Dubartoota Tigraay akkuma bahanitti hafanii fi haqa barbaadaa jiran

Naannoo Tigraayiitti ajjeechaa, ukkaamsuufi miidhaan saala bu’uureffate sadarkaa yaadessaa irra gahuu maatiiwwan miidhamtootaafi falmitoonni mirga dubartootaa ibsaa jiru.
Maqaleetti baatiiwwan 11 darban keessa dubartoonni 12 ta’an ajjeefamuu Komishiniin Poolisii naannichaa BBCtti hime.
*Akeekkachiisa: Odeessi kun qabiyyee miira isin jeequ qaba.
Dhuma bara darbeerratti Godina Baha Tigiraay Magaalaa Adigiraat keessa jiraattuu kan turte dubartiin wagga 44, Adaanash Abirhaa, reeffiishee magaalicharraa fageenya kiilo meetira dhibaan lakkaa’amurratti kan argamtu magaala godina Kibba Tigraay, Mahoonii keessatti argame.
‘‘Reeffa intalakoo ji’a jahaan boodan argadhee’’ kan jedhan haatiishee Aaddee Simirati Takiluu, reeffii intalsaanii maasaa goommanaa keessatti gatamee akka ture dubbatu.
BBC'n suuraalee miidhaa cimaa qaama Adaanash irra gahe, maasaa reeffishee keessa argameefi uffata yeroos isheen uffattee turte ilaaleera.
Shamarreen wagga 16 j’a sadiif baddee turte, Maahileeti Takilaayis reeffishee magaala Aksuumiitti kan argamu kaampii Chaayinaa keessatti awwaalamee argamu poolisiin beekseera.
Dubartoonni saaxilamtoota miidhaa saalaa fi ajjeechaa sukkaneessaa ta’an garuu eenyummaasaanii adda hin baaneefi kan haala keessatti argaman hin baramne biraas akka jiran dhaabbilee dhimma dubartootaarratti hojjatan BBC’f ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatii Guraandhala darbee, poolisiin riiqicha gara godina Lixa Kaabaatti kan argamtu magaala Salakilaakaa geessuu jalaa reeffa dubartii tokkoo arge ture.
Waraqaa eenyummaashee adda baasu waan hin arganneef, maqaashee, umuriifi naannoo irraa dhufte beeku akka hin dandeenye Ajajaan poolisii Aanaa Laa’ilaay Qoraaroo, Komaandar Alan Asgadoom BBCtti himan.
Hospitaala riifaraalii Ayidar Maqaleetti argamuutti erga qorannoon reeffaa gaggeeffameen boodas, poolisiin sababiifi haala dubartiin sun itti ajjeeffamte bakuu hin dandeenye.
‘‘Nuti isheen hin barre. Reeffi isheetiis yeroo dheeraaf waan tureef fuulashee ilaaluun adda baasuu hin dandeenye. Uffata uffattee turte qabachuun gara aanaalee ollaatti sochoonee ture. Hanga Aksuumiifi Adiwaa deemnee namni ishee beeku yoo jiraate gaafanneerra. Garuu omaa hin arganne. Kanaafu bakka biraatii fidanii achitti gatan jenneeti tilmaamna‘‘ jedhan.
Koomishiinii Poolisii Tigraayitti Daareektarri qorannoo dhimmoota yakka Diinagdeefi Hawaasummaa, Komaandar Alam Misginnaa yakkawwan kanneen lakkoofsaan adda baasuun akka rakkisuufi poolisinis qaamoolee yekka kana raawwatan seeratti dhiyeessuuf hojjataa jiraachu dubbatu.
Namoota yakka kanaaf saaxilaman keessaa muraasni eenyu? Maatiin waa’ee ijoolleesaanii maal jedhu?
'Uffata, kopheefi riifeensashee naaf kaa'an'

Madda suuraa, Million Haileselassie
Maanguddoo wagga 85 kan ta’an Aaddee Simirati Takilee, yoo daraarawwan haalluu fi urgaa garaagaraa qaban manasaanii guutan argan intalasaanii Adaanash Abrihaa yaadachuun boo’u.
Haata’u malee ammalleen sodaafi naasuu keessatti kan argamtu intallisaanii biraa akka hinboonyeef jajjabeessu.
Adaanash Abirhaa bara darbe ALI Adooleessa 12, 2015 ''xabala dhiqadheen deebi’a'' jettee abbaa warraashee waliin sa’aa 5:30 irratti manaa bahu maatiin BBCtti himan.
Bilbillishees hanga sa’aatii 8tti hojjaachaa turuufi isaan booda cufamuu himu.
''Jimaata xabala dhiqadhee, Sambata dabalee dhiiqadheen kan Dilbataaf ta’u qabadhee gara manaatti deebi’aa jettee hojjattuudhaaf ergaa himtee baate. Osoon deebi’uushee eeguu torbanoota hedduun darban,'' jedhu haati.
Adaanash dhalattee kan guddatte naanawa Adigiraatitti. Miseensonni maatii akka gara-laafettii, cimtuu, jijjirama kan jaalattu, dubartii daa’imaafi gaa’ila hawwitu taate himu.
Kana duras aanaalee Tigraay garaagaraa keessatti barsiisummaan tajaajilte jirti.
Waggaa shanan ogummaa kana keessa turteen hiriyaa hojii wal bartetti heerumte ture.
Yunivarsitii Maqaleetti gosa barumsaa hereera baratteetti.
Gaa’ilaan wagga 15’f kan turte Adaanash, hojii barsiisuu dhaabdee hojii mataashee hojjataa akka turte himu maatiin.
Adaanash jireenyashee fooyyeessuuf jecha wagga shan dura gara Israa’el imaltes turte.
Ta’us sababii rakkoo fayyaatiin baatii jahaan booda gara biyyaatti deebii’uushee haatiishee Aaddee Simirati BBCtti himan.
‘‘Israa’el dhaqee fideen wagga tokkoofi baatii shaniif kunuunse. Isaan boodas ana waliin jiraachu eegalte.’’
Haalli fayyaashee gara nagaatti deebiinaan mana cuunfaa saaqxe. Biqiltuuwwan biyya keessaafi biyya alaas gurguuun galii argataa turte.
Erga akkuma manaa baateetti jalaa afteen boodas namni ishee arge odeeffannoo akka kennuuf suuraafi maqaashee toora Facebook irratti qoodan. Gadaamootaafi dhaabbilee amantaarra barbaachaa turan.
Achiin boodas dubartiin Mahoonii maashaa mishingaa keessatti ajjeeffamte gatamte akka jirtuu odeeffannoo isaan qaqabeen, uffataafi kophee uffattee turte poolisiitti beeksiisuun intalasaanii ta’u mirkanneesan.
‘‘Haata’u malee hanga sirriitti mirkanaa’utti Adaanash ta’u maatiitti hin himne ture’’ jedha wasiillishee Komaandar Fisihaanagasiti Barhee.
Haala kana keessa soo jiranu namoonni haadhasheetti bilbiluudhaan maallaqa gaafataniifi lakkoofsa baankii ergan turan.
‘‘Baatii Amajjii keessa nirrii kuma 100 nu kenni naan jedhan. Isheen garuu hin turre. Baatii Caamsaa keessa Matammaa keessa akka jirtu nutti himan, Nutti agarsiisaa jennaan ni didan‘‘ jedhu.
Haala akkasiitiin dhiphinaan baatiiwwan kann dabarsan Aadee Simirat, miseensooni maatii du’uu Adaanash hubatan baatii jahaan booda mardoo akka itti himan dubbatan.
‘‘Baatii jahaan boodan dhagahe. Achi ergan dhaqeen boodas tun tiyyuuman jedheen. Kophee, riifeensaafi uffatashee naan eeganiin arge. Haata’u malee shakkamaan hanga hin qabamneetti, reeffii hin kennamu waan jedhaniif halakanii guyyaa bohaan ture.‘‘
Komishinii poolisii Tigraayitti Daareektoreetiin qorannoo yakkaa, Komaandar Alam akka jedhaniitti, shakkamaan to’atamuufi qorannoon reeffaa xumuramee abbaa alangaatti akka dabarfamu dubbatan.
Sirinni awwaalcha Adaanash Abrihaa ALI Waxabajjii 6, 2016 raawwatame.

Madda suuraa, Million Haileselassie
‘‘Deeggartuu maatii keenyaa turte’’
Wallakeessa Adooleessa bara 2025 irratti bulchiinsa magaalaa Addii Haaqqii, Maqalee Addii Haawusii bakka jedhamuutti, galgala keessaa sa’aatii 1:30 irratti ajjeechaa naasiisaan tokko raawwatame.
Yeroo sanattis namoonni konkolaataa gabatee hin qabne qabatan erga dubartii tokko boorsaashee waliin lafarra harkiisuun fudhatanii booda, ajjeechuun gatanii badan odeeffannoon jedhu tamsaa’u eegale.
Hiriyaanshee waliin turtes of wallaaltee kufuudhaan hospitaala seente turte. Isaan booas shakkamtoota qorannoorratti argaman shan keessaa tokko taatee turte.
Ajjeechaa sana kan raawwate eenyu? Maatiinshee hoo maaliif hanga ammaatti odeeffannoo ifaa hin argatiin?
Ajjeechaan sun haala sukkanneessaa ta’een raawwatamuun ni yaadatama. Shamarree Zawudii Haaftuu erga haala kanaan ajjeeffamte baatii 11 darbeera.
‘‘Hanga ammaattis haqa hin arganne. Beelama mana murtiin deddebii’uun alatti wanti qabatamaa hin turre. Maal akka umamee hin beeku, ragaa omtu hin jiru. Kanatuta’e jedhee kann nutti himes hin jiru,‘‘ jetti obboleettiinshee qixusuun, Birtukaan Haaftuu BBCtti yoo dubbattu.
Shakkamtoota keessaa tokko, hiriyaanshee durii wayita wabiin gadhiifamtu namoonni afur ammalleen hidhaarratti argamu.
Shamarreen waggaa 32 Zawudii dhalattee kan guddattee Maqalee naanawa Maay Anbasaa jedhamutti.
‘‘Maatiin keenya rakkatanii nu guddisan. Haatii keenya shaayi gurgurtee nu guddifte. Abbaan keenya ammo hojjataa waardiyummaati,’’ jetti.
Zawudiin Yunivarsitii Baahir daariitti gosa barnootaa fooklooritiin diigrii jalqabaa kan argattee yoo ta’u, Kolleejjii Sheebaa Yunivarsittii Akkaawuntiingii barrattetti.
Zawudiin ajjeechaa haala icciitii ta’een irratti raawwatameen du’usheetiin dura, hojiinshee iqqubii guyyaa walitti qabu ture.
Guyyaa itti ajjeeffamteettis akkuma baratame iqquubii walitti qabaa ooltee galgala guyyaa dhaloota hiriyaashee kabajuuf ture hiriyaashee waliin kan baate.
‘‘Maallaqicha harkaa fudheen uffata geeddaratte baate. Haata’u malee akkuma baateen sa’aatii tokko osoo hin guunne Ayiidar seenteetti jedhame naaf bilbilame.’’
Isaan booda sagaleeshee dhagahuuf hin milkoofne.
‘‘Miidhaawwan kana fakkaatan dubartootarratti yoo baayyatan na naasiseera. Hojiif bahee hangan deebii’uutti nan sodaadha. Kun soda dubartoota hundaa natti fakkaata’’ jetti.

Madda suuraa, Million Haileselassie
Ol adeemtuu akka baateetti hafte
Kutaa ciisichaashee keessi ‘‘waan hundi bareedaadha. Garuu eenyumtuu hin hubatu. Yeroo hunda waan garii yaadi, eenyunuu hin mormiin…’’ kan jedhanitu maxxanfame jira.
Barrattee obbooleettiishee angafaa waliin daldala hojjachuufi waan maqaasaaniin waamamu dhaabuuf hawwii cimaa qabdi turte. Yeroo hunda waa’ee kalaqa haaraa haasa’u turan.
Shamarreen wagga 16 Maahileet Taklaay barana qormaata biyyaaleessaa kutaa 8 fudhattee qabdii gaarii fiduuf qophiirra turte. Barnootaan maddiittis gosa barnoota biraafi afaan qo’achuun qabxii gaarii fiddee turte.
Garuu wagga 16ffaashee qabattee baatii jalqbaa keessatti ALI Bitooteessa 10, 2016 manaa baatee osoo gara mana barnoota Afaanii demeaa jirtuu namoota eenyummaasaanii hin beekamneen butamte.
Guyyaa sanattis maatiin bilbilasheetiin bilbiluun ‘‘birrii miliyoona sadii’’ akka kanfalan akka gaafatamanii turan kaasu.
Isaan boodas guyyaa sagaliin booda yeroo lammataatiif bilbilanii maallaqicha kanfaluudhaaf qophii taasisaa akka jiran gaafatan.
Isaan booda baatiiwwan sadiif sagaleen Maahileeti hin dhagahamne. Namoonni ishee butanis eesa akka jiran hin baramne ture.
Maatiin ishee ammo har’a ykn boru argamti jechuun abdiin poolisii fi hawaasa qindeessanii yaalii taasisuu itti fufan.
Hawaasni naannichaa irra caalaan waan uffata gurraacha du’aafi carraa hamaan wal qabsiisuuf, maatiin kamuu gurraacha akka hin uffanneef akkoonsaanii dhorkanii ture.
Butamu Maahileetiin walqabatee shakkamtoonni to’annoo jala oolfamanii waan turaniif, abdii ni argamtu jedhu guddaatu ture.
‘‘Yoo Maahiin dhuftu hundi keenyaa uffata adii uffannee mana suuraatti fanniifna. Gara gadaamoota itti waadaa gallee qabannee deemna. Akka sammuunshee boqatu taasiifna,’’ jechaa abdii keessa akka turan dubbatti obboleettiinshee Miiliyoon.
Haata’u malee baatii sadiin booda shakkamtoonni Maahileetti ajjeeffamte awwaalamu amanusaanii Ajajaan Poolisii Adawaa, Obbo Tasfaay Amaar BBCtti himan.
Ajajaan haala ajjeechaa kanarratti odeeffannoo gadi fageenyaan kennurra of qusachuun, shakkamtoonni eddo itti awwaalamte eeruu fi amma qorannoon gaggeeffamaa jiraachu dubbatan.
‘‘Haaluma odeeffannoo shakkamtoonni kennaniitiin reeffi bakka itti awwaalame dhaqnee’’ bakka ‘Kaapii Chaayinaa’ jedhamu akka argame dubbatan.
Miiliyoon obbooleettiinshee Maahileeti “Bareedina mana keenyaa turte’’ kan jettuun,gochaawwa n guyyaa obboleettiishee waliin raawwataa turte, kolfaafi tapha akka dharaatu dubbatti.
“Amma kan barbaadnu dubartoota sagaleensaanii ukkaamfame hedduun haqa akka argataniidha’’ jetti barreeffamoota garagaraa keenyaa kutaa ciisicha Maahileeti irratti maxxanfaman agarsiisaa.
Poolisiin magaalichaas bu’aan qorannoon reeffaa ‘‘baatiiwwan’’ fudhachu akka danda’u fi yeroo ammaatti yaada kennuu akka hin barbaadne dubbatu.

Madda suuraa, Million Haileselassie
Dubartoota Tigraay haqa gaafataa jiran
Waraana naaniicha keessa wagga lmaaf tureen booda haalli nageenya Tigraay to’annoon ala ta’aa dhufuu ibsamaa ture.
Jalqaba baatii darbeerratti magaaloota Maqaleefi Adigraatiitti hiriirri gaggeeffamee ture.
Waldaaleen dubartootaafi bakka bu’oonni biiroo Haqa Tigraay hiriiricharratti argamanii turanis ‘‘miidhaa sukkanneessaan dubartootaatti raawwatamu’’ akka balaaleeffatan dubbatan.
Ittigaafatamtuun Waldaa Dubartootaa Aaddee Ababaa Haayilasillaase, ‘‘sababii haqni mirkanneeffamu hin dandeenyeef’’ yakkichi haala gara jabinaan guutameen itti fufaa jiraachu dubbatan.
Ittigaafatamaan Biiroo Haqa naannichaa Obbo Haadiish Tasfaa gamasaanitiin, ‘‘seeraafi sirna eeggisiisuufi balleessitoota seeratti dhiyeessuuf hojjataa jirra’’ jechuusaanii miidiyaaleen naannichaa gabaasan.
Komishinii poolisii naannichaarraa, Komaandar Alam Misginnaa waraanaan booda caasaa nageenya naannichaatti qaawwii umamuufi namootarra ajjeechaa dabalatee yakkiwwan cimaan meeshaa waraanaatiin deeggaramuu raawwatamaa turuu dubbataniiru.
Miidhaa dubartootaafi kutaalee hawaasaa kaan irra qaqabaa jirus balaaleeffataniiru.
Magaala Maqaleetti qofa baatii 12 darbaniitti dubartoonni gara 12 ta’an ajjeeffamu kan dubbatan qondaalli poolisii kun, miidhaa dubartootaarra gahu xiyyeeffannoon hordofuuf qaamooleen haqaa waliin hojjataa jiraachu ibsan.
Ajjeechaawwan raawwataman keessaa tokkoo malee, ‘‘shakkamtoonni hundaatu to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jira…. Abbaan alangaa odeeffannoowwan tokko tokko mootummaa federaalaa irraa eegaa kan jiru yoo ta’u, mana murtiitti akka dhiyaataniif haalli mijateera’’ jedhan.
Tibba waraanaatti buufataalee pooliisii hundarra miidhaan qaqabuufi qorattoonni komishinichaafi oggeessoonni qorannoo yakkaa muraasnis ajjeeffamu ibsuun, kunis saffiisa yakki itti qoratamurratti dhiibbaa taasisuu kaasan.












