Milkaa'innii fi dadhabbiin dhaabbata basaasaa Israa'el-Mosaad maali?

Meeshaalee garaa garaa dhaabbata basaasaa kanaan irratti kyyeeffataman

Madda suuraa, EPA, Getty, Maxar, BBC

Israa'el guyyoota darban keessa irra deddeebiin haleellaa raawwatteen dhaabbilee nikulaaraa Iraan, iddoowwan waraanaa fi manneen jireenyaa namoota dhuunfaa irratti xiyyeeffatte. Irra caalaan isaanii ammoo lixa biyyattii fi naannawa magaalaa guddoo Tehraan keessatti argamu.

Haleellaan kun samii irraa kan raawwatame ta'ulleen, garuu dhaabbanni basaasaa Israa'el Mosaad bakkee irratti xiyyeeffatamu adda baasuu fi hojii lafarraa qajeelchuu keessatti gahee olaanaa akka bahe shakkama.

Ergamtoonni Mosaad diroonii karaa seeraan alaatiin gara biyyattiitti galchuudhaan sirna ittisa qilleensaa Iraan hafe irratti xiyyeeffachuuf akka itti fayyadamuu hin ollee kan amanamu yoo ta'u, fakkeenyaaf, kanaan dura aanga'oonni Iraan humna nageenyaa isaanii keessa basaastoonni Israa'eel seenuu akka hin ollee shakkuu isaanii ni yaadatama.

Erga haleellaan Israa'el Waxabajjii 13 Iraan irratti jalqabee as miseensoonni waraanaa ijoo fi saayintistoonni nikulaaraa ijoo irratti xiyyeeffatameera. Kunis Israa'el bakka isaan turan adda baasuu irratti odeeffannoo basaasaa akka qabdu agarsiisa.

Gahee Moosaad taateewwan kanneen keessatti qabu madaaluun salphaa miti. Israa'el waa'ee sochii dhaabbatichaa yeroo baayyee yaada kan hin kenniine yoo ta'u, dameewwan meeshaalee basaasaa biroos ni jiru.

Haata'u malee, waa'ee oppareshinii ejensichaa kanaan duraa beekamoo ta'an wanti beeknu kunooti.

Khaled Meshal, Yahya Ayyash, masked Israeli security force

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaalad Meshaal, Yaahyaa Ayaash fi humna tikaa Israa'el maaskii uffate

Ofii Moosaad maaliin milkaa'ee?

Tarkaanfii ija jabinaa fudhatameen, raadiyoo fi meeshaaleen qunnamtii gara biraa miseensonni Hezbollaa itti fayyadaman gara meeshaalee harkaa dhoo’uutti jijjiiraman.

Meeshaaleen kunneenis hordoffii sadarkaa olaanaa Israa'el jalaa miliquudhaaf akka mala nageenya qabuutti kan yaadaman yoo ta'u, garuu harka fayyadamtoota isaaniitti dhoosuun namoota hedduu ajjeesauun kanneen kuma hedduu ta'an madeessan.

Mootummaan Libaanos haleellaa kanaaf Israa'el himate, ''dubbi barbaacha yakka Israa'el'' jechuun ibse. Hezbollaan ammoo ''haaloo ba'uun haqa qabeessa'' jechuun dhaadate.

Israa’el himannaa kanaaf hanga ammaatti deebii hin kennine, haata'u malee miidiyaaleen Israa’el tokko tokko akka gabaasanitti, kaabineen biyyattii ministeerota waa’ee taatee kanarratti ibsa ifatti kennuu irraa akka of qusatan qajeelfama kennan.

Israa'el durumaanuu sochiilee Hezbollaa itti dhiheenyaan kan hordofaa jirtu yoo ta'u, oppareshinichis qaama wal dhabdee garee lamaan jidduutti gaggeeffamaa jiru akka ta'e mul'isa.

Kanaaf Israa’el yoo itti gaafatamtuu taatee, innis hojiiwwan ishee ajaa’ibsiisoo fi dhiibbaa uumuu danda’an keessaa tokko ta’uun, yaadannoo ergama darbe Israa’eliif kennameefi keessumaa kan dhaabbata basaasa biyyaalessaa ishee Mosaad kan deebiisuudha.

Ajjeechaa dureewwan Hamaas Ismaa'eel Haaniyeeh

Hogganaan Biiroo Siyaasaa Hamaas Ismaa’eel Haniyeh (L) Ajajaa Warraaqsa Iraan Hoseen Salami (R) daawwannaa Tehran irratti taasisaniin nagaa gaafatan - ergasii lamaan isaanii haleellaa Israa’eliin ajjeefamaniiru

Madda suuraa, Anadolu via Getty

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hogganaan olaanaa siyaasaa Hamaas Ismaa'eel Haniyeh Adoleessa 31 bara 2024 osoo Tehraan mana keessummootaa keessa jiranuu ajjeefaman.

Israa'el jalqabarratti ajjeechaa kanaaf itti gaafatamummaa kan hin fudhanne yoo ta'u, ji'oota booda garuu ministirri ittisaa Israa'el Kaatz, Israa'el ajjeechaa kana duuba akka turte beeksisan.

Haalli ajjeechaan aanga'aa kanaa garuu ammallee ifa miti.

Qondaalli olaanaa Hamaas Kaalil al-Haayaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, namoota isa waliin turan wabeeffachuudhaan misaa'elatu ''kallattiin'' Haaniyeh rukute jedhan.

Haata'u malee, gabaasni gaazexaa Niiw Yook Taayimsi, qondaaltota torba wabeeffate akka gabaaseetti, Haaniyeh boombii ji'a lamaan dura gara gamoo inni keessa tureetti karaa seeraan alaatiin galfameen akka ajjeefame ibseera.

BBC'n dubbii kana keessaa omaa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Haaniyeeh hoggantoota Hamaas hedduu erga gareen kun Onkoloolessa 7 bara 2023 kibba Israa'el irratti haleellaa raawwateen booda Israa'eliin ajjeefaman keessaa tokkodha.

Hogganaa Hamaas Gaazaa Yaahyaa Sinwaar, obboleessa isaa Mohaammed, akkasumas itti gaafatamaa kutaa waraanaa Hamaas Mohammed Deif fi ittaanaa isaa Maarwaan Isaa fa'is ajeeffamaniiru.

Hezbollah fighters carry the coffin of Hussein Amhaz in front of crowds one day after his death of 18 September

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna awwaalcha loltuu Hezboollaa dhohinsa Fulbaana 18 mudateen ajjeeffamee wayita raawwatameetti

Mosaad oppareeshiniiwwan milkaa'oo hedduudhaan maqaansaa ka'a. Asiin gaditti kanneen ijoo tana muraasa qixeessineera.

Adolf Eichman behind a bar with a security official in uniform behind him

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Adoolf Eichamaan wayita Israa'eliitti mana murtiitti dhiyaataniitti

Qondaala Naazii Adoolf Eichamaan adamsuu

Bara 1960tti qondaala Naazii Adolf Eichmaan Arjentiinaa irraa butuun milkaa'ina basaasaa Mosaad ijoo ta'e keessaa isa tokkodha.

Eichamaan tibba Waraana Addunyaa Lammaffaatti qindeessaa mummee Holokost (Holocaust) kan Yihudoonni kaampii hidhaa Naazii keessatti kuumananii turan, Yihudoonni gara miliyoona jaʼaa taʼan Naazii Jarmaniin ajjeefamanii turaniif itti gaafatamaa ta'edha.

Namni kunis erga biyyoota garaa garaa keessa socha'uudhaan

Biyyoota hedduu gidduutti socho'uun erga to'atamu jalaa miliqeen booda Eichmaan dhuma irratti Arjentiinaa keessa qubate.

Gareen ergamtoota Moosaad 14 of keessaa qabu nama kana erga hordofanii booda, butanii gara Israa'el bakka murtiin itti kennameefi dhumarrattis itti ajjeefame geeffame.

Oppareshinii Enteebee

Namoonni xiyyaara Entebbe booji'aman torban tokkoof erga hidhamanii booda bilisa ba'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Oppareshiiniin Entebee - Yugaandaa keessaaa ergamawwan waraanaa Israa'el baayyee milkaa'aa jedhamun leellifaman keessa tokkodha.

Mosaad hojii basaasaa kan raawwate yoo ta'u, waraanni Israa'el ammoo oppareshinicha gaggeesse.

Humnootiin Komaandoo Israa'elis haala milkaa'een boji'amtoota xiyyaarraan osoo Teel Aviiv irra karaa Ateensiin Faransaayiitti imalaa turan 100 baraaran. Xiyyaarichi lammiilee Israa'e 103 dabalatee imaltoota gara 250 qabatee ture.

Namoonni xiyyaaricha butuunis, miseensonni Adda Bilisummaa Filisxeem lama, lammiilee Jarmanii lama waliin turan, ture kan xiyyaaricha gara Yugaandaatti qajeelchan.

Opparreeshinii kana keessattis namoota booji’aman sadii, warri xiyyaaricha butaman, loltoonni Yugaandaa hedduu fi obboleessa Ministira Mummee Israa’el ammaa Beeniyaamin Netaaniyaahuu kan ta’e Yonatan Netaanyahu du’aniiru.

Ergamaa Mosaad Yihudoota Itoophiyaa keessaa karaa sudaaniin baafaman konkolaataa keessa ta'anii bira dhaabbate

Madda suuraa, Raffi Berg

Oppareshiiniiwwan obboolaa

Mosaad jalaqaba bara 1980motaa keessa toftaa gowwoomsaa adda ta’eetiin, qajeelfama Ministira Muummee Menaachem Begiin irraa argateen socho’uun, riizoortii bishaan keessa cuuphamuu sobaa akka haguuggiitti fayyadamuun Yihudoota Itoophiyaa 7,000 ol karaa Sudaanitiin baasuudhaan gara Israa’elitti geesse.

Sudaan biyya diina Liigii Arabaa waan turteef, dhoksaan socho’uudhaan gareen ergamtoota Mosaad qarqara galaana Diimaa Sudaan irratti bakka riizoortii dhaabe, akka buufataatti itti fayyadamaa turan.

Guyyaa guyyaa akka hojjettoota hoteelaa fakkaachuun, halkan ammoo Yihudoota, kanneen dhoksaan biyya ollaa Itoophiyaa irraa fuudhaman, karaa qilleensaa fi galaanaatiin biyyaa baasu turan.

Opireeshiniin sunis yoo xiqqaate gara waggoota shaniif kan gaggeeffame yoo ta'u, yeroo irra gahamuutti ammoo ergamtoonni Mosaad qaata miliqan.

Haaloo bahumsa butamuu Olompikii Muuniik booda

Miseensoota garee Israa'el istaadiyeemii Olompikii Muniik keessatti sirna kabaja yaadannoo poolisoota biyyasaanii milishoota Filisxeemiin ajjeeffameef kennuuf socho'aa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensoota garee Israa'el istaadiyeemii Olompikii Muniik keessatti sirna kabaja yaadannoo poolisoota biyyasaanii milishoota Filisxeemiin ajjeeffameef kennuuf socho'aa turan

Bara 1972 keessa gareen hidhattoota Filisxeem 'Black September' miseensota garee Olompikii Israa’el lama Olompikii Muuniik irratti ajjeesuun namoota sagal kaan ammoo booji’ee ture.

Boodarra namoonni booji'aman kunneen yaaliin baraarsaa poolisiin Jarman Lixaa hin milkoofneen ajjeefaman.

Miseemsoonni Olompikii Israa'el bara 1972 keessaa erga hidhattoonni Filisxeem dallaasaanii haleellanii booda 11 isaanii ajjeeffaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miseemsoonni Olompikii Israa'el bara 1972 keessaa erga hidhattoonni Filisxeem dallaasaanii haleellanii booda 11 isaanii ajjeeffaman

Sana booda Mosaad, Mahmuud Haamshaarii dabalatee, miseensota Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem hedduu irratti xiyyeeffate.

Innis meeshaa dhoo'u bilbila harkaasaa keessa dhaabamuun mana jireenyaa isaa Paaris keessatti ajjeefame.

Hamshaariin dhohinsa qaqabeen miila tokko kan dhabe yoo ta'u, dhumarratti miidhaan irra gaheen lubbuunsaa darbe.

Yaahyaa Ayyaash fi bilbila dhoo'u

Yahya Ayyash's photo on a billboard

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Yaahyaa Ayyaash biilboordii irraa

Bara 1996ttis oppareshiniidhuma walfakkaatuun, Yaahyaa Ayyaash, Hamaas keessatti kanneen boombii Bara 1996 hojii walfakkaatuun, Yahya Ayyash, kan Hamaas keessatti boombii hojjetan keessaa ijoo ture, bilbila harkaa Motorola Alpha jedhamu keessatti dhotuu giraama 50 kaa'udhaan ajjeefame.

Ayyash hogganaa beekamaa damee waraanaa Hamas yoo ta’u, ogummaasaa boombii tolchuu fi haleellaa walxaxaa Israa’el irratti raawwatamu qindeessuun beekamaa ture.

Gochaan kunis Isra'eliin aamoota baay’ee barbaadaman keessaa tokko fi dhaabbilee nageenyaa Israa’eliif xiyyeeffannoo jalqabaa akka ta’u isa taasiseera.

Dhuma bara 2019tti Israa’el ajeechawwan muraasa irratti to'annoo bal'aa ture tokko tokko irratti kan kaafte yoo ta’u, TVn Israa’el Chaanaalii 13 waraabbii bilbila dhumaa Ayyaash'n abbaa isaa waliin taasise qilleensarra oolche.

Ajjeechaa Haamsharii fi Ayyaash irratti raawwataman ajjeechaa dheeraa fi seenaa walxaxaa teeknooloojii sadarkaa olaanaa fayyamamuudhaan qiyyeeffannoon raawwataman ta'u kan calaqqisiisudha.

Mahmuud al-Mabhouh: Ukkaamfamee kan ajjeeffame

Mahmoud al-Mabhouh's images on a poster

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2010 keessa Mahmuud al-Mabhouh, hogganaa olaanaa waraanaa Hamaas, hoteela Dubaay keessatti ajjeefame.

Jalqaba irratti du'a uumamaan kan du'e fakkaata ture, garuu poolisiin Dubaay dhumarratti erga warrabbii to'annoo qorateen booda garee ajjeechaa kana raawwate adda baasuu danda'e.

Boodarra poolisiin al-Mabhouh elektirikiidhaan ajjeefamuu fi sana booda ukkaamfamuu isaa ifa godhe.

Oppareshinii Moosaadiin akka qindaa'e shakkamee kunis dippilomaatoota Yunaayitid Araab Emireets irraa dheekkamsa kaasee ture.

Haata'u amlee dippilomaatoonni Israa'el haleellaa kana ilaalchisee ragaan Mosaadiin walitti hidhu omtu akka hin jirre kaasu.

Haata'u malee, kunis imaammata Israa'el dhimmoota akkanaa irratti "wal-xaxaa" qabaachuu ishee waliin kan walsimu, waan ta'ef himaannaa qabaachu hin haalle.

Yaaliiwwan ajjeechaa fashalaa'e

Opireeshiniiwwan milkaa’oo hedduu raawwateen alattis Moosaad kufaatii ykn fashala'iinsa oppareeshinii beekamaa ta’es qaba.

Hogganaa siyaasaa Haamaas Khaaled Meashaal

Khaaled Meashaal

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Khaaled Meashaal

Oppareshiniiwwan rakkoo dippilomaasii cimaa uume keessaa tokko Israa’el bara 1997tti itti gaafatamaa biiroo siyaasaa Hamaas kan ta’e Khaaled Meshaal, Joordaan keessatti summii fayyadamuun ajjeesuuf yaalii taasiftee turteedha.

Ergamni kunis ergamtoonni Israa'el booji'amusaanitiin wal qabatee kan fashalaa'e yoo ta'u, Israa'el lubbuu Meshaal baraaruuf qoricha farra kana akka dhiheessitu dirqisiise.

Isaan boodas hogganaan Mosaad yeroo sanaa, Daanii Yaatom Meshaal yaaluudhuuf gara Joordaan balali'e.

Ajjeechaan kunis hariiroo Joordaan fi Israa’el gidduu ture haalaan jeeqe.

Hogganaan Hamaas Mahmuud al-Zahar

Mahmuud al-Zaahaar dureewwan Hamaas Isra'eliin barbaadaman keessaa tokko ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mahmuud al-Zaahaar dureewwan Hamaas Isra'eliin barbaadaman keessaa tokko ture

Bara 2003 Israa’el haleellaa qilleensaa qe’ee hogganaa Hamaas Mahmuud al-Zaahaar kan magaalaa Gaazaa irratti xiyyeeffate raawwatte.

Al-Zaahaar haleellaa sana jalaa kan bahe ta'us, haadha warraa fi ilmi isaa Khaaled namoota hedduu waliin ajjeeffaman.

Halellaan boomii raawwatames guutummaatti mana jireenyaasaa kan barbadeesse yoo ta’u, balaa cimaa oppareshinii waraanaa naannoo namoonni baay’inaan keessa jiraatan irratti raawwatamu kan mul’isudha.

Dhimma Laavon

Egyptian President Gamal Abdel Nasser announcing the nationalization of the Suez Canal

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaantiin Masrii Gamaal Abdel Naasser Sulula Suweez biyyoolessa taasisuu wayita labsaa jiran

Bara 1954 keessa, aanga'oonni Masrii duula basaasaa Israa'el kan Opireeshinii Suuzaana a (Susannah) jedhamuun beekamu kuffisan.

Karoorri fashalaa’es fi'aa UKn humna ishee Sulula Suuz keessa buufate akka tursituuf dhiibbaa gochuuf dhaabbilee Ameerikaa fi Ingilizii Masrii keessa jiran keessatti boombii awwaaluuf ture.

Taatee kunis dhimma Laavon (Lavo Affair) jedhamuun kan beekame yoo ta'u, kunis maqaa Ministira Ittisaa Israa'el yeroo sanaa, Piinhas Laavon jedhamuun kan moggaafamedha.

Innis karoora opereshinichaa keessatti hirmaateera jedhameeti amanama.

Mosaad kanaan kufaatii basaasaa balaa guddaa tokko tokko akka mudatetti ilaalama ture.

Waraana Yoom Kippur

Loltoonni Israa'el Onkoloolessa bara 1973 yeroo Waraana Arabaa Israa'el bara 1973tti Sulula Suuz qaxxaamuraniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Israa'el Onkoloolessa bara 1973 yeroo Waraana Arabaa Israa'el bara 1973tti Sulula Suuz qaxxaamuraniiru

Onkololeessa 6 bara 1973tti Masrii fi Siiriyaan Gamoojjii Siinaa (Sinai Peninsula) fi Gaarreen Goolaan deebifachuuf Israa'el irratti haleellaa tasaa banan.

Yeroon haleellaan Yoom Kippur, Guyyaa Araarsummaa Yihudootaa irratti raawwatame, guyyoota jalqabaa waraanichaatti Israa’el eegdoota malee taasise.

Masrii fi Siiriyaan gama lamaan Israa'el irratti haleellaa banan.

Humnoonni Masrii Sulula Suuz qaxxaamuraniis, miidhaa tilmaamame keessaa harka muraasa qofa kan mudate yoo ta’u, humnoonni Siiriyaa ammoo adda waraanaa Israa’el haleeluudhaan gara garreen Goolanitti cabsuun darban.

Gamtaan Sooviyeet Sooriyaa fi Masriif kan dhiyeessiiti kenne yoo ta’u, US ammoo sarara dhiyeessii hatattamaa Israa’eliif kennite.

Israa’el ofirraa qolchuu kan dandeesse yoo ta’u, murtiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii lolli akka dhaabbatu gaafatee guyyoota afur booda, waraanni kunis Onkoloolessa 25 xumurame.

Haleellaa Onkololeessa 7, 2023

Nama bakka haleellaa Onkl. 7 itti raawwatame keessa imalu

Madda suuraa, AFP

Gara waggaa 50 booda ammoo, Israa’el deebiiftee haleellaan tasaatiin naasiifamte. Marsaa kanattis Hamaas magaalota Israa’el naannoo daangaa Gaazaa jiran irratti Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwate.

Mosaad haleellaa kana tilmaamu dhabuunsaa akka kufaatii iolaanaa (fiasco)tti kan ilaalamu yoo ta’u, akka xiinxaltoonni jedhanitti, imaammata ofirraa ittisuu Israa’el Hamaas irratti qabdu dadhabina akka ta’e ilaalusaa kan calaqqisiisudha.

Haleellaa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti raawwatameen lubbuun namoota gara 1,200 kan darbu yoo ta’u, irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta’uu aanga’oonni Israa’el himan.

Namoonni 251 ta'an ammoo booji'amanii gara Gaazaatti fudhatamanii ture.

Haleellaa Hamaas kanaaf deebii kennuudhaan, Israa’el waraana Gaazaa irratti kan jalqabde yoo ta’u, hanga ammaatti lubbuun namoota kuma 40 ol kan ghalaafate yoo ta’u, isaan keessaayis harki caalaan lammiilee nagaa ta’uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibseera.