Af-yaa'iin duraanii Ameerikaa Naansii Peloosii Demookiraatonni filannoo mo'amuuf Baayidan komatan

Madda suuraa, Getty Images
Af-yaa'iin duraanii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ameerikaa Naansii Peeloosii otoo Baayidan dorgommii keessaa dafee baheera tahee silaa warri Demookiraatii mo'achuuf carraa fooyya'aa qabaatu ture jette.
Peeloosiin Waashingitan keessatti nama siyaasaa jabduu taate-gaazexaa Nuuw Yoorkitti akka himtetti, ''otoo preezidantichi dafee dorgommii keessaati bahee kaadhimamtoonni biroo carraa argatu ture,' jette.
Demookiraatonni filannoo Kibxataa irratti mo'amuun booda quba walitti qabuun kan Peeloosii kuni isa boodanaati.
Baayidan Donaaldi Tiraamp wajjin falmi dadhabaa tahe taasisuu irraa kan ka'e Peeloosiin warri Demookiraati Baayidaniin akka dorgommii keessaa baasan dhiibbaa gochaa turtus pireezidantichi yeroo dhumaa Adoolessa keessa dorgommii keessaa bahe.
Baayidan yeroo duulasaa dhaabu pireezidantii ittaantuu Kamalaa Hariisiin bakka kan buuse yoo tahu isheenis Kibxata darbe filannicha mo'amteetti.
Peeloosiin akka Nuuw Yoork Taayimsitti himeetti, ''otoo Baayidan dafee dorgommii keessaa baheera taheetii kaadhimamtoonni Demookiraatotaa biroo paartii isaanii Waayit Haawusitti bakka bu'uuf dorgomu ture,'' jette.
Kamalaa Haariisillee otoo adeemsa dorgommii akkasii keessa darbiteetti tahee ''jabaattee garafuulduraattii deemuuf humna argatti ture,'' jette.
''Suni waan hin taaneef, amma waan tahe fudhanneetu jirra,'' jettee dubartiin koongireesii Kaalfoorniyaa marsaa 20ffaaf mannichatti filamte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Pireezidantichi battalumaan Kamaalaa Haariisiif deeggarsa waan kenneef kaadhimamtoota biroo gara dorgommichaatti fiduun waan hin danda'amne ture. Otoo dursee baheera taheetii, bu'aan argamu adda taha ture,'' jette.
Duula Kamaalaa Haariis warreen hojjetaa turanis Baayidan dafee dorgommii keessaa bahuu dhiisuusaa komatan.
''Joo Baayidan pireezidantii tahee otoo jiruu duula haalaan gaarii dha jedhamu hojjenne. Kamalaa Haariisiifi Demookiraatonni mo'amuuf sababni tokkoofi tokko Joo Baayidani dha,'' jedhe hojjetann duula filannoo maqaan isaa hin eeramne.
Hojjetaa duula filannoo Baayidan kan ture namni biraan immoo Haariis sababii baayyisaa turte jedhe.
''Doolaara biiliyoona tokko baastee akkamiin hin mo'attu?'' jedhe hojjetaan Baayidan duraanii kuni.
Gargaaraan Baayidan duraanii maqaan hin dhahamne gaazexaa siyaasaa Poolitikootti akka himetti gorsitoonni pireezidantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaaamaa, ''Joo Baayidan akka bahuuf deeggaraa turan, Kamalaan immoo kaadhimamtuu akka taatu hin barbaanne ture, ''jedhe.
Seenaatarrii Peensilvaaniyaa Joon Feetermaan mo'amuu Demookiraatotaaf kanneen Baayidan baasuudhaf koratanitti quba qabeera.
Seenaatarri bara 2016 fi 2020tti dhuunfaan warra Demookiraatii keessaa pireezidantummaaf dorgome Barnii Saandars paartichi uummata hojjetaa taheef dhaabachuu dhiisuunn komatae.
''Hogganni Demookiraasii haala amma keessa jirru akka fudhannuufi tiksinu gaafatus lammiileen Ameerikaa garuu aarii qabuu, jijjiirama barbaadu,'' ''Sirrii dha immooti,'' jedhe.
Demookiraatonni bu'aa filannoo kanarraa hin baratan taha jechuunis hime.
Dura taa'aan Koree Demookiraasii Biyyaalessaa Jaayim Haariisan deebii Saandarsiif X irratti kennaniin ''waan dharaa jedhaniiru.''












