Puutin injifannoo Tiraamp booda 'goota' jechuun isa jajan

Wayita Pirezdaantootni biyyoota garaa garaa ergaa gammachuu injifannoo Tiraamp ilaalchisee dabarsaa turanitti, Puutiin eegamaa turan. Barfataniis ta'u garuu Tiraampin baga gammaddee jedhaniiru. Nama jabaa jechuunis jajan.
Puutin sagantaa Raashiyaa magaalaa Sochii jedhamutti qophaa’erratti akka jedhanitti, Tiraamp yeroo jalqabaaf Waayit Haawus turan dhiibbaan gama hundaa irra gahaa ture.
Puutin itti dabaluudhaan waadaan Tiraamp waraana Yukireen xumuruuf hojjechuuf galan ''yoo xiqqaate tilmaama keessa galuu qaba'' jedhan.
Yeroo duula filannootti Doonaald Tiraamp irra deddeebiin waraana kana "guyyaa tokkon" xumuruu akka danda'an dubbataniiru, garuu akkamitti akka kana galmaan ga'u bal'inaan hin ibsine.
Haasaan Puutin sa'aatii hedduu kan fudhate yoo ta'u, mata-dureewwan adda addaa kan tuqe ture. Yaalii ajjeechaa Doonaald Tiraamp baatii Adoolessaa keessa raawwatame ilaalchisee haasaa isaanii keessatti ''dhiibbaa uumeera'' jedhan.
Tiraamp yeroo gurrasaa rukutametti hanga eegdonni qabanii waltajjiira buusanitti harka isaanii ol kaasanii, "falmaa, falmaa" jechuun dhaadannoo dhageessisuun deeggartoonni isaanii akka falma itti fufan dhaaman.
''Akka yaada kiyyaatti waan akka nama jabaa tokkootti gochuu qabu karaa baayyee sirrii ta'een hojjeteera,'' jedhan Puutin.
Doonaald Tiraamp waliin haasa'uuf qophii ta'uu isaanii gaafatamanii, ''qophii qabna, qophiidha'' jechuun deebisaniiru Puutiin.
Tiraamp Puutin waliin haasa’uuf qophii ta’uu isaanii Kamisa darbe NBC News’tti akka himanitti, “ni mari'anna jedheen yaada” jedhan.
Abukaatoon addaa Ameerikaa Roobart Muular bara 2016 duula filannoo Tiraamp fi Raashiyaa gidduutti waliigaltee uumuun himannaa irratti dhiyaaterratti qorannoo gaggeesse, garuu waggaa sadii booda gabaasa isaanii ragaa tokkollee hin arganne.
Oduu biraatiin ammoo hoggantoonni Awurooppaa Tiraamp gara Waayit Haawusitti deebi’uu ilaalchisee Kamisa darbe Budaapeestitti mari’ataniiru.
Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii pirezidaantii filataman kana waliin ''haasawa baayyee ho'aa'' fi '' bu'a qabeessa'' taasifneerra jedhan.
“Hariiroon Yukireen fi Ameerikaa, Awurooppaa fi Ameerikaa gidduu jiru bu’a qabeessaafi gaarii akka ta’uuf waan hunda gochuu qabna,” jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yukireen fi Awurooppaa keessatti namoonni hedduun Tiraamp gargaarsa waraanaa Ameerikaan Yukireeniif gootu dhorkuu ykn tursiisuu danda’a jechuun yaaddoo keessaa jiru.
Muummichi ministeeraa UK Sir Keeyir Istarmer yaa'ii kanarratti akka himanitti, Yukireen waraana Raashiyaa waliin taasiftu keessatti deeggarsa UK'n Kiyeevif gootu cimee kan itti fufu ta'uu Zalaniskiif mirkaneessaniiru.
Ministirri muummee Haangaarii Viktor Orbaan, kanaan dura injifannoo Tiraamp “vodkaa”n kabajuu isaanii kan dubbatan yoo ta’u, amma Ameerikaa fi Awurooppaan daldala irratti marii cimaa akka isaan mudatu dubbataniiru.
Michuu dhiyoo Tiraamp kan ta'an Orban ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin ''dhimmi daldalaa US waliin jiru salphaa hin ta'u'' jedhan.
Tiraamp filannoo kana osoo hin injifatin dura meeshaalee biyya alaatii galfaman hunda irratti gibira dhibbeentaa 10 akka kaffalan dubbataniiru.
"Awurooppaan gara fuulduraatti nagaa fi nageenya mataa isheetiif itti gaafatamummaa dabalataa akka fudhattu waliigaltee ture. Caalaatti ifatti yoo dubbanne, Ameerikaanoonni kophaa isaanii nu kunuunsu jennee eeguu hin dandeenyu," jedhan Orbaan.












