Shah hanga Ayaatollaa: Seenaa Warraaqsa Iraan duuba maaltu jira?

Madda suuraa, Getty Images
Iraan biyya mallattoo amantii Islaamaa- Shi'aa taate maqaan ishee ganamaa Peershiyaa jedhamu ammallee biraa hin hafne.
Impaayeroota durii keessaa tokko kan taate Iraan Dhaloota Kiristoosiin Dura bara 550-330 sirna mootummaa mataashee qabdi turte.
Bara 1501 biyya amantii Islaamaa Shi'aa ta'uushee kan labsite Peershiyaan, maqaa Iraan jedhu labsattee ittiin of waamuu kan eegalte bara 1935 irraa eegalteetti.
Baha Giddugaleessaa keessatti biyya warra lixaan mormuun beekamtu kanarraa warraaqsi fi hookkarri fagaatee hin beeku.
Garuu akka biyya jeequmsi itti hammaatuu ammoo kuftee hin beektu.
Ofii seenaa warraaqsa Iraan duuba maaltu jira? Kaayyoon warraaqsota Iraan maali?
Warraaqsi biyyattii har'a miti kan eegale. Kanneen ijoo ta'anii fi bara 1891 irraa mudachuu eegalan akkanaan qixeessineerra.
Warraaqsa Tamboo (Tobacco Revolution 1891)
Iraan keessatti warraaqsi jalqabaa kan eegale sirna impeeriyaalizimii irratti. Erga sirni kun badees garuu ittuma fufe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xumura jaarraa 19ffaatti beektonni amantii (Shi'aa) ykn ulamaawwan uummata Iraan irratti olaantummaansaanii cimaa ture.
Warraaqsa Tamboo (Tobacco protest) bara 1891 biyyattiitti dhalate irratti yeroo jalqabaaf olaantummaa siyaasaa qabaachuusaanii warra mootii abbaa gonfootti mul'isan.
Taatee kana dura bara 1890 Bitootessa 20 abbaan gonfoo yeroo dheeraaf mootii Iraan ture Nasir al-Din Shah warri Biriteen waggoota 50f oomisha, gurgurtaa fi alergii Tamboo olaantummaan akka to'atan aangoosaa kenneef.
Yeroo sana warshaan oomisha tamboo qonnaan bultoota Iraan jiruu fi jireenyi isaanii oomisha kanarratti hundaa'e gammachiisuu fi amansiisuuf jecha namoota kuma 200 qacare.
Akkas gochuun itti gaafatamummaan oomisha tamboo Biriteenitti kennamuun bu'a qabeessa akka ta'e uummata Iraan amansiisuuf ture.
Haata'u malee abbaan gonfoo sun hin milkoofne. Lagannaa fi hiriirri mormii battaluma sana karoora kana mudate.
Mormiin eegalee waggaa lama keessatti abbaan gonfoo- mootii cimaan Iraan aangoonsaa akkaan laafe.
Mormiis dhaabsisuu waan dadhabeef oomisha tamboo irratti itti gaafatamummaa Biriteeniif kenne haquuf dirqameera.
Mormiin tamboo diddaa lammiilee Iraan kan jalqabaati. Yeroo jalqabaaf uummanni biyyattii bulchiinsa mootummaa abbaa gonfoo- Shah fi dantaa biyyoota alaa kan mormuu eegalan yeroo sana ture.
Kanaanis humni uummataa fi dhiibbaan ulamaawwan biyyattii uumuu danda'an hangam cimaa akka ta'e hubatame.
Warraaqsa Heera mootummaa Pershiyaa (1905-1911)
Mufii fi komiin uummanni Iraan bulchiinsa mootummaa abbaa gonfoo irratti qabu hanga warraaqsi Heera Mootummaa bara 1905 ka'utti ittuma fufe.
Mormiin kun hanga bara 1911tti kan ture yoo ta'u paarlaamaan biyyattii yeroo sana- Kora mana maree biyyaaleessaa (National Consultative Assembly) ykn Majilisa jedhamuun beekamu akka hundaa'u sababa ta'e.
Heerri jalqabaas yerooma sana raggaasifame. Warraaqsi Heera Mootummaa bulchiinsi nama tokkoo (abbaa irree) Qajar jedhamu akka goolabamu taasisus mootummaa cimaa sirna duraan ture bakka bu'u gadi dhaabuu hin dandeenye.
Erga paarlaamaan hundaa'ee boodallee taateewwan adda addaa biyyattii keessatti akkaan murteessoo ta'an mudachuu itti fufan.
Taateewwan kunneen hedduunsaanii wallaansoo warra heera mootummaa qabatanii deemanii fi Shah gidduutti taasifamuun walqabatu.
Falmii kana keessatti biyyoonni alaa gara Shah goruun paarlaamaa biyyattii mormaa turan.
Bara Reezaa Shah (1921-1941)
Hundeeffama Heera Mootummaa booda rakkoon nageenyaa fi hookkarri mudate ajajaa waraanaa aangootti fiduuf sababa ta'e.
Yeroo sana Jeneraal Reezaa Kaan ajajaa birgideedii waraana gameeyyii Persian Cossack Brigade jedhamuuti.
Fonqolcha bara 1921 raawwateen aangoo kan qabate Reezaa Kaan bulchiinsa heera mootummaa qabu hundeesse, garuu bulchiinsi isaa mootummaa abbaa gonfooti.
Reezaa Kaan mootummaa abbaa irree ykn bulchiinsa nama tokkoo Qajar (shah) balleessuun mootummaa abbaa gonfoo kan hundeesse bara 1925 ture.
Sana booda Korri Biyyaalessaa abbaan gonfoo kun Reezaa Shah jedhamee akka waamamu murteesse.
Achirraa eegalee mootummaa dhaalaan darbu- Daayinastii Pahlaavii (Pahlavi Dynasty) jedhamuun aangoon dhaalaan darbuu eegale.
Rezaa Kaan aangoo waggaa shaniif erga bulchee booda bara 1926 Razaa Shah Pahlaavii mootii gochuun muude.
Iraan bara 1921 irraa hanga 1963tti bulchiinsa gonfoo maatii Pahlaavii jala turte.
Bara mootummaa abbaa gonfoo kanaa rifoormiin hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa hedduutu gaggeeffame. Kun ammoo ummata mufachiisuun haalota Warraaqsa Iraaniif ka'umsa ta'an hedduu dhale.
Keessattuu kan akkaan falmii kaase seeronni Islaamaa haqamuun seerota warra lixaan bakka buufamuu akkasumas dambii uffannaa amantii Islaamaa, saalaan nama adda baasuu fi dubartoonni fuulasaanii haguuggachuu (niqaaba) dhorkuudha.
Poolisiin dubartoota hijaaba uffachuutti cichan irraa uffata tarsaasuun dararaa cimaa irratti raawwachuu eegalan.
Bara 1935 mormii fi fincila Majiida guddicha Goharshad jedhamutti ka'een namoonni hedduun ajjeefamaniiru.
Jalqaba yeroo Reezaa Shah (Kaan) aangoo qabatu namni amantii Abdulkariim Ha'eerii Yaazdii jedhamu iddoo awwaalchaa jijjiiruuf yaalee ture. Kanarraa ka'uun kanneen maqaa amantiin warraaqan mormii kaasu jedhamee sodaatamee ture.
Garuu bara bulchiinsa Reezaa Shah warraaqsi maqaa amantiin qindaa'e hin gaggeeffamne ture.
Haata'u malee Ayaatollaa Komeyinii kan boodarra aangoo olaanaa biyyattii dhuunfatan yeroo sana barataa Abdulkariim Ha'eerii Yaazdii turan.
Bara Mohammad Reezaa Shah (1941-1951)
Iraan koloneeffatamtee hin beektu, garuu Biriteen karaa kubbaaniyyaa boba'aa guddicha Anglo Iranian Oil Company jedhamuu biyyattii keessatti dhiibbaa uumaa turteetti.
Bara 1941 loltoonni Biriteen fi Sooviyeet tokkummaan Iraan weeraruun Reezaa Shah Naazii Jarmanii faana michummaa qaba jechuun aangoorraa buusuun ilmasaa Mohammad Reezaa Pahlaavii aangootti baasan.
Achirraa namni kun waggaa kudhaniif Shah biyyattii ta'e.
Hanga humni waraanaa Red Army jedhamu bara 1946 biyyattii keessaa ba'utti Iraan weerara Sooviyeet jala turte.
Waraana booda Iraan rakkoo siyaasaan baayyee goolamte, Shah ministira muummee deeggarsa Sooviyeet qabu Ahmad Qavaam waliin walitti bu'e.
Paartiin koministii Tudeh jedhamu babal'achaa deemuun dhiibbaansaa cimuu eegale. Humni waraanaa Iraan adda baatota deeggarsa Sooviyeetiin daangaa Iraan- Azarbaajaan fi Iraan Kurdistaan keessa socho'aniin loluu eegale.
Kubbaaniyyaan boba'aa Biriteen Anglo-Persian Oil Company kan boodarra bara 1935 Anglo-Iranian Oil Company maqaa jedhutti geeddarame oomishaa fi daldala boba'aa Iraan olaantummaan to'atee ture.
Addunyaarratti kubbaaniyyaa boba'aa isa bu'a qabeessaa fi gita kan hin qabne ture.
Qabeenyi boba'aa Iraan irraa argamu wayita Biriteeniin addunyaarratti beeksisu lammiileen Iraan hedduun hiyyummaa keessa turan.
Bara 1951 Ministirri Muummee Iraan Mohammad Musaddiq kubbaaniyyaa Biriteen kana biyyasaanii keessaa akka baasan fi biyyattii hirkattummaa biyyoota alaarraa walaba akka godhan waadaa seenan.
Bara 1952 MM Musaddiiq kubbaaniyyaan kun aboo biyyattii jalatti akka hoogganamu mirkaneessuun sababa kanattis goota biyyaa jedhamuun leellifaman.
Yeroo sana maatii warra Shah fi MM Musaddiq gidduutti bara 1951 uumamee wana tureef warri Shaah yeroof biyyaa baqatanii turan.
Hagayya bara 1953 garuu Biriteen fi tajaajilli tikaa Ameerikaa walta'uun ministira muummee kana wayita aangoorraa buusan, Shah biyya alaa bakka yeroof itti miliqee turee biyyatti deebi'uun aangoo harkatti deebifate.
Sana booda mootiin warra Lixaatti michoome Mohammad Reezaa Pahlaavii waggoota 26 rakkoo malee aangoo qabatee ture.
Fincila 1963-1979: White Revolution
Bara 1963 irraa eegalee ammo biyyattii keessatti wanti haaraan uumamuu eegale.
Shah mata duree ''White Revolution'' jedhuun rifoormii lafaa, diinagdee fi hawaasummaa eegale.
Bara 1960oota gara dhumaa poolisii dhoksaan ijaareen mormitoota to'annoosaa jala oolchaa ture.
Rifoormiin Mohammad Reezaa Pahlaavii garee warra sirna duriitti cichan laaffisuuf kan eegalame ture. Bu'uurri warraaqsa kanaa deeggarsaa fi tumsa warra lixaaf qaban cimsuun irraa fayyadamuudha.
Haala kanaan Daayinastii Pahlaavii utubuuf karoorsee hojjetaa ture.
Sababoota warraaqsa Shah kana keessaa inni ijoon ammoo dhiibbaa abbootii lafaa dhabamsiisuu fi qonnaan bultootaa fi namoota hojjetatanii bulan tumsuudha.
Garuu dubbiin akka Shah eegetti salphaa hin taane, rifoormiin eegalame muddamaa fi hookkara hawaasaa uumeera.
Taateen kun ammoo Shah rakkoo itti seenuurraa of qusataa turetti akka seenu dirqamsiise.
Dureen amantii mallattoo bulchiinsa Islaamaa Iraan ta'an Ayaatollaa Ruhollah Komeyinii yeroo jalqabaaf bara 1963 siyaasa biyyattii keessatti nama dhiibbaa guddaa uumu ta'uun mul'atan.
Bulchiinsa fi Warraaqsa Shah irratti mormii gaggeeffamu dursuu eegalan. Inumaa Shah jechuun qaama gadadoo fi rakkina Iraaniin dhaalchisuuf hojjetu akkasumas Iraan keessaa Islaamummaa balleessuuf dhaabbate jechuun labsan.
Sababa kanaanis bara 1963 hidhaman. Hidhamuusaanii hordofee hookkara guyyoota sadiif walitti aansuun uumameen poolisiin biyyattii namoota kuma 15 ajjeesan.
Ayaatollaa Ruhollah Komeyinii hidhaa ji'a saddeetii booda wayita gadhiifaman ammas mormiisaanii itti fufan.
Mormiisaanii cimsuun michummaa Iraan biyyoota lixaa, keessattuu US fi Israa'el faana qabdu dura dhaabbachuu eegalan.
Sababa kanatti bara 1964 ammas hidhamanii booda biyyaa ar'aman. Waggoota 15f hanga bara Warraaqsa Iraan isa guddcihaatti biyya baqaa turan. Irra caalaa Iraaq fi Najaaf keessa turan.
Haata'u malee mufannaan, komiin, dheekkamsi fi hookkarri Iraan keessaa dhabamee hin beeku. Sababa mootii abbaa gonfootti biyyattiin tasgabbii dhabde.
Aangoon Shah qoramuu kan eegale bara 1978 gara xumuraa irraa eegaleeti.
Warraaqsa Iraan guddicha 1979: Bara aangoo Ayaatollaa
Bulchiinsi mootummaa abbaa gonfoo- Shah gara hokkaraa, jeequmsaa fi mormii uummataatti biyya geese. Wayita hookkarri hammaatu bulchiinsa humna waraanaa guutummaatti labse.
Ta'us humnaan cabsee bulchuun itti fufuu hin dandeenye. Haalli siyaasaa wayita to'annoodhaan ala itti ta'u Shah maatiisaa qabatee bara 1979 ji'a Amajjii keessa biyyaa baqate.
Kun ta'ee osoo hin turin Guraandhala 1979 dureen amantii Islaamaa morkataa Shah turan Ayaatollaah Ruhoollah Khomeeyinii bakka itti baqatanii jiraataa turan irraa gara biyyaatti deebi'an. Taateen kun seenaa Iraan keessatti guyyaa addaa akka ta'etti ilaalama.
Gameessi lammiileen Iraan akka abbaa warraaqsaa isaanii fi mallattoo biyyaatti ilaalan kun gara biyyaa deebi'uun lammiilee biyyattii qofa osoo hin taane addunyaas baayyee ajaayibsiise.
Lammiileen Iraan miiliyoonaan lakkaa'aman battala kana eegaa turan.
Battala kanarraa eegalee bulchiinsi gonfoo, kan michummaa fi deeggarsa warra lixaa qabu, hafee bulchiinsi amantii, kan hirkattummaa warra lixaa jalaa Iraan baasuuf hojjetu aangootti ba'e.
Ayaatollaah Ruhollah Khomeeyinii bulchaa olaanaa Iraan ta'uun duudhaa amantiin biyyattii bulchuu eegalan.
Baruma kana keessaa rifarandamiin erga gaggeeffamee booda Mootummaan Islaamaa Rippaabilika Iraan labsame.
Lammiileen Iraan Shah bakka itti baqate Ameerikaa irraa akka biyyatti deebi'uun adabbii isaa argatu gaafachuu eegalan.
Haata'u malee Shah wal'aansaaf Ameerikaa erga turee booda Masirii keessaa osoo jiraachaa jiruu bara 1980 dhibee kaansariin du'e.
Ayaatollaah Ruhollah Komeeyinii bara 1989 wayita boqotan, amma aangoorra kan jiran Ayaatollaah Alii Kameenii hoogganaa olaanaa Iraan ta'an.
Hoogganaan kun wayita abbaansaanii aangoorra turan bara 1980oota keessa marsaa lama pirezidantii turan.
Mormii barattootaa-xumura 1990ootaa
Bara 1997 filannoo pirezidantummaa gaggeeffameen Mohammad Katamii erga injifatee waggaa lama booda bulchiinsa isaa jalatti hookkarri mudate.
Barattoonni Yunivarsitii Tahraan kanneen dimokiraasii deeggaran mormiitti ka'an.
Barattoonni kunneen barruun biyyattii keessatti jijjiiramni akka dhufu hojjetu- Salaam jedhamu cufamuutti mufachuun hiriira mormii eegalan.
Hokkara hamaa guyyoota ja'aaf ture kanarratti barattoonni humnoota nageenyaa waliin walitti bu'aniiru, sababa kanaan barattoonni 1,000 caalan hidhamaniiru.
Bara 2000 wayita yeroo jalqabaaf filannoon Majlisaa Iraan keessatti gaggeeffamu liberaalonni fi deeggartoonni Katamii humnaan warra sirna duriitti cichan harkaa aangoo baafachuun paarlaamaa biyyattii dhuunfatan.
Mormii qaala'iinsa jireenyaa: Bara Pirezidant Hasan Rohaanii hanga ammaatti
Addunyaarratti biyyi hordoftoota amantii Islaamaa Shi'aa jedhamu qabaachuun dursitu Iraan rakkoo keessoo fi alaan daddaaqamaa yoona geessus garuu biyya kufaatiitti harka hin kennine jedhamuun beekamti.
Rakkoon Iraan biyyoota alaarraa kan dhufu qofaa hin turre, keessaas rakkoon osoo hin mudatin hafee hin beeku. Kunis bulchiinsi biyyattii tokko gammachiisee isa kaan waan mufachiisuuf.
Dhiheenya kanammoo rakkoowwan diinagdee, siyaasaa fi bulchiinsaan walqabatan dhiibbaa biyyoota lixaa dabalatee biyyattii tasgabbii dhorkaniiru.
Iraan sababa qaala'iinsa jireenyaa mormii guddaan kan uumame bara bulchiinsa Pirezidant Hasan Rohaanii ture.
Pirezidantichi bara 2017 wayita irra deebiin filataman qormaata guddaatu isaan mudate.
Qaala'iinsi jireenyaa uummata karaatti baase. Lammiileen biyyattii magaalota gurguddoo keessatti daandiitti ba'uun hiriira gaggeessuu itti fufan.
Pirezidantichi fi hoogganaa olaanaan Iraan Ayaatollaah Alii Kameenii dubbiin kun dhugaa ta'uu fi akka furamuu qabu uummataaf waadaa seenan.
Mormiin uummataa kun yeroof kan tasgabbaa'e fakkaatus bara 2019 sababa boba'aan Iraan akka malee dabaleef deebi'ee ka'e.
Mormii sanarratti qaamoleen nageenyaa humna fayyadamuun namoota 100 caalan ajjeesan.
Mootummaan Ayaatollaa erga olaantummaan Iraan hoogganuutti deebi'ee biyyattiin bulchiinsa duudhaa Islaamaan taliigamuun bulti.
Warri mootummaa abbaa gonfoo- Shah dubartoonni hijaaba uffachuu akka hin qabnee fi bakka fedhan deemanii hojii fedhan hojjechuuf mirga akka qaban seera jabaa qabu turan.
Warri Ayaatollaah ammoo dubartoonni hijaaba uffachuu akka qaban dirqamsiisu. Sababa kanattis yeroo garagaraatti dararaan dubartoota biyyattiirra ga'aa tureera.
Keessattuu bara 2022 sababa dubartii tokkoo biyyattii keessatti hookkarri dhalate lubbuu namootaa galaafateera.
Dubartiin Mahsaa Amini jedhamtu hijaaba uffachuu didde jedhamuun poolisootaan erga hidhamtee booda mana hidhaatti du'uun uummata biyyattii mufachiise.
Mormiin lubbuun namoota 230 caalanii irratti darbee fi biyyattii mancaatiif saaxile kun seenaa Iraan yeroo dhihoo keessatti isa hamaadha jedhamee ture.
Haata'u malee waggaa afur booda ammas mormiin uummataa dhalateera.
Hiriirri kun Mudde 28, 2025 guyyaa Dilbataa daldaltoota suuqii qabaniin kan eegalame yoo ta'u ka'umsi isaas gatiin maallaqa biyyattiin akkaan hir'achuu fi qaala'iinsi jireenya baayyee dabaluudha.
Hiriirri daldaltootaan eegalame kun jalqaba barattoota achii booda uummata biyyattii hunda hirmaachise.
Hiriirri kun magalaa Tehraan fi magaalota biyyattii hunda keessatti kan babal'ate yoo ta'u, hanga ammaatti lubbuun namoota 2,400 caalanii darbeera.
Ameerikaatti baqatee kan jiru ilmi mootii- Shah Iraan isa dhumaa kan ta'e Reezaa Pahlaavii hiriirtonni mormiisaanii akka cimsan Waashingitan DC irraa dhaamsa dabarseera.
Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraan humna fayyadamuu kan itti fuftu yoo ta'e ''uummata Iraan akka gargaaran'' waadaa seenaniiru.
Iraan ammoo qaama dhimma biyyashee keessa seenu kamuu haleeluuf qophii ta'uu ibsite.















