
Haaluma kanaan xayyaari ammayyaa kun ganama har’aa Faransaay magaalaa Tuulus irraa balali’uun daqiiqaawwan muraasa dura Buufata Xayyaaraa Idil addunyaa Boolee qubateera.
Wayita xayyaarichi qubatus Ministira Geejibaafii Loojistikii Dr. Alamuu Simee dabalatee angawwoonni mootummaa biroo fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Xayyaarri dandeettii fageenya dheeraa imaluu qabu kun al tokkotti imaltoota 350 hanga 395 ‘haala mijaa’ina qabuun’ baachuu akka danda'u hoji gaggeessaa olaanaan dhaabaticha Masfin Xaasaw himan.
Lakkoofsi imaltootaa inni guddaan xayyaarrichi baachuu danda’us namoota 480 akka ta’e odeeffannoon marsariitii ‘Airbus’ irraa arganne ni hima.
Ethiopian Airlines has received Africa’s first Airbus A350-1000 aircraft from the Airbus company in a ceremony held in Toulouse, France. This brand new aircraft will arrive at Addis Ababa Bole International Airport today.













