Itoophiyaan namoota miidhaa saalaa raawwatan hojiirraa dhorkuuf galmee jalqabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoo Itoophiyaatti waggoota muraasaan dura gaggeeffameen dubartoota biyyattii waliigalaa keessaa harka 35 kan ta’an miidhaan saala bu’urreeffate gosa adda addaa akka irra qaqabu mul’isa.
Mootummaan Itoophiyaas sirna namoota miidhaa saalaa kana raawwatan galmeessu eegaluudhaaf.
Galmeen kunis miidhaawwan saala bu‘urreeffachuun raawwataman ittisuufi hir’isuurratti kan xiyyeeffateedha kan jedhame yoo ta’u, keessattuu ‘‘miidhaa sal-qunnamtii irratti akka xiyyeefatu’’ ibsameera.
Ministeera Dubartootaafi Hawaasummaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Eegumsaa fi Mirga Dubartootaa, Obbo Silashii Taaddasaa, sirna galmee kanaa eegaluudhaaf miiliyoona 10 akka barbaachisu BBCtti kan himan yoo ta’u, bajanni kunis buusii qaamoolee garaa garaatiin kan haguugamu ta’uu kaasan.
‘‘Sirni galmee yakka miidhaa korniiyaa biyyaaleessaa’’ kunis bara dhufaatti gara hojiitti seena jedhamee eegama.
Sirni kunis erga qaamooleen miidhaa qaqabsiisan seeraan hidhamuufi addabbiin irratti murtaa’een booda, kan hanga dhumaatti itti gaafatamtoota taasisuufi kan tajaajilawwan hawaasummaa fi diinagdee ‘filataman’’ irraa dhorku ta’un barameera.
Barreeffamni ka’umsa sirna galmichaa BBCn ilaalee, sirnichi kanneen miidhaa qaqabsiisan adda baasuu, teessoosaanii baruufi hordofuu akkasumas akka miidhaa gara biraa hin raawwanneef itti gaafatamummaasaanii ol kaasuudhaan nageenya ummataa eeguun kaayyoo tokkooffaadha.
Qorannoo poolisiitiif odeeffannoo qindaa’aa dhiyeessuu kaayyoosaa biraa kan godhate sirni galmee kun, foyyaa’insa seerootafi imaammataa sirna seeraa cimsuudhaaf gargaaran taasiisuudhaaf galtee akka taasisuu eeree jira.
Qindeessummaa Ministeera Dhimma Dubartootaafi hawaasummaatiin koreen dhaabbilee haqaa adda addaa fi dhaabbile dhimmisaa ilaallatu kaan hamate sirna galmee kana qopheessaa jira.
Ministeerichis hanga ammaatti muxannoowwna biyyoota biraa ilaaluu fi galteewwan ‘agarsiiftuu’ galmicha keessatti hammataman adda baasuu dubbateera.
Dhimmoota akka maqaa, teessoo, gosa miidhaa fi sadarkaa dabalatee, odeeffannoowwan biraa galmicha keessatti agarsiiftuu jedhamun galuun barameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Mirgaafi Egumsa Dubartootaa Obbo Silashii Taaddasaa, galmichaan miidhaawwan saala bu’urreeffatan gosa hunda akka galmaa’an kaasuun, ta’us sirnichi addatti miidhaawwan saal-qunnamtii irratti xiyyeeffannaa akkaa tasisu BBCtti himaniiru.
"Dhimmoonni hunduu sirna haqaa keessa kan darbanidha. [Gosa miidhaa] isa kamitu sirrii ta'a kan jedhuuf hunda akka hammatuufidha. Ta'us ammoo, ragaa sassaabuuf daangaan kan irra jiru sirinicharra wantoonni galuu hin dandeenye jiraachuu danda'u ta'a. Kanaan ala garuu hunda akka hammatudha. Keessumaa ammoo haleellaa saalqunnamtiirratti xiyyeeffannaa kan taasisedha," jedhan.
Obbo Silashiin faayidaa sirna galmee kanaa yoo ibsan, muuxannoo biyyoota sirnicha hojiirra oolchanii kaasuudhaan, sirnich miidhaa saala bu’urreeffate ittisuufi hir’isuudhaaf, odeeffannoo qaamoolee irra dedebiin miidhaa raawwatanii walitti qabuudhaaf, akkasumas dhimmoota hawaasummaa fi diinagdee irraa akka isaan loogu kaasu.
Sirna galmichaatiin qaamooleen miidhaa qaqqabsiisan (murteen dhuma irra gahamu baatulleen), keessattuu akka maneen barnootaa, naannoolee daa’imman keessatti argamaniifi saaxilamtoota ta’an keessatti hojii akka hin miindeeffamne kan taasisu ta’u dubbatan.
‘‘Manneen barnootaa, keessattuu kanneen daa’imman keessatti argamanitti, naannooleefi namoota balaaf saaxilamtoota ta’an, bakka guddisa daa’immanii ta’u danda’a, irra deebiin miidhaa akka hin qaqqabsiifne ittisuufiidha’’ jedhan.
Sirna galmee kanas mummeedhaan pooliisiifi Ministeerri haqaa akka raawwachiisan dubbatan. Ta’ulleen sirnichatti fayyadamuu kan danda’an dhaabbileen akka mindessitootaa akka jiraatan ittigaafatamaan kun kaasaniiru.
Sooftiweerii barreeffama ka’umsa sirnichaatiin karaa sadiin ummataaf banaa akka ta’u ka’ame. Fuulli odeeffanoowwan barbaachisaa jedhaman qaamoolee odeeffannoo barbaadan hundaaf banaa itti ta’an kan jalqabaa yoo ta’u, himattoonni kan himannaa itti dhiyeessan akkasumas kanneen mindeessanis fuulli hojjattoonni mindeessan seenaa yakka miidhaa saala bu’urreeffate qabaachu ittiin qulleessan ni qabaata jedhan.

Sirni galmee yakka miidhaa saala bu’urreefatee, mirga dhuunfaa fi hojii hojjachuu ilaalchisee akka seeroota biyyattii waliin wal simuun adeemsifamuutti ilaalamuu ibsan Obbo Silashiin.
Sirni galmichaa qorannoo waggootaan dura taasifameen, dubartoota biyyatii waliigalaa keessaa %35 kan ta’anirra biyya miidhaan raawwatamuutti ‘‘jijjirama ni fida’’ jedhamuun abdatameera.
‘‘Fakkeenyaaf namni tokko yeroo afur ykn shan yeroon itti miidhaa raawwatu jira. Hin beekamu, ragaanis hin qabamu. Amma galmaa’unsaa gochichi akka hir’atu taasisuuf dhiibbaa ni qabaata. Kanaafiidha ragaan sirni odeeffannoo walitti qabu barbaachisaa kan ta’u. Rakkoolee ka’aa turaniif deebii kan kennu waan ta’ef bu’aa ni qabaata’’ jedhan.
Haata’u malee, sirni namoota miidhaa saala bu’urreeffachuun raawwatan galmeessu kun eegaluudhaaf erga jedhamee waggaa sadi dabarseera.
Sirna galmee kana hojiirra oolchuu eegaluurratti rakkoo yoo jiraate ilaalchiisuun BBCn gaaffii kan dhiyeesseef Obbo Silashiin, rakkoon qabeenyaa walitti qabuu danqaa akka isaaniitti ta’e ibsan.
Itti dabalunis sirna galmee kana eegalchiisuudhaaf birri miiliyoona 10 akka barbaachisu dubbataniiru.
Sirnicha wixineessuun bajata idileerraa kan raawwatame ta’u kaasuun, sirnichi kan ‘‘qaama tokko qofaa miti’’ jechuun bajjanni sirna galmee kanaa buusiidhaan akka haguugamu dubbatu.
Sirni galmee yakka miidhaa saala bu’urreeffate kunis sirna galmee yakkawwan pooliisii jiran waliin ‘‘of danda’ee’’ bara dhufu gara hojiitti ni gala jedhamee abdatameera.












