'Tiraamp waan Netaaniyaahuun barbaadu hunda akka kennuuf wabiin hin jiru'

Madda suuraa, Getty Images
Hogganoota addunyaa dursanii pireezidantii filatamaa Ameerikaa Donaald Tiraamp ergaa baga gammaddee kan dabarsan Ministira Mummee Israa'el Netaaniyaahuudha.
''Haala seen-qabeessa deebitee dhufuukeef baga gammadde,'' jedhaniin.
Kanaan dura Netaaniyaahuundhaan ''michuu gaarii Israa'el Waayit Haawus keessaa qabdu,'' jedhaniiru.
Kanaan dura Tiraamp waliigaltee niwukilaaraaa Iraan haquuniifi hariiroo biyyoota Arabaa wajjin jiruus si'ataa akka tahu gochuun akkasumas Yeruusaaleemiin magaalaa guddoo Israa'el akka taate beekamtii kennuun baamsa argataniiru.
Dhimma Israa'el ilaallatu irratti marsaan aangoo Donaald Tiraamp duraanii ''fakkeenya'' tahuu danda'a jedhan Ameerikaatti ambaasaaddarri Israa'el Mikaa'el Oreen.
''Waan yeroo dalage deebi'ee ilaala jennee abdanna. Tahus Tiraamp maaliif akka dhaabbatuufi eenyu akka tahe sirriitti hubachuu qabna.'' jedha.
Jalaqaba Tiraamp ''waraana hin jaallatu'', waraanni qaalii dha jedhee yaada. Tiraamp Israa'el waraana Gaazaa saffisaan akka dhaabu gorsaniiru.
Dabalataan Tiraamp isa Israa'el Weest Baank keessatti qubsuma taasifamu ''badaa hin deeggaru,'' hogganooti Israa'el qaama Weest Baank ofitti fudhachuu mormeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Imaammatawwan lameen kunneen gamtaa paartii Netaaniyaahuu ammaa waliin wal-dhibdeetti isa geessu mala, miseensonni gamtaa paartii Netaaniyaahuu kuni yoo inni imaammata isaan hin deeggarre fide akka aangoo irraa isa buusan doorsisaniiru.
Netaaniyaahuun fedhii Ameerikaa ammaafi fedhii michoota gamtaa paartisaa keessa jiran keessaa tokko akka filatu yoo gaafatamu gamticha akka filatu himeera.
Sababa kanaan pireezidantii ammaa US Joo Baayidan waliin dhibdeen uumameera.
Mikaa'el Oreen Netaaniyaahuun pireezidantii haaraa filaman wajjiin adeemsa haaraan hariiroo uumuu qaba jedhu.
''Donaaldi Tiraamp Amajjitti yeroo gara aangootti dhufu 'kana booda waraana dhaabuuf torbee tokko qofa qabda,'' yoo jedhe Netaaniyaahuun isa kabajuu qaba.''
Gaazaa keessatti waraana adeemuun jiraattonni abdii kutannaa keessa waan jiraniif kaayyon isaanii tokkoofi tokko akka tahu godheera.
Ahimad ''Tiraamp waadaa jabaa seeneera,'' jedha ''nagaan akka bu'u gargaara jennee abdanna,' jedhe.
Haadha waarraafi ilmi Ahimad lameenuu waraana Gaazaattia ajjeefamanii mannisaas barbadaa'e.
''Nu gaha egaa, dadhabne, Tiraamp cimee rakkoo Israa'el wajjin jiru furuu qaba,'' jedha.
Mohaammad Daawwud waraana Gaazaa kanaan al saddeet buqqa'eera injifannoon Tiraamp waraana kana dhiyootti dhaaba jedhee amana.
Jiraataan biraa Maamduu jedhamu immoo eenyu mo'achuurraa akka dhimma hin qabneefi gargaarsa qofa akka barbaadu hime.
''Qorichi hin jiru, hospitaalli hin jiru, nyaatni hin jiru. Gaazaa keessatti waan hafe hin jiru,'' ''Nama jabaa warraa Ayihuudiirraa adda nu baasu barbaanna,'' jedhe.
Weest Baanki Israa'el to'attu keessatti qondaaloti Fiilisxeem dhiibbaa Ameerikaan Israa'el irratti qabaattuun shakkii guddaa qabu. Namooti siyaasaa Ameerikaa gama lamaaniinuu jiran Israa'eliif akka baamsanitti yaadu.
''Furmaatni gidduugiduu lammiilee Fiilisxeem gatii baasisuun waan dhufu ykn deeggarsi waraanaa Israa'eliif taasifamu wal-dhibdee egeree ittuu hammeessa malee waan fidu hin qabu,' jedhan aangaa'an Filisxeem warra Fattaah Saabrii Saayidaam.
''Amma Tiraamp ejjennoo haaraa qabu arguu barbaanna, waraana battalaan dhaabsisuu irratti akkasumas sababa hundee waraanichaa furuu irratti dhugumaan hojjechuu qaba.'' jedhan.
Yaadni uummataa funaaname akka agarsiisutii lammiileen Israa'el lama-sadaffaa Tiraamp gara Waayit Haawusitti akka deebi'u barbaadu. ''Nama kana tilmaamuufi waan inni gochuuf jiru beekuun rakkisaa waan taheef of eeggachuu qabna,'' kan jedhanis jiru.












