Tiraamp lammummaa US dhalootaan argamu dhaabuuf dhaadatan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantii US ta'uf kan filataman Donaald Tiraamp namoota Ameerikaa keessa dhalataniif battala lammummaa biyyattii argachuu seera eeyyamu ni dhorkina jechuun dhaadatan.
Mormii filannoo US 2021 keessatti kanneen hirmaataniif guyyaa jalqabaa aangoo qabatan akka dhiifama godhaniis dubbatan.
Turtii miidiyaa NBC waliin taasisaniin dhimma baqattootaa, anniisaa fi dinagdeerratti ajajoota olaanaa ''baay'ee'' dabarsuuf akka yaadan himan.
Gama kaaniin namoota ijoollummaan gara US dhufaniifi ragaa hin qabne gargaaruuf Dimookiraatota waliin akka hojjetan dubbatani.
Joo Baayidan akka qorataman gochuu baatanis, namoonni seeraa mormii Kaappitol Hiil qoratan hidhamuu qabu jechuun dubbatan.
Tiraamp filannoo 2020 erga mo'aman booda deeggartoonni isaanii filannoon waliin dhahameera jechuun hookkara kaasanii turan.
Gaaffiifi deebii kana keessatti Tiraamp dhimmoota baay'ee kaasan.
Yeroo Masaraa Mootummaa US Waayit Haawus seenan Yukireen deeggarsa xiqqoo akka argachu eeguu qabdi jechuunis dubbatani.
Seerri Tiraamp dhorka jedhan maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seerri 'birthright citizenship' jechuunis lammummaa dhalootaan kennamu namoonni lammummaan isaanii maalis ta'u US keessa yoo dhalatan kallattiin lammummaa US akka argatan eeyyama.
Kan maatiin isaanii lammii biyya biraas ta'u yookiin bakka biraa dhalatanis inuma argatu ture.
Seerri kuni heera US keessa kan taa'eefi ''namni hunduu'' Yunaayitid Isteet keessatti dhalate ''lammiilee Yunaayitid Isteetidha,'' jedha.
Tiraamp garuu seera kana dhorkuuf akka sosso'an turtii NBC waliin taasisaniin dubbatan.
''Jijjiiruuf jenna,'' jedhan Tiraamp. ''Xumura itti tolchuu qabna.''
Sababa kana gochuuf deeman garuu hin dubbanne.
Gama kaaniin, akkuma duula filannoorratti dhageessisaa turan baqattootaa ragaa jireenyaa hin qabne biyyaa akka baasan dubbatan.
Kuni, maatiin isaanii lammiilee US ta'anis dabalata jedhan.
''Maatii addaan baasuu hin barbaadu,'' kan jedhan Tiraamp ''karaan tokkochi maatii adda itti hin baasne hunda isaanii bakkatti deebisuudha,'' jechuun himan.












