Sababoota ijoo shan Iraan irraa waraanni hin fagaanneef

Wayita waraanni ykn walitti bu'iinsi addunyaarratti ka'u, keessattuu Baha Giddugaleessaa keessatti waa billic jennaan jalqabarratti maqaa Iraantu ka'a.
Waraana Gaazaa hanga waraana Yukireen akkasumas waraana waliinii Sooriyaa keessatti al-kallattiin hirmaatteetti.
Fageenyarraa ga'eeshee gumaachiteetti. Kanaaf ammoo waldhibdeen biyyattii fi US gidduu waggoota kurna hedduuf ture akkasumas dacheen isheen irra jirtu akkaan murteessaa ta'uun ka'umsa ta'uu danda'a
Iraan biyya guddoo olaantummaa qabdu, impaayera bal'aa turte. Garuu yeroo keessa olaantummaa duraan ture dhabdeetti.
Haata'u malee ammallee siyaasa naannawa sanaa to'achuuf dhiibbaa uumuu yaalti.
Naannawa kanatti diraamaa fi tapha walxaxaa raawwatu kan dursitu Iraani.
Iraan garuu maal barbaaddi? Seenaan ishee durii hariiroo isheen yeroo ammaa addunyaa waliin qabdu irratti dhiibbaa akkamii qaba?
Iraan ishee jaarraa 21ffaa kana hubachuuf jalqaba seenaashee duraatti deebinee ilaaluu qabna.
Iraan maaliif waraana hedduu keessatti akka hirmaattu sababoota ka'umsa ta'an murteessoo ta'an shan akkanaan qixeessineerra.
Olaantummaa fi kabaja duraanii biyyattiin ittiin dhaadattu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Eeshiyaa keessaa iddoo murteessaarratti kan argamtu Iraan, madda qaroomina addunyaa duriiti.
Impaayerri Pershiyaa yeroo sanatti uummata miiliyoona 50 qabaachuun addunyaa dursaa turte, yeroo sanatti lakkoofsi kun uummata addunyaa keessaa walakkaa ta'a.
Ogeessa Hariiroo idiladdunyaa kan ta'an Dr Kamran Martin seenaa duraanii Iraan ittiin dhaadattuu fi dhabuu hin barbaanne irratti yaada kana kennan.
''Amantee akkasiitu yeroo dheeraaf sammuu beektota Iraan keessa ture. Hayyoota qofa osoo hin taane lammiileen biyyattii hundi sammuusaanii keessaa kana qabu. Iraan biyya olaantummaa guddaa qabdu akka turte dagachuu hin fedhan. Kanaaf naannawa ishee fi addunyaarratti iddoo murteessaan akka maluuf falmatu.''
Dachee Iraan bal'oo kana mootummoonni hedduun walharkaa fuuchuun bulchaniiru.
Loltoonni Muslimoota Arabaa yeroo sanaa naannawa kana qabachuun jaaraa 7ffaa keessa amantii Islaamaa babal'isuu eegalan.
Jalqaba jaarraa 20ffaatti wayita Biriteen Iraan keessatti qabeenya boba'aa argattu biyyattiin addunyaarratti guddattee mul'atte.
Iraan koloneeffatamtee kan hin beekne taatus, Biriteen karaa kubbaaniyyaa boba'aa guddicha Anglo Iranian Oil Company jedhamuu biyyattii keessatti dhiibbaa uumaa turteetti.
Bara 1953 US tumsa Biriiteeniin ministira muummee Iraan kan karaa dimokiraatawaa ta'een filataman Mohammad Mossadegh aangoorraa fonqolchite.
Qondaalli kun qabeenyi boba'aa biyyattii jalatti akka bulu erga labsanii booda qoqqobbii hedduun irra kaa'ame, kanarraa kan ka'e diinagdeen Iraan baayyee laafe.
Sana booda mootiin warra Lixaatti michoome Mohammad Reza Pahlavi waggoota 26 rakkoo malee aangoo qabatee ture.
Yeroo sana bulchaan kun Tehraan, magaalaan ammaa, waan darbeef bakka hin qabdu jedhee labse. Ejjennoo mootichaa ta'uusaati. Hanga bara 1979 yeroosaa ture.
Bara 1979 ammoo gameessa mallattoo biyyattii ta'antu as ba'an. Gameessi kun ammoo nama isaan akka abbaa warraaqsaa isaaniitti ilaalanidha. Lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman battala kana eegaa turan.
Ayaatollaah Ruhollaah Khomeini bulchaa olaanaa Iraan ta'uun duudhaa amantiin biyyattii bulchuu eegalan.
Namni tokko aangoo fi aboo kana hunda akkamiin akka bulchu yoo yaadan sammuu namaan ol ta'a.
Dhimma US
Ayatollah Khomeini wayita deebi'an fedhii fi ejjennoo siyaasaa isaanii ibsuuf yeroo hin fudhanne. Kun US guddoo mufachiise
Warri Iraan wayita hoogganaa olaanaa kana argatan walitti qabamuun ''du'i Ameerikaaf'', ''du'i Shahf'', ''du'i Kaartariif'' jechaa gammachuu ibsachaa turan.
Wayita Ayaatollaa Khomeini ''Yoo harki warra alaa nu keessa jiraate, nu keessaa soorate, injifannoon keenya ni gufata,'' jedhan, namoonni jalaa qabuun- ''duuti Ameerikaaf,'' jedhu.
''Sababa warraaqsa Iraan, biyyattiin mootummaa lixaarraa guutummaatti adda baate. Iraan qarqara biraa qabattee michooma warra Lixaa dhaabde,'' jedhan dr Matin.
Iraan fi US gidduutti muddamni kan hammaate wayita barattoonni imbasii US magaalaa Tehraan jiru dhagaadhaan haleelanitti.
Haleellaan barattootaa kun imbaasichi guyyoota 444f akka cufamu taasise, kana hordofee hawaasi idiladdunyaa Iraan irra qoqqobbii hedduu kaa'e.
Garuu erga yeroo sanaatii Iraan akka Ameerikaan mootummaa Rippaablika Islaamaa hin fonqolchine of eeggannoo gochaa turte kan jedhan ogeessi kun ''Iraan yoomuu Ameerikaan mootummaa ishee fonqolchuuf akka hojjettutti hubatti,'' yaada jedhu kennan.
Waggoota kurnaan lakkaa'aman darban keessatti biyyoota lameen gidduudhaa walqoccollaan, darbanii darbanii walitti bu'uun dhabamee hin beeku.
Gabaasi bara 1988, bara waraana Iraaq fi Iraan, ba'e akkas jedha.
''Ganama kana US xiyyaara Iraan Galoo Galaanaa irratti kuffisteetti. Kaan sagalee olkaasanii 'Arganneerra, du'eera,'' jedhu. Loltoota Ameerikaati.
Iraan akka jettetti namoota xiyyaara sana keessa turan 290 keessaa 66 daa'immani.
Bara 2020 walitti bu'iinsa yeroo dheeraa booda jeneraalli beekamaan Iraan Qaasim Sulayimaani Ameerikaadhaan ajjeefame.
Ameerikaan akka jettutti haleellaan qilleensaa Qaasim Sulayimaanii ittiin ajjeefame haleellaa ofirraa qolachuuf tarkaanfii fudhatamedha.
Yeroo sana pirezidantii kan turan Doonaald Tiraamp ''Qaasim Sulayimaaniin ajjeefameera. Hookkarri fi gochi hamaan isaas goolabameera,'' jedhanii turan.
Erga Onkoloolessa bara 2023 waraanni Israa'el fi Gaazaa eegalee ji'a afraffaarratti gareewwan hidhattootaa Iraaniin deeggaraman haleellaawwan 170 buufataawwan isaanii Baha Giddugaleessaa irratti raawwachuu ibsite US.
Haleellaan kun kan ji'a afur dura ture dachaa 20n caala.
US erga loltoonni ishee sadi ajjeefamanii booda haaloo ba'uuf doorsisuu itti fufte.
Kana hordofee Ministira Haajaa Alaa kant uran Antonii Blinken akkas jedhan.
''Dogoggora hin uumnu. Uummata keenya ni baraarra. Nageenya keenyaaf ni dhaabbanna. Saffisaa fi kutannoon hojjenna.''
Doorsisii fi dhaadannoon qondaalota US kun ammoo haleellaawwan buufataalee waraanaa US irratti raawwataman akka hir'atan taasiseera.
''Iraan Baha Giddugaleessaa keessatti faallaa mootummaa US ishee cimtuu taatee mul'achuuf yaalti,'' jedhan Yuniversitii Oksifoorditti Rogeettiin dhimma Iraan Yassamine Mather.
Ammoo michoota idiladdunyaa horachuufis yaalaa jirti.
''Kanaafuu yeroo mara diinota warra kaaniitti firoomuu barbaaddi. Raashiyaa akka michuusheetti ilaalti. Sababni isaa fira biraa argachuu hin dandeessu waan ta'eef,'' jedhan rogeettiin Iraan kun.
Iraan michummaa Raashiyaa waliin cimsachuuf diroonii dabalatee meeshaalee waraanaa hedduu Raashiyaaf gumaachuun waraana biyyattiin Yukireen waliin gaggeessaa jirtu irratti tumsiti.
Kana gochuudhaan addunyaarratti humnashee agarsiisuus barbaaddi.
Ameerikaan gamasheen Iraan diroonii Raashiyaaf dhiheessuun waraana biyyattiin Yukireen irratti eegfalte tumsiti jechuun himatti.
Tarkaanfii Tahraan Moskoo waliin hariiroo cimsachuuf fudhachaa jirtu akka ta'ettis hubatti US.
''Kanaafuu kaayyoon Iraan naannawa Baha Giddugaleessaa keessaa US baasuu qofa miti. Bakka sana ofiif qabachuu barbaaddi,'' jedhu Dr Kamran Matin.
Dhimma Israa'el
Baha Giddugaleessaa keessa biyyoonni humna cimaa qaban olaantummaaf waldorgoman lama ammoo jiru- tokko Israa'el.
Dhaabbata Crisis Group jedhamutti daarektara damee Iraan kan ta'an Dr Alii Vaez
''Iraan sodaanshee inni guddaan US, ittaanee Israa'el,'' jedhan.
''Iraan kan isheen waggootaaf neetwoorkii ijaarrattee michoota baayyifattee akkasumas caasaa ishee biyyoota adda addaa keessatti kan isheen diriirsiteefis kanumaafi. Humna haleellaa irratti aggaamamu dura dhaabbatu Axis of resistance jedhamu kanaaf ijaarratte.''
Iraan Baha Giddugaleessaa keessatti dhiibbaa uumuun olaantummaashee mirkaneeffachuuf karaan isheen ittiin deemaa jirtu hidhattoota kanneen akka Hamaas Gaazaa, Hezboollaa Lebaanos fi Huutii Yaman ofitti qabuudhaani.
Hidhattoonni hedduun Iraaq, Siiriyaa fi Bahreen keessa socho'an kanneen Iraaniin deeggaramanis heduudha.
Hedduunsaanii warra Lixaa biratti shororkeessitoota jedhamuun kanneen farrajamaniidha.
Dhimma hidhattoota kunneenii irratti dubbi himaan ministira dhimma alaa Iraan Naasir Kanaan akkas jedhanii turan.
''Tarkaanfii fi gochaawwan garee neetwoorkii Iraan- Axis of resistance jedhamanii yoo ilaalle kan murtee dabarsan ajaja Iraan irraa fudhataniin miti. Mataasaanii danda'anii murteessu.''
''Neetwoorkichi kan yeroo kamuu caalaa qindoomina cimsateera. Yeroo kamuu caalaa humna horateera. Kun otoo kanaan jiruu haleellaa Onkoloolessa torbaa booda garuu haalli Iraan akkaan addunyaa ajaayibeera. Namuu akkasitti hin eegne,'' jedhan Dr Aliin.
Onkoloolessa 7, 2023 hidhattoonni Hamaas haleellaa Israa'el irratti raawwataniin namoota 1,200 ajjeesan. Taateen kun seenaa keessatti waraana isa hamaa ta'e Filixeem fi Israa'el gidduutti kaasise.
Iraan haleellaa sana keessatti akka hin hirmaanne himti, garuu tarkaanfii Hamaas akka deeggartu ifatti dubbatti.
Dr Aliin akkas jedhu: ''Erga yeroo sanaatii Iraan deeggarsa Hamaasiif qabdu agarsiisaa jirti. Amma dhiibbaa guddaa jala kan jiru Hamaas osoo waan baayyee hin hojjetin Iraan, Hezboollaa yn miseensota neetwoorkichaa kan biroo US fi Israa'el waliin walitti buuse.''
Miseensonni neetworkii ykn garee olaantummaa Iraaniin durfamu kanaa hundi Iraan waliin hariiroo walfakkaataa hin qaban.
Hezbollaan hunda caalaa humna qaba. Neetwoorkii ykn garee Iraan dursitu kanaaf lafee dugdaati jedhu Dr Aliin.
Gareen bara 1980oota keessa as ba'e Hezbollaan kibba Lebaanos keessa kan socho'u yoo ta'u, kutaa Israa'el kallattii kaabaan daangessuuf sodaa fi yaaddoo guddaadha.
Yaada Tehraan keessa kan ture, Israa'el jalqaba Hamaas haleeluun akka balleessitu, isa booda Hezbollaa akka haleeltudha.
''Iraan waraanni kun balaafamaa fi badii guddaa kan qaqqabsiisu ta'uu hubachuun, Israa'el kallattiin akka haleellaa irratti hin raawwanne daangaa cimaa tokko kaa'uu feeti.''
Garuu sodaan kun isheedhaaf hin hafne. Israa'elis ta'e Iraan lameenuu yeroo ammaa dirree waraanaa ta'aniiru.
Sa'uudii Arabiyaa
Sa'uudii Arbiyaanis Baha Giddugaleessaa keessatti rakkoo Iraan qabdu kan biraadha.
Naannawa kanatti Sa'uudii Arabiyaan biyya hordoftoota amantii Islaamaa ''Sunnii'' hordofan ishee guddoodha. Iraan ammoo ''Shi'aa'' dha.
Biyyoonni lameen kallattiin wal waraananii hin beekan. Garuu waggoota kurna hedduuf waraana biyyoota biroo keessatti faallaa walii dhaabbatanii beeku.
''Iraan naanna kanatti biyya hordoftoota Shi'aa humna guddaa qabdudha. Kanaaf Baha Giddugaleessaa keessatti akka dursituu amantii Islaamaatti of ilaalti. Keessattuu warra shi'aa naannawa kana keessa jiran hunda hoogganuu feeti,'' jedhu Dr Matin.
Iraan hidhattoota Sa'uudii Arabiyaan hin feene kanneen akka Huutii deeggaruun Sa'uudii gadi buusuus yaalti.
Erga waraanni waliinii Yaman bara 2015 eegalee gareen mootummaa beekamtii UN qabu humnaan aangoorraa buusuuf socho'u Huutiin, Sa'uudii Arabiyaa waliin wal lolaa jira.
Bara 2023 sababa waraana Gaazaa wayita Baha Giddugaleessatti muddamni hammaatu Huutiin gargaarsa Israa'eliif deemutti daandii cufuun Hamaas tumsuuf jecha daandii daldala addunyaa isa murteessaa kan ta'e Galaana Diimaa irratti xiyyeeffateera.
Huutiin wayita haleellaa raawwatanitti meeshaa kan dhiheessituuf Iraani jechuun US fi biyyoonni lixaa himatu.
Iraan meeshaalee waraanaa Huutiif dhiheessuu ni haalti, siyaasa qofaan garee kana akka deeggartu ibsiti.
Iraan Waraana Waliinii Sooriyaa keessattis michuu siyaasaa uummachuun ga'ee taphataa turte.
Waraanni Sooriyaa waraana mootummaan hidhattoota irratti banedha.
''Ejennoon Iraan faallaa garee Sa'uudii Arabiyaa tumsituu akka ta'e beekamaadha. Kanaafuu Iraan Asaad deeggaraa turte,'' jedhu roggettii Iraan Yassamine Mather.
Waraana mootummaan Bashar al Asaad hidhattoota Arabaa fi biyyoota lixaa irratti bane irratti Iraan Asaadiin tumsaa turte.
Rogeettiin kun dabaluun ''Akka namoonni gariin yaadasanii kaa'an waan yaada siyaasaa tokko qabaniif osoo hin taane, faallaa Sa'uudii dhaabbachuudhaaf hojii qabatamaan Iraan agarsiistedha,'' jedhan.
Deeggarsi Iraan garee Hamaas- kan Sunnii ta'aniif taaistus kanumaan walfakkaata.
Kaayyoo fi galmi Iraan amantiidhaan gamattis akka jiru mul'isa.
''Iraan yoo yaaddoon weeraraa diina alaarraa ishee mudate, qabatamaattis ta'u shakkiidhaan, biyyoota biroo tarii faallaa diina kanaa dhaabbatan of bira qabuuf amantiin ishee hin daangessu. Amantiin osoo adda basin gurmuu qindeeffatti,'' jedhan Dr Matin.
Tarsimoo ittisa ofii jabeeffachuu
Iraan hundaa ol galmi ishee inni guddaan dirreen waraanaa akka daangaasheetti hin dhihaanne mirkaneeffachuudha. Tarsimoo ittisa ofii jabeeffachuurratti xiyyeeffatti.
Erga waraanni Iraan fi Iraaq bara 1988 goolabamee Iraan dacheesheerratti waraana gaggeessitee hin beektu.
Yeroo sana taankiin kan Iraaq, dirreen waraanaa magaalaa Iraan ture.
Iraan daafoo waraanaa sana dandamachuuf yeroo dheeraa itti fudhate.
Erga yeroo sanaatii tarsimoon waraanaa Iraan waraana kallattii ofirraa dhorkuu ykn dacheenshee dirree waraanaa akka hin taane gochuudha.
Sababa kanatti sagantaa Niwukilaraa irratti xiyyeeffatte.
Kun waraanni Iraan keessatti akka hin gaggeeffamneef akka daangaatti fayyada. Humna tokko osoo daangaashee hin seenin fagootti beekuun walitti bu'iinsa kallattii hambisuun tarsimoo Iraan isa ijoodha.
Garuu tarsimoon Iraan waraana fagootti ofirraa ittisuurratti qabattee socho'aa turte amma harkaa ba'eera. Tehraan fi magaalonni kaan dirree waraanaa ta'aniiru. Israa'elis akkasuma kan yeroo dheeraaf ittisaa turte isheef hin oolle, dirree waraanaa taateetti.
Biyyoonni lixaa Iraan akka meeshaa waraanaa niwukilaraa hin qabaanneef dhiibbaa guddaa uumaniiru, uumaas jiru.
Garuu Pirezidant Tiraamp bara 2018 waliigaltee murteessaa Iraan meeshaalee waraanaa niwukalaraa qabaachuu dhorku keessaa ba'an.
Haata'u malee xumura bara 2023 dameen tikaa US, Iraan meeshaa niwukilaraa hojjechuuf torbanootatu ishee hafa jedhee ture.
Jaarmiyaan dhimma nukilaraa hordofu International Atomic Energy Agency (IAEA) jedhamu Iraan faallaa dhorkaa meeshaa waraanaa nukilaraa dhaabbachuushee wagga 20 keessatti yeroo duraaf ibseera.
Marii nukilaraa Iraan haleellaa Israa'eliin walirra bu'een milkaa'uu kan hin dandeenye Pirezidant Tiraamp Iraan osoo tarkaanfiin irratti hin fudhatamin akka harka laattu akeekkachiisaniiru.
Tarkaanfiin isaa ittii dhaadatan kun maal akka ta'e ammatti hin ibsine.
Israa'elis ta'e Ameerikaan xiyyeeffannaansaanii wiirtuuwwan nukilaraa Iraan barbadeessuudha.
Israa'el kanaaf haleellaa eegalte, garuu akka jedhame wiirtuuwwan nukilaraa Iraan irraan miidhaa geessisuu hin dandeenye.
Meeshaa wiirtuu nukilaraa Iraan keessattuu kan lafa jalatti ijaarame barbadeessuu danda'u kan qabu US qofa. Pirezidant Tiraampis isa kanaaf dhaadannoo cimsan fakkaata.












