'Keeniyaatti biqiltuu qofa osoo hin taane obbolummaa dhaabuuf dhufne' - Dr Biqilaa Hurrisaa

Jilli Itoophiyaa Dubbii Himaa Paartii Badhaadhinaa, Dr Biqilaa Hurrisaan durfamu Keeniyaa- Naayiroobii Bosona Goongoo jedhamu keessa biqiltuu 1,000 ol dhaaban.
Miseensoota Jila Itoophiyaa irraa dhufan dabalatee, hojjettoonni Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaa Magaalaa Naayiroobii jiranis sirna biqiltuu dhaabbuu kana irratti hirmaataniiru.
Lafti hektaara tokkoo ol ta’u fi Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaa jiruuf qophaa’ee irra biqiltuun 1,000 ol kun kan dhaabame.
Dhaadannoo ‘‘Michummaadhaaf biqiltuu waliin dhaabuu‘‘ jedhuun gara Keeniyaa dhufanii biqiltuu akka dhaaban kan himan aangaa’aan Itoophiyaa Dr Biqilaan, waggoota afur darbe keessatti Itoophiyaan biqiltuuwwan gara biliyoona 22 dhaabuu himan.
‘‘Gaafa biqiltuu dhaabnu obbolummaa dhaabaa jirra, hiriyummaa dhaabaa jirra, Keeniyaa fi Itoophiyaan lafa qofa osoo hin taane uummatas waliin qoddanna,‘‘ jedhan Dr Biqilaan walitti dhufeenya biyyoota lamaanii yoo himan.
Biyyoonni akka Itoophiyaa, Sudaan, Keeniyaa, Ertiraa, Yugaandaa fi Jabuutiin bifaanis, aadaanis waan wal fakkeessuu qabaachuu kan dubbatan aanga’aan kun, ‘‘hireen keenyas walitti hidhamaadha’’ jedhan.
Itti dabaluunis ‘‘kanaaf wanta gaarii nu bira jiru fidnee, kan isaan bira jirus fudhannee galuuf dhufne,’’ jedhan.
Siran biqiltuu dhaabuu kana irratti Keeniyaatti Ambaasadarri Itoophiyaa Jeneraal Baacaa Dabalee fi dippilomaatonni kan biroos irratti hirmaataniiru.
Gama Keeniyaatiinis nagaa kabachiiftota dabalatee, barattoonni sadarkaa tokkoffaa umuriin isaanii waggaa 12 gadi ta’an argamuun biqiltuu dhaabaniiru.
Dr Biqilaan Keeniyaatti bosonni magaala gidduutti argina waan ajaa’ibsiisaa ta’uu himuun, ‘‘biyya keenyatti bosonni akkasii Wallagga, Iluu Abbaa Booraa fi Gujii fa’i keessatti argina,’’ jedhan.
Naannoo magaala guddaatti bosonni magariisi akkasii osoo balfaan hin faalamiin kunuunsuun akka danda’amu muuxannoo isaa fudhannee gallas jedhan.
Dabalataan, bakka dhaabbii biqiltuu qophaa’e wayita qaqabaniittis barattoonni umuriin isaanii waggaa 12 gadi tahan barsiisotaa fi humna nageenyaa waliin ta’uun biqiltuu dhaabaa turan.
Dr Biqilaan muuxannoon isaanii Keeniyaa argatan kun adda ta’uu himuun, ‘‘biyya keenya keessattis dhaloonni waa’ee jijjiirama qilleensaa fi magariisummaa hubachuun naannoo isaanii baranii guddachuu akka qaban hubachiisas’’ jedhan.

Waggoota darban keessa Itoophiyaafi Keeniyaan balaa goginsaaf saaxilamaniiru. Sababa hongee biyyoota lamaan dabaltee biyyoota baha Afriikaa keessatti mudateen uummanni miliyoonotaan lakkaa’amu deeggarsa akka barbaadu taheera.
Keeniyaa fi Itoophiyaan hariiroo obbolummaa baroota dheeraaf kan qaban yyoo ta’u, walitti dhufeenyi gama nageenya, siyaasaa, dingdeefi hawaasummaan jiru caalaa cimsachuuf hojiiwwan gurgudaaan mootummoota biyyoota lamaanitiin hojjatamaa jiraachuun ni yaatama.
Fakkeenyaaf, sochiifi waliigalteen biyyoota lamaanii buufata Lamuun waliin misoomsuu fi daandiidhaan biyyoota lamaan walitti hidhuuf qaamuma hariiroo biyyoota lamaanii lafa qabateeti.
Itoophiyaan humna ibsaa Keeniyaatti gurguruuf waliigalee jirti.
Torban darbe keessa kaampaanii telekoomii Keeniyaa guddichi, Safaariikoom Itoophiyaatti ifatti hojii eegalunsaa ni yaadatama.












