Lubni umuriin ganna 63 intala ganna 12 fuudhuun dheekkamsa kaase

Madda suuraa, Getty Images
Gaanaatti lubni aadaa kan umuriinsaa ganna 63 intala waggaa 12 fuudhuun dheekkamsa kaase.
Lubni aadaa Nuumoo Borkeetii Laaweeh Tsuuruu 33ffaa sagantaa Sambata darbe qophaa'eerratti ture kan mucaa kana fuudhe.
Qeeqa irratti ka'aa jiruuf hogganooti hawaasaa namooonni aadaa keenya hin hubataniitu kana komii kaasa jedhaniiru.
Gaanaatti umurii fuudhaafi heerumaa inni xiqqoon waggaa 18 yoo ta'u, fuudhaafi heerumni daa'immanii hir'isus, garuu tasumaa waan dhaabbate miti.
Akka dhaabbanni dhimma kanarratti duula geggeessu Girls Not Brides jedhutti, Gaanaatti shamarran harka 19 tahan umuriinsaanii waggaa 18 osoo hin guutiin heerumu. Harki 5 kan ta'an ammoo guyyaa dhalootaa 15ffaan dura abbaa warraatiif kennamu.
Viidiyoofi suuraaleen sagantaa fuudhaa kana agarsiisan kan miseensonni hogganoota hawaasaa irratti argaman miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa turan. Lammiileen Gaanaa baayyeenis dhimmicharratti dheekkamsa dhageessisaa jiru.
Saganticha irratti dubartiin afaan naannichaa Ga jedhamu haasoftu intalli ganna 12 kanatti uffannaa abbaa warraashee hawwatu akka keewwattu itti himti.
Kana malees dirqama haadha warrummaaf akka qophooftu akkasumas abbaa warraashee hawwachuuf shittoo isaan kennaniif akka dibattu itti himu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haasaan saganticha irratti taasifameen fuudhaafi heerumni kun mallattoodhaaf qofa kan godhame akka hin taanetti waan fudhatameef dheekkamsa jabeesseera.
Kanneen qeeqan qodaalonni mootummaa gaa'ila kana akka diiganiifi namicha akka qoaratan gaafachaa jiru.
Hogganoonni hawaasa ganamaa Nunguwaa mormii gaa'ela kanarrtti ka'e balaaleffachuun, ''wallaalummaa irraa ka'uun yaada kennamudha,'' jedhaniiru.
Hogganaan hawaasa kana Nii Boortee Koofii Firaankiwaa Dilbata darbe, ''gaheen shamarree kanaa kan aadaafi bartee eegeedha,'' jedhan.
Mucaan kun adeemsa aadaa haadha warraa luba kanaa tahuu waggaa jaha dura jalqabde tahus, adeemsichi barnootaashee waliin walitti hin buune jedhan.
Sagantaa lammataa keessa kan darbaa jirtu qulqullaa'uudhaan haadha warraa luba olaanaa kanaa tahuufidha. Sagantaan kunis itti gaafatamummaa ijoollee godhachuu fa'iifi ishee qopheessa jedhe
Obbo Tsuruun magaalaa guddoo Gaanaa Akraatti luba olaanaa hawaasa ganamaa Nunguwaa jedhamuuti.
Hawaasa kana bakka bu'uun aaraasaa dhiyeessa, eegumsa hawasa kanaaf kadhannaa fa'i geggeessa akkasumas dalagaawwan aadaa raawwachiisa.
Qondaalonni mootummaa dhimma kanarratti hamma ammaatti deebii hin kennine.
Seerri Gaanaa gaa'el aadaaf beekamtii kan kennu tahus aadaatti hirkachuun fuudhaafi heerumaa daa'imman umuriin hin geenyee raawwatamu garuu hin eeyyamu.












