Gaa'ela diiguun daa'imman dhalatan irratti dhiibbaa akkamii qabaata?

Daa'ima maatii wal jeeqan gidduu jiru

Madda suuraa, Getty Images

Gaa'elli taatee namoota jireenyaan walitti hidhuu fi utubaa ijaarsa hawaasaati.

Wayita diigamus akkasuma jiruu fi jireenya dhala namaa mancaasuun hawaasa diiga.

Gaa'elli kan hawaasa tokkoo yookiin kan biyya tokkoo qofa osoo hin taane aadaa guutummaan addunyaa waliin qooddatuudha.

Akkasuma diigamuun gaa'ilaas rakkoo addunyaa mara mudataa jiruudha.

Addunyaarratti gaa'illi gara caalu akka diigamu ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ni mul'isa.

Akka ragaa dhaabbata kanaatti addunyaarraa biyyi gaa'illi diigamuun itti heddummaatu Maldiivsi.

Bara 2002 biyyattiitti waggaatti gaa'ila 1,000 keessaa 10.97 diigameera, kanaanis biyyattiin galmee wantoota ajaa'ibsiisoo addunyaarratti galmoofteetti.

Ragaa bara 2020 keessa ba'een ammoo lakkoofsi kun gadi bu'uun gaa'ila 1000 keessaa 5.52 qofatu diigame.

Kazaakistaan fi Raashiyaan ammoo itti aanuun lammaffaa fi sadaffaarra jiru.

UK fi Ameerikaanis biyyoota gaa'illi akka malee keessatti diigamuudha.

Ragaa 2002 ba'een US sadaffaarra turte, kan bara 2020 ba'een ammoo biyyoota gaa'elli akkaan keessatti diigamu keessaa 13ffaarra teesseetti.

UK keessatti gaa'ila 1,000 keessaa waggaatti kan diigamu kan bara 2017 ture 7.5 irraa gara 8.9 tti dabaleera.

US keessatti ammoo gaa'ila ijaarame keessaa dhibbeentaan 53 dhumarratti ni diigama.

Biyyoota Afrikaa keessatti diigamuu gaa'ilaan walqabatee ragaan qindaa'aan jiraatuu baatus, Itoophiyaa keessatti dhiibbaansaa hammaataa jiraachuu ogeeyyiin dhimma kanarratti hojjetan ni dubbatu.

Dhiibbaa gaa'illi diigamuun ijooleerratti qabu irratti qorannoo kan qoratte akkasumas gorsituu dhimma gaa'elaa kan taate Qabbanee Hundeessaa, maatiin walhiikuun egeree ijoollee burjaajessuurra darbee biyyaaf kisaaraa guddaadha jetti.

Itoophiyaatti hagam hamaadha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan biyyoota aadaa ganamaa fi amantiitti cichuun bulan keessaa ta'uusheetiin gaa'ilaaf (ijaarsa maatiif) iddoo kennuun beekamti.

Yeroo dhihoo as garuu keessattuu magaalotatti rakkoon gaa'ila diiguu (walhiikuu) baayyinaan mul'ataa jira jetti Aadde Qabbanee Hundeessaa.

''Magaalaa Finfinnee fi magaalota naannootti walhiikuun sadarkaa yaaddessaarra ga'eera. Kana jechuun baadiyyaa hin jiru jechuu miti,'' jette qorattuun kun.

Qorannoo Yuuniversitiin Kaambiriij bara 2000 ifoomseen Itoophiyaa keessatti gaa'ila ijaaramu keessaa dhibbeentaa 45 kan ta'u waggoota 35 keessatti ni diigama.

Akka qorannoo kanaatti harka lama sadaffaan dubartootaa gaa'illi ijaaramee waggoota shanan jalqabaa keessatti gaa'ila diigu.

Bu'aan qorannoo kanaa diigamuu gaa'ilaaf sababi ijoon umrii malee heerumuu fi dhala dhabuudha.

Qaamni ragaa gaa'ilaa harkaa qabu Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa, magaalaa Finfinnee fi kaan keessatti walhiikuun akkaan dabalaa jiraachuu fi kanaanis yaadda'uu ibsee ture.

Itoophiyaa keessatti haalli gaa'ilaa mala aadaan qajeelfamuu fi seera qabeessa gochuurratti hanqinni jiraachuu kan ibse jaarmiyaan kun, kanneen sababoota garaagaraan galmaa'an yoo ilaalaman bara 2012-2014 gidduutti magaalaa Finfinnee keessatti qofa cimdiiwwan 16,035 walhiikaniiru jedhe.

Waajjirri Galmeessa Ragaalee Taateewwan Murteessoo magaalaa Finfinnee ammoo gaa'ila galmaa'an 51,721 keessaa 3,550 kan ta'an diigamaniiru jedhe.

Diigamuun gaa'ilaa yeroo dhihoo asitti dhibbeentaa hagamiin akka dabale qixa sirriin galmaa'ee beekamuu baatus, miidhaan isaa garuu guyyuu dabalaa jira.

Miidhaa diigamuu gaa'ilaa ijoollee, maatii, biyya irratti

Dhimma diigamuu gaa'elaarratti qorannoowwan biyyaalee fi idil-addunyaa hedduun qorataman, walhiikuun daa'imman, maatii, hawaasa, biyya akka miidhu ragaa bahan.

Qorattuun dhimma diigamuu maatii Qabbanee Hundeessaa, gaa'illi diigamnaan ijoolleen akka damee haadhoorraa fottoqeeti jetti.

Ijoolleen nama guddisa isaanii hordofu of biraan dhabnaan sodaa, aarii fi miira gaddaan guddatu jetti Aadde Qabbaneen.

Itoophiyaa keessatti rakkoon kun haala nama yaaddessuun dabalaa jira kan jettu Aadde Qabbaneen, kun ammoo ijoolleen amala hin taanetti akka guddatanii fi shamarran umriinsaanii osoo hin ga'in daa'ima godhachaa jiraachuuf sababa ta'eera jetti.

Dhiheenya kana shamarreen umrii waggaa 13 himattu sababa maatiin walhiikaniif manaa baatee bakkeetti daa'ima da'uu miidiyaan biyya keessaa gabaasanii turan.

Akkasumas kibba biyyattiitti maatiin tokko osoo nagaan waliin jiraataa jiranii wayita haati warraa daa'imman sadi walfaana deessu abbaan warraa gatee baduuu gabaasnee turre.

Rakkoowwan kana fakkaatanii fi kaan baayyinaan mudataa jiru kan jettu Aadde Qabbaneen, ''sababa kanaan miidhaan qaamaa-qalbii, sammuu, fayyaa, miiraa fi mukaa'uu hamaa ijoolleerra ga'a,'' jette.

''Hariiroo fi jaalala haadhaa fi abbaa (maatii) adda kutu. Kun sammuusaanii miidha. Bara jireenyasaanii akka rifataa jiraatan isaan taasisa.''

Ijoolleen jaalala haadhaa fi abbaa walbiratti barbaadu kan jettu Aadde Qabbaneen, ''Yoo kana dhaban abdii kutatu. Walhiikuun dhalootarratti miidhaa qaba, dhaloota quucarse, laamshessa. Daafoonsaa biyyas ni miidha,'' jetti.

Qorattuun akka jettutti gaa'illi kan ijaaramu gaa'ila hundee jabaa qabuun waan ta'eef, gaa'illi diigamuun diigamuu biyyaa keessatti kallattiin yookiin al-kallattiin ga'ee gumaacha.

''Maatiin dhala namaa gidduusaaniitii ba'e kunuunsanii, guddisa adaba qabu guddisanii, barsiisanii mataasaaniifis biyyaafis akka ta'anitti qaruu qabu. Daa'imman itti gaafatamummaan hin guddatan taanaan hawaasi cimaan hin ijaaramu. Biyyi hawaasa jabaa hin qabne ammoo daddaaqama keessa seenti. Gaa'ila diiguun dhiibbaansaa haga kana.''

Sababoonni gaa'ila diigan maal fa'i?

Itoophiyaa keessatti rakkoon diinagdee, walamantaa dhabuu, hinaaffaa fi rakkoowwan saalquunnamtiin walqabatan sababoota gaa'ila diigan isaan ijoo ta'uu akka qoratte himte Aadde Qabbanee Hundeessaa.

''Biyya keenyatti waa'een quunnamtii saalaa akka safuutti ilaalama, kun ammoo rakkoo fide. Biyyoota alaatti kun hagas mara rakkoo miti.''

Akka qorannoo Aadde Qabbaneetti dhibbeentaa guddaan gaa’illi kan diigamu sababa rakkoo walquunnamtii saalaan ta'us rakkoon diinagdees isa guddaadha.

''Qabeenyarratti wal-loluu, walamanuu dadhabuu- walsaamuuf yaaluu. Kanarratti walshakkuu fi qabeenya waldhoksuu.''

Diigamuu gaa’ilaaf sababi inni hamaan kaan giddu-seentummaadha.

Ormas ta’e firri gaa’ela gidduu seennaan hammeenya qabaata.

Rakkoo kana furuuf eenyurraa maaltu eegama?

Rakkoo kana maqsuuf waa hunda caalaa maatiin ijoolleesaaniif jecha aarsaa kaffaluu qabu jetti Aadde Qabbanee Hundeessaa.

Akka biyyattis mootummaan rakkoo lammiilee quucarsaa jiru kanaaf xiyyeeffannoo kennuun daa’imman biyyi dhabaa jirtu kunneen baraaruu qaba jechuun gorsiti.

''Giddu gala isaan dandamachiisuu wayii qopheessuun akkasaan xiyyeeffannaasaanii barnoota taasifatan, hojii adda addaa akka shaakalan gochuu qaba. Waan hubama keessa seenan, sammuusaanii, qaamaa qalbiisaanii weerareen liqimfamuu dhiisanii akka egereesaaniirratti fuulleffataa guddatan gochuun dirqama.''

Namni kamuu daa'imman maatii malee jiraatan (yatiima) wayita argu karaa ittiin gargaaru haala mijeessuu qaba malee miidhaa irraan ga'uu qabus jetti.

Akkasumas namoonni gaa'ilatti seenuun dura itti qophaa'uu akka qaban gorsiti.

''Jalqabuma gaa’illi waan karaadhaa itti goran ta’uu hin qabu. Gaa’ila karooraa fi xiyyeffannaadhaan ijaarametu hundee cimaa godhata.''

''Amma daakanii, amma bukeessanii ammuma hin tolchan. Gaa’ila ijaaruuf dursa walqoratanii walbeekuu, walhubachuu fi wantoota bu’uuraa irratti walta’uu feesisa,'' jette.

Gaa’ila ijaaruuf wantoota mul’atan (meeshaalee, qabeenya, bifa (bareedina)) akka ulaagaa bu’uuraatti tarreessuun dogongora kan jettu Aadde Qabbanee Hundeessaa, ''Gaa’illi jabaan jaalala ulaagaa malee namaaf mul’isuurratti ijaarama,'' jette.

Keessattuu yeroo dhihoo as ammoo inumaa ammuma walfuudhanii osoo daa'imallee hin godhatin walhiikuutu baayyataa jira jette.

''Bara kana gaa’illi maalummaarratti osoo hin taane qabeenyaa fi bifarratti kan hundaa’edha. Bifa, beekamtii, qabeenya, barumsa ta’uu danda’a. Inni kun hundee godhachuu hin danda’u.''

''Erga walfuudhanii ba’uun balaa qaba, kanaafuu dursanii wal qoratanii, wal ilaallatanii yoo waliin itti fufuun waan hin yaadamne ta’e dursanii hariiroo adda kutuudha. Gaa’illi itti yaadamee ijaaramuu qaba. Dirqama inni qabu baadhachuuf qophaa’anii itti seenuu feesisa.'' jechuun dhaamsa dabarsite Aadde Qabbanee Hundeessaa.

Odeessaalee walitti dhihaatan: