US godaantonni osoo hin jiraanne ta'ee maal fakkaatti turte?

Godaantota dallaa biratti

Madda suuraa, Getty Images

Filannoo pirezidaantii Ameerikaa dhufu keessatti dhimmi godaansaa dhimma guddaa yoo ta’u, kaadhimamaa paartii Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatotaa lamaan isaaniiyyuu namoota gara biyyattii seenan irratti to’annoo cimaa gochuun barbaachisaa ta’uu isaa dubbataniiru, keessumaa gama daangaa Meeksikoo irratti.

Doonaald Tiraamp irra deddeebiin ''weerara'' godaantota irratti akeekkachiisuun, namoota ragaa malee Ameerikaa seenan jumlaan biyyaa ari'uu akka jalqaban dhaadataniiru.

Dorgomtuun paartii Dimookiraatotaa Kamalaa Haaris pirezidaantiin duraanii kun immigireeshinii irratti ''sodaa fi qoqqoodinsan abidda qabsiiseera'' jechuun himatte, garuu seera nageenya daangaa paartilee lamaanii kan dallaa daangaa ijaaruuf doolaara miliyoona dhibbaan lakkaa'amu argamsiisu deeggaruu ishee irra deebitee ibsiteetti.

Garuu godaantotni US keessatti gahee akkamii qabu? Bakka ummanni biyya alaa addunyaa irratti dhalatan baay'inaan jiraatan Ameerikaan osoo godaantotni hin jiraatin maaltu ta'a?

Falmiin jalqaba Kaamalaa Haaris fi Doanald Tiraamp gidduutti taasifameen bakka dahannoo godaantota Juventud 2000 kan Tijuana, Meksiikoo keessatti agarsiifameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Falmiin jalqaba Kaamalaa Haaris fi Doanald Tiraamp gidduutti taasifameen bakka dahannoo godaantota Juventud 2000 kan Tijuana, Meksiikoo keessatti agarsiifamee ture

Lakkkofsa ummataa

Osoo godaantonni hin jiraan ta'ee lakkoofsi ummata Ameerikaa baayyee xiqqaata ture. Bara 2023tti lakkoofsi namoota biyya alaatti dhalatanii miliyoona 47.8 ture. Kunis baay'ina ummata Ameerikaa keessaa 14.3% ta'a.

Meeksikoon miiliyoona 10.6n sadarkaa tokkoffaa irratti kan argamtu yoo ta’u, Hindiin miiliyoona 2.8 fi Chaayinaan miiliyoona 2.5'n sadarkaa itti aanan irra jiru. Garuu lakkoofsi godaantotaa garmalee ol’aanaa ta’us, guddinni baay’ina ummataa waliigalaa U.S. sababa saffisa da’umsaan hir’achaa dhufeen xiqqaataa jira.

Bara 2010 fi 2020 gidduutti, biyyattiin bara 1930moota irraa eegalee guddinni lakkoofsa ummataa waggoota kurnan kamiyyuu keessatti hir'ina kan argarsiise yoo ta’u, yeroo kufaatii guddaatti saffisi dhalootaa sadarkaa gadi aanaa yeroo kamiyyuu caalaa gadi bu’eera.

Kana jechuun US akkuma biyyoota biroo hedduu qormaata ummata dulloomaa, baasii kunuunsa fayyaa dabaluu fi namoonni umuriin isaanii hojiif ga’e xiqqaachuu ishee mudate jechuudha.

Bara 2040tti, yeroo lakkoofsi namoota du'anii kan dhaloota caalu jedhamee eegamutti, akka tilmaama Waajjira Baajata Kongireesii - immigireeshiniin sana booda guddina baay'ina ummataa hundaaf sababa ta'a.

Kanarraa kan ka’e, ogeeyyiin dinagdee fi gareewwan godaantota deggeran tokko tokko fedhii dinagdee guutuuf, keessumaa baadiyyaa keessatti, godaansi akka dabalu hayyamamuu qaba jechuun falmu.

Dhiibbaa dinagdee

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Osoo godaantotni hin jiraan ta'ee dinagdeen Ameerikaa ni miidhama jedha Yunivarsiitii Boostonitti gargaaraa piroofeesara Diinagdee kan ta'an Tarek Hassan. "Osoo godaantotni guutummaatti hin jiran ta'ee, guddinni waliigalaa GDP nama tokkotti dhibbeentaa shan hanga 10 hir’ichuu danda'uu dubbanna, jechuunis qabeenyi nama tokkoo ni hir’achuun, GDP waliigalaa sababa kanaan baay’ee gadi bu’a jechuudha."

Hassan itti dabaluudhaan, immigireeshiniin "kalaqa oomishtummaa guddisu guutuutti dabala, kanaaf damee tokko qofa irratti kan daangeffame miti dandeettii kalaqaa dinagdee Ameerikaa guutuu guddisa," jedha .

Godaantonni umuriin isaanii hojiif ta’us carraan isaanii guddaadha. Uummata Ameerikaa keessaa gara %14 kan bakka bu’an yoo ta’u, humna hojjettoota siiviilii keessaa gara %19 ykn hojjettoota miliyoona 31 kan ta’an yoo ta’u, lammiilee biyya keessaatti dhalatan caalaa kan godaantotaa hirmaannaa humna hojjetaa olaanaa akka qabu Biiroon Istaatistiksii Hojjetaa, dhaabbata mootummaa ibseera.

Bara 2022 fi 2034 gidduutti, godaantota umuriin isaanii waggaa 16 fi isaa ol ta’e U.S. seenan keessaa %91 umriin isaanii waggaa 55 gadi ta’a jedhamee eegama, kunis ummata ga’eessota waliigalaa keessaa %62 qofa.

Dameewwan dinagdee murtaa’an keessumaa kan akka qonnaa hojjettoota godaantotaa irratti hirkatanii jiru.

Akka qorannoo biyyoolessaa hojjettoota qonnaa Ministeerri Hojjetaa Ameerikaa agarsiisutti, hojjettoonni qonna midhaanii %70 godaantota yoo ta’an, baay’een isaanii waraqaa eyyama jireenyaa kan hin qabnedha.

Isaan dhabuun "abbootiin qabeenyaa qonnaan bulaa hedduun humna namaa gahaa midhaan misoomsuuf, kuduraa fi muduraa sassaabuu fi yeroo baay'ee fayyadamtoota Ameerikaatif qopheessuuf rakkachaa akka jiran taasisa", jedha Nan Wu, daayreektarri qorannoo Mana Maree Immigireeshinii Ameerikaa (AIC), garee abukaatummaa immigireeshinii.

Falmiin qeeqxonni Godaantotaa yeroo baay’ee dhiyeessan tokko hojjettoonni biyya alaa mindaa gadi aanaadhaan hojjechuuf fedhii qaban baay’achuun isaanii mindaa hojjettoota biyya keessaatti dhalatanii gadi buusa jechuudha.

Garuu qorannoo bara 2014 Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa, Deevisitti, qorannoowwan 27 dhiibbaa dinagdee godaansan walqabatu irratti gaggeessen, giddu galeessaan dhiibbaan godaansi mindaa dhalattota biyyichaa irratti qabu dhibbeentaan zeeroo ta’uu isaa mirkanaa'era.

Qorannoon dhiheenya kana Yunivarsiitii Baha Illinoyis gaggeesse akka agarsiisutti ammoo dhiibbaan lakkoofsi godaantotaa guddina mindaa dhalattoota biyyichaa irratti qabu xiqqaa ta'us dhiibbaa qabaachuu ni agarsiisa.

VISA US

Madda suuraa, Getty Images

Dhiibbaan galii gibiraa irratti qabu hoo?

Maatiin godaantotaa bara 2022tti gibiraa waliigalaa harka ja'a ta'u keessaa tokko kan gara doolaara biiliyoona 580 gumaachuu ragaaleen kan agarsiisan.Kana jechuun godaantotni kunneen gibira guddaa kaffalu.

Godaantonni waraqaa eeyyamaa hin qabne ummata godaantota waliigalaa keessaa gara 23% ta'u, tilmaamaan namoota miliyoona 11,ta'an keessaa gara miliyoona afur kan ta'an karaa Meksikoo akka US seenan xiinxalli garee giddu gala qorannoo Pew kan agarsiisu.

Akkasumas qorannoon Inistiitiyuutii Gibiraa fi Imaammata Diinagdeetiin gaggeeffame akka agarsiisutti godaantotni waraqaa eeyyamaa hin qabne bara 2022tti gibira federaalaa, fi naannoo gara doolaara biiliyoona 100 kaffalaniiru.

Haa ta’u malee, Dhaabbata Imaammata Diinagdee, kan think tank jedhamutti daayreektarri seera immigireeshinii fi qorannoo imaammataa Daani’eel Koostaa akka jedhanitti, dhiibbaan dinagdee immigireeshiniin akka biyyaatti gaarii ta’us, kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti keessumaa yeroo gabaabaa keessatti hammaata ta’uu danda’a jedhan.

Qorannoon dhiheenya kana gaggeeffame tokko keessatti, inni fi gareen isaa akkaataa mindaan xiqqaan, garuu faayidaa argachuuf ulaagaa guutuu qabu, "yeroo gabaabaa keessatti madaallii faayinaansii gara bu'aa hamaatti akka guddisu" fakkeenya ta'u kaasaniiru.

Sababa kanaaf, inniifi gareen isaa maallaqni sadarkaa federaalaa irraa gara naannootti irra deebiin akka qoodamu falmu, kunis naannoleen sadarkaa godaansa olaanaa qabaniif qormaata kana irraa maddu kamiifuu deebii akka kennan maallaqa dabalataa akka kennan gaafata.

Yunivarsiitii Kaalifoorniyaatti ogeessi immigireeshinii fi ogeessi dinagdee Piroofeesar Gihovanni Perii, dhiibbaan hawaasa godaantota irratti raawwatamu kan lakkoofsi namoota Ameerikaa keessatti dhalatan dabaluu wajjin wal fakkaachuu akka danda’u ibsu.

"Ijaarsi yoo hin sirreeffamne tajaajilaafi mana jireenyaa irrattis dhiibbaa ni uuma... godaantota adda baasuun salphaa ta’uu qofa" jedha.

Dhaabbilee Ameerikaa gatii guddaa qaban keessaa tokko kan ta'e Apple kan hundeeffame Istiivan Joobs , ilma godaantota Sooriyaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbilee Ameerikaa gatii guddaa qaban keessaa tokko kan ta'e Apple kan hundeeffame Istiivan Joobs , ilma godaantota Sooriyaati

Kalaqaa fi hojii uumuu

Godaantonni, ykn ijoolleen isaanii harki guddaan gara abbootii qabeenyaa adda duree ta’uutti ce’aniiru.

Godaantonni guddina teeknooloojii addunyaa keessattis gahee olaanaa kan qaban yoo ta’u, hedduun isaanii jalqaba irratti barattoota idil-addunyaa ta’uun gara US dhufan.

Bara barnootaa 2022-2023tti barattoonni idil-addunyaa miliyoona tokkoo ol dinagdee Ameerikaaf doolaara biiliyoona 40 kan gumaachan yoo ta’u, hojiiwwan kuma 368 ol baasii barnootaa fi jireenyaatiin deeggaruun isaanii Waldaan Barsiisota Idil-addunyaa beeksiseera.

Yaada ummataa

Gaheen godaantotni dinagdee U.S. keessatti qabaan guddaa ta'us, qorannoon dhiheenya kana Gallup gaggeesse akka agarsiisutti lammiileen Ameerikaa 5% godaantota hir’isuu barbaadu.

Akkasumas to’annoon godaansa irratti godhamu cimuu akka qabu waliigaltee siyaasaa bal’aan jira, keessumaa daangaa Meksikoo irratti seeraan ala qaxxaamuruu ilaalchisee yaada heedutu ka'a.

Piroofeesar Peeriin namoonni siyaasaa fi gaazexeessitoonni tokko tokko godaansa ''jeequmsa daangaa irratti'' waliin walqixxeessa jedhun, dhiibbaa bal'aa godaansa caalaa seenaa seeraan alaa seenuu irratti xiyyeeffatu.

"Namoonni yeroo baayyee waa'ee immigireeshinii akka 'lolaa' daangaa kibbaa irraa dhaga'anii garmalee fi miidhaa geessisu jedhanii yaadu," jechuun gahee godaantotni dinagdee keessatti qaban irratti mari'achuu fi kufaatii dimogiraafii furuu dhiisanii dubbataniiru.

Akkasumas akka Yunivarsiitii Booston irraa Tarek Hasan jedhutti, "Waggoota kurnan lamaan darban keessa lakkofsi godaantotaa ol'aanaa waan tureef dandeettii hawaasummaa namoota haaraa dhufan waliin walitti makamuu danda'uu miidhuu danda'a."

"Akkasumallee godaantootni damee dinagdee, hawaasummaa fi aadaa irratti dhiibbaa gaarii kan qabu ta'us, gama biraan lammileetti toluu dhabuu danda'a."