Salaaleetti manneen barnootaa 230 ta'an gubatan, barattoonni kuma 67 ol barnootaan ala ta’an

Manneen barnootaa Shawaa Kaabaa keessatti gubatan keessaa tokko

Gootota Oromoo saba isaaniif qabsoo taasisaniin tarree jalqabaarratti maqaan isaanii dhahamu keessaa Jeneraal Taaddasaa Birruu dhalli Oromoo akka baratuuf ejjennoo qabaniin seenaan isaan yaadata.

“Dhaloonni barate mirga isaa gaafata” jechuun kan beekaman Jeneraal Taaddasaa, Oromoon barnootatti akka jabaatuuf xurree saaqaniin dhaloota hedduu gara barnootaa akka dhufuuf ka’umsa akka ta’etu himama.

Biyyi dhaloota isaanii Salaale garuu amma abjuu fi mul’ata isaan barnootaaf kaa’an kanarraa waan maqe fakkaata.

Rakkoon nageenyaa Godinichatti waggoota shanan darban mudate dhaloota dheebuu barnootaa qabu karra mana barumsaa hanqisee egeree ol adeemtotaa dukkanatti oofaa jira.

Yeroon kun kutaalee biyyattii hedduu keessatti yeroo barattoonni bara barnootaa haaraaf itti galmaa’an ta’ulleen, barattoonni Shawaa Kaabaa kuma 67 caalan garuu erga galmee barnootaa dhaabanii waggootni lakkaa’amaa jira.

Obbo Girmaa (Maqaan isaanii kan jijjiirame) Godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullallee magaala xiqqoo Dirree Daalattii jedhamtu keessa jiraatu.

Isaan ijoollee ofii isaanii fi kan firootaa afur of biratti barsiisaa turan. Baadiyyaatti dhalatanii waan guddataniif ijoollummaa isaaniitti akka fedhii isaanii barnootan bakka yaadan akka hin geenye gaaffiif deebii BBC waliin taasisan irratti dubbatan.

Daree barnootaa ibiddaan barbadaa'e

Kana haaloo bahachuuf jecha kaayyoo ijoon isaanii ilmaan isaanii baratanii bakka gaarii akka gahaniif waan danda’an hunda gochaa turuu dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata’u malee naannoon isaanii nageenya dura tureen itti fufuu hin dandeenye. Waggoota dura hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO Shanee jechuun waamu naannoo isaanii keessa socho’uu akka jalqaban himu.

Lolaa fi haleellaan hidhattootaa fi qaamolee nageenya mootummaa gidduutti yeroo adda addaa mudatu kunimmoo kaayyoo barnoota ijoollee isaanii dukkaneesse.

“Waggaa sadiin dura manni barumsa sadarkaa 2ffaa Daalattii kun abiddaan gubate. Qabeenyi mana barumsichaa guutumatti gubate. Barnootnis achumaan dhaabbatee ijoolleen manatti deebite” jedhu miira gaabbiitiin.

Naannoo isaanii kanatti barataa fi barsiisaan erga mana barumsaa hafanii amma waggootni sadii lakkaa’ameera.

“Ijoolleen keenya manatti deebi’anii taa’aniiru. Mucaan waggaa sadi dura kutaa shan ture silaa barana kutaa saddeet barataayyu. Garuu hin taane. Ijoolleen xiinsammuun miidhameera. Nutis maatiin wanni kuni ta’uusaa baayyee numiidhera,” jedhan.

Manneen barnootaa gubatanii erga maaddiin barnootaa hafee waggootni sadii waan lakkaa’ameef ijoolleefi maatiin abdii kutachuun kaan ijoollee tiksee galche kaan ammoo heerumsiisaa jira jedhu jiraataan kuni.

“Nubira manni barnootaa gubatee jennaan gara Magaala Fittaal akka baratan namni muraasni yaalee ture. Achii gaafa gara maatii deddeebi’an kaan ni butamu, kaan ni gudeedamu, kaan ulfaa’anii manatti dahanis jiru. Rakkinichi hammaataadha” jedhan.

Ta’iin akkanaa kun aanaa Yaayyaa Gullallee qofa osoo hin taane aanaalee godinichaa rakkoo nageenyaa qaban sagal keessatti mudachaa jira.

Ittigaafaatamaan Waajjira Barnootaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Gaashaaw Akliluu BBC'tti akka himanitti, Godinichatti sababa rakkoo nageenyaan barnoota irratti egeree dhalootaa waan dukkaneessutu adeemaa jira jedhan.

Mana barnoota gubate

“Akka Godina keenyaatti manneen barnootaa 229 kaan guutumatti, kaan gariin gubataniiru. Kuni aanaalee sagal keessatti. Manneen barnootaa 217 ammoo Manni barumsaa osoo homaan taane sababa rakkoo nageenyaan hojii baruu fi baarsiisuu kan dhaaban.”

“Sababa kanaan manneen barnootaa kunneen keessatti barachaa kan turan barattoonni kuma 67 caalan waggoota lamaan darban kana barnootan ala jiru. Barsiisonni 2,000 caalanis sababa kanaan buqqa’anii gara biraatti jijjiiramaniiru,” jedhan.

‘Ijoolleen Oromoo osoo barachuu qabanii sababa gocha diinaan manneen barnootaa manca’anii ijoolleen barnoota dhabaa jirti’ kan jedhan angaa’an kun, kanaan hawaasni godinichaa gadda guddaa keessa jiraachuu eeru.

“Barataan hamma kanaa barnoota dhabeera jechuun nuuf qaanii guddadha. Uummata Salaaleetiifis, Oromoo maraafuu gochi kun saalfii guddadha. Barataa kumni 67 godina tokko keessatti barnoota ala yoo ta’u,” jedhan.

Aanaaalee akka Hidhabuu Abotee, Warra Jaarsoo fi Kuyyuutti hidhattoonni manneen barnootaa diiguun bosona keessatti qorqoorroo isaatiin kaampii ijaarrachuun mul’achuus himu.

“Gareen mirga Oromoofiin dhaabbadhe jedhu akkamitti mana barumsaa diigee Qorqoorroo isaatiin bosona keessatti kaampii ijaarrata? Meeshaa barnootaa akka kompitaraa fi solaarii saamuutu ture. Kuni saalfii guddadha,” jedhan.

Aanaa Waacaaleetti ammoo hidhattoonni kunneen daayirektara mana barumsaa barataa dura dhaabuun garafuun gocha yeellaasisaa hojii baruu fi barsiisuu godinichaa keessatti mul’ate keessaa tokko akka ta’es himu.

Itti dalabuunis, “Wanni barnoota irratti godina kana keessatti raawwatame waan biyya Taaddasaa Birruutiif malu osoo hin taane, waan mataa gadi nama qabachiisudha. Gocha kana dhaabuun osoo waan humna keenyaa ta’ee ni goona. Garuu humna keenyaan oli,” jedhan Obbo Gaashaw.

Baadiyyaa Godinichaa hedduu keessatti manneen barnootaa cufaman kuni aanaalee sagal keessatti garaagarummaa qabaatus kan aanaa Darraa ammoo haalan hammaataa akka ta’e eeru.

“Aanaan Darraa waliigala manneen barnootaa 92 qaba. Kana keessaa kan barumsa kennaa jiru mana barumsaa 28 qofa. Achimmoo garee lamatu jira. Garee shanee fi garee finxaaleyyii Faannoo” jedhan.

Qorumsi kutaa 8ffaa yeroo kennamaa tureetti barattoota qorumsa fudhachaa turan keessaa 11 galgala hidhattootaan butamanii qorumsarraa hafuunis taatee gaddisiisaa bara kana mudatedha.

Manneen barnoota sababa nageenyaatiin gubachuun manca'an

Manneen barnootaa sababa rakkoo nageenyaan gubatanii fi kenneen tajaajila baruu fi barsiisuu dhaaban kunneen, hojiitti deebisuuf yaaliin jiraatullee haalli nageenyaa jiruun barattoonni kun carraan deebi’uu ammalleen yaaddoo keessa akka jiru himan.

Gochi barataa dirree barnootaa irraa waggootaaf ittise kun egeree dhalootaa kan dukkaneessu waan ta’eef, qaamni dhimmisaa ilaalu hundi deeggarsa gochuun fala akka argatuuf tumsa gaafanna jechuunis dhaamu angaa’an kun.

“Nuti waan gochuu dandeenyu hunda gooneerra. Qaama nageenyaa fi mootummaa qofa osoo hin taane uummanni iyyatee qaama kana godhu kanaan nurraa dhaabadhaa jechuu qaba. Uummanni sagalee kana dhagahu waa’ee barattoota kanaa birmachuu qaba,” jedhan.

Rakkoon nageenyaa hidhattootaa fi qaamolee mootummaa gidduutti kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti mudachaa jiru kanaan akkuma Godina Shawaa Kaabaa iddoowwan Oromiyaa biroottis ta’iin walfakkaataan mul’achaa ture.

Akka Oromiyaatti sababa rakkoo nageenyaa kanaan dhibbaan barnootarra gahe maal akka fakkaatu, rakkoo kana furuufiis maaltu yaadame kan jedhurratti Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Gabaasni Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman (UN) ji’a Adoolessaa keessa baase akka mul’isutti, Itoophiyaa keessatti sababa rakkoo nageenyaatiin barattoonni miiliyoona saddeet caalan mana barumsaatiin ala jiru. Kun ammoo kan bara darbe tureerraa dachaa sadiin akka caalus mul’isa.

Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin ibsa dhiheenya kana baaseen, waldhabdee naannolee Itoophiyaa adda addaa keessa jiruun walqabatee manneen barnootaa 5,500 caalan tajaajila baruu fi barsiisuun ala ta’uu akeeke.

Sababa kanaanis biyyattii keessatti mirgi barachuu ‘haala hamaadhaan’ miidhamaa jiraachuu fi iddoowwan tokko tokkootti manneen barnootaa bakka qubannaa buqqaatota biyya keessaa ta’aa jiraachuus ibse.