Keeniyaatti dubartoonni qoricha ulfa ittisu Chaayinaan omishte fudhatan ulfaa'uun rakkachaa jiru

Dubartii ulfa

Madda suuraa, Getty Images

Suusan Wamaayitaa mallattoon dhukkubbii kan itti dhagahame erga qoricha ulfa ittisu fudhattee ji’oota muraasa booda. Garuu mallattoon dhukkubbii isheetti dhagahame dhibee osoo hin taane ulfa ta’ee argame.

Suusan haadha ijoollee sadiiti. Qorichi ulfa ittisa jettee isheen fudhataa turte Keeniyaa keessatti dhorkamee ture.

Qoricha kun karaa irratti maqaa “Soofiyaa” jedhuun yoo beekamu kan omishamu Chaayinaatti. Waa’en qoricha kanaa garuu afaan Chaayinaatin barreeffame.

Qorichi kun kan liqimfamu yoo ta’u kan omishu ammoo "Zizhu Pharmaceutical Co Ltd" dha jedha barreeffamni afaan Chaayinaa gaafa hiikamu.

Qorichi kun Keeniyaa keessatti akka hin gurguramne erga dhorkamee waggaa 10 guutera. Sababni isaa ammoo qabiyyeen hormoonii ulfa to’atu kan qoricha kana keessatti argamu kan eeyyamamu dachaa 40 caala waan jedhameefi.

Ministeerri Fayyaa waa’ee qoricha kanaa waan qorate odeeffannoo guutuu baasuu baatus ijoollen erga qoricha kana fudhatanii qorichi hojjachuu dideen booda dhalatan osoo hin gahin amala dargaggummaa (early puberty) dhaf akka saaxilaman godha jedhameera.

Mataa bowwoo fi haqqee

"Qorichi kun dhorkamuu isaa hin beekun ture. Hiriyoonni koo hedduun isa fudhatanii miidhaa homaa isaan irraa hin geenye,” jechuun BBCtti himte Suusan.

Qorichi kun gatiin isaa salphaa fi ji’atti al tokko qofa kan fudhatamu waan ta’eef filatte Suusan.

Gatiin kiniinii ulfa ittisuu “Soofiyaa” Shilingii Keeniyaa 300- 400 ti. Qorichoonni biroo ulfa ittisan hospitaalota mootummaatti gatiin isaanii gadi bu’aa ta’us yeroo heddu dubartoonni achii hin argatan waan ta’eef farmaasiwwan dhuunfatii bitachuuf dirqamu.

Qoricha ulfa ittisu barreeffama afaan Chaayinaa ofirraa qabu

Madda suuraa, PPB

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorichoonni kunneen farmasii dhuunfatti gatii isaa olka’aadha. Kondomiin ammoo bilisaan kan kennamu ta’us yeroon itti dhumus jira.

Suusaan akka jettutti qoricha qaama keessa awwaallatan fudhattee dhukkubbiin dugdaa waan itti dhagahameef isa baastee kiniinii kana fayyadamuu eegalte.

Hiriyoonni qoricha “Soofiyaa” fudhatan ulfaatina qaamas ta’ee dhukkubbiin biraa homtuu itti hin dhagahamne, isheen garuu jalqabaa kaasee homaa akka itti hin tolle dubbatti.

"Mataa bowwoo fi haqqeen na jalqabe. Ji’a jalqabaa laguun koo narraa hafe,” jetti. Garuu laguun ishee ji’a itti aanu deebi’ee waan dhufeef hin yaaddofne.

Booda irra abbaan manaa ishee waa’ee qoricha “Sofiyaa” jedhamuu gaafa qoratu, kan dhorkame ta’uu isaa bira gaha.

“Erga dhorkamuu isaa barree booda ulfa ta’uu koo nan bare, dhiibbaa inni mucaa koo irratti qabaachuu maluuf yaadda’uun eegale,” jetti.

Amma mucaa durbaa erga deessee ji’a sadi geessee jirti. Mucaan ishee fayyaadha, garuu odeeffannoo gahaa dhabuu isaanif dhiibbaa inni gara fuulduraatti mucaa isaanii irratti qabu gaafa yaadan ni aaru.

Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti dubartoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiran keessaa dubartoota dhibbeentaa 50 qofatu mala ittisaa ulfaa ammayyaa barbaadan argata.

Keeniyaattis waa’een ittisa ulfaa sababoota akka amantii fi dhiibbaa aadatiin baay’ee hin haasa’amu. Dhiironni tokko tokko haati warraa isaanii akka mala ittisa ulfaa akka fayyadamtu hin eeyyaman, kutaalen amantii kana hin deeggarres jiru.

Gareen amantii ‘Kavonokya’ jedhamuu fi baha Keeniyaa keessatti argamu qorichoota ammayyaa hunda ni dhorka, sababni isaa ammoo Macaafani Qulqulluun kadhata qofa eeyyama jedhanii waan amananiifi.

Ogeettii baay’ina fi guddina uummataa kan taa’an Dr. Joosefin Kibaaruu mala hawaasa bu’uura godhate fayyadamuutu rakkoo akkanaa fura jechuun BBCtti himu.

Waa’ee ulfa ittisuu irratti jette jettee fi ilaalcha amantii garaa garaa akka jiru himu.

Maamiltoota amanamootti gurgurama

Farmaasiwwan qorichi kun dhorkamuu isaa hin beekan. Minsiteerri Fayyaa Keeniyaa ji’a darbe irra deebin akeekkachiisa kennus isaan gurguraatuma jiru.

Qorichi “Soofiyaa” jedhamu kun ifatti farmaasii keessatti hin mul’atu, garuu ammoo maamiltoota ji’a ji’aan dhufaniif dhoksaadhan gurguru.

Farmaasiwwan magaala Naayiroobii keessatti argaman heddu BBCn irra deemun gaafatus qorichi kun gurguruuf akka hin gorfamne himu.

Namni farmaasii keessaa qoricha gurguru tokko akka jedhetti qorichi jiraatullee baasanii hin mul’isan. Farmaasiwwanis qoricha kana dhiyeessitoota biyyoota ollaa irraa fidan irraa bitu.

Suusan Wamaayitaa qoricha kana hiriyaa ishee dhiyeessitoota irraa baay’inaan fuutu irraa akka bitataa turte dubbatti.

Akka isheen jettutti, hiriyaan ishee fi namoonni qoricha kana dhiyeessan qorichichi kan dhorkame ta’uu isaa ni beeku.

Isheen qoricha kana erga fudhatte ulfaa’uu ishee baranis hiriyoonni ishee ammayyuu ittuma fufanii fudhataa akka jiran dubbatti

Ammaayyuu hiriyoonni ishee filannoo ittisa ulfaa kan biroo akka yaalan waamicha dhiyeessiti.