'Tehraan bareedduu Gaazaa akka taatu hin godhiinaa': Lammiilee Iraan yaadda'an

Israa'el halkan Dilbataa Waxabajjii 15, 2025 halkana keessa yeroo magaalaa guddoo Iraan tehraan haleeluu itti fufteetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el halkan Dilbataa yeroo magaalaa guddoo Iraan tehraan haleeluu itti fufteetti

Iraan keessatti hiriirri dheeraan bakka boba'aa itti guutamuufi manneen daabboo duratti mul'ata. Akkasumas hiriirri konkolaattoota magaalaa keessaa baqatanii dheeraanis ni mul'ata. Halkanichi dheeraafi sodaachiisaa ture.

Jiraattoonni Tehraan ammalleen naasuu haleellaa Israa'el Jimaata ganama keessa magaalattii irratti raawwattee sana keessaa hin baane. Naasuufi birjaajii kaan ammoo miira wal dhahaa keessa jiru.

''Halkan guutuu irriiba malee dabarsine'' jedha dargaggoon umuriin waggaa 21 fi barattuun muuziiqaa karaa appii miidiyaa hawaasaa butamuu hin dandeenyeen BBCtti hime.

"Namni hunduu bahaa jiru, ani garuu bahaa hin jiru. Abbaankoo mana baqachuurra ofii keessatti du'uun caalaa kabaja qaba jedhan.''

'Donyaa' kan maqaashee dhugaa ifa gochuu hin barbaadne, lammiilee Iraan ammaan tana waraanichaa fi bulchiinsa biyyattii jidduutti daqamanii jiran hedduu keessa tokkodha. Duraan waan waraanni Israa'el Gaazaa keessatti raawwataa ture fageenya irraa karaa iskiriin argaa turan.

''Dhugumaan Teehiraan bareedduukoo gara Gaazaatti akka jijjiiramtu hin barbaadu,'' jetteetti.

Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun lammiileen Iraan hoggansa amantaasaanii irratti akka ka'aniif waamicha dhiyeessan ilaalchisee deebii cimaa qabdi.

"Israa'el akka nu oolchitu hin barbaannu. Biyyi alaa kamiyyuu Iraaniif dhimmamtee hin beeku," jette. "Akkasumas nutis Rippabiliika Islaamaa hin barbaannu."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin gara biraa tokko ammoo jalqaba irratti Israa'el yoo qondaaltota waraanaa Iraan olaanoo humna guddaa qabaniifi hanga bara baraatti jiraatu jettee yaadduu yeroo ajjeestu arguun isheetti ''gammachuu ajaa'ibaa'' akka itti dhaga'ame dubbatteetti.

''Akka tasaa fakkeenyi aangoo sun caccabeere,'' jechuun 'BBC Persian'tti himte.

"Garuu guyyaa lamaataatiif, namoonni idilee kanan ani hin beekne, namoonni akka kiyyaa, ajjeeffamusaanii yoon dhagahu, gadda, saadaa fi yaaddoon natti dhagahameera.''

yeroo dirreen boba'aa Kiba Paars haleellamuu wayita dhageesseetti gaddiishee gara aariitti jijjiramu dubbatti. Isheenis Israa'el tarii Iraan gara ''barbadooftuutti'' jijjiruuf deemtii laata jechuun sodaachu himti.

Isheenis jireenyashee keesstti yeroo jalqabaatiif du'aaf qophaa'uu yaada jedhu yaaduu eegalte.

Erga guyyaa Jimaataa waldhabdeen kun eegalee kaasee namoonni 220, kan isaan keessaa irra caalaan dubartootaa fi daa'imman ta'an, ajjeeffamusaanii aanga'oonni Iraan himaniiru.

Aanga'oonni Israa'el ammoo misaa'elli Iraan yeroo kana keessatti namoota 24 ajjeessuu himaniiru.

Namoonni magaalattii keessaa ba'uuf yeroo yaalanitti hiriirri tiraafikaa dheeraan daandii Tehraan irratti diriiree ture- halkan Waxabajjii 15, 2025

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni magaalattii keessaa ba'uuf yeroo yaalanitti hiriirri tiraafikaa dheeraan daandii Tehraan irratti diriiree ture

Israa'el irraa adda haala ta'een, Iraan keessatti haleellaa yeroo raawwatamuuf jiru akeekkachiisni kennamu hin jiru, akkasumas bakki dahoo itti baqatan hin jiru.

Misaa'eloonni samii irraa ni bu'u garuu duulli boombii konkolaataa Tehraan keessatti, akkuma miidiyaaleen Israa'elii fi Iraan gabaasan, rifachuu fi burjaajii dabalataa uume.

Deeggartoonni sirnichaa tokko tokkolleen ittisa isaa kan baay'ee dadhabaa akkasitti gadi fageenyaan saaxilamuu isaatiin akka mufatan gabaafameera.

Akkasumas, lammiilee Iraan hedduu biratti, aanga'oota irratti amantaa dhabuun cimaadha.

Doonyaan duraan rifeensa isheetti osoo hin haguugatiin bahuudhaan sirnichaa fi seera uffannaa cimaa isaa mormaa turte.

Amma qormaanni yunivarsiitii ishee hanga torban dhufutti waan achi butameef mana keessa olaa jirti.

"Halkan keessa baay'een sodaadha" jette. "Boqonnaa akkan argadhuu fi rafuuf yaaluuf qoricha ta'een fudhadha."

Mootummaan Iraan namoonni masjiidotaa fi buufata meetroo keessatti akka dahataniif yaada dhiyeesse.

Haata'u malee, sun ulfaataadha, yeroo dhohinsaa eessayyuu kan gahu fakkaatu.

Shamarreen biraa 'BBC Persian'tti akka himtetti, ''Tehraan magaalaa guddittii yoo taatu, ammas naannoon hundi haala kamiinuu haleellaa kanaan miidhameera,'' jetteetti.

"Ammaaf wanti nuti goonu sa'aatii hunda oduu ilaaluu fi hiriyootaafi firoota naannoon isaanii rukutameef bilbiluun lubbuun jiraachuusaanii mirkaneessuu qofadha."

Ishee fi maatiinshee amma mana isaanii gadhiisanii bahuun naannoo gamoowwan mootummaa beekaman hin jirre keessa jiraatu.

Haata'u malee, biyya akka Iraan keessatti, sitti aanee enyuu jiraachuu akka danda'u gonkumaa hin beektu.

Haleellaan israa'el lammiilee Iraan gargara qoodaa jira jetti. Kaan isaanii bulchiinsi dadhabuusaatti yoo gammadan, kan hafan ammoo warra Israa'el leellisaniitti aaraa jiru.

Lammiileen Iraan hedduun waan yaadaaa turan irratti yaadasaanii jijjiiruu itti fufaniiru. Qoodinsi kun ammoo maatii tokko tokko keessatti ammoo baayyee jimaadha.

''Haalli kunis akka sa'aatii jalqabaa ergyeroo Taayitaaniki tullaa cabbiitti buute sana fakkaata'' jetti dubartiin tun.

"Namoonni tokko tokko miliquuf yaalaa jiru, gariin ammoo waan guddaa miti jechaa turan, kaan immoo shubbisuu itti fufan."

Isheenis yeroo hunda bulchitoota abbootii amantii Iraan mormaa akka turte BBCtti himteetti, haata'u malee waan Netaaniyaahuun biyyashee irratti hojjechaa jiru kanaaf akka gochaa ''dhiifama hin qabneetti'' ilaalti.

"Jireenyi nama kamuu, kanneen haleellaa kana deeggaranis ta'ee kan warra hin deggarreetiis bara baraan jijjiirameera."

"Lammiileen Iraan harki caalaan, warri mootummaa morman dabalatee, amma bilisummaa fi mirgi namoomaa boombii Israa'el magaalota namoonni nagaa ittisa hin qabne keessa jiraatan irrattidarbattuun akka hin argamne hubataniiru."

Itti dabaluudhaanis: "Baayyeen keenyas waan itti aanee dhufuu sodaa fi yaaddoo qabna. Yoo haallii kan hammaatu ta'eef jecha meeshaalee gargaarsa jalqabaa, nyaataa fi bishaan korojoo keessa naqanneerra."

Israa'el, humnoonni waraanaa Iraan ta'e jedhanii wiirtuu ajajaa fi meeshaa waraanaa isaanii gamoo fi naannoo namoonni nagaa keessa kaa'aniiru jetti.

Akkasumas miseensonni diyaaspooraa gurguddoo Iraanis yaaddoo keessa jiru.

''Yeroo ammaa kana lammii Iraan ta'uun maal akka fakkaatu yaaduun rakkisaadha,'' jetti Doreeh Kaatibi-Hiil, falmituu mirga dubartootaafi qorattuun, amma magaalaa Liids keessa jiraattu. Isheenis, maatii, hiriyoota fi aktivistoota farra sirnichaa biroo waliin wal qunnamtii qabdi.

"Miseensonni sirnichaa, kan namoota dararaafi ajjeesaa turan, saaxilamuu isaaniitti gammaddan."

"Haata'u malee, namoonni nagaa du'aa akka jiran ni beekna. Kun balaa namoomaa hamaadha."

Akkasumas lammiileen Iraan waan ta'aa jiru irratti odeeffannoon sirrii ta'e kennamaa hin jiru jetti.

''Namni ijoon Iraan keessaa, Hogganaa Olaanaan, yeroo lammiileen Iraan kaan lubbuusaaniif baqataa jiraniitti, ammalleen lubbuun jiru'' jetti itti dabaluun.

"Iraan akka Iraaq, Sooriyaa ykn Afgaanistaan biraatti jijjiramtu namni barbaadu eenyuumtuu hin jiru. Eenyumti keenyayyuu waraana kana hin barbaadnu. Bulchinsichas yoo ta'e hin barbaadnu.''