Haadha intalashee miidhaa saalaa abbaan irraan gahurraa ittisuuf dhiphattu

''Abbaa manaankoo araada ijoollee waliin quunnamtii saalaa raawwachuu qaba. Isa daa'ima kiyyarraa ittisuuf paawondii kuma 30 kaffaleera,'' jetti Beetaan.
Dubartiin kun wayita abbaan daa'imashee dubaraa daa'imman waliin quunnamtii saalaa raawwacuun miidhaa geessisee hidhamu akkaan rifatte.
Ammallee mana hidhaattis ta'e tarii wayita achii ba'u daa'imashee waliin tuttuqaa qabaata jettee guddoo yaaddofte.
Beetaan balaa kanatti seenuu hin feene, lamuu deebi'ee akka daa'imashee hin argine gochuuf qabsoo eegalte.
Dubartiin kun kanaan dura mana murtii dhimmi maatii itti ilaalamu seentee hin beektu, amma garuu daa'imasheef gaachana ta'uuf jecha mana murtii Kaardif seenteetti, inumaa waan achii sochootu hin fakkaattu.
Namichi kun ji'oota dura wayita himatamu daa'imman kamittuu akka hin kaloofne akeekkachiifamee ture.
Inni garuu akeekkachiisa kanaaf gurra hin kennine, daa'imasaa tuttuquurraa of hin qusanne.
Intalli isaanii ergasaan wal fuudhanii dhalatte waan ta'eef namichi kun mirga abbummaa guutuu qaba.
Dhimma fayyummaa, barnoota fi jiruu fi jireenya daa'imattiif dirqama qaba.
Beetaan abbaan manaashee wayita mana hidhaatii ba'u maaltu mudata baayyee dhiphatti.
Guyyaa tokko daa'ima kana fedhiishee malee mana barnootaatii fuudhee ba'ee waan fedhe irratti raawwata jettee yaaddofti.
Daa'imattii deebistee argachuuf ammoo karaa mana murtii dhimma maatii ilaaluu deemuu qabdi, kun hundi walitti ida'amee jiruu gadadoo akka jiraattu ishee taasise.
Beetaan abbaan warraashee mirga abbummaa daa'imattii akka mulqamu fi hanga isheen waggaa 18 guuttutti tuttuqqaa gosa kamuu akka irraa dhaabu mana murtiitti iyyatte.
Kanarratti maatiinshee tumsaniiru.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBCn dhimma Beetaan ji'oota ja'an darbaniif hordofaa ture.
Bakka itti hidhamee jiru irraa waraabbii viidiyoon kallattiin dhaddacharratti kan hirmaate abbaan manaa Beetaan, yakkamaa ta'uusaa hin haalle.
''Yakka hamaa dhala namaarratti raawwachuu'' amanee, garuu daa'imasaa bira jiraachuu akka barbaadu ibse.
Abbaa daangaa malee daa'imasaa jaallatu akka ta'e imimmaan haqachaa dubbate dhaddacha kanarratti.
Beetaan waan inni dubbatu kana gurraan dhagahuuyyuu hin feetu, nama shororkeessaa akkanaa waliin araaramuun daa'ima itti kennuun guddoo nama dhukkubsa jettee amanti.
Daa'ima Beetaan waliin kanneen dhimmisaanii mana murtii maatiitti ilaalamaa jiru kuma 80 caalu.
Bara 2022 keessa adeemsa mana murtii dhimma maatii fi daa'immanii ilaalu Ingilaand fi Weelsi keessatti hanga ji'oota 10 yookiin torban 45 fudhateera.
Kun dadhabinaa fi hanqina sirna haqaati jechuun qeeqan qaamoleen haqaa.
Hooggantuu dhaabbata seera maatii- Family Law Bar Association kan taate Haannaa Markaam KC, ''namni tokko miidhaa saalquunnamtii daa'imman irratti raawwachuun yoo yakkamaa ta'es abbummaansaa irraa hin mulqamu,'' jette.
Beetaan haala kana keessatti cichoominaan qabsaa'uusheef guddoo jajamuu qabdi jette.
Adeemsi mana murtii maatii Beetaan qormaataan kan guutame ture, garuu kaawwaniin yoo walbira qabamu fooyyee qaba.
Murtoon inni dhumaa yeroo torbee lama hin guunne keessatti dhagahamuuf jira.
Dhaddacha ture irratti manni murtii daa'imattiin Beetaan waliin akka jiraachuu qabdu murteesse, dirqamni abbummaa namichaas daangesseera.
Namni kun miidhaa saalaa daa'imman irraan ga'uun (yakka ittiin himatame) alattis, waraabbiiwwan saalquunnamtii ijoollee waliin raawwataman agarsiisan daawwachuu fi ijoollee miidhaa saalquunnamtiif saaxilamoo ta'an walitti heerumsiisuu amaneera.
Manni murtii namni kun ''akkaan balaafamaa ta'uu'' eeree, waa'ee daa'imasaa odeeffannoo guutuu akka hin arganne murteesseera.
Yoo daa'immattiin garmalee dhukkubde (du'aaf sodaachifte) fi wayita biyya biraatti dabarfamtu qofa itti himama, garuu eessa akka jiraattu dhagahuuf mirga hin qabu.
Beetaan fi maatiin ishee waggootaaf seera maatii qo'achuuf ifaajaa turan, maatiin dhimma akkasii qaban dhumni isaanii maal akka ta'uu fi balaa inni qabu sakatta'uutti jireenyasaanii dagatanii turan.
Amma aara galfatan. ''Waan akkaan nama gammachiisu,'' jette Beetaan wayita murtoo dhumaa dhageessu.
Maatiin ishees akkasuma, baayyee gammadan.
Waggoota sadiif dhama'aa ba'anii milkaa'ina kanarra ga'uuf paawondii kuma 30 baasan.
''Garuu hunda keessa dabarree amma daa'imattiin walaba ta'uunshee gammachuu guddaadha,'' jedhan harmeen Beetaan.
Akka maatiin kun amanutti osoo seerri amma jiru fooyya'ee, namni miidhaa saalaa daa'imman irratti raawwatee yakkame kamuu yogguma sana mirga abbaa daa'imummaa mulqamee silaa baasiin kun hundi hin jiraatu.
Beetaan amma daa'imashee nama balaafamaa (abbaa daa'imattii) kana harkaa baafatteetti.
Daa'imattiin jireenya walabaa sodaarraa bilisa ta'e akka jiraattu amanti.












