Tiraamp Ameerikaan Giriinlaandiifi bo'oo Panaamaa humnaan fudhachuu qabdi jechuun dhaadate

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantii US ta'uun kan filame Donaald Tiraamp Giriinlaandiifi bo'oon Panaamaa kan US ta'uu qabu jechuun akeekkachiisan. Tiraamp nageenya Ameerikaaf jecha qaamoleen kun lamaan harka US jala galuu qabu jedhee ture.
Daangaa walabaa Daanish kan taate Giriinlaand akkasumas bo'oo Panaamaa humna waraanaa ykn dhiibbaa diinagdee gochuun to'achuuf fedhii qabaachuu gaafatamee, "lamaan keessaa kana jedhee mirkaneessuu hin danda'u.
"Garuu kanin mirkaneessuu barbaadu, nageenya diingadeef jecha isaan [to'achuu] ni barbaanna," jedhe turtii gaazexeessitoota waliin taasiseen.
Giriinlaandifi bo'oo Panaamaa qofa osoo hin taane Kanaadaas US jala galchina jechuun dubbachuunsaa ni yaadatama.
Daangan USfi Kanaadaa jidduu jiru kan nam-tolcheedha malee qabatamaa miti kan jedhu Traamp, humnaan Kanaadaa of jala galchuuf fedhii yoo qabaate gaafatamee "humna diinagdee" akka fayyadamu ibse.
USfi Kanaadan addunyaarratti daangaa baay'ee dheeraa ta'e kan waliin qooddatan yoo ta'u, bara 1970oota keessa daangeeffame.
Tiraamp akka jedhutti US dolaara biliyeena heddu baasun Kanaadaa eegdi, garuummoo konkolaatonnifi meeshaalen garaa garaa achii US galuun gabaa akka to'atan komate.
"[Kanaadan] naannoo ta'uu qabdi," gaazexeessitootatti dubbate. Muummen Ministeeraa Kanaadaa amma aango gadi lakkisaa jiran Jastiin Turuudoo gamasaan, biyyoonni lamaanuu bifa kamiinuu akka walitti hin makamne mirkaneessan.
Tiraamp waa'ee Giriinlaandi fi bo'oo Panaamaa US jala galchuu yeroo ibsa kennaa turetti, ilmi isaa Donaald Tiraamp Juuniyer ammoo daawwannaaf Giriinlaand ture.
Ilmi Tiraamp osoo magaala guddoo Giriinlaand kan taate Nuuk hin gahin dura dhimma dhuunfaf malee qondaalota mootummaa Giriindlaand waliin wal-argee mariyachuuf akka hin taane ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waa'ee daawwannaa ilmi Tiraamp Giriinlaanditti taasisaa jiruu Miniteerr Muummeee Giriinlaand Mette Frederiksen Danish TVdhaan gaafatamanii "Giriinlaand kan uummata Giriinlaanditi" jechuun uummannishee qofti egereesaanii murteessuu akka danda'u dubbatan.
"Giriinlaand gabaaf hin dhiyaattu" jechuun garuummoo Deenmaark USfi NATO walitti dhufeenya gaarii qabaachuu akka qabdu akeekan.
Giriinlaand deemsa Ameerikaa Kaabaa irraa gara Awurooppatti taasifamuuf karaa dhiyeenyaf filatamaa yoo taatu, qabeenya uumamaa addunyaarratti bakkeewwan muraasatti argaman heddu qabdi.
Kuufama albuudotaa baatiriiwwaniifi meeshaalee teeknolojii ammayyaa ijaaruf oolan heddu qabdi.
Oddolli kun buufata waraanaa sochii Chaayinaa, Raashiyaafi kaanis to'achuuf gargaaru ijaaruf murteessaa akka taate Tiraamp dubatee ture.
"Ani waa'ee addunyaa bilisaa eegun dubbataa jira," jedhe.
Tiraamp filannoo Ameerikaa erga mo'atee as irra deddeebin waa'ee daanga US babal'isuu dubbataa ture. Kana keessaa bo'oo Panaamaa kan US gochuun tokkoodha.
Pirezidaantiin Panaamaa Joosee Raawul Mulino gamasaanin yaada Tiraamp mormanii jiru












