Haadha warraafi abbaa warraa 'gaa'ela dhukkubsate' 300 wallaananii fayyisan

Madda suuraa, Luba Haayiluu Garoo
Biqiltuu Abdii jedhamti. Wallagga Bahaa aanaa Limmuutti dhalattee guddatte. Amma magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa jirti. Biqiltuun duubatti deebitee yoo kaastu rakkina hadhooftuu keessa darbite himti.
''Ani haadhaafi abbaa maleen guddadhe. Fira na gargaarus waan hin qabneef rakkina hedduu keessan darbe. Heerumee maatii godhadhee jireenya tasgabbaa’aa jiraachuun hawwiikoo ture. Hojii humnaa hojjedheen jiraachaas ture,’’ jette.
Nama duraan wal beekan tokko waliin jaalala keessa galuu kan himtu Biqiltuun, nama kana waliin mana tokko keessa jiraachu eegalu kaafti.
Isheenis ''boru abbaa manaakoo, abbaa ijoolleekoo taha'' jettee amanatte yoo isheen ulfooftuuf gatee baduu kan himu Biqiltuun, kanarraa ka'unis ''ulfa kana ofirraa baasumoo ykn of ajjeessu laata?'' jechuun yaaddee akka turte dubbatti.
Yeroo ulfishee guddataa adeemuu, hojii humnaa akka durii sana hojjettee of gargaaruun hedduu itti ulfaate.
''Jireenyi natti dukkanaa’e. Abbaafi haadha malee guddadhee ammas mucaa dahee abbaa maleen guddisamoo? Gargaarsa hin qabu, hojii hin qabu, akkamiinan guddisuu danda’a? jedheen dhiphina guddaa keessa gale. Guyyaan anaaf dukkana ture.’’
Biqiltuun osoo yaada kanaan dhiphachaa jirtuu maatiin tokko akka ergamaa waaqarraa ergamee kan fakkaatuun jireenya ishee furuu dubbatti.
Luba Haayiluu Garoo Guutaa fi haadha warraa isaanii Aadde Yashii Ababaa jedhamu. Waggoota 12 darbaniif tajaajila tola-ooltummaan maatiiwwan diigaman 300 ol araarsuun akka deebisanii jireenya isaanii ijaarratan gargaaraniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan magaalaa Naqamtee keessatti gaa’ila mana murtii fi akkasumaan keessa beekkannoon diigameeru 300 ol araarsaniiru.
Araarsuu qofa sooo hin taane manatti deemanii hordofuun fooyya’insi akkamii akka dhufe ilaalu, gorsas kennu. Waa’ee gaa’ilaas isaan barsiisu.
Biqiltuun oduu kana dhagahuun isaan barbaaddee waan ishee mudate yoo itti himtu akka ulfa ofirraa hin baasnee fi lubbuu isheerrattis tarkaanfii hin fudhanne gorsaniin.
Manuma jiraattutti jajjabeessuun waan qabanirraa isheef qooduun akka daa'imashee deessu ishee gargaaruu himti.
''Bajata naa ramadan. Hanga dahumsaatti ofirraa hir’isanii na gargaaran.
''Haala dahumsaafi jireenyaa naa mijeessan. Osoo isaan akkas naaf hin goone tahe ofirraa baasuu, akkasumas jiraachuu hin barbaadu jedheen yaadee ture. Har’a gammachuun qaba,'' jette.
Luba Haayiluufi haati warraa isaanii dargaggoota 100 ol ta'an araada adda addaan rakkataa turanii fi sababa kanaan maatii waliin wal dhabaniiran gorsaa fi deeggarsa kennuun jireenya gaarii akka jiraatan gochuu himan.
Duraan manaa manarra deemuun tajaajila kana kennaa kan turan Luba Haayiluu fi haati warraa isaanii boodarra ogeesota mariisisuun waajjira banachuun hojicha jalqaban.
Dhaabbata tajaajila gorsaa Yeroon jedhama. Bu'aa maallaqaa argatu jiraachuu baatus maalaqaan kan hin shallagamne mana namoota dhuunfaaf buusuu namootni dhugaa bahuuf.
''Osoo nuti jirruu maaliif maatiin diigama jennee jalqabne. Abbaa manaafi haati manaa yeroo adda bahan, ijolleen yeroo bittinnaa’an, ijoolleen sababa kanaan yeroo daandiitti baatu arginee gaddinee hojii kana jalqabne,'' jedhan Luba Haayiluun.
Namni nama isa dhaggeeffatu barbaada
Waggoota 12 guutuuf tajaajila tolaa kennuun gaa'ila namootaa diigame deebisanii ijaaruutti hedduu gammaduu kan himan Luba Haayiluun '' abbaa warraa fi haati warraa yeroo wal dhaban lamaanuu nama isaan dhaggeeffatu barbaadu'' jedhan.
''Qofa qofaatti waamnee yoo dubbisnu namni tokko qofa isaa sa’a lamaa fi isaa ol himachaa tura.
Gaddaa fi dhibee mana isaa keessaa qabu bakkatti afuura baafatu barbaada waan taheef carraa kana kenninaaf,'' jedhan.
Hunduu gaafa dhufee qofaatti sitti himatu isumatu dhugaa qaba sitti fakkaata.
Garuu gaafa lamaan ammoo dhumarratti walitti fidnu tokko bira balleessaa, isa kaan biras laafinni jiraachuu argina. Kana sirreessuu irratti isaan barsiifna jedhan Luba Haayiluun.
Hojii mana murtii wal falmisiisee murtii waliin jiraachuu ykn adda bahuu dabarsuudha kan jedhan Luba Haayiluun karaa dhaabbata isaanii maatii diigame deebisanii ijaaruun milkaa'uu himu.
Namootni mana murtiitti adda bahan gara dhaabbata isaanii dhaquun araaramanii jireenya gaarii jiraachaa jiran hedduu tahuus dubbatu.
Abbaa warraa fi haati warraa adda bahuuf mana murtiitti beelamni qabameefii isaan biratti araaraman 45 tahan akka jiran dubbatu.
''Beellama isaanii dhageenyee gidduugallee araarsine. Wal hiikuun furmaata akka hin taanee fi rakkoo isaanii hiikuun furmaata tahuu isaan barsiifne.''
Abbaa warraa fi haati warraa gara 50 tahan osoo manni murtii hin beekiin, firris hin beekiin, ijoollenis hin beekiin akkasumaan jireenya adda bahe jiraachaa turan araaramuun jireenya gaarii jiraachaa jiraachuus himu.
''Namootni dubbii mana keessaa akka malee sammuu isaanii miidhee dhukkubsatanii fi akka malee abdii kutatan dhaabbata keenya dhufanii barumsa argatanii madaa'an laphee isaanii fayye hedduudha.''
Magaalaa isaanii keessaa abbaa warra afi haati warraa mana murtiin adda bahanii qabeenya erga qooddatanii isaan biratti araaraman akka jiranis himu.
''Erga qofa qofaatti nu bira dhufanii hubannoo argatanii wal barbaadanii araraman jiru. Akka wal haaraatti kan wal fuudhanii jaalalaan jiraatan jiru.''
Luba Haayiluun milkii isaanii kanaaf sababa kan jedhan lamaan isaanii qixa dhaggeeffachuu fi madda rakkoo adda baasnaii ifatti irratti dubbachuu akka tahe himu.
Eessaa jalqabdan?
Luba Haayiluun haadha warraa isaanii aadde Yashii Abbabaa waliin erga gaa'ila dhaabbatanii amma waggootni 25 darbuu himu.
Guyyaatti wal dhabnee beeknu hin yaadannu kan jedhan Luba Haayiluun gammachuun ijoollee isaanii guddifataa akka jiran dubbatu.
Rakkoo mana nama biraaf garuu qoricha tahaniiru.
''Akkuma keenyaa namni hunduu gaa'ila tasgabbaa'aa akka qabaatan barbaanna. Kanaaf maaliif sooo nuyi jirruu maatiin diigama jennee hojii tola ooltummaa kana jalqabne.''
Hojii kanaaf ka'umsa kan taheef gaa'ila dhaabbatanii osoo hin turiin waan daandii irratti isaan mudatedha.
''Gurbaa tokkotu fuudhee reefu mucaa godhata. Haa tahu malee, osoo isaan wal jaalatanii maatiin ishee gidduu galuun addaan isaan baasan.
Lakki, gurbaan kun nama siif tahu miti jedhanii erga ilma deessee intala isaanii irraa fudhatanii galan. Inni ammoo kanaan baay'ee gaddee akka jirun dhagahae,'' jedhan.
Luba Haayiluun gara mana maatiishee deemanii waa'ee gaa'ila isaan waliin dubbachuun akka walitti araarsan dubbatu.
''Har'a maatiin sun ijoollee baay'ee godhataniiru. Ijoolleen isaanii nama guddaa tahaniiru. Har'a ilma digirii lammaffaa baratu qabu. Hedduun gammada,'' jechuun yaadannoo isaanii kaasu.
Hojii hanga ammaa keessaa kan hedduu itti boonan biraa yoo kaasan akkas jedhu.
Maatiin tokko erga adda bahanii waggaa saddet guuteera. Tokko ammoo waggaa shan darbeera. Namoota gurguddoodha. Qabeneyas adda qooddatanii ture.
Isaan barbaannee erga barsiifnee deebi'anii akak haaraatti wal fuudhan. Waraqaa ragaa isaanii ciranii ture haaraa hojjechiifneefii gaa'ila isaaniitti deebisne jedhan.
'Gurbaan tokko osoo of ajjeesuuf deemuu walitti dhufne'
Guyyaa tokko Luba Haayiluu fi haati warraa isaanii osoo karaa deemaa jiranii dargaggoo tokko argan.
Haasaan isaanii isatti tollaan calliseema isaan waliin deemaa ture.
''Haasaan keenya laphee isaa qabannaan isin waliinan gala nu jedhe. Tole jennee yoo fudhannee gallu, calliseema boo'e jedhu Luba Haayiluun yoo mudannoo hedduu isaan gaddisiise kaasan.
''Maal taate? jennee yoo gaafannu, 'anoo of ajjeesuufan deemaa jira ture. Haadhakoo fi abbaa koo gidduu rakkoon waan jiruuf kana arguurra jedheen of ajjeesuuf deema ture' na jedhe. Kiisii [giphii] isaa keenyaa funyoo fi summii baase.''
Kanumaan Luba Haayoluu fi haati warraa isaanii mucaa kana erga gorsanii isa wlaiin gara mana maatii isaa deemuun akka araarsan himu.
Ergasii maatiin isaa nagaan jiraachaa akka turan kan himan Luba Haayiluun mucaan du'arraa oolchan guddatee baratee, amma biyya alaa akka jiru himu.
Maatii isaayyu isatu gargaara. Maatiin isaa irra caalaan har'a biyya alaa jiraatu jedhan.
Abbaan warraa fi haati warraa mana keessatti yeroo wal dhaban dubbiin baay'ata. Kana gidduuti ijoolleen wal dhabdee isaanii argan dhiphina keessa galu.
Kanaaf kana dhagahuurra jedhanii mana dhiisanii bahanii karaarra kan jiraataa turan hedduu argineerra jedhu Luba Haayiluun.
Ijoollee haala akkasiin araada keessa galanii fi daandiitti bahan 100 ol gorsuun araada keessaa baasuun, rakkoo maatii isaaniis hiikuun akka karaa jireenyaa gaariitti deebisan dubbatu.
Gaa'ila maaltu diiga?
Luba Haayiluun sababoonni wal dhabdee haadha warraa fi abbaa warraa hedduu tahuu kaasu.
Garuu isaan keessaa inni guddaan hubannaa fi kabaja gaa'ilaa dhabuu tokkodha jedhu.
''Tokko tokko osoo wal hin qoratiin, amala walii sirriitti osoo hin bariin miiruma keessa galanii wal fuudhu. Barumsa gaa'ilaas osoo hin argatiin wal fuudhu.''
Akka keessumaa osoo wal hin bariin namootni wal fuudhan, takka turanii akkuma keessumaan mana isaatti galu, adda bahu jedhan.
''Inni biraan maattiitu gidduu galee yaada kenna. Intalakoo, ilmakoo jedhanii gidduugaluun adda baasu,'' jechun dhiibba gama maatiin dhufuu malu kaasu.
Sababa biraati kan jedhan ammoo fakkeenya badaa fudhachuudha jedhu. ''Namootni tokko tokko abalufaa wal hiikanii maal tahu jechuun fakkeenya gaarii hin taane of jajjabeesuuf fudhatu jedhan.
Kana hojii isaanii tola ooltummaa keessatti akka taajjaban dubbatu. Sababa guddaa biraa wal amantaa dhabuu ykn wal shakkuudha jedhu.
''Inni hin amanamu yoo ta'e, isheenis akkuma koo gooti jedhee yaada taha. Isheenis akkasumatti yoo yaaddu rakkoo tahuun gara adda bahuutti dhufa.''
Dabalataan Luba Haayiluun rakkoo biraati kan jedhan gaa'ila irratti gaa'ila tahuu dubbatu.
Kun seera maatii Itoophiyaa keessaan dhorkaa tahus, baadiyaa keessatti darbee darbee ni mul'ata. Namni ishee duraa osoo hin qabatiin kan lammaffaa fuudhuun gaarii akka hin taane kaasu.
Maatiifi dargaggoota hedduu gargaaruu kan himan Luba Haayiluun maatii jechuun biyya waan ta'eef xiyyeeffannoo hojii barbaadudha jedhu.
Dhaabbata isaanii Yeroon namoota jireenyi isaanii gorsa isaaniin deebi'ee ijaaramefitu gargaaraa jira.
Namoonni tokko tokko seenaa maatii diigamee deebi'ee ijaaramee dhagahuun raajeffatanii mana kiraa biiroo keenyaa kaffalaa turan jedhan.












