TPLF seenaasaa waggaa 50 keessatti 'qormaata isa guddaa' jedhe keessa galuu ibse

Madda suuraa, TPLF
Barkurneewwan sadiif siyaasa Itoophiyaa keessatti aangoo biyya bulchuu qabaachuufi dhiibbaa guuddaa uumuun kan beekamu TPLF, seenaasaa waggoota 50 keessatti ''qormaata isa guddaa'' ittiin jedhe keessa galee akka jiru ibse.
Dhaabichi magaalaa Maqalee keessatti yaa'ii aanga'oota olaanoo guyyootaaf gaggeessaa ture wayita goolabu ibsa baaseen paartichi rakkoowwan walxaxoo hedduuf saaxilamuu hime.
Ibsa baase keessatti koree gidduugaleessaa keessatti ''aantummaa uummataa dhabuun fayidaa dhuunfaaf socho'uun waan baayyateef'' qindaa'anii hojjechuun akka hin dand'amne beeksise.
Rakkoon koree giddugaleessaa keessatti isa mudate ''gareen wal ijaaruu, faallaa dimookirasii ta'uu, gandummaa, ilaalcha ana malee jedhuufi malaammaltummaa'' ta'uu ibseera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalamuu booda, paartichi dhaaba shororkeessaa jedhamee labsamuun, beekamtiin Boordii Filannorraa qabu mulqamuu fi qabeenyisaas dhaalamuun paartichaaf dhumateera yaada jedhu kaasee ture.
Haata'u malee waliigaltee Piriitooriyaa waraanichatti xumura godhe booda, paartichi naannoo Tigraay bulchuu itti fufee, mootummaa federaalaa waliinis hariiroo qabu suuta cimsaa jira.
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay(TPLF) shorokeessaa jedhamuun isaa akka hafu labsiin baheera. Paartichi deebi'ee Boordii Filannootti akka galmaahus Ministeerri Haqaa sochiirra jira.
Paartichi rakkoo keessoosaa wayita ibsu mootummaan federaalaa dhaaba seerawaa ta'uusaaf beekamtii akka kennuuf gaafateera.
''Rakkoon koree giddugaleessaa keessatti uumame ba'aa ulfataa akka baadhu na godhee jira'' jedha ibsi dhaabichaa.
Paartichi dhuma bara kanaa dursee yaa'ii waliigalaa akka gaggeessuufi kaayyoon isaa jireenya dhaabichaa mirkaneessuu akka ta'es beeksise.
Gareen yaa'iin waliigalaa kun akka hin gaggeeffamne barbaadu jiraatus yaa'ichi gaggeeffamuurraa akka hin hafne ibse.
Paartichi qabiinsa fi fayyadama albuudota gatii qaaliirratti rakkoon jiraachuu himeera.
Yaadni kun kan ka'e aanga'ootni olaanoo siiviiliifii kan waraanaa daddabarsaafi daldala seeraan alaa albuudota gatii qaalii keessatti gahe qabaachuun gabaafamuu hordofeeti. Maqaa inveestimeentiin saamichi lafaas raawwatamaa akka jiru ibsameera.
TPLF qabeenya naannichaarratti to'annoon akka godhamuufi naannichis irraa akka fayyadamuu nan hojjedha jedheera.












