Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Korri TPLF borutti waame 'beekamtii hin qabu' jedhe

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa korri TPLF boru gaggeessuuf waame jedhame boordicha irraa beekamtii hin qabu jedhe.
Hoggansi TPLF kora waliigalaa gaggeessuuf dhiisuu irratti bakka lamatti wal qoodaniiru.
Bulchaa Yeroofii naannichaa Obbo Getaachoo Raddaa fi Dursaa TPLF Dabretsiyoon G/Mikaa’el (Dr) gidduuttidha.
Gareen Hogganaa TPLF Dr. Dabretsiyoon G/Mikaa’el jala jiran kora waliigalaa paartichaa bor gaggeessuun miseensota Koree Giddugaleessaa haaraa filachuuf akka jedhan himameera.
Gareen Obbo Getaachoo fi Piroofeser Kindayaa ammoo korri kun paarticha keessatti ''qoqqoodinsa jabaa uuma''jechuun mormaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa TPLF bifa addaan galmaa'uun beekmatiin isaa deebi'eeraaf jedhe.
Waraqaan ragaa beekmatii seeraa qabaachuu agarsiisus kennameeraaf jedhe.
Guyyaa beekamtii seeraa argatee fi xalayaan isa gahee kaasee kan bulu Boordii Filannoo Biyyaalessaan jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kora waliigalaa gaggeessuuf yeroo qophaa'u ammoo guyyoota 21 dursee Boordicha beeksisuun beekamtii argatee Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa taajjabdoonni argamuu qabu jedhe.
Kun kanaan osoo jiruu kora waliigalaa gaggeessuuf qophiilee barbaachisan boordichi osoo hin beekiin, osoo hin hordofiinii fi taajjabdota hin ergiin kora gaggeessun hin danda'amu jedhe.
Waggoota 50 oliif siyaasa Itoophiyaa keessatti shoora olaanaa taphataa kan ture TPLF gidduutti wal dhabdeen mudate naannoo Tigiraaytti muddama jabaa uumaa jira.
Adeemsa Kora waliigalaa paartichaa gaggeessuu fi irra deebiin Boordii Filannoo Biyyaalessatti galmaa'uu wajjin wal qabatee hoggantoota paartichaa olaanoo gidduutti wal dhabdee guddaan mudateera.
Kana irraa kan ka'e Bulchaa Yeroofii naannichaa, Itti Aanaa Dura Taa'aa TPLF tahan Obbo Getaachoo Raddaa fi Dura Taa'aa TPLF, Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el gidduutti wal qoodinsi uumameera.
Gareen Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'elii fi Fatilewarqi G/Igzaabiheriin gaggeeffamu ammoo waraana Kaaba Itoophiyaa gaggeefame hordofee beekamatii paartichaa haqamee akka deebi'uu fi Kibxata boruu irraa jalqabee ammoo korri paartichaa 14ffaa akka gaggeeffamu barbaadu.
Gama biraan gareen bulchaan yeroofii naannichaa Obbo Getaachoo Raddaa jiranii fi Pirofeser Kindiyaa jiran ammoo yeroo ammaa Korri paartichaa akka gaggeeffamu hin barbaadan.
Beekamtiin seeraa paartichaa akka deebi'uuf sanadoota Boordii Filannoo Itoophiyaaf akka galaniif gaafatamanii fi sanadoota dhiyaatan irratti gaaffii seeraa akka qaban kaasu.
Korri waliigalaa paartichaa yoo gaggeeffame miseensonni koree gidduugaleessaa paartichaa haaraan kan filaman taha.
Haala kanaan ammoo itti aanaa TPLF fi bulchaa yeroofii naannichaa tahuun bulchaa kan jiran Obbo Getaachoo Raddaa miseensummaa paartichaa keessaayyuu baafamuu danda'u.
Dilbata kaleessaa Hagayya 11 bara 2024 Obbo Getaachoo Dabalatee miseensonni Koree Gidduugaleessaa 14 kora wal qoodinsa umudha jechuun koricha irratti hin argamnu jedhaniiru.
Isaan keessaa Itti Gaafatamtuu Biiroo Siivil Sarvisii naannichaa Aadde Sablee Kahaasay, Itti Gaafatamaa Biiroo Komunikeeshinii naannichaa Obbo Radda'i Halefoomii fi Hagos Gudfaay argamu.
Miseensonni koree gidduugaleessaa kunneen osoo naannichi hin tasgabbaa'iin dabalataan buqqaatonni osoo qe'ee isaaniitti hin deebi'iin kora kana hin teenyu jedhan.
Korri akka gaggeeffamuuf barbaadame kun ''faayidaa dhuunfaaf'' yoo tahe malee uummata Tigiraayii fi TPLF balaa irra kan buusudha jedhan.
Korri amma akka gaggeeffamu yaalamaa jiru kun miseensota koree gidduugaleessaa paartichaa irraa beekamtii gahaa osoo hin argatiin tahuus himaniiru.
Dursaan TPLF ammoo kunis tahe kora kana gaggeessuun waan hafu miti jechaa jiru.
Kaleessa ibsa baasaniin kora gaggeessuuf ''beekamtii eenyuuyyuu argachuu nu hin barbaachisu'' jedhan.
Dr Dabretsiyoon yeroo pirezidaantii naannichaa turan sababa weera koroonoodhaan filannoonbiyyaalessaa darbuu hin qabu jechuun dhumarratti mootummaa federaalaa waliin waraana lubbuu miliyoona tokkotti dhiyaatu galaafatetti seenan.
Amma ammoo TPLF gidduutti wal dhabdeen bal'ataa jiru kun naannicha keessatti jeequmsa kaasa jedhamee sodaatameera.












