Haati buddeenaa dhuguma hamtuudhaa?

Suura abbaa manaa fi haadha buddeenaa

Madda suuraa, Alamy

Yeroo heddu haati bideenaa hamtuudha, ijoollee ofiin hin deenye hin jaalattu, fi kan biraa waan baay’etu jedhamaan.

Kanumarraa ka’uuni fakkaata Oromoon, “Haadha dhabuu mannaa haadha dhabduu wayyaa” jechuun kan mammaakuf.

Haadha buddeenaa hamtuu fakkeessanii ibsuun aadaa bakka hunda keessa jiruudha.

Ofii kun dhugaadha moo yknis waan yeroo tokkicha jedhame garuu yeroo hunda dhugaa fakkeessamuun haasa’amuudha? Waanti qorannoon deeggarame jiraa?

Haadha buddeenaa hamtuu fakkeessanii dhiyeessun asoosama, fiilmiwwanii fi barreeffamoota garaa garaa keessatti dhiyaatera.

Inumaayyuu iddoo tokko tokkotti akka waan nama ajeeftutti fakkeessanii dhiyeessu.

Qorannoowwan akka agarsiisanitti aadaa bakka heddutti haati buddeenaa jaalala kan hin qabne, hamtuu, gammachuu fi gaarummaa baay’ee kan hin qabne, nama kan wal-caalchiftutti fakkeeffamti.

Ilaalchi kun babal’atee jechoota afaanota tokko tokkoo keessatti seeran dhimma itti bahama.s

Maatii haati buddeenaa keessa jirtu keessatti walitti bu’iinsi jiraachuu irraa kan ka’e wantoonni tarreeffaman kun jiraachun waanuma jiru ta’ee, garuu haati buddeenaa gaafa waa’en ishee ka’u yeroo hunda hammeenyatti fakkeessun waanta ragaadhan deeggarame akka hin taane qorattoonni ni mirkaneessu.

Haadha buddeenaa jechun dubartii mana haati manaa biraa duute, baate ykn gaa’ela hiiktetti kan heerumte jechuudha.

Qorannoon akka agarsiisutti haati buddeenaa ijoollee haati irraa duute, abbaatti gattee baate ykn irraa heerumte gaafa walitti qabdee kunuunsitu wal-caalchisuun inuma jira.

Garuu, ilaalchi haadha buddeenaa hammeenyatti fakkeessuu kun hanga ammaa maalif odeeffama? Haadha buddeenaa ykn abbaa buddeenaa ta’uun waanuma addunyaa mararra jiru waan ta’eef, dhimmi yeroo ta’etti waanta gatii hin qabne ta’uu malaa laata?

Haadha buddeenaa hinaaftutti fakkeeffamte

Madda suuraa, Alamy

Haadha buddeenaa hamtuu fakkeessun eessaa ka’e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ilaalchi haadha buddeenaa hamtuutti fakkeessuu jaarraa heddu dura dur-duriidhan himamaa waan as gaheedha. Oduun waa’ee kanaa tokko tokko bara impaayera Roomatuu kan ture ta’uutu ibsama.

Waa’ee haadha buddeenaa bifa hog-barruutin ibsuun kan jalqabame bara 1812tti obboloonni lama lammii Jarmanii Yaaqob fi Wilhelm jedhaman hojii aartii isaanii Children's and Household Tales jechuun yeroo taatoo haadha buddeenaa itti dabaluun hojjataniidha.

Asoosama isaanii kana keessatti ilaalcha hawaasni jaarraa 19ffaa haadha buddeenatiif qabu ibsaniiru. Jalqaba jaarraa 19ffaa keessa dhiironni haati warraa isaanii ijoollee irraa yoo duute ykn ijjoollee itti dhiistee yoo sokkite, dubartoota umuriin xiqqaa ta’an fuudhu. Sababni isaa ammoo ijoollee haati irra hin jirreef nama umuriin walitti dhiyaatan wayyaaf kan jedhuudha.

Keessumaa shamarran dargaggoo ta’an mana keessa yoo jiraatani fi haati buddeenaa isaanii umuriin akka isaanii dargaggoo yoo taate, wal-gaarreffannaafi anatu caalatu dhalata. Ijoollen haadha buddeenatiif ajajamuu dhiisuu malu.

Jaarraa 20ffaa keessa gaa’ila hiikun, irra deebin fuudhun haadha buddeenaa, abbaa buddeenaa ykn ijoollee haadha ykn abbaa bira hin jirre baay’iseera. Inni dur baay’inaan asoosamaafi aartii keessatti mul’atu lafarratti mul’achuu eegale. Namoonni tokko tokko dhalli namaa uumamumaan ijoollee namaa caalaa kan ofiitif dursa akka kennu amanu jetti UKtti qorattuu xiin-sammuufi dhimma maatii irratti kan hojjattu Liisaa Duudsan.

“Haati buddeenaa hamtuu ta’uusheef ragaa qabatamaan hin jiru’'

Haati buddeenaa hamtuudha, ijoollee kan ishee hin taanef garaa hin laaftufi kannee biroo waa’ee haadha buddeenaa odeeffaman dhugaa akka hin taane ragaalen qorannoo ni agarsiisu.

“Haati buddeenaa baay’en isaanii ijoollee [haadha biraa irraa dhalatan] wajjin nagaadhumaan jiraatu,'' jedha Gaanong, waa’ee haadha buddeenaa irratti qorrannoowwan gaggeeffaman 3000 ol kan dubbisee fi maatii haati buddeenaa guddiste heddu kan dubbise.

“Waa’en hammeenya haadha buddeenaa ragaa qorannoo keessa hin jiru,” jedha University of North Carolina tti gargaaraa pirofeesaraa kan ta’e Todd Jensen.

Qorannoo bara 2021tti ijoollee haati buddeenaa guddiftu 295 irratti qorannoo gaggeeffameen hedduun isaanii haadha buddeenaa isaanii waliin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu isbsa Tedd.

Haati buddeenaa “fayyummaa daa’imman haati irra hin jirreef gahee guddaa taphachuu dandeessi” jedha.

Haadha buddeenaa ijollee mana yaalaa geessitee kunuunsitu

Madda suuraa, Alamy

Keessumaa maatin wal-hiikanii haati ijoollee erga baatee booda abbaan ijoollee dubartii biroo yoo fuudhe dhuguma ijoollee tasgabbeessufi maatii walitti qabuuf haati buddeenaa gahee guddaa akka qabdu dubbata Kanaadatti dhimma maatii irratti gorsaa kan ta’e Cara Zaharychuk.

Kana jechuun maatin haati buddeenaa ykn abbaa buddeenaatin gaggeeffaman rakkoon hin mudatu jechuu miti- rakkoon akkuma aadaa keessatti barame haadha buddeenaa hamtuufi gara jabeettii fakkeessuf balbala banuu danda'u uumamuu danda'a.

Walumaa galatti qorannoowwan akka agarsiisanitti haati buddeenaa akka kitaabota, fiilmiwwaniifi hojiiwwan aartii garaa garaa akkasumas afoola keessatti jedhamu hamtuu, sassattuu, gara jabeettii, kan namaaf hin naane miti.

Ilaalchi namni haadha buddeenatiif qabu aadaa, fedhii ijoollee haati irra hin jirree fi wantota biroo irratti kan hundaa'u ta'us haati buddeenaa baay'een isaanii maatii irratti dhiibbaa gaarii ta'e qabu.