Hararitti namtichi araarsituu fakkaatee jaalallee hiriyaasaa gudeede hidhaan adabame

Madda suuraa, Hiwot Anteneh
Hararitti namichi jaalalleewwan lamaan waldhaban araarsuuf jaarummaaf gidduu seena shamarree araarsuuf ture sana ofiin gudeeduun hidhaan adabame.
Taateen kun akkasiin mudate. Himatamaan maqaan isaa Salhaaddiin Abdii kan jedhamu yoo ta'u jiraataa magaala Harar aanaa Jinneelaati.
Namni kun waldhibdee hiriyaa isaafi jaallallee hiriyaasaa gidduutti dhalate akka nama araarsuutti jara lamaaniitti dhiyaate. Haata'u malee, haala kana akka carraatti fayyadamuun shamarree jaalallee hiriyaasaa ta'e irratti yakka dirqisiisanii gudeeduufi ulfeessuu raawwate.
Gocha yakkaa raawwate kanaanis mana murtiitti himatamuun hidhaan waggaan kudhaniin adabame.
Komishinii poolisii naannoo Harariitti qindeessituu garee Qorannoo Yakkaa Dubartootaa fi Daa’immannii kan ta'an Inspeektar Hiwoot Antenah BBC'tti akka himanitti, himatamaan kun yakka kana erga raawwatee waggaan tokko darbeera.
“Jaalalleewwan lamaan waldhibdee jidduusaaniitti mudateen wal lolan. Inni hiriyaa dhihoo gurbaa isa dhiiraati. Kanaaf miidhamtuu dhuunfaa kan umuriinshee waggaa 18 taate hiriyaakee waliinan si araarsa jechuun bilbilaan waame,” jechuun taatee kun attamiin akka eegale ibsan qondaalli poolisii tun.
“Gurbaan kuni hiriyaa jaalalleeshee waan ta’eef intalli amantee isa bira deemte. Innis nama biraa ammaaf hin too’atamne waliin ta’uun mucayyoo waggaa 18 tana dirqisiisee gudeedee ulfeesse,” jedhan.
Miidhamtuun dhuunfaa kunis miidhaan kun erga irra gaheen booda iyyata gara poolisii geeffatteen poolisiin naannoo Hararii himatamaa kana too’annaa jala oolchuun qorannoo akka jalqabe himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Poolisiinis yakki kuni raawwatamuusaa qorannoo gochuun ragaa namaa fi mana yaalaa qindeessuun abbaa alangaaf dhiheessee. Isarratti hundaa'unis himatamaa kanarratti himanni akka banamu godhe,” jedhan.
Dhimmicha kan ilaale manni murtii Olaanaa Naannoo Hararii gama saatiini himatamaan kuni yakka dirqisiisanii gudeeduu fi ulfeessuu raawwachuu isaa mirkaaneessuun dhadhacha Fulbaana 30, bara 2016 ooleen hidhaa cimaa waggaa 10 tiin akka adabe Inspeektar Hiwoot BBCtti himan.
Yakkamaan jaalallee hiriyaasaa goyyomsuun gudeede kuni battala yakka kana raawwate yeroodhaaf miliqee erga tureen booda naannichatti deebi’ee too’atames jedhen.
Naannichatti yakkoonni dubartootaa fi daa’imman irratti raawwataman hir’achaa jiraatanis ammallee sadarkaa yaadamun gadi hin buune kan jedhan qondaalli poolisii naannoo Hararii kun, dubartoonnis yakki akkanaa kun osoo irratti hin raawwatamiin dura of eeggannoo barbaachisu gochuun balaarraa of tiksuu qabu jechuun dhaaman.












