Itoophiyaan bunaa alatti erguurraa akkamiin sharafa biyyattiif rikardii tahe argatte?

Buna Itoophiyaa, Yirgaa Caffee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan buna biyya alaatti erguun galii isheef rikardii tahe galmeessite

Omishaalee qonnaa Itoophiyaan gara biyyoota alaatti ergituufi sharafa alaa Olaanaa irraa argattu keessaa bunni isa ijoodha.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi shaayii Itoophiyaa akka jedhutti ammoo, Itoophiyaan bara bajataa 2016 kanatti gali olaanaa seenaa keessatti argattee hin beekne alergii bunaa irraa argatte.

Daayirektara Itti aanaa Abbaa Taayitichaa kan tahan Obbo Shaafii Umar BBCtti akka himanitti, bara kana hammeentaa sharafa alaa argame qofa osoo hin taane baayyinni buna alatti ergamees daran olaanaadha.

“Buna toonii kuma 200 fi kuma 98 fi 448 ergineetu Doolaara Ameerikaa Biliyoona 1.43 arganne. Kunimmoo biliyoona erga seennee baranni waggaa sadaffaa keenyadha. Inni baranaa takkaa biyyi keenya waan argattee hin beeknedha kan arganne,” jedhan.

Sharafni olaanaan kuni akka argamuuf abbaan taayitichaa rifoormiin haaraan hojiirra oolchee fi rakkoolee mudatan saffisaan furuun ammoo hojiilee ijoo ta’uus eeran.

Alergii bunaa kana keessatti hanqinni Konteenara ittiin gara alaatti ergamuu mudachaa turuus himu.

“Dhaabbileen buna bitan konteenara yeroodhaan fiduu dhabuudhaan rakkoon mudataa ture. kana furuuf jecha yeroo hanqinni konteenaraa mudaatu poolisii federaalaa waliin ta’uun bunni toonii kuma saddeetii olii konkolaataan gara alaa akka bahu goonerra,” jedhan.

Rakkoon nageenyaa galaana diimaa irratti mudataa ture ammoo ji’oota caamsaa fi waxabajjii keessa konteenara argachuurratti haala rakkisaa yeroo uumetti bunni xiyyaaran ergamaa turuus himu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama gabaatiinis gabaa alaa Itoophiyaan buna dhiheessaafii turte keessa dorgomanii turuu fi gabaawwan addunyaa haaraa barbaadanii seenuunis alergii bunaa dabale kanaaf sababa ijoo ta’uus eeran Obbo Shaafiin.

“Gabaawwan Saawudii Arabiyaa, Ameerikaa, Jarmanii fi biyyoota Awurooppaa gabaawwan turanii fi maamila ta’ani. Kan biraa gabaa haaraa barbaaduu ture. kanaanis gabaa Chaaayina, UAE fi Sudaan keessa seenuu dandeenyeerra” jedhan.

Biyyoota Buna Itoophiyaa baayinaan bitan keessaa Sawudii Arabiyaan jalqabarratti kan argamtu yoo ta’u, Ameerikaa fi Jarman ammoo sadarkaa itti aanu qabatu.

'Torbee Buna Afrikaa' jechuun simpooziyeemiin bunaa Itoophiyaatti qophaa’ee tures fedhii buna Itoophiyaa akka dabalu taasisuus eeran.

“Warri buna baayinaan bitan 1000 ta’an biyya adda addaa irraa dhufanii bunni Itoophiyaa waan fakkaatu, akkaataa itti omishtu, kaanirraa waan adda godhu hunda hubatanii deebi’an. Kuni fedhii bittaa buna keenyaa guddaa dabale,” jedhan.

Bunni toonii hedduun biyya alaatti Itoophiyaan ergite kuni buna dheedhii fi sonni itti hin dabalamnedha.

Buna sona itti dabalame erguuf yaaliin taasifamuu kan himan Obbo Shaafiin, fedhiin warra bituu buna dheedhii waan ta’eef akkaataa yaadameen itti hin milkoofne jedhan.

Ta’us biyyoota Afrikaa tokko tokkotti buna sonni Itti dabalame erguun shaakalamaa akka jiruu fi fuula duratti waan jabeessanii irratti hojjetan ta’uus himan.

Haala nageenya biyyattii keessa ture kan ilaaleenis omishaa fi alergii bunaa irratti haalli nageenyaa dhiibbaan fide tokkolleen akka hin jirre himan.

“Yeroo tokko tokko konkolaataan buna fe’e dhaabbachuun mudachuu mala. Garuu haalli nageenyaa hojii buna alatti erguu kanarratti gufuu kana fide jennee wanti kaasnu tokkolleen hin jiru” jedhan.

Itoophiyaan bara bajataa 2017 keesattis buna toonii kuma 300 fi kuma 26 alatti erguun galii Doolaara Ameerikaa Biliyoona tokkoo fi miliyoona 800 argachuuf hojjetamaa jiraachus himan.