Tiraamp yakka hojjete maallaqaan dhoksuu yaaluu irratti himati dhihaate murtee argachuuf

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Doonaald Tiraamp maallaqa kaffalee yakka hojjete ukkaamsuu irratti himanni irratti dhihaate osoo bara haaraa kanatti kakuu seenee hojii pirezidantummaasaa hin eegalin dura akka murtee argatu abbaan seeraa tokko dubbate.

Daanyan kun Zhuwaan Meerkaan jedhama. Tiraamp irratti adabbiin hidhaa yookiin maallaqaa akka muramuu akka hin dandeenyee fi bakkasaa ''haala jiru ilaalcha keessa galchuun akka gadhiifamu'' adabbii jedhuun murtee dabarsuu akka danda'u ibse.

Pirezidantiin reef filatamee hojii eegaluuf jedhu kun qaamaan yookiin viidiyoodhaan dhaddachatti dhiyaachuu akka danda'u ibse daanyaan kun.

Pirezidanti filatamuusaa akka carraatti fayyadamuun himatawwan irratti banaman hunda kuffisuuf yaaleera.

Namoonni pirezidanticha marsanii jiran daanyaan kun murtee dabarsuuf murteessuu isaa balaaleffataniiru.

Himannaan bu'uura seeraa hin qabne kun ammuma kufaa ta'uu qaba jechuun pirezidantichaaf falman.

Tiraamp Caamsaa darbe ragaalee daldalaa isaa waliin dhahuun himataawwan irratti banaman 34 keessatti dhimmi taatoo fiilmii saal-quunnamtii Istoormii Daani'eels ka'eera.

Yakka kana dhoksuuf dubartii fiilmii saalquunnamtii hojjettu kanaaf doolaara 130,000 kaffaluusaatiin adabbiin itti muramee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Himannaan kun guyyoota xumuraa duula filannoo bara 2016 irratti maallaqa daanyaasaa duraanii Mikaa'el Koohaniif deebifame dhoksuuf yaalii taasifameen kan walqabateedha.

Maallaqi sun taatoon fiilmii saal-quunnamtii Tiraamp waliin ejjuushee akka hin dubbanneef afaan luugamuuf kan kaffalameedha.

Pirezidantiin haaraa filatame kun himata irratti dhihaate kana waakkateera. Inumaa himatichi duula filannoo bara 2024 gufachiisuuf yaalii taasifameedha jechuun deebisee himate.

Jimaata kaleessaa dubbi himaan Tiraamp murteen adabbii daanyaan kun dabarse qaama ''waan hin jirre baraaruuti,'' jechuun qeeqe.

Istiivan Cheeng ''Ce'umsi Pirezidanti Tiraamp taasisaa jiru taatee kanaan yookiin taatee dubbii biraa adamsuu kamiinuu osoo hin gufatin, yaada guutuun fuulduratti akka deemu fi pirezidantichi hojiiwwan murteessoo akka raawwatuuf eeyyamamuufii qaba,'' jedhe.

''Murteen adabbii kennamuu hin qabu. Pirezidanti Tiraampis waliin dhooftonni akkanaa hanga dhabamanitti qabsoo isaa itti fufa.''

Tiraamp dhihoo kana himata irratti dhihaate waakkachuun ibsa kenne keessatti, dhimmichi bara aangoosaa kan waliin turuu fi bulchiinsa isaa kan dadhabsiisu ta'uu eereera.

Abbaan seeraa gamasaan akkaataa sodaa Tiraamp salphisuu danda'uun adabbii laaffisuun murtee kennuu irratti yaada dhihaate tole jechuusaa ibseera.

Yaadota dhihaatan keessaa tokko hanga Tiraamp bara aangoosaa bara 2029 xumurutti fi umriinsaa waggaa 78 hamma guutuutti murtee kana tursuu kan jedhuudha.

Yookiin ammoo murtee adabbiin hidhaa keessatti hin hammatamne dabarsuu kan jedhuudha.

Tiraamp homaa milkaa'uufii yoo baatellee, garuu mirga himatamuu dhabuu akka qabu kaasuun falmateera.

Adoolessa darbe manni murtii olaanaa biyyattii pirezidantonni bara bulchiinsa isaaniitti ''yakkoota ifatti raawwatan'' irratti himata irratti dhihaatu ilaalchisuun, mirga himatamuu dabuu akka qaban murteesseera.