Tiraamp dhuguma godaantota miliyoonaan lakkaa'aman Ameerikaatii baasuu danda'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Nooraan akkuma filattee manatti deebiteen akka Tiraamp injifatu hubachaa yeroo deemteen hirriba malee bulteetti. Sababa balaa obomboleetti hamaatiin waggaa 24 dura Nikaaraguwaa irraa gara Ameerikaa galte.
Ijoollee dubaraa lama lammii Ameerikaa tahan Kiristel ganna 30 kan taatee fi Lii kan ganna 19 taate qabdi.
Ofii ishee garuu ragaalee eeyyama jireenyaa dhaabbataa hin arganne.
''Hirriba dhabeera, gonkumaa rafuu hin dandeenye. Amma sodaa duraanii sanatti deebineerra,'' jette. Sababa baqattuu taateef eenyummaan ishee akka dhokfamuuf gaafattee BBCtti dubbatte.
Tiraampi amma Waayit Haawusitti waan deebi'eef waadaa yeroo duula filannoo deeggartoota isaaf gale guutuuf jecha godaantota miliyoonota Ameerikaa galanii eeyyama jireenyaa guutuu hin qabne biyyaa baasuu danda'a jette.
''Seenaa keessatti lakkoofsa olaanaa kan tahu godaantota biyyaa baasuuf jenna'' jedhan ibsa tibbana miidiyaaf kennan irratti.
Pirezidaantii Itti Aanaa tahuun kan filame, JD Vaansi af-gaaffii miidiyaa ABC waliin taasise irratti kanuma cimsuun ''mee miliyoona tokko irraa haa jalqabnu...achirraa kaanee itti fufna'' jedhe.
Ogeessonni garuu oppireeshiniin akkasii kun loojistikii guddaa fi hojii seeraa cimaa kan barbaadudha jedhu.
Godaantota hin galmaa'iin meeqa US keessa jira?
Ragaan Dippaartimantii Nageenya Biyya Keessaa irraa argame akka agarsiisutti bara 2022 keessa godaantota hin galmaa'iin ykn eeyyama jireenyaa hin argatiin gara miliyoona 11 Ameerikaa keessa jira. Kun %3.3 uummata biyychaa taha.
Akka qorannoo kanaatti godaantota biyyoota akka Kuubaa, Venezuweelaa, Haayitii fi Nikaaraguwaa irraa deeggarsi namoomaa akka kennamuuf eeyyamameef 500,000 hin dabalatu.
Kanneen ragaa guutuu hin argatiin ykn galmee hin argatiin jiran irra caalaan isaanii %80 tahan waggoota kudhanii oliif biyyicha keessa kanneen jiraatanidha.
Walakkaa isaanii meksiikoo, itti aanee El Saalvaador, fi Honduras irraati.
Isaan kunneen bulchiinsota akka Kaalifoorniyaa, Teksaas, Filooriidaa, Niw Yoorki, Niw Jersii fi Iliniyoos keessatti heddumatu.
Adeemsa seeraa
Godaantonni kunneen biyyaa baafamuu isaaniin dura mirga mana murtii fuulduratti falmachuu qabu. Kun ammoo falmii duraanuu manni murtii qabatee jiru hedduu irratti hojii dabalataa taha.
Tiraampi bakkeewan isaan keessa da'atan keessaa baasuuf dhaadatus seerri naannoo, hanga federaalaa jiru garuu dhimmicha wal xaxaa taasisa.
Kaatiliin Buush-Jooseef, Inistityuutii Imaammata Godaantotaatti xiinxalaa kan taate, godaantota kumaatamaan biyyaa baasuuf wal deeggarsi qondaalota naannoo murteessaa ta'a jette.
Qondaalonni bulchiinsa naannolee hedduu garuu karoora Tiraampi kana hojiitti hiikuuf waan deeggaran miti jette.
Godaantota baay'inaan biyyaa baasuu akkuma jalqabeen falmiin seeraa warra mirga namoomaaf falman irraa isa mudata. Bara 2022 Manni Murtii Olaanaa , manneen murtii osoo dhimmoota seeraan wal qabatan qorataa jiranii hojiirra oolmaan dhimma godaantotaa akka itti fufu murtii dabarseera.
Hanqina loojistikii fi falmii seeraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Osooma bulchiinsi mootummaa US, waan kana hojiirra oolchuuf ka'ellee abbootiin taayitaa biyya keessaa fi gara daangaa jiran hanqina loojistikii guddaaf saaxilamu.
Bara bulchiinsa Baayiden godaantota biyyaa baasuun kan xiyyeefatu, godaantota dhieeynya daangaa seenuun hidhaman irratti ture.
Waggoota kurnan darban keessa godaantota biyya keessa turan baasuun 100,000 gadi ture.
Yeroo bulchiinsa Obaamaa gara jalqabaa godaantonni waggaatti bahan 230,000 tahu.
''Lakkoofsa kana takkaatti gara miliyoonaatti ol guddisuun qabeenya guddaa argachuu hin danda'amne gaafata,'' jedhe Mana Maree Dhimma Godaantotaatti daariktera Imaammataa kan tahe Aaroon Rechiliin Meelnik.
Adeemsi godaantota biyyaa baasuu kun waraqaa eenyummaa isaaniin adda baasuu fi to'achuu irraa jalqabee adeemsa dheeraa keessa kan darbuu fi wal xaxaadha jedhe.
Tiraampi garuu Eegdota Biyyaaleessaa ykn humna waraanaa fayyadamuun biyyaa baasuuf akka hojjetu akeeka.
Seenaa biyyattii keessatti humni waraanaa dhimma kana irratti hojjetee kan beeku daangaa Ameerikaa fi Meksiikoo irratti kan daanga'e ture.
Tiraampi gaaffiif deebii BarruleeTime waliin taasise irratti buufataalee hidhaa haaraa godaantotaaf ijaaruu, poolisiin akka hin adabamneef mirga akka qabaatan taasisuun ofuma isaanii akka gabaasa godhanii fi deeggarsa argatan gochuuf karoorsuu hime.
Dhaabbata 'Numbers USA' jedhu to'annoo godaantotaa jabaa irratti hojjetutti qorataa kan tahe Erik Ru'aark, daangaa irratti eegumsa cimsuu akka wayyu hima.
''Dursa argachuu kan qabu isadha. Godaantota biyya keessa turan baasuu irratti jijjiirama xiqqoo qofa fiduu dandeessa,'' jedhe.
Dabalataan kaampaanota godaantota eeyyama jireenyaa hin qabne qacaruun hojjechiisan irratti adabbii seeraa cimaa fudhachuun filannoo biraa akka tahe hima.
''Hojiidhaaf dhufu. Hojicha ammoo argataa jiru. Sababni isaa qaamni biyya keessaa seera raawwachiisu dadhabaa waan taheef,'' jedhe.

Faayinaansii fi siyaasa
Ogeesonni akka tilamamanitti godaantota miliyoona tokkoo fi isaa ol biyyaa baasuuf biliyoonota kudhanii hanga dhibbaan lakkaa'amuu gaafata.
Ejensii godaantota irratti hojjetu 'Ice' jedhamuuf bara 2023 baajanni qabameeru doolaara miliyoona 420. Bara sana godaantota 140,000 qofa biyyaa baasuu danda'e.
Manneen hidhaa babal'isuu fa'aa akkasuma baasii guddaa gaafata.
Waadaa biraa Tiraampi gale ijaarsa dallaa daangaa irraa xumursiisuu, qoricha sammuu hadoochu akka biyya hin galle humna galaanarraa bobbaasuu fi fi loltoota kumaatamaan hojiitti bobbaasuu mataan isaa doolaara miliyoonota hedduu akka gaafatu ogeessonni himu.
Adam Ayizaaqson, Waajjira Waashingitan jirutti Ogeessa dhimma Godaantotaa fi daangaa kan tahe ''abjuu halkanii,'' Tiraampi godaantota hedduu biyyaa baasuuf baasii godhuyyuu kuniyyuu uummata irraa akka falmiin isa mudatu taasisa jedhe.
''Hawwaasni Ameerikaa keessaa kamiyyuu uummanni beekanii fi jaalatan gaafa baasii keessa galfaman arga. TV irratti namoota addaan bahan, ijoollee maatii irraa addaan baatee bossuu argita, kun nama dhukkubsa'' jechuun akeekkachiise.
Bara bulchiinsaa Tiraampi isa duraatti godaantonni miliyoona 1.5 tahan waggaa afur keessatti biyyaa baafamaniiru. Bara bulchiinsa Baayiden garuu lakkoofsa kanaa gadi ture.
Bara bulchiinsa Obaamaa waggaa saddet keessatti miliyoona sadii kan tahan biyyaa baafamaniiru. Maqaa masoo ''hojii gaggeessaa godaantota biyyaa baasuu'' jedhuyyuu argateera.
Bara 1954 oppireeshinii maqaa 'Operation Wetback' jedhuun godaantonni miliyoona 1.3 tahan biyyaa baafamaniiru. Kun bara 1955 kan dhaabbate yoo tahu mormii guddaanis mudatee ture. Yeroo sana irra caalaan isaanii lammiilee Meksiikoo tahanis lammiileen Ameerikaa waliin biyyaa baafamanillee turaniiru.
Kan ammaa garuu isarraa adda jedhu ogeessonni. Inni bara sanaa adeemsa seeraa kan hin hordofnee fi lammiilee Moksiikoo irratti kan xiyyeefate ture jedhu.
Nooraan biyya kanatti hojjedhee jiraadhee, gibira kaffalaa turee amma gara biyyakoo durii Nikaaraaguwaatti waggaa 24 booda deebi'uun waan hin yaadamnedha jetti. Ijooleen ishee yeroo jalqabaaf filannoo irratti hirmaataniiru. Ishee waliin biyyaa bahuu danda'u jechudha.
''Haadha keenyaaf waan dandeenyu hundaa ni goona jette intalli ishee Liin.












