Waggaa afur dura injifannoo Baayidan kan jeeqe Tiraamp amma kansaa akkamiin mirkanaa'a?

Madda suuraa, Getty Images
Seera baastonni US kora Kongiresii guddicha irratti walga'uun filannoo alanaarratti injifannoo Doonaald Tiraamp mirkaneessu.
Adeemsi kun waggaa afuritti yeroo tokko kan raawwatu yoo ta'u, pirezidantiin filatame kakuu seenee hojii eegaluuf torban lama yeroo hafu raawwatama.
Yeroo darbe degegartoonni Tiraamp Kappitool Hiilitti jeequmsa kaasuun adeemsa kana jeeqanii turan.
Filannoo 2020 irratti Tiraamp bu'aa filannoo tole jedhee fudhachuu diduun hanga bu'aa filannoo lakkaa'uu dhaabsisuutti deeggartootasaa bobbaaseera.
Kora bara kanaan bu'aan filannoo baranaa mirkanaa'uun Tiraamp Waayit Haawusitti akka deebi'u mirkana.
Dureen paartii Rippaablikaan kun kaadhimamtuu Dimkiraatotaa Kaamaalaa Haariis injifachuun filanno bara 2024 irratti haala amansiisaa ta'een milkaa'eera.
Haariis Seeneetii keessatti ga'ee dursummaa waan qabduuf adeemsa bu'aa filannoo mirkaneessuun baallii guutummaatti dabarsuus adda durummaan to'atti.
Wayita adeemsa mirkaneessuu kanatti maalfaatu raawwata?
Kongiresiin [Amajjii 6] walga'uun bu'aa filannoo akka mirkaneessu seerri federaalaa Ameerikaa ni akeeka.
Miseensonni waraqaa ragaa irratti mallattaa'e bulchiinsota 50 irraa qabatanii ni dhiheessu, hunduu galmee bu'aa filannoo kan qabateedha.
Bu'aasaa sagalee olkaasanii dubbisu, isa booda lakkaa'amee galmaa'a.
Pirezidantiin Seeneetii, yeroo ammaa Kamaalaa Haariis, kora kana ni dursiti.
Nama filannoo pirezidantummaa bara kanaa mo'ates seeraan ni labsiti.
Yeroo darbe maaltu mudate?
Amajjii 6, 2021 guyyaa Korri Kongiresii abbaa filannoo mo'ate mirkaneessetti jeequmsi dhohe.
Tiraamp bu'aan filannoo 2020 jalaa hatamuu cimsee komate, komii ragaa quubsaa hin qabne.
Kana hordofee deeggartoonni isaa dhibbootaan lakkaa'aman galma adeemsi mirkaneessa filannoo itti gaggeeffamaa turetti cabsanii seenuun jeequmsa hamaa kaasan.
Tiraamp qondaala yeroo sana itti aanaa pirezidantii turan Maayik Peensi, bulchiinsonni sagalee kenname akka sirreessaniif ija jabinaan akka hojjetan ajajee ture.
Mormitoonni galma Kaappitool Hiil weeraruun, duuba erga gadhiisanii ba'anii, miseensonni Kongiresii korasaaniitti deebi'uun injifannoo Baayidan mirkaneessan.
Maayik Peensi ammoo waan Tiraamp ajaje raawwachuu didan.
Guyyaa jeequmsi ka'e sana hedduun akka du'an himama.
Ergasii Tiraamp fi deeggartoonni isaa waa'ee filannoo bara 2020 komii bu'uura yookiin ragaa qabatamaa hin qabne dhageessisaa turan.
Yoo pirezidantii ta'ee aangootti deebi'e namoota jeequmsa bara sanaan himatamanii itti murtaa'e akka bilisa baasu dubbataa ture.
Bara kana maaltu mudachuu mala?
Waashigitan DC keessa muddamatu jira, ammoo adeemsi bu'aa filannoo mirkaneessuu bara kanaa karaama nagaan xumurama jedhamaa jira.
Haariis bu'aa filannoo irratti hanga yoonaa komii hin dhageessifnekaa.
Kaadhimamaan filannoo injifatame wayita adeemsa bu'aa filannoo mirkaneessuu dursu kun kan jalqabaa miti.
Bara 2021 wayita Kongiresiin injifannoo Baayidan fi Haariis mirkaneessu kan dursan itti aanaa Tiraamp kan turan, Maayik Peensi.
Bara 2001 ammoo Pirezidantii Itti aanaa kan turan Al Gore bu'aan filannoo Pirezidant Jorji W Buush wayita mirkanaa'u kora Kongiresii dursaniiru.
Miseensi Kongiresii bu'aa filannoo diduu danda'aa?
Deebii gabaabaa: eeyyeen. Garuu yeroo baayyee hin mudatu.
Miseensonni Kongiresii erga ragaaleen bu'aa filannoo bulchiinsota biyyattii dubbifamanii booda mormuu danda'u.
Garuu dursaan kora Konngiresii mormii kana dhagahuuf jalqaba mormichi barreeffamaan dhihaachuu qaba.
Miseensota mana maree keessaa tokko shanaffaan irratti mallatteessuu qabu.
Akkasumas miseensonni Seeneetii tokko shanaffaan irratti mallatteessuu qabu.
Duraan mormii kan dhageessisuu qabu manneen maree lameen keessaa nama tokko tokko qofa.
Garuu bara 2022 seerri haaraan mormii haala kanaan dhihaatu ulfaataa taasisu labsame.
Mormiin ulaagaa haaraa ba'e yoo guute korri kun adda citee, manni maree fi Seeneetiin yeroo fudhatanii addatti mormii kana ilaalu.
Mormiin ka'e fudhatama argachuuf Manneen maree lameenitti sagalee caalmaan ragga'uu qaba.
Itaanee maaltu ta'a?
Erga adeemsi sagalee mirkaneessuu raawwatee booda Tiraamp pirezidantii ta'ee hojii eegaluuf waa tokko qofatu hafa- sirna kakuu seenuu.
Amajjii 20, maatiin Tiraamp, pirezidantonni duraanii fi miseensonni hawaasaa bebbeekamoon Kaappitool Hiilitti walga'uun sirni kakuu seenuu raawwatama.
Isa booda Doonaald Tiraamp Pirezidantii US 47ffaa ta'ee hojii eegala.












