Aadaa Oromoo: Qe'ee warrasheetti Sooyyomee, qe'ee abbaa warraasheetti Yaadanii - Moggaasa maqaa heerumaa

Looshaa faayamaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maqaan ganama haatiifi abbaanshee baasaniif Sooyyomee kan jedhudha. Qe'ee haadhaafi abbbaasheetti maatiifi hollaan, xiqqaafi guddaan Sooyyee jechuun masoodhaan waamu. Maqaan mana barumsaatti ittiin beekamtus Sooyyomee Tamasgeen kan jedhudha.

Erga heerumtee qe'ee abbaa warraashee dhuftee garuu namni Sooyyee ykn Sooyyomee jedhee ishee waamu nama tokko qofaadha, innis abbaa warraashee Abdii Gammachuu qofa.

Amma abbiyyuufi amaatiishee dabalatee obbolaan Abdii, akkasumas firoonni biroon Yaadanii ykn Yaadii isheen jedhu.

Maaliif Sooyyomeen Yaadanii taate?

Aadaa Oromoo keessatti sirni maqaa moggaasuu bakka guddaa qaba jedhu warri aadaafi seenaa qoratan. Maqaan fayyuma ykn abbuma argeen hin moggaafamu, dhaqa qaba.

Yeroo, taateefi umurii gara garaa maqaan namaaf itti moggaafamu keessaa tokko heerumaan booadha. Moggaasni kun intalli erga heerumtee booda guyyaa shanaffaatti kan taasifamu yoo ta’u, sirna Shanan jedhamuun beekama.

Gaafa shananii maatiifi firoonni gurbaa fuudhee walitti qabamuun shamarree qe'ee isaanii dhufteef sirna maqaa baasuu gaggeeffatu.

Sooyyomeenis maqaa biraa Yaadanii jedhu kan argattes adeemsuma kanaan ture.

Haati Abdii ykn amaatiin Yaadanii, Aadde Darmii Bookaa, maaliif akka Yaadanii jechuun moggaasan gaafatamanii, aadaa dhufaa darbaa keessatti ilma fuusifatanii ishee inni fuudheef maqaa moggaafachuun kanuma jiru jedhu.

Gaafa guyyaa shananiin sirna maqaa moggaasuutu jira kan jedhan Aadde Darmiin, sirnicharratti ammoo hireen ykn carraan maqaa baasuu abbiyyuufi amaatii (aabboofi aayyootiif) kennama jedhu.

"Nutis ilmi keenya quxisuun manatti hafe isa qofa waan ta'eef akka inni fuudhee qe'ee qabatee nu waliin turu barbaadna ture. Yoo fuudhuu baate carraa hojiin ykn sababa biraan qophaa nu dhiisee deemuu mala jechuun sodaa qabna ture. Kanaaf, ishee inni fuudhe kana yaadnee arganneeyyu Yaaanii jenne," jechuun ibsan haati Abdii.

Akka Aadde Darmiin jedhanitti haadha warraa ilmaa akkasumaan miti kan maqaa moggaasaniif. Maqaa yeroo heerumaa kana moggaasuudhaaf wantonni ilaalcha keessa galchuun itti filatan jiru jedhu.

Hawwiin maatii sanaa qabeenya yoo ta'e qabeenya horachuu waliin kan deemu; dhala argachuu yoo ta'e ammoo dhala waliin kan deemu; akkasumas haalaafi amalaan ilaaluun moggaasuun akka dana'amu ibsu.

Sooyyomeen/Yaadaniin ammoo maqaan heerumaan booda argatte kun kan hedduu itti gammaddu akka ta'e dubbatti.

Qe'ee abbaa warraa kootti bakka guddaa akka naaf qabaniifi kabajatu natti dhaga'ama kan jettu Yaaaniin, maqaan isaan baasaniif kun 'akkan isaan ana yaadanii na argataniitti' natti dhaga'ama jechuun ibsiti.

Yunivarsitii Wallaggaatti Barsiistuufi Qorattuu Afaanii kan ta’an Dr Alimaa Jibril sirni moggaasaa dubartii heruumteef keessumaa Oromoo Maccaa biratti gaggeefamu akka jiru BBCtti himaniiru.

Sirna kanaratti nyaati adda addaa qophaa’e firootni abba warraa argamuun gaggeefama.

Sana booda maqaa gara garaa yeroo kennamu misirroon kun maqaa isa barbaaddu sanaaf sagalee ishee ol qabde owwaatti.

“Kun sirna gaggeessaa isaa haa ta’uyyu malee, akka aadaa Oromootti maqaan kennamu ilmi fuudhee kun ilma hangafaamoo, lammaafaamoo quxisuudha kan jedhamu ni ilaalama,” jedhu Dr Aliimaa.

Maqaan filannoof dhiiyaatu kun hangafummaa ykn quxisuu ilma fuudhee sana irratti hunda’aa jechuudha jedhu.

Kan qofa osoo hin taane iddoo tokko tokkotti ilmi kun fuudhuu didee turee, firri akka inni fuudhuuf erga hawwanii yeroo dheeraa booda kan fuudhe yoo ta’e maqaan intala inni fuudheef kennamu akka jiru Dr Aliimaa ibsaniiru.

“Misirroo heerumtee dhuftuu maqaa isheetiin waamuun salphina, akka tuffatamteettidha kan ilaalamu.”

“Kanaaf, firoottan abbaa manaa walitti dhufanii guyyaa gaafa shanii maqaan akka ba’uuf ta’a. Kunis kabaja, jalaala isheef qaban akkasumas safuu ummaataa tureef jechaa ta’a,” jedhu.

Maqaan mooggaafamuuf kanas kan fayyadamu firoottan akkasumas olla qe’ee maatii abbaa manaa intalaa jiran ta’u ibsaniiru.

Sirna moggaasa maqaa kanaa irratti firooti fi maatiin maqaa yeroo waaman, intalli kan isheen dursa kennite sagalee ishee kaafte owwattu maqaa amaatiin ykn abbiyyuun ishee waamtu ta’a.

Sunis akka maqaa haaraatti kan fudhatamu ta’ee mirkanaa’a jechuudha jedhu Dr Aliimaan.

Qoronnoo Wallaga Bahaa keessatti taasisan eeruun Dr Aliimaan ilma angafaatuu fuudhe yoo ta’e maqaan misiirroo isaaf bayyinaan kennamu maqaa “Soreetti” jedhu ta’u himu.

“Fakkeenyaaf, abbaankoo ilma angafaa waan ta’eef harmeenkoo kan beekamtu maqaa ‘Soreetti’ jedhuunidha,” jedhu.

Amantii kamirraayyuu yoo taate, Islaamas ta’e Kiristaana, yeroo ilmi angafaa fuudhe maqaa Soreetti jedhamu akka kennamus ibsu.

Maqaan ‘Soreetti’ jedhamu maaliif filatama kan jedhuuf Dr Alimaan ,‘Intalli manakoo dhufte kun milkii soorumaa ykn badhaadhina fiddee dhufti’ hawwii jedhuunidha jedhu.

Sooruma yeroo jedhamu ammoo kan qabeenyaa qofa osoo hin taane, kan hormaata daa’immanii, babal’ina maatii waliinis akka walqabatu himu.

Iddoo hedduutti hadha warraa ilma angafaaf maqaan ‘Soreetti’ jedhu kan filatamu ta’us, iddoo tokko tokkotti maqaan “Biiftuu’ jedhamus akka filatamu ibsaniiru.

‘Caaltuu, Dandeessuu, Giiftii, Obsee, Toltu...’

Ilma lammaffaa yoo ta’e kan fudhe maqaalee filataman keessaa “Hortuu, Giiftii, fi Caaltuu,” akk jiran Dr Aliimaan ni eeru.

Kunis kan filatamaniif, “isheen lammataa ishee jalqabaa kan caaltuudha, ishee caalaa kan hortudha,” kan jedhu agarsiisuuf akka ta’e ibsaniiru.

Akka Dr Alimaan jedhanitti, yeroo ilmi quxusuu fuudhu ammoo maqaan akka, “Dandeessuu, Giiftii, Obsee, Toltuu” kanneen jedhanitu ba’a.

Maqootiin kunis kan filatamaniif yeroo hedduu yemmuu ilmi quxusuu fudhutti haatiifi abbaan gara dullumaatti waan dhiyaataniif, gargaarsa hadha manaa ilma isaanii kan barbaadan waan ta’ee, ‘dullumaa keenya kana rakkina keenya kana nuuf haa dandeessu, nuuf haa obsitu’ kan jedhuun filatama jedhu.

Inni biraan yeroo ilmi utuu hin fuudhiin yeroo dheeraaf ture yemmu fuudhu maqoota filatamanidha.

Ilmi kun akka fuudhuuf maatiin hawwaa waan turaniif jecha maqaan akka, “Hawwanii, Yaadanii, Gammadee” jedhantu moggaafama.

Kunneenis kan filataman ilmi isaanii, “akka fuudhuuf yaadneerra, hawwineerra, kanaaf baayyee gammanneera hiika jedhu kan agarsiisudha,” jedhu qorattuun kun.

“Abbaan warraakoo ilma isa lammataa waan tureef maqaan anaaf naa moggafame Caaltuu kan jedhudha. Yeroo qe’ee maatii abba warraakoo deemee “Caaltuu, Caaltuu’ jedhanii na waaman baayyee natti tola,” jechuun Dr Aliimaa moggaasa ofii isaanii nuuf qoodaniiru.

Maqaaleen filataman kun kanneen akka, “Soreetti ykn Caaltuu” jedhu kun murtaa’oo ta’an osoo hin taane kanneen hedduminaan filataman ta’uus Dr Aliimaa himaniiru.

‘Abbaa abaluu ykn Haadha abaluu’

Dabalataan ammoo maqaa dubartii heerumtee kanaaf kennamuun alatti isheenis sayyoota isheef, soddoolii isheefis maqaa haaraa akka moggaaftu himaniiru. Maqaa isaaniin waamuun akka safuutti waan ilaalamuuf.

Bara durii maqaa abba manaa ofii wamunillee akka safuutti kan ilaalamu akka turan kan ibsan Dr Aliimaan, haati warraafi abbaan warraa ‘isa ykn ishee’ jedhanii wal waamu.

Erga ilmaan horatanii booda garuu ‘abbaa abaluu ykn haadha abaluu’ jechuun wal waamu jedhu.

Abbiyyuufi amaatii ofii ammoo “abbaafaa, ayyoofaa ykn harmeefaa” jechuun kabajaan waamuu jedhu.

Darbeeyyuu jecha ykn maqaa kan abbiyuu ofiitti dhiyaatullee waamuu akka safeeffatamu himu.

“Fakkeenyaaf, maqaan abbiyuuu Ulfinaa yoo ta’ee , waanti tokko ‘natti ulfaate’ hin jedhamu, sababiin isaas maqaa abbiyyuutti siqa waan ta’eefi” jechuun kabajaaf jecha waan maqaa isaatti kalaa'ullee waamuun ni safeeffatama jedhu.

Yeroo ammaa aadaan kun baadiyyaa keessa darbee darbee kan jiru ta’us, gara magaalaatti garuu waan mul’achaa jiru miti.

Sirni maqaa moggaasaan kun, maqaa wal waamuu dhiisuu ykn wal kabajuun kun aadaa Oromoo keessatti safuu fuudhaafi heerumaa keessa kan turedha jedhu Dr Aliimaan.