Saamichaafi ukkaamsuu jiraattota magaalota Tigraay yaaddessaa jiru

Naannoo Tigraayitti labsiin yeroo muddamaa labsamuu baatullee, namoonni hedduun galgala sa’aa 12 booda manaa hin bahan.
Kan biraa hafee, yaaddoo nageenyaa qaban irraa ka’uudhaan jiraattonni, yoo miidhaan ollaasaaniirra gahu ykn yoo saamamanii iyyatanilleen hin barmatan.
Jiraattonni hedduun taatee daa’immaniifi dubartoota butuu, miidhaafi du’a yeroo garaagaraa naannichatti mudatuun yaaddoo keessa seenuu dubbatu.
Obbo Waldayyas, "guyyaa guyyaan ijoolleenkoo mana barnootaa dunkaanaa keessa oolanii nagaan galuu laata jedhee yaadda’aan oola. Akka gurrikoo waan hamaa hin dhagneenyen kadhadha," jechuun yaaddoo keessa jiran BBCtti himan.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti mudate hordofee Lixa Tigraayirraa buqqaafamuun Magaala Shiree keessa kan jiran Obbo Waldayyas, wayita gara naannichaa yeroo garaagaraa dhaqan keessatti yaaddoon nageenyaa jiraachuu hubachuu dubbatu.
“Magaalota akka Shiree, Addii Daa’iroofi Shiraarootti saamichiifi nama ukkaamsuun ni raawwatama. Tibba sooma Faasikaatti namni tokko manaa yoo ukkaamfamee fudhatamu argeera. Hanga ammaattis eessa buteensaa hin baramne. Namoota konkolaataa dhufatiin kan butames jira Shiraarootti. Garuu ammoo qaamni kana hordofee odeeffannoo kennu hin jiru,’’ jedhu.
BBC Tigrinyaa dhimma kanarratti yaada argachuuf Ittaanaa komishinara Komishinii Poolisii Naannichaa bibilaan argatee gaaffii dhiyeessuulleen, walitti dadabarsuun deebii kan kennuu dhabeera.
Aanga’aan dhimmichi isaan ilaallata jedhaman Janaraal Taaddasaa Masarat yeroo adda addaatti walgahiirra akka jiran dubbachuun deebii osoo hin kenniin hafan.
Yaaliin biiroo Nageenyaafi Tika naannichaarraa odeeffannoo argachuuf taasifames osoo hin milkaa’iin hafeera.
Odeessi kunis odeeffannoo jiraattota magaaloota naannichaa shan keessa jiraatan, maatii kanneen saamichiifi ukkaamsamuun irra gaheefi maqaasaanii nageenyaaf jecha hin eeramne irratti hundaa’un barreeffame.
'Hawaasa daangaa yeroo sochii ofirratti labse'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo ammaatti naannichatti essa buuteensaanii kan dhabameefi ergaan nu barbaadaa jedhu miidiyaa hawaasaarratti baayyiinaan yoo qoodamu mul’ata.
Qaamooleen nageenyaa naannichaa garuu odeeffannoowwan kanneen irratti hundaa’uun, sababii namoonni kunneen ittiin badan irratti ibsa yoo kennan hin argaman.
Miiliyoon Taklaay obboleettiishee kan wagga 16 baatii lamaan dura magaalaa Adawwatti butamteen dhiphina cimaa keessa seenuu dubbatti. Sababii kanaan manaa bahuus ta’e namoota amanuu rakkaachuu BBCtti himte.
Miidhamtuun ALI Bitooteessa 2016 mana barnootaan deema jettee erga manaa baateen booda, hanga har’aatti eessa buuteenshee akka hin baramneefi qaamooleen butan jedhamanii shakkamanis akka hin baramne dubbatu maatiin.
"Poolisiin hojjataan jira garuu madda in arganne jedhe,’’ jetti Miiliyoon. Sababii kanaatiin maatiin rakkoo keessa galuus himti.
‘‘Qofaa socha’uu nan yaadda’a. Ijoolleen qixusuukoo manaa bahuu hin barbaadan. Namni daandiirratti agarru hundi kan daba nutti yaadu nutti fakkaata."
Barattuu Maahilet guyyaa butamtetti maatiitti bilbilla bilbilamuun hiiksisuudhaaf ‘‘birrii miiliyoomna sadii’’ akka kaffalaniif akka itti himame yeroos BBCtti himanii ture.
Itti-gaafatamaan Nageenya Magaala Adwaa Obbo Tasfaay Gabrayohaannis guyyoota darban ibsa miidiyaa naannichaatiif kennaniin, shakkamtoota poolisiin to’annoo jala oolche jiraatanilleen, dhimma Maahiletirratti hanga ammaatti odeeffannoo argachuu akka hin dandeenye ibseera.
Taatee Maahiletiin walqabatee jiraattoota magaalaa Aksuumirratti yaaddoo uumuu jiraattonni BBCtti himan.
Magaalattii keessatti torbanitti yoo xinnaate miidhaan saamichaan walqabate nama lamarra akka gahu dubbatu.
‘‘Sa’aa 12 kaasee bilisaan socho’uun hin danda’amu. Bariin gara bataskaanaa deemuun hin danda’amu. Maallaqa qabatanii eddoodhaa gara eddootti socho’uun ulfaataadha. Akka waan daangaan sochii itti taasian labsameetti yeroodhaan manatti galtee taa’uu qofaadha carraan jiru,'' jedhu jiraataan magaalattii Barsiisaa Muluu Taxamqaa.
Haalli kun rakkoolee hawaasaafi diinagdee qaqqabsiisaa jiraachuu kan himan jiraataan kun, keessattuu gochaan namoota butanii maallaqa olaanaa gaafachuu dhiibbaa xin-sammuufi diinagdee dabalaa jira jedhan.
"Namni butame oduu jedhu yoo dhageessu sammuunkee boqonnaa hin argatu. Barattoonniifi ijoolleenkoo yoo guyyaaffatan nan jeeqama. Adwaatti sababii mucaa baddee kanaatiin kan irriiba dhabe baayyeedha," jedhu.
Jiraattoota BBC magaalaa Maqaleerraa dubbise, haleellaafi saamichi maatii, ollaafi waahillan isaanii irra qaqqabeen, miidhaan qaamaafi du’aatiin qaqqabuu akka hubatan dubbatu.
Barakat Haayilee Roobii darbe nama dhukkubsate hospitaalatti gaafachuu wayita deemtetti, saamtootaan mataasaarra garmalee nama miidhame argu dubbatti.
"Namni kun qarshii kuma 50 saamamuufi wallaansaaf hanga ammaatti birrii kuma 70 ol baasuu natti hima. Sababii kanaatiin qabeenya qofaa osoo hin taane jireenya hawaasaa maratuu jeeqamaa jira," jetti.
Namni Tsagaay jedhamu BBC dubbise biraas, magaalattii keessatti rakkoon nageenyaa cimaan jiraachuu kaasuun, saamichiifi rakkooleen kana fakkaatan akka “weeraraatti” baballachuu dubbatu.
“Hawaasni daangaa yeroo sochii ofirratti labseera. Sababiinsaa rakkoon yoo si mudatu qaamni si qaqqabu hin jiru. Waahilli kiyya tokko sa’a 11 irratti gara manaa osoo deemaa jiruu namoota afuriin daandiirratti miidhaan irra gahe. Du’eera jedhanii mana fincaanii biratti gatanii deeman," jedha.
Miidhamaan kun namoota miidhaa irraan gahan akka to’ataman taasisulleen, “wabii qarshii kuma 20n" bahusaanii Obbo Tsagaay ni dubbatu.
Waraana naannichatti mudatee tureen kan lixa Tigraay irraa buqqaafaman Obbo Waldasilaaseen gamasaaniitiin, haalli nageenya naannichaa kan tasgabbiin hin agarsiifneedha jedhan.
“Amma abbaa fedhetu butee si fudhata. Qaamni nageenyaa si tiksu hin jiru. Ho'isuuf osoo hin taane…haalli nageenyaa baayyee dadhabaadha. Yoo iyyattees maal goonaree siin jedhu.‘‘
Namoonni yaadasaanii BBCf kennan kunneenis rakkoon nageenyaa naannichatti babal’ate daa’imman, dubartootaafi maanguddoota balaaf saaxilaa jira jedhu.
“Yeroonsaa kan dubartoonni hojii turanii nagaan itti galan miti. Rakkoolee akka dubartoota butanii fudhachuun erga gudeedaniin booda guyyootaaf tursiisuutu mul’ata.‘‘

Qaamoolee nageenyaarratti amantaa dhabu
Jiraattonni BBC dubbises, yeroo ammaatti hawaasichaafi qaamoolee nageenyaa jidduu walitti dhufeenya gaariin akka hin jirre akeeku.
“Olaantummaan seeraa hafee miira eenyutuu nu baraara jedhutu bal’ataa jira. Poolisiin ramadamus kan waraana keessatti hirmaateefi gara caasaa nageenyaatti seene malee kan leenjii gahaa fudhachuun bobbaafame natti hin fakkaatu," jechuun qeequu Obbo Tsagaay.
Haaluma walfakkaatuun magaalaa Addigiraat keessattis rakkoon nageenyaa hamaan jiraachuu kan dubbatan Aadde Amiiti Gabrayasuus, kun buqqaattii bal’aa naannichatti argamu, walta’insa hawaasni qaamoolee nageenyaa waliin qabu laafuun rakkinicha akka cimse amanu.
“Waraanaan dura hawaasni miira tasgabbaa’aafi haala hawaasummaafi diinagdee tasgabbaa'atu ture. Amma garuu qor-qalbiin hawaasichaa miidhameera. Haalli jireenyaasaa miidhamaadha. Kana keessa ta’e qaama nageenyaa waliin wal ta’uuf haamlee ni qabaata hin jedhu.
Jiraataan magaalattii biraa Obbo Fitsum gamasaanitiin, haleellaawwan meeshaalee qara qabanii garmalee babal'achuu kaasuudhaan, kana fooyyeessuuf hawaasni yaalii taasisuun barbaachisaadha jedhu.
“Yaaddoon kun kan raakkooleen wal qabatan uuman ta’uu mala. Mootummaannis kanneen waraana irraa deebii’aniif leenjii kennuu, tasgabbeessuufi dargaggootaaf hojii uumuu qabu," jedhu.
Madda rakkinichaarratti maal jedhame?
Naannichatti rakkoolee nageenyaa namoota dhuunfaan umamaniin alattis saamichi haala ijaarameen raawwatamuu, butuufi reebiichi bal’inaan jiraachuu bulchiinsi naannichaa ibsuunsaa ni yaadatama.
Pirezidantiin yeroo naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaa, naannichatti qaamooleen Ertiraa namoota danquudhaan maallaqa gaafachaa jiraachuu dubbatanii ture.
Kunis ‘‘haguuggii qaamolee mootummaati jedhuun kan raawwatamuudha’’ jechuun, haala odeeffannoo biiroon haqa naannichaa walitti qabeen, manneen hidhaa mootummaan hin beekne jiraachusaanii ibsa bara darbe haala nageenya naannichaarratti kennaniin kaasanii ture.
Rakkoon nageenyaa naannichatti mullatu kan siyaasaan wal qabate ta’uu kan kaasan Obbo Geetaachoon, namoota kufaatii bulchiinsa yeroo barbaadaniifi qindoominaan socha’an jiru jedhan.
Bulchiinsi yeroos walgahii xinxilaa yeroo garaagaraatti taasiseen, haalli saamichi seera qabeessa itti ta’e umamuu ibsuudhaan, daddabarsa seeraan alaa namootaafi meeshaa waraanaa, albuuda baasuu seeraan alaafi barbadaa'uu bu’uuraalee misoomaafi kontirobaandiin babal’achuu kaaseera.
Mootummaan qaamoolee gochaa kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhataan jira jedhulleen, hanga ammaatti lakkoofsi namoota tarkaanfiin irratti fudhatamees ta’e eenyummaansaanii ifa hin taasifamne.
Hayyuu Quunnamtii idil-addunyaa kan ta’an Obbo Bisiraat Amaaree, naannichi erga waraana ‘‘baayyee hamaa’’ jechuun ibsan keessaa bahee booda, diigamuu nageenyaafi rakkoo diinagdeetiif saaxilamuun waanuma tilmaamudha jedhu.
Haata’u malee, ammatti yaaddoon nageenyaa jiraattotarra gahaa jiru kan daangaa darbedha jechuun, dhimmoota kanaaf sababa jedhan sadii kaasaniiru.
Tokkoffaan, paartiin naannicha bulchaa ture TPLF kan ijaare humni poolisii sababii waraanaatiin diigamusaati jedhu.

Madda suuraa, Family
“Kun dhaabbata cimaa ture. Haata’u malee, caasaan isaanii aanaarraa kaasee hanga gubbaatti akka diigamu taasifame. Kunis rakkoo nageenyaafi tikaa amma mudate furuuf gahee olaanaa qaba ture," jedhan.
Tibba waraanaatti aangootti deebi'ee kan ture hoggansi dura taa’aan TPLF, Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’eel, ALI baatii Caamsaa 2014 keeessa walgahii ummataa tokkoorratti argamuun, gaaffii hawaasaa ‘‘sadarkaa nageenya keenyaaf yaaddoofnurra geenyeerra’’ jedhu fudhatanii ture.
Gaaffiin ummatarraa dhiyaateera jechuudhaan poolisii waraanaan dura tajaajila kennaa ture bakkasaatti deebiisuun akka hin danda’amnes kaasanii ture Dabratsiyoon.
‘‘Hunda dura kan nu hale pooliisiidha. Dursa qabsaa’i jenneen. Isaan garuu Badhaadhina waliin hiriiran. Dhuunfaan osoo hin taanee akka dhaabbataatti nu ganan‘‘ jechuun dubbatan.
Sababii kanaatiin caasaa poolisii naannichaa diiguu ibsuudhaan, ‚‚kann ture deebiifnee hin galchinu. Gubbaa hanga dakaatti haaraadhaan bakka buufne‘‘ jechuunsaanii ni yaadatama.
Tarkaanfiin kunis caasaa nageenyaatti qaawwii guddaan akka banamu sababa ta’eera kann jedhan Obbo Bisiraat, Tigraay “paartii malee mootummaa ta’e hin beeku. Kanaaf, paartichi poolisiin kankooti waan hin jenneef, na hin hordofne jechuun kan diige. Naannichi mootummaa kana dhaabu hin qabdu turte‘‘ jedhan.
Sababiin gara biraa ammoo, qaamooleen akka mana murtii fi abbaa alamngaa kann haala kana ni furu jedhamanii eegaman, yeekkamtoota hiikaa jiraachusaaniti jedhu.
“Haalli nageenyaa Tigraay sadarkaa kanarra akka gahu kann taasise qaama hin argamneedha. Waliigaltee Piritoriyaatiin booda bulciinsi yeroo ni ta’e erga jedhameen booda paartichi humnoota biraa waliin ta’un mootummaa diiguuf hayyamammaa hin turre. Kunis saamicha aangoofi walitti bu’iinsa uumeera.‘‘
Sadarkaa sadaffaarratti ammo, ‘‘gareen maallaqaa‘‘ qabeenyaa naannichaa mi’a xiqqaa hanga qabeenyaa gurguddaa saaman, ajajoota naannichaa, abbootii qabeenyaa fi namoota dhuunfaa dabalatee kanneen dantaadhaan hidhata ummatan umamuu akka sababaatti kaasu.
Qaamni kunis ‘‘bulchiinsi yeroo akka boca mootummaa hin qabaannee qabsaa’aa jira. Namoonni gaaffiin itti gaafatamummaa irratti ka’u achi keessatti argamu. Humni hidhateefi hawaasni rakkoo kaan baatee akka deemu taasisan heddun bakka garaa garaatti bittiinaa’anii jiru. Diinni mummee waggoota 30’f muxannoo saamichaa horate qabachuun Tigraay irra qubate. Kunis adda qoodameera’’ jechuun rakkinichi caasaa qabaachu kaasu.
Rakkooleen kunneen hanga furamanittis, qaawwii nageenyaafi tasgabbii waraana wagga lamaaf naannichatti gaggeeffameen booda cime, naannicha burjaajeessaa jira jedhu hayyuun kun.












