Dhaloonni bara kanaa dhuguma warra durii caala dadhaboodhaa?

Dubartii nyaata nyaattu

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo baay'ee dargaggoonni akka waan dadhaboo, ofittoo ykn maqaa qofa jedhamanii komatamu. Kuni hammam dhugaadha?

Dhaloota durii wajjin gaafa walbira qabaman, dhaloonni bara kanaa, keessumaa dargaggoonni 'hoffaa', dadhaboo, dhibaa'oo hojii hin jaalanne ykn rakkoo itti dhufu dandamachuu hin danda'an jedhamu.

Kuni waan haaraa har'a jalqabe miti. Namoonni "Ijoollee bara kanaa moo! Dhiisi mee!" jedhanii erga komachuu jalqabanii bubbuleera.

Dhaloonni haaran warra durii caalaa amala dadhabinaa akka qaban ragaalen qorannoo agarsiisan jiru. Gama biraan ammoo dhaloonni bara 1946 hanga 1964 (Baby Boomers) dhalatan fi kanneen 1965 hanga 1980 (Gen X) dhaloota isaan booda baay'ee komatu.

Garaagarummaa yeroo dheeraf uumame dhiphisuuf haalli qabatamaa dhaloonni keessa darbu (generational context) murteessadha.

Garuu ammoo waggoota dheeradhaaf darbaa kan dhufe dargaggoota akka isaan dadhaboo fi ofittoo ta'anitti ilaaluun garaagarummaa dhaloota gidduu jiru furuuf danqaadha.

Durdurii fi dhiigaa

Dargaggoota nama booda jiran inni akkasi, isheen akkasi jedhanii gadi ilaalun uumamuma namaati.

"Namoonni gaheeyyin ijollee dargaggoota ta'an gadi xiqqeessun jaarraa hedduuf waanuma tureedha," jedha Insititiyuutii Kuwinslaanditti pirofeesara bulchiinsaa kan ta'e Piitar Okanor.

Qorannoon akka agarsiisutti Ameerikaanonni baay'en 'ijoollen bara kanaa' cimina poozitiivii ta'etu isaan hanqata jechuun dhaloota durii wajjin akka wal dorgomsiisan hima Piitar.

Garuu kuni waan dhaloonni har'aa cimina kana dhabaniif miti - qorattoonni akka jedhanitti ilaalchi kun kan maddu eenyummaa keenya har'aa kaleessaa isa kaleessaa wajjin wal bira qabnuufi jechuun falmu.

Bifa kanaan, dhaloonni durii osoo hin beekin ofii isaanii dhaloota ammaa wajjin of dorgomsiisaa jiru jechuudha. Baruma kana Biriitish keessatti qabeenya guddaa kan qabdu Kiristi Alsopp bara 1990 keessa maatin ishees itti dabalaniifii mana jireenyaa jalqabaa ishee bitatte.

Waa'ee dargaggoota si'anaa ilaalchisuun qusachuu caalaa qarshii isaanii waan gatii guddaa kanneen akka miseensummaa Netflix fi jiimii (gym) fa'aatti akka balleessan dubbatte.

Shamarree sireerra ciistee bilbila tuttuqxu

Madda suuraa, Getty Images

Dhaloonni ammaa akka dhaloota durii of kennoo ykn akka abboota isaanii durii cimoo akka hin taane kaasti. Awustiraaliyaatti abbaa qabeenya riil isteetii beekamaa kan ta'e Tiim Garner bara 2017 akkana jedhe: "Dargaggoonni si'anaa olkaa'atanii baasii manaaf kaffalchuu caala waan har'a nyaatanii fixanitti qarshii isaanii balleessu" jedhe.

Bara 2016 keessa jechu Ingiliffaa "Generation Snowflake" jedhu kuusaa jechootaa Collin’s English Dictionary akka dabalamu ta'eera. Kunis ijoollen bara 1980 hanga 1994 dhalatan waa dandamachuu kan hin dandeenye fi dhaloota durii wajjin bira yoo qabaman waanuma xiqqoodhan kan aaraniidha waan jedhameefi.

Ulaagaa barri irra darbe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaloonni durii ammayyuu dhaloota har'aa caala cimoo akka ta'anitti of ilaalu - garuu caalman kun maalin safarama? Ogeeyyin tokko tokkos yaaduma wal fakkaataa qabu. Qorannoon bara 2010 bahe tokko agarsiisutti, dargagoonni bara barkumee (2004 hanaga 2008) gidduu dhalatan kanneen bara 1987 dura dhalatan caalaa rakkoo kan hin dandamanne akka ta'e ibsa.

Qorannoon biraa ammoo dargaggoonni amalli waanuma xiqqoon mufachuu ykn aaruu, aangoo barbaachuf ofittoo ta'aa akka dhufan agarsiisa. Yet for many experts, these measures don’t point to younger generations being weaker than older ones. Instead, they are simply ways of judging a generation shaped by a modern and technologically-focused society by the standards of decades ago. “Warri durii waan tokko jechuu caalaa akka itti yaadan barsiifaman, garuu kan dhaloota ammaa faalladha," jedha ogeessa fayyaa sammuu kan ta'e Dr. Karl Naasar.

Dr. Karl akka jedhutti garaa garummaan dhaloota gidduutti kan uumame akkaatan itti dhaloonni garaa garaa rakkoo isaanitti dhufe keessa darban wal madaaluu dhabuu irratti hundaa'a.

Jaarsa dargaggeessa barsiisu

Madda suuraa, Getty Images

'Namni waanuma keessa darbe fakkaata'

Gochaa fi ilaalchi dhaloota hundaatuu rakkoole fi qormaata isaan keessa darbaniin murtaa'a. Dhaloonni waa'ee bilbila ismaartii hin argine. Gama biraan ammoo rakkoo wal xaxaa dijitaalin fide hin dhadhamne.

Kanarraa kan ka'e bara sana waa'en fudhatama argachuuf dhama'uu ykn of irratti xiyyeeffachuu akka dhaloota ammaa isaan hin mudanne.

Gama biroon ammoo dhaloonni ammaa abbootin isaanii waa'ee rakkoo hawaasummaa amma jiru kanneen akka jijjiirama haala qilleensaa, rakkoo faayinsaansii fa'aa waldhaansoo qabanii hin dabarre jedhanii yaadu mala.

Dhaloonni durii of ibsuu caalaa akka callisan godhamanii akka guddatanii fi warri ammaa faallaa isaa akka ta'e hima Dr. Karl Naasar.

Dhugaan isaa dhaloonni duriis akkasumas kan isaan dura turan komachaa fi dadhaboo akka ta'an himaa as geenye.

Qorattoonni akka jedhanitti garaa garummaa dhaloota gidduu jiru hubachuuf haala qabatamaa isaan keessa darban hubachuun barbaachisaa akka ta'e himu.

"Dhaloonni durii rakkoo hundumaa fuudhanii dhaloota haaraa irra akka hin keenye gochuuf falli isaa waan amma hin jirre tokko ajandaa goonee akka isaan irratti mariyatan gochuudha."

Fakeenyaf, dargaggootan isin waanuma xiqqoof kan aaran, dhaloota duriin ammoo akka waan isaan daayinosarii ta'aniitti dhiyeessuudha. Inni dhugaan garuu lamaan isaanituu rakkoo mataa isaanituu ciminaa fi dadhabina mataa isaanii akka qaban agarsiisa.