Ameerikaan waraana dabalatee mala ittiin Giriinlaandi qabattu mari'achaa jirti - Waayit Haawus

Xiyyaarota waraanaa Ameerikaa

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Giriinlaandiin fudhachuuf waraana dabalatee ''tooftaa adda addaa'' dhiyeessuu isaanii Waayit Haawus beeksiseera.

Waayit Haawus BBC'tti akka himetti Giriinlaandi (naannoo ofiin of bulchituu fi miseensa NATO Deenmaarkiin bultu ) eeguun ''aantummaan nageenya biyyaalessaa'' Ameerikaa ta'uu ibseera.

Ibsi kun kan bahe hoggantoonni Awurooppaa Deenmaark deggeruuf ibsa waloo erga baasanii sa'aatii muraasa booda yoo ta'u, Deenmaark hawwii fi karoora Tiraamp odola Arktiik kana dhuunfachuuf qaban mormaa turte.

Dhuma torban darbee Tiraamp sababa nageenyaa Ameerikaaf Giriinlaandiin ''barbaachisa'' jechuun irra deebi'anii kan dubbatan yoo ta'u, Ministirri muummee Deenmaarki Mette Firederiksen haleellaan Ameerikaa kamiyyuu xumura NATO jechuu akka ta'e akeekkachiisaniiru.

Waayit Haawus Kibxata darbe akka jedhetti, "Pireezidantichii fi gareen isaanii kaayyoo imaammata alaa barbaachisaa kana hojiirra oolchuuf filannoowwan adda addaa irratti mari'achaa jiru.

Akkasumas waraana Ameerikaa fayyadamuun yeroo hunda Ajajaa Olaanaaf filannoo ta'uun beekamaadha jedhe.

NATO'n gamtaa tumsa biyyoota Awurooppaa yoo ta'u, michoonni kunneen miseensa keessa biyyi tokko xuqamnaan walirratti hin dhiifnuu kan jedhu waligaltee qabu.

Kanaaf Kibxata darbe michoonni Awurooppaa jaha Deenmaark waliin akka dhaabatan ibsaniiru.

Hoggantoonni Biriteen, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Poolaandi, Ispeeniifi Deenmaark ibsa waloo kennaniin, ''Giriinlaandiin kan ummata isheeti, dhimmoota hariiroo isaanii ilaallatan irratti murteessuu kan danda'an Deenmaark fi Giriinlaand qofa,'' jedhan

Nageenya Arktiik irratti US dabalatee michootni NATO wal ta'uu akka qaban dhaaman.

Akkasumas ''abbaa biyyummaa, walabummaan naannoo fi daangaawwanii akka hin sarbamneef qajeeltoowwan Chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka kabajamu'' gaafataniiru.

Ummatni Giriinlaand karoora Ameerikaa morma jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Ummatni Giriinlaand karoora Ameerikaa morma jiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

MM Giriinlaand Jeens-Frederik Nelsen ibsa waloo biyoota kun akka kabajamu gaafataniiru.

''Mariin kun sadarkaan Giriinlaand seera idil-addunyaa fi qajeelfama walabummaa naannoo irraa kan madde ta'uu isaa hubatamuu qaba,'' jedhan Nelsen.

Dhimmi egeree Giriinlaandii deebi'ee kan ka'e erga waraanni Ameerikaa Veenzuweelaa keessatti ergama raawwateen booda yoo ta'u, yeroo sanatti loltoonni filatamoo Pirezidaantii biyyattii Niikoolaas Maaduroo qabuun Niiw Yoorkitti himannaa qoricha sammuu namaa hadoochuu fi meeshaa waraanaa akka irratti banamu taasisaniiru.

Oppireeshinii Veenzuweelaa guyyaa tokko booda, Keetii Miilar(haati warraa gargaartota olaanoo Tiraamp keessaa tokkoo kan taate) kaartaa Giriinlaandi haalluu alaabaa Ameerikaatiin, jecha "yeroo dhiyootti" jedhun maxxansiteetti.

Wixata darbes abbaan warraa ishee Isteefan Miilar ''Giriinlaand qaama Ameerikaa ta'uu akka qabdu ejjennoo sirnaa mootummaan Ameerikaati'' jedhan.

Gaaffii fi deebii CNN waliin taasisaniin Ameerikaan humna fayyadamtee ofitti dabaluuf jirtii gaaffi jedhu irratti "Egeree Giriinlaandii irratti eenyullee US waliin lolu hin jiru."jedhan

Qondaalli olaanaa Ameerikaa maqaan isaa hin ibsamne tokko dhaabbata oduu Rooyitarsiif akka himanitti, filannoowwan Ameerikaa Giriinlaandi ifatti bitachuu ykn naannoo sana bakka buutuu ishee taasifachuudha.

Deebii kanaaf dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Kibxata darbe BBCtti akka himanitti, Ameerikaan ''fedhiin US hariiroo daldalaa waaraa lammiilee Ameerikaa fi ummata Giriinlaandii ijaaruudha'' jedhan.

"Moormitoonni keenya waloo Arktiik keessatti sochiin isaanii dabalaa dhufeera. Sun yaaddoo Ameerikaa qofaa utuu hin taane kan NATO fi Deenmaarkillee," jedhan dubbi himaan kun.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoonis ibsa Wixata 'Capitol Hill' tti kennaniin bulchiinsi Traamp Giriinlaand weeraruuf karoora akka hin qabne, garuu Deenmaark irraa bitachuu akka barbaadu miseensota seera baastootaaf ibsaniiru jechuun 'Wall Street Journal' gabaaseera.

Giriinlaandiifi Deenmaark kanaan dura gaaffii Ameerikaan odola kanarratti dhiheessite irratti mari'achuuf Ruubiyoo dafanii akka wal argan gaafachuu isaaniis himaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Deenmaark Laars Lookee Raasmusen dippilomaatii olaanaa Ameerikaa waliin haasa'uun ''hubannoo dogoggoraa murtaa'e'' furuufi jedhan.

Baatii Bitootessaa keessa Tiraamp Ameerikaan naannoo kana to'achuuf ''hanga deemuu qabdu akka deemtu'' dubbataniiru.

Odola kana keessatti fedhiin Raashiyaa fi Chaayinaa dabalaa jiraa kan jedhan Tiraamp fedhiin isaanii kan hambisuu ta'uu himu.

Lakkoofsa ummataa namoota 57,000 kan qabdu Giriinlaandiin bara 1979 irraa eegalee of bulchuu eegalte.Garuu ittisni fi imaammanni alaa ishee harka Deenmaark keessa jira.

Lammiileen Giriinlaand harki caalaan isaanii dhuma irratti Deenmaark irraa walabummaa argachuu kan deggeran yoo ta'u, qorannoon yaada qaama US kan duraanuu buufata waraanaa odola kana irratti qabdu irratti mormii cimaa qabu.