'Iyyata beekamtii argachuu TPLF Boordii Filannoof galche koreen giddu galeessaa hin beeku' - Obbo Getaachoo Raddaa

Madda suuraa, Tigrai Tv
''Qaamni seerummaa koo duraanii naaf haa deebi'u'' jedhee iyyanni TPLF Boordii Filannoo Itoophiyaf galche beekamtii koree giddu galeessaa dhaabichaan ala jedhan pirezidaantin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayifi dursaa ittaanaa TPLF kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa haala addaan ilaalee Jimaata, Hagayya 9, 2024 waraqaa ragaa beekamtii TPLF'f keennuu hordofeeti Obbo Getaachoo Boordii Filannoof har'a, Hagayya 10, xalayaa kan barreessan.
Dhaabni TPLF beekamtiinsaa duraanii akka deebi'uuf iyyanni galfate fudhatama akka hin qabne ibsuun haala adda ta'een akka galmaa'u murteessuu Boordiin Filannoo beeksisee ture.
Obbo Getaachon xalayaa Boordii Filannoof erganiin, waa'ee "gaaffii galmaa'uu" Koreen Giddu Galeessaa TPLF akka hin beekneefi namoonni dhuunfaa gareen gurmaa'un adeemsa dhaabichaan ala deemanii gochaa hin malle kan raawwatan ta'uu ibsan.
Boordin Filannoo gamasaan, TPLF iyyata dhiyeessun alatti akkaataa labsii partilee siyaasaa, galmeefi namuusa paatilee Itoophiyaa fooyya'ee baheetin, sanada dambii ittiin bulmaataa, maqaafi mallattoo gaggeessitoota paartichaa qabate dhiyeessuu beeksise.
Obbo Getaachon garuu "nuti sanadi mallatteessine hin jiru" jechuun "Namoonni dhuunfaa osoo nu hin hayyamsiisin kan raawwatan ta'uu beeksisaa Boordin Filannoo Biyyaalessaa galmeen namoota kanaaf kenne ragaa waliin dhahame irratti hundaa'ee waan ta'eef keessa deebi'ee akka qoratu gaafanna," jedhan.
Obbo Getaachon kana haa jedhan malee beekamtiin TPLF iddootti akka deebi'uuf xalayaan iyyataa mallattoo dursaa TPLF kan ta'an Dr. Dabra Tsiyoon Gabra Milkaa'el ofirraa qabu gaafa Adoolessa 19, 2016 ALItti Boordii Filannoof ergameera.
Akkasumas dambiin ittiin bulmaata partichaafi maqaan gaggeessitootaa xalayicha wajjin ergamee akka jiru xalayaa Dr. Dabra Tsiyoon irratti mallatteessun Boordii Filannoof ergan irratti ibsameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Getaachoo xalayaa TPLF Boordii Filannoof erge isaanifi koreen giddu galeessaa paartichaa akka hin beekne eerun xalayaa komii Boordii Filannoof kan erga yeroo gaggeessaa TPLF kan ta'an Dr. Dabra Tsiyoonifi ittaanafi pirezidaantii naannichaa Obbo Getaachoo gidduutti garaa garummaan bal'ataa dhufetti.
Paatinsaanii kora walii galaa yeroo dhiyootti gaggeessuf karoorse keessatti qooda akka hin fudhanne Obbo Getaachon kan beeksisan yoo ta'u, adeemsa paartichi itti kora walii galaa gaggeessuf itti jirus qeeqaniiru.
Marii Piritooriyaarratti TPLF bakka bu'uun kan hirmaatan keessaa Obbo Getaachon "walii galtee mootummaa diige mallatteessitee dhufte" jedhee TPLF akka isaan qeeqe dhiyeenya kana ifa godhanii ture.
"TPLF maqa baleessii qindaa'aa narratti gaggeessaa ture" kan jedhan Obbo Getaachon, "waliigaltee dhabuu keessoo, qoccolloo siyaasaa, fi sochii inni tokko eegale qamni biraa maqaa waan itti kennuuf" bulchiinsi yeroo hojii hojjachuu akka hin daneenyes miidiyaa naannichaa DWtti dubbatanii ture.
Waldhibdee bulchiinsa Obbo Getaachoo Raddaafi TPLF gidduutti dhiyeenya hoo'aa dhufe kana yaada keessa galchuun qondaalonni humnoota Tigraay ibsa kennanii ture.
"Waan nageenyafi tasgabbii uummata Tigraay goolu, akkasumas dhimmi kan ilaallatu uummata Tiraayin alatti dhiibbaa giddu seentummaa alaa cimsinee mormina.
"Walii galtee Piritooriyaa mootummaa federaalaa wajjin adeemsan hojiirra oolaa jiru bifa guutuu ta'een akka hojiirra ooluf waannurraa eegamu ni bahanna," jechuun gaggeessitoonni waraanaa humnoota Tigraay ibsa kennanii ture.












