Hojii basaasaa: Raashiyaan maaliif saayintistotashee hidhuu eegaltee?

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin yeroo baayyee biyyisaanii meeshaa waraanaa hayipersoonikii kan saffisa sagaleetiin dachaa shanii ol imalu hojjechuudhaan addunyaa dursaa jirti jechuun boonuun dubbatu.
Haata’u malee, erga yeroo dhiyootiin as saayintistoonni Raashiyaa kalaqa kana duuba jiran biyya ganuudhaan hidhamaniiru. Gareewwan mirga namaaf falman ammoo tarkaanfii kana akka hinaaffaa garmalee ta'etti ilaalu.
Namoonni hidhaman kunneen harki caalaan isaanii maanguddoota yoo ta'an, amma sadan isaanii du'aniiru. Tokkonsaanii kaansariidhaan sadarkaa dhumaarra osoo jiruu siree hospitaalarraa fudhatamee yeroo muraasaan booda du'e.
Hayyuun wagga 68 Vilaadilaavaa Gaakiin ammoo kibba Raashiyaatti mannisaa Tomiskii keessa jiru Ebla 2023 humnoota nageenyaatiin weerarame.
Hidhattoota haguuggii gurraacha ufatanitu sa’aatii 04:00 irratti kan itti ergaman yoo ta’u, waraqaa foormulaa saayinsiirratti barreeffame qabatanii akka turan firri isaanii tokko dubbataniiru.
Haatii waarraa Mr Gaakiin,Taatiyaanaa, ijollee ijoolleesaanii – kanneen isaan waliin cheezii taphachuu jaallatan waliin- hojiif akka imalaa jiru itti himtee ture jetti. Tajaajilli nageenyaa Raashiyaa FSBn waa'ee dhimma isaa akka hin dubbanne dhorkeera jetti.

Madda suuraa, Kolker family
Bara 2015 irraa kaasee saayintistoonni 15 to’annoo jala oolfamaniiru. Hundisaanituu kan teknolojii hayiparsoonik waliin hojjatan ykn kan dhaabbata tekinoolojicha waliin hojjatan waliin walitti dhufeenya qabaniidha.
Hundiisaaniitis yakka biyya ganuutiin himatamaniiru. Kunis icciitii mootummaa biyyoota alaatiif dabarsuu dabalata.
Raashiyaatti himannaawwan biyya ganuu dhaddacha cufaarratti ilaalama. Sababii kanaatiin qabiyyee himannaasaanii sirriitti baruun hin danda’amu.
Raashiyaan ‘‘himannaawwan baayyee cimaa waan ta’aniif’’, akkasumas tikni waan keessatti hirmaatuuf yaada dabalataa kennuu hin danda’u jette.
Hiriyyoonniifi abbookaatoowwan raayyaa ittiisaa garuu hayyoonni kunneen gabbisa meeshaa waraanaa keessatti hin hirmaannee jedheera. Qabiyyeewwan himannichaa tokko tokkos qorattoota biyya alaa waliin ifatti wal ta’uurratti ta’uu danda’a kan jedhan jiru.
Qeeqxoonni garuu FSB basaastonni biyya alaa icciittiiwwan meeshaa waraanaa argachuudhaaf yaalaa jiru miira jedhu uumuu barbaada jedhan.
Odeessaalee walfakkaatan dubbiisuuf:
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Meeshaaleen hayiparsoonkii jedhamanis kan saffiisa olaanaadhaan imalaniifi miisaa’eloota osoo imalarra jiranis kallattii jijjirrachuun ittisawwan qilleensaa jalaa miliquu dana’aniidha.
Raashiyaan waraana Yukireen irratti bante keessatti hayiparsoonkii gosa lamaa akka fayyadamte dubbattee jirti. Kan jalqabaas kan xiyyaara irraa dhukaafamu Kiinzihaal yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo miisaa’el zirkoon Kiruuziidha.
Yukireen misaa’eloota Kiinzihaal tokko tokko rukkuttee kuffisuu dubbachuun ishee dandeettii meeshichaarratti gaaffii kaaseera.
Raashiyaanis gama tokkon tekinolojicha cimsaa gama biraatiin ammoo hidhaa saayintistootashee itti fuftee jirti.
Gaakiin erga hidhamanii booda saayinsittiistiin qorannoowwan hedduu isa waliin barreessan Vaalarii Zaveeginseevim guyyaa walfakkaatuutti mana murtiitti dhiyaatanii ture.
Maddi oduu mootummaa Tass maddeensaa eeruudhaan akka gabaaseetti, Zaveeginseev kan hidhaman barreeffama bara 2021tti barruu Iraan irratti baasaniin ta’uu danda’a jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Barreeffama barruu sanarratti maxxanfameefi waa’ee xiyyaaroota saffisa olaanaa qaban ilaalchisee barruu tokkorratti baheerratti maqaan Mr Gaakiin fi Mr Zavegiintseev, lamaan isaaniiyyuu maqaan isaanii eerameera.
FSBn bara 2022tti ture kan miiltoowwan lama dhaabbata Mr Ziveegintseev kan to'annoo jala oolche. Isaanis daayreektarri isaafi ittigaafatamaa laaboraatoorii duraanii oomisha aerodynamics saffisa guddaa irra hojjetu ture.
Hojjettoonni Inistiitiyuutii Ti'oorii fi Appilaayid Meekaaniksii (ITAM) xalayaa banaa barreessuun waahilllan isaanii sadan hidhaman ifatti deeggaran.
Barreeffama amma marsarii dhaannatichaa irraa haqameen, hojjattoonni kunneenis kan ‘‘bu’aalee saayinsii dinqisiisaan’’ beekkamanii fi ‘‘kan yeroo hundaa bu’aa biyyasaanitiif amanamoo ta’uun itti fufan’’ jechuun ibsan.
Odeeffannoon ifatti qoodanis odeeffannoo icciitii akka hin turre irra dedeebiin ilaalame sarba omaa akka irratti hin argamne himameera.

Madda suuraa, ITAM
Abbookaatoo dhaabbata Mirga Namoomaa Raashiyaa fi Seeraa kan ta’an Yevigeenii Ismiirnoov, ‘‘Hayiparsoonikiin mata duree namoota hidhaatti darbachuuf sababa ta’eedha’’ jedhan.
Mr Ismiirnoov bara 2021tti Raashiyaa irraa gara Piraag imaluun achi jiraachuu osoo hin eegaliin dura, saayintistootaa fi namoota biroo gantummaan himatamuun mana murtiitti dhiyaataniif falmaniiru. Boodarras sababii hojiisaanii irraa kanaatiin sodaachuun biyyaa baqatan.
Saayintistoota keessaa tokkoon isaanituu dame ittisaa waliin walitti dhufeenya omaatu aakka hin qabne dubbataniiru.
‘‘Kun waa’ee rookkeettii hojjachuu osoo hin taanee qorannoo waa’ee adeemsa qaamooleeti’’ jedhan. Argannoowwanis kanneen meeshaa waraanaa tolchan itti fayyadamu danda’u.

Madda suuraa, Tomsk Polytechnic Institute
Hidhaan kan jalqabiin waggaa muraasaan dura Vilaadimiir Laappiijiinidhaan. Amma maanguddoo wagga 83 yoo ta’an, bara 2016tti hidhamanii wagga afur booda dhiifamaan gadi lakkiifaman.
Waggoota 46f ejjansii Hawwaa Raashiyaa keessatti dhaabbata qorannoo mummee Siniimaash keessa tajaajilaniiru.
Laappiijiin sababii sooftiweer Aroodaayiinaamiiksii Chaayinootaaf erganitiin himannaan irratti dhiyaate. DHaabbaticha bakka bu’uudhaan paakeejii guutuu gurguruu yaaduudhaan kutaa muraasa isaa erguu amananiiru.
Odeeffannoon erganis odeeffannoo Icciitii omaatu akka hin qabne dubbatan.
Kanneen Hayiparsoonikii waliin wal qabatee ta’otaman hundi ‘‘meeshichaa oomishuu waliin hidhata omaatuu hin qaban’’ jechuun BBCtti himan Laappiijiin.
Saayinsii Dhaabbata leezar fiziksii Saayibeeritaatti argamu kan ta’an Diimiitirii Koolkar hayyuu hidhaarratti argaman kan biraati. Bara 2022tti dhukkuba kaansarii daranyootiin osoo hospitaala keessa jiranu to’ataman.
Kan to’atamanis haasaa Chaayinaatti taasisaniin wal qabateeti jedhu maatiinsaanii. Qabiyyeen isaan dhiyeessan garuu SSB fi bakka bu’aa waliin imalaniin fudhatama argatee ture.
Kolkar to’atamanii guyyaa lammaffatti umurii 54tti du’aan boqatan.

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistoonni dsaarkaa idil-addunyaatti barreeffamoota maxxansiisuufi wal taatoota biyya alaa waliin wal ta’uun irraa eegama. ‘’ FSB ammo saayintistoota biyya alaa waliin wal arguufi barruullee irratti barreessuun biyya ofii ganuudha jedhee yaada’’ jedhan.
Saayintisoonni Ayiitaamis miisa wal fakkaatu qabu. ‘‘Hojii keenya attamiin akka itti fufnuu hin beeknuu’’ jechuun xalayyaasaanii irratti kan barreessan.
‘‘Kan har’a ittiin badhaafamne… boruu sababa himannaa yakkaa nutti ta’a.’’
Saayinisitoonni dameewwan qarannoo tokko tokko keessatti hirmaachuuf akka sodaatan, dargaggoonni dandeettii qabanis saayinsii irraa fagaataa akka jiran barameera.
Xalayichi deeggarsa ummataa hin baramne ture. Dhaabbileen saayintistoonni jalaa hidhaman garuu yaadni kenne omtu hin jiru.

Madda suuraa, Reuters / Russian defence ministry
Dhimmoonni kaan ammo walita’insa idil-addunyaatiin wal qabata.
Dhimmicharratti kan hojjatan Simiirnoov akka dubbataniitti, qorannoon saayinistoota biraa lamarratti gaggeeffame, kan pirojaktii dhaabbata xiyyaara haayiparsoonikii siviil dhaabbata Awurooppaa Heekfilaay jedhamun wal qabatudha.
Pirojaktiin amma xumurame, ejjansii Hawaa Awurooppaatiin durfamee bara 2012tti eegale ture.
Ejansichi BBCtti akka himeetti, ‘‘haaluma waliigaltee qaamoolee Raashiyaa fi Awurooppaa jidduutti taasifameetiin walijjijjirraan deeggarsa teeknikaa fi odeeffanno dursee taasifameera’’ jedhan.
Manni Murtii Waliigala Raashiyaa dhimmi tokkoosaanii irra deebi’amee haa ilaalamu jedhulleen, saayitistoonni lamaanu waggaa darbe hidhaan wagga 12 itti murtaa’e.
Akkasumas qorannoo erodaayinaamiksii konkolaataan hawwaa gara naannoo dachiitti deebiisanii galchuun wal qabatees hidhaawwan biraa tureera.
Qorannichis Gamtaa Awurooppaatiin deeggaramuun kan dhaabbata Voon Kaarmaan Filuud Daayinaamiiksi, Beeljiiyeem keessaatiin gaggeeffamu ture.
Qorattoonni FSB, saayinitistoota keessaa tokko Viiktoor Kudiiriiyaavitiseev qorannoo gara Dhaabbata Voon Kaarmaan’tti erge keessa bubbee waraanaa kan fakkaatu boci qara fakkaatu isaan yaaddeessee akka ture, abbaan warraasaanii kan jalaa du’an Olgaan ibsaniiru.
Sagantaa bara 2011 hanga 2013tti tureen, ‘‘qorannoo waraanaa akka hin hammanee kaa’eera’’ jedha dhaabbatichi. Garee Kuudiriyaa Visteev’tti ‘‘ragaa odeeffannoo icciittii agarsiisu omaa argachuun hin dana’amne’’ jedhan.

Madda suuraa, Shiplyuk family
Gareewwan mirga namoomaatiif falmais, waanuma wal fakkaatuun irra deddebii’aa jiraachu hubatan. Simiirinoov akka dubbataniitti, qondaaltoonni FSB kan dhimma icciitii hayiparsoonikii dabarsanii kennuu kaasan, ‘‘fedhii aanga’ootaa guutuudhaaf’’ ta’u dhuunfaan akka itti himan beeksiisaniiru.
Basaastoonni FSB ‘‘fedhii Puutiin guutuudhaaf’’ miira basaastoonni biyya alaa icciitiiwwan misaa’el Raashiyaa adamsaa jiru kan jedhu kennuu akka barbaadanis ni amanu.
Dhimmoonni kunneenis ifa kan taasifaman yeroo himannaawwan biyya ganuu bal’inaan dhagahamaa jiruttiidha.
Hojii hidhamtoota siyaasa Raashiyaa deeggaru kan dursan Sargeey Deevediis keessattuu erga Raashiyaan Yukireen weerarteen booda, ‘‘haalli qilleensa basaasaa fi loogii umameera’’ jedhan.
Dhaabbanisaanii Raashiyaa keessa akka hin sochooneef erga dhorkameen booa, Liitiweeniyaa taa’udhaan yaadasaanii kan qoodan Deeviidiis, FSBn hojjataa jiraachuu mul’isuuf ‘‘dhimmoota istaastikii riippoortii ittiin dhiyeessuu akka uumuu’’ akka amanan dubbatan.
Hidhaa saayinitistoota irratti raawwatamu duubas sababiiwwan gara biraa jiraachu akka malan amanu. Fakkeenyaaf, komii Kireemiiliin saayinitistoota dorgommii caalbaasii mootummaa ykn haayiparsoonikii keessatti hirmaatan hundaa irratti xiyyeeffate ta’u danda’a.
Simiirnoov itti dabaluudhaan, FSBn yeroo tokko tokko shakkamtoonni yoo amananii fi warra kaan yoo saaxilan murtee gadaanaa itti kenna jedhan.
Kadiryaaseev balleessaa isaanii amanuudhaan warra kaanis kan saaxilan yoo ta’e murteen salphachuufii akka danda’u akka itti himamee haatii warraasaanii dubbataniiru.
Garuu hayyamamoo hin taane. Osoo murteen itti hin kennamiin dura bara 2021tti umuriisaanii waggaa 77tti kaansarii sombaatiin du’an.

Madda suuraa, Bauman Moscow State Technical University
Janaraalli FSB, Aleeksaandaar Miikaahiiloov FSBn ‘‘iccitummaa teknolojii loltummaa mirkanneessuu qaba’’ jedhan.
Murtee cimaa akka hidhaa wagga 14 kan baatii Caamsaa keessa saayinitistoota ITAM sadan keessaa tokko kan ta’an, Anaatoolii Maasiloov irratti murtaa’e sana dabarsuuf, ''sababni guddaan'' jiraachuu akka qabu ''shakkii tokko malee'' dubbata.
Jeneraal Mikhaayiloov itti dabaluudhaan, himannaan biyya ganuu yeroo ammaa kana baay’achuun isaanii bu’aa babal’ina bilisummaa fi dimokiraasii bara 1990moota keessa ta’uu dubbata.
Kunis jijjiramni ilaalcha bara Sooviyeet akka umamuuf sababa ta’eera jedhan.
Itti dabalunis, ‘‘namoonni tokko tokkoos baayyee dubbachuudhaan odeeffannoo yoo baasan argamaniiru.’’
Gaakiin gama ilaallatuun, erga bakka butoonni haguuggii uffatan manasaanii dhaqanii wagga tokkoo ol ta’eera. Baatiiwwan jalqabaa sadiif qofaatti hidhamanii dabarsuu maatiinsaanii dubbataniiru.
Taatiyaanaan kutaalee of ilaalii keessa taa’uun bilbilaan isa dubbisuun akka danda’amu dubbateera. ‘‘guyyaa guyyaadhaan achi ta’u yaaduudhaan’’ isas akka hidhaniif gaafachuudhaaf yaadanii ture.
‘‘Mana hidhaa murteen duraa wal fakkaatu keessa akka na kaa’an gaafachuun danda’a. kana barbaachisu nama tokko shakkuu qofaa waan ta’ef, kunis baayyee salphaadha.

Madda suuraa, Lefortovo court press service
Saayintistoota Raashiyaatti hidhaman kan biraa:
- Aleeksaandar Shiipiluuk, kan umuriin wagga 57 fi daarektara ITAM- kan bara 2022tti hidhamuun murtee eeggataa jiran.
- Aleeksaandar Kuraanoov, Dhaabbata qorannoo Saayinsii St. Piitarisibargiitti daareektara duraanii sirna haayiparsooniikii. Bara 2021tti to’atamuun hanga 2024tti waggaa torbaaf kan hidhaman.
- Roomaan Koovaaliiv, waahiila Vilaadmiir Kudiriiyaavisev kan turaniifi bara 2020tti hidhaan wagga torbaa itti murtaa’un garuu bara 2022 du’aan kan boqatan.












