TPLF, 'haala addaan' galmaahuu Boordiin Filannoo beeksise

TPLF

Madda suuraa, TPLF

Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay, TPLF, haala adda ta'een akka galmaa'u murtaa'u Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Dhaabbatichi qaamni seerummaa akka dhaabaatti amma dura qabaachaa ture akka deebi'uuf gaafatee kan ture ta'us, Boordichi gaaffiin sun fuhatama akka hin aragnne beeksiseera.

Boordiin Filannoo galmee dhaabichaa ''haala addaan'' raawwatame jedhe Jimaata Hagayya 9/ 2024 waraqaa ragaa galmee haaraa dhaabichaaf kennuu ibseera.

Boordichi TPLF seera qabeessa ta'ee beekamtii akka argatu kan ta'e bu'uura labsii Caamsaa darbe dhaabbilee karaa nagaa socho'aa hin turre deebisee galmeessuuf baaseen ta'uu beeksise.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalatee waggoota lamaf gaggeefamaa ture keessa paarlaamaan Itoophiyaa dhaabni TPLF dhaaba shorporkeessaa jedhame akka labsamu mirkaneessuu hordofee seera qabeessummaan dhaabichaa haqamee ture.

Waraanichi waliigaltee Piriitooriyaan goolabamuu hordofee dhaabichi seera qabeesummaasaa deebifachuuf gaaffafii dhiyeesseen Ministeerri Haqaa labsii addaa baaseera.

Dhaabichi labsii kana hordofee akka dhaaba haaraatti galmaahuu osoo hin taane kan barbaadu seera qabessummana amma dura boordichaa qabu akka deebi'uuf akka ta'e dubbii himaan dhaabichaa Obbo Amaanu''eel Asaffaa BBCtti himanii ture.

Paartichi iyyatasaa seeraqabeessummaansaa duranii akka deebi'uuf gaafatu ji'a darbe boodrdichaaf dhiyeessuus labsii haaraa bahe keessa seera-qabeessummaa duranaii deebisuu kan jedhu waan hin jirreef gaaffiinsaa kufa ata'u boordichi beeksiseera.

Labsiin dhaabichi ittiin galmaaheefi haaromee bahe keessatti ''dhaaba hokkoratti galee haqameef seera-qabeessummaa duraanii deebisuu kan jedhu waan hin jirreef seera-qabeessummaan duraanii haa deebi'u gaaffiin jedhu hin fudhanne'' jedha ibsi boordichaa.

Obbo Amaanu'eel labsii haaraa keessa seera qabeesummaa duraanii deebisuu yaadni jedhu waan hin hammatamneef seera dabalataa qopheessuuf mariin gaggeefama aakka ture himanii turan.

Dhimmicha irratti mootummaa Federaala waliin dubbachaa turuus himaniiru.

Labsiin Paarlaamaa Itoophiyaan raggaasifame dhaabni hidhannoon qabsaa'aa ture sera qabeessa ta'ee galmaahuuf karaa nagaa qabsaa'uuf waliigaluunsaa qaama adaan akka mirkaneeffamu labseera.

Fooyya'iinsi kun erga ragga'ee booda Ministeerri Haqaa xalayaa Boordii Filannoof barreesseen "TPLF gocha jeequmsa humna bu’ureffate dhaabuun, sirna dimokiraasii eegee socho’uuf waliigaluu eeruu, akka paartii siyaasaatti haala addaan akka galmaa'u gaafachuun ibsameera.

Ministeerri Haqaa ragaa kennee fi iyyata fi sanadoota TPLF dhiheesse irratti hundaa’uun haala addaatiin akka paartii siyaasaatti akka galmaa’u Boordiin Filannoo murteesse.

Obbo Amaanu'eel"Boordii Filannootti haaraa galmaa'uuf iyyachuu miti, qaama seerummaa haqame murtee siyaasaan qaamni mootummaa dhimmichi ilaallatu akka nuuf kennu barbaanna" jechuun ejjennoo paartichaa ibsaniiru.

Obbo Amaanu’el Adoolessa darbe raawwii waliigaltee Piritooriyaa wayita gamagammamu dhimmi seerummaa TPLF kun ka’e ture.

Gamaaggama kanarratti "TPLF akka haaraatti galmaa'uu osoo hin taane, akka seera qabeessummaan partichaa deebi'uufi qaba" yaadi jedhu kaafameera.