Abee Dongorootti hidhattoonni Faannoo qaamolee nageenyaafi jiraattota hedduu ajjeesan

Madda suuraa, BBC
Haleellaa hidhattoonni Faannoo Jimaata ALI Hagayya 3, 2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti raawwataniin lubbuun jiraattotaafii qaamolee nageenyaa yemmuu darbu, maatiin heddu buqqa’an.
Haleellaa ganda Caruu keessatti raawwatamee kanaan namoonni 20 ajjeefamuusaanii jiraattonni BBCtti himan.
Bulchaan Aanaa Abee Dongoroo Obbo Katamaa Waaqumaa gama isaaniitiin qaamolee nageenyaa dabalatee namoonni 8 hidhattoota Faannoon ajjeeffamuu odeeffannoo qabaachuu BBCtti himan.
“Hidhattoonni kun guyyaa Jimaataa ganama sa’aa 1:00’tti osoo uummanni hirriibaa hin ka’in seenaniituma dhukaasa eegalan” kan jedhan jiraataan aanaa Abee Dongoroo nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, yeroo ammaa baqatanii akka jiran himan.
“Akkuma dhukaasa eegalaniin uummanni waan tokko osoo hinfudhatiin oyruu boqoolloo keessa dhokate. Isa baqates kaan dhaqqabanii dhukaasaan battalatti ajjeesan,” jedhan.
Jiraattuu ganda Caruufii harmee ijoollee afurii kan ta’an Aadde Nashirii She-Abdallaa immoo “mucaa waggaa 18 kan kutaa saddeet baratu, mucaa hangafaa najalaa ajjeessan” jedhan.
“Osoo nuti hirriibaa hinka’in fiigaa dhufan. Warri baqatan baqatan, wara hinbaqatin immoo balbalumarratti nama baay’ee rukkutanii ajjeesan” jechuunis himan.
Hidhattoonni kun loon jiraattota gandichaa saamuufii qabeenya ibiddaan gubuus jiraattoonni himaniiru.
“Finxaalessaatu uummata nagaarratti dhukaasa bane”
“Uummata nagaa ganda Caruurratti finxaalessatu deemee dhukaasa itti bane” jechuun haleellaa Jimaata darbee kan ibsan bulchaan aanaa Abee Dongoroo Obbo Katamaa Waaqumaa, “milishaan hamma danda’u jala dhaabbate” jedhan.
“Achirraa qaamni waraanaa Poolisiifii waraanni walduraa duubaan bakka sana seene. Sana booda dhukaasatu itti fufee.
Humni jara sanaa xiqqoo iddoo garagaraarraa waan wal waamaniif, humni nuti itti erginees baay’inni isaanii xiqqaadha. Hamma waraanan waraananii, gatii kaffalan kaffalanii, gatii kaffalchiisan,” jedhan.
Uummanni gandichaas sababa haleellaa hidhattootaa kanaan buqqa’uun ganda ollaa Gaararoo jedhamufii magaalaa aanaarra qubachuu himan.
Lakkoofsi maatii haleellaa kanaan buqqa’anis 400 ol akka ta’e Obbo Katamaan himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyichatti humni nageenyaa aanaarra jiru uummataaf birmachuu kan himan jiraattonni, hidhattoonni kun lakkoofsa olaanaa qabaachuu isaaniitiin humnootii mootummaa “rukkutanii baasuu” himan.
Hidhattoonni maqaa Faannoo jedhuun of waaman kunneen aanaa Abee Dongoroo keessatti haleellaa walfakkaataa yeroo raawwatan inni tibbanaa kan jalqabaa miti.
Baruma kana keessa ji’a Adoolessaa keessaa ganduma Caruu keessatti haleellaa raawwachuun namaafii loon butanii deemuusaanii jiraattonni BBC’tti himaniiru.
Hidhattoonni kun jiraattotuma aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa of gurmeessan akkasumas kan naannoo Amaaraarraa dhufan akka ta’an jiraataan aanaa Abee Dongoroo BBC’n haasofsiise himu.
Bulchaan aanaa Abee Dongoroo Obbo Katamaa Waaqumaas ka’umsi hidhattoota kunneenii aanaalee ollaa lama: Giddaa Ayyaanaa, Jaardagaa Jaarteefii Gudayyaa Biilaa ta’uu himu.
“Irra caalaan garuu aanuma keenya keessaatii kan isaan ka’an” jedhan.
“Gandoota nuti qabnu keessaa gandoonni torba uummata Amaaraatiin qabamee jira waan ta’eef naannoo sana keessa isaantuu yeroo baay’ee deddeebi’a” jedhan.
Kaayyoon hidhattoota kunneenii maali?
Kaayyoo hidhattoonni kun aanicha keessatti haleellaa akkanaa itti raawwataniif kan gaafanne bulchaan Aanaa Abee Dongoroo Obbo Katamaa, “Kaayyoon isaanii saba uummata Oromoo kana buqqisuudha. Naannoo Addaa gochuufis wanti isaan yaalan jira” jedhan.
Jiraataan aanichaa immoo, “godina addaa naannoo Amaaraa nu godhaa’ jedhanii gaafatu. Nuti gaaffii kana keessaa waan beeknu hinqabnu. Dhimmichi dhimma siyaasaati” jechuun kaayyoo hidhattoota kunneenii himan.
Dhimma kana kan gaafanne bulchaan aanichaa, gaafiin dhimma godina addaa ta’uun walqabatee karaa seera qabeessa ta’een dhiyaate kan hinjirre ta’uu himaniiru.
Gama biraatiin sababa hidhattoota Faannoon kunneeniin haala rakkisaa keessa jiraachuu kan himatan jiraattoonni Aanaa Abee Dongoroo ganda Caruu, yaaddoon nageenyaa qaban hammaataa ta’uu himatu.
“Mootummaanis itti hin hiille, hojiidhaafis itti jira” kan jedhan jiraataan aanichaa, “yaaddoon aamma jiru baay’ee ulfaataadha” jedhan.
Qabeenyi qaban hidhattoota kunneeniin saamamuufii manca’uu kan himan jiraattonni buqa’anii magaalaa aanaarra jiran, jireenya akka haaraatti eegaluun dirqama ta’uu dubbatan.
“Dhuguma nageenyi lafa qabatee uummanni kun jireenyasaa akka duraaniitti ni deebi’a kan jedhu sodaa guddaa qabna” jechuunis yaaddoo qaban himaniiru.
Bulchaan aanichaa gama isaaniitiin rakkinichatti furmaata waaraa gochuuf falli inni tokko hidhattoota kunneen irratti tarkaanfii fudhachuu akka ta’e eeruun, “kunis akka mootummaatti hojjetamaa jira, tarkaanfiin fudhatamaa jira” jedhan.
“Inni kanbiraa uummata ijaaruudha. Uummaticha hamma danda’ame ijaaraa jirra” kan jedhan angawaan kun, “Uummanni naannoo sana jirus akka Mootummaan Naannoo Oromiyaa jedhutti jiraachuu qaba. Poolisii Oromiyaa simatee ofitti fudhatee jiraachuu qaba” jedhaniiru.












