Wiiliyaam Ruutoo pirezidaantii ta'uun hariiroo Itoophiyaa fi Keeniyarratti jijjiirama fidu jiraa?

Madda suuraa, Jemal Countess/William Ruto's Twitter
Keeniyaan Hagayya 9, 2022 filannoo pirezidaantummaa gaggeessiteen pirezidaantii haaraa filatte. Filannoon kun erga biyyattiin bara1963'tti sirna gita bittaa warra Ingilizii jalaa baatee marsaa 5ffaaf gaggeeffame.
Filannoo kanaanis morkataasaa cimaa Raayilaa Odiingaa caalun kan injifate Wiiliyaam Ruutooti.
Odiingaan bu’aa filannichaa mormuun mana murtiitti iyyatan illee Manni Murtii Waliigalaa Keeniyaa iyyaticha kufaa gochuun Fulbaana 5, 2022 pirezidaantummaa Wiiliyaam Ruutoo mirkaneesse.
Bara 2013 kaasee marsaa lamaaf Keeniyaa bulchaa kan turan Uhuuruu Keeniyaataan bara bulchiinsa isaanii xumuranii gadaa Ruutootti dabarsuutti jiru.
Ofii Ruutoon pirezidaantii Keeniyaa haaraa ta’anii filatamuun hariiroo Keeniyaa fi Itoophiyaa irratti jijjiirama fidu qabaa? Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii maaltu adda godha?
Gaaffilee kanneenii fi dhimmoota walitti dhufeenya biyyoota lamaanii irratti xiyyeeffachuun BBCn xinxaaltotaa fi aangawoota waliin turtii taasiseera.
Walitti dhufeenyi Itiiyoo-Keeniyaa eessaa garamitti?
Keeniyaan bara 1963'tti erga sirna gita bittaa jalaa walabummaa ishee gonfattee kaasee biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii, nageenyaafi diinagdee gaarii waliin qabaachaa har’a gahan.
Itoophiyaan walitti dhufeenya Keeniyaa wajjin kan jalqabde bara1945'tti biiroo qonsiilaa Naayiroobitti banuudhaan akka ta’e qorannoo eebbaa MA isaatiif Mallasaa Zallaqaa bara 2021'tti Yuunivarsiitii Wallaggaatti dhiyeesse irratti ibsamee jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka ragaan qorannoo kun mul’isutti xiyyeeffannoon walitti dhufeenya biyyoota lamaanii dhimma nageenya waloo isaanii akka ta’eedha.
Xinxaalaa dhimmoota Baha Afrikaa, Abdullaahii Boruu Halakee ammoo walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii biyyoota Baha Afrikaa jiran keessaa jalqabaa kaasee walitti dhufeenya cimaa fi naga qabeessa akka ta’e dubbatu.
“Hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru Baha Afrikaatti hariiroo baay'ee cimaadha," jedhu Aab Abdullaahiin.
Haaluma walfakkaatunis, Keeniyaatti Ambasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Ambasaaddar Baacaa Dabalee biyyoonni lamaan bara Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerarte irraa kaasanii walitti dhufeenya akka qaban himu.
"Keeniyaa wajjin walitti dhufeenya adda ta'e qabna. Walitti dhufeenya kana abboota keenya duriitu tolche. Bara mootummaa Hayila Sillaasee Xaaliyaanin gaafa nu weerartu gootonni keenya gara Keeniyaatti baqatan."
"Isaanis simatanii, keessummeessanii hidhannoo kennaniifii gaggeessan. Keeniyaanonnis sira gita bittaa jalaa bahuuf falmii gochaa turan keessatti mootummaan keenyas isaan gargaarera. Kanaaf walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii baay'ee adda," jedhu Ambsaaddar Baacan.
Aab Abdullaahii Boruu ammoo Keeniyaan akkuma gita bittaa jalaa baatee bilisummaa argatteen booda, Itoiophiyaa waliin hatattamaan waliigaltee waraanaa fi dhimma nageenyaa waliif mallatteessuu isaanii dubbatu.
Biyyoonni lamaan waliigaltee waraanaa akka walii mallatteesan kan isaan taasise ammoo lamaan isaanituu gama Somaalitaatiin sodaa nageenyaa qabaachuu isaanii ta'uu hima.
Keeniyaatti ambasaaddara Itoophiyaa duraanii kan ta'anii fi amma Direktara Waliigalaa Dippilomaasii Uummataa (Public Diplomacy) Ministeera Dhimma Alaa kan ta'an, Ambasaaddar Diinaa Muftii walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii seenaa dheeraa akka qabu ibsu.
"Seenaan walitti dhufeenya Itoophiyaa fi Keeniyaa yeroo dheeradhaaf kan tureedha," jedhan.
Itoophiyaan biyyoota ollaa kanneen akka Somaaliyaa, Ertiraa fi Sudaan wajjin walitti bu'iinsa sadarkaa garaa garaa keessa dabarteetti.
Itoophiyaan Ertiraa wajjin hanga bara 2018'tti walitti bu'iinsa keessa turte. Bara 1977tti yoo Ziyaad Baarreen Itoophiyaa weeraru, Itoophiyaan Somaaliyaa waliin waraana keessa seente.
Sudaan wajjinis taanan, waraana cimaa keessa seenuu baatanis sababa daangaa fi Hidha Guddicha Laga Abbayaatin wal qabatee wal gaarreffannaa fi darbee darbee walitti bu'iinsi xixiqqaan inuma jiru.
Keeniyaa fi Itoophiyaan garuu hawaasni gamaa gamanaa al tokko tokko sababa horii wal jalaa fudhachuu fi iddoo tikaa irratti waldhabuurraa kan hafe akka biyyaatti waldhabdee keessa galanii akka hin beekne dubbatu Ambasaaddar Diinan.

Madda suuraa, Ethiopian Embassy
Imbaasiin Itoophiyaa, Keeniyaa jiru maaliif masaraa mootummaa cinaa tahe?
Imbaasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru Imbasiiwwan biyyattii keessatti hundeeffaman warra angafaafi kan tureedha jedhama.
Kana qofa osoo hin taane imbasiiwwan biyyoota addunyaa Keeniyaa jiran keessaa imbasiin masaraa mootummaa (State House)tti baay'ee dhiyaatee jiru kan Itoophiyaa qofadha.
Kunis akkasumaan osoo hin taanee itti yaadamee raawwatamu dubbatu, dippilomaatii buleessa fi Keeniyaatti Ambasaaddara Itoophiyaa ta'uun yeroo dheeraaf tajaajilan Ambasaaddar Diinaa Muftii .
"Joomoo Keeniyaataan isin fagaattanii deemuu hin qabdan jedhanii achuma masaraa mootummaa cinaatti Imbaasii Itoophiyaaf kennan," jedhu Ambasaaddar Diinan.
"Isa qofas osoo hin taane qonsiilaan ykn bakki jireenya ambasaaddaraa achuma masaraa mootummaa Keeniyaa cinaa Imbaasii Itoophiyaa keessa akka ta'u godhan" jechuun walitti dhufeenya biyyoota lamaanii durii kaasee cimaa akka ta'e dubbatu.
Keeniyaan gita bittaa jalaa erga baatee booda Pirezidaantii biyyattii jalqabaa kan ta'an Joomoo Keeniyaataa fi Hayila Sillaasen akka malee michuu turan jedhama.
Gamtaa Afrikaa kan yeroo sana Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (OAU) jedhamu dureewwaan biyyoota bilisa bahanii Finfinneetti wal gahuun bara 1963 ji'a Caamsaa keessa akka bu'uuressan ragaan fuula marsariitii Gamtaa Afrikaarra jiru ni agarsiisa.
Warreen Gamtaa Afrikaa hundeessuf gahee guddaa taphatan keessaa Hayilasillaase fi Joomoo Keeniyaataa warra adda dureedha.
"Joomoo Keeniyaataa fi Hayilasillaseen walitti dhufeenya gaarii qabu tura. Waliin hasa'u, ni mari'atu turan. Isaanin booda hangas ammaatti angawoota biyyoota lamaanii gidduu walitti dhufeenya gaaritu ture jedhu," Ambsaaddar Diinan.
'Pirezidaantii haaraan filamuun hariiroo alaa Keeniyaa hin jijjiru'
Filannoo Keeniyaatti gaggeeffameen Ruutoon pirezidaantii haaraa ta'anii filatamuun Itoophiyaaf carraa gaaridha jedhu namoonni tokko tokko.
Waaranni mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti gaggeeffamaa ture karaa nagaa akka xumuramuuf pirezidaantin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatan jarsa araaraa haa ta'anii fi hin ta'anii irratti qaamonni lamaan walii hingalle.
Mootummaan Itoophiyaa araarri Gamtaa Afrikaatin akka durfamu barbaada. TPLF ammoo jaarsummaa Keeniyaataa malee hin ta'u jedhee ture.
Itoophiyaan jaarsummaa Uhuuruu Keeniyaataa diduun Gamtaa Afrikaa filachuun ammoo biyyoota lamaan gidduu walitti dhufeenyi gaariin waan hin jirreef kan jedhan jiru.
Kanaaf, Uhuruu Keeniyaataa bara aangoo isaanii fixanii Wiiliyaam Ruutoo pirezidaantii ta'uun filatamuun isaanii Itoophiyaaf gaaridha jedhu.
Xinxaala gaanfa Afrikaa kan ta'an Abdullaahii Boruu yaada kana hin fudhatan. "Wiiliyaam Ruutoo pirezidaantii ta'uun walitti dhufeenya biyyoota lamanii irratti jijjiirama homaatuu hin fidu," jedhu.
Itti dabaluunis, "Tarsiimoon hariiroo alaa Keeniyaa namni dhuunfaa aangoo qabachuu fi dhiisuu irratti kan hundaa'u miti. Keeniyaan tarsiimoo hariiroo ishee keessatti dhimma keessoo biyya kamuu keessa galuu hin barbaaddu," jedhan.
Waa'ee jaarsummaa Gamtaa Afrikaafi Uhuuruu Keeniyaataa ilaalchisee, "Humnoonni TPLF Keeniyaan qaama kamiifuu akka hin loogne waan beekaniif Uhuuruu filatu."
"Mootummaan Itoophiyaa ammoo caalmatti Gamtaa Afrikaa amasiisutu- salphataaf waan ta'eef araarri karaa sana akka raawwatu barbaadeeti malee Keeniyaa wajjin rakkoo wayii qabaatanii miti," jedhu Abdullaahii.
Ambasaaddar Diinanis, Itoophiyaan Gamtaan Afrikaa akka marii kana gaggeessu gaafachuun Oliseeguu Obasaanjoon akkauma jalqabanitti haa fixan jechuuf malee Uhuuruu Keeniyaataan dabalataan yoo dhufan rakkoo akka hin qabne dubbatu.
"Itoophiyaan Keeniyaa caalaa Gamtaan Afrikaa maricha haa dursu jechuun ishee bir'aa wayii yoo uume malee ifatti rakkoo uume hin qabu," jedhu.
Uhuuruu Keeniyaataan bara bulchiinsa isaanii xumuruun, yeroo duula filannootti deeggarsa Odiingaaf kennuun isa filadhaa jedhanii turan.
"Kan Uhuruun akka pirezidaantii ta'u fedhu Raayilaa Odiingan mo'amuun isaa tarii jaarsummaa Uhuuruu irratti jijjiirama fiduu mala," jedhu Aab Abdullaahii Boruu.
"Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Amihad, Uhuurun akka jaarsa araaraa ta'u kan jedhu irratti shakkii irraa qabaachun waanuma hin oolle ta'uu ibsu xinxalaan kun. "Garuu hariiroon biyyoota lamaanii qajeeletuma deemaa jira," jedhu.
Yuunivarsiitii Naayiroobitti hayyuu kan ta'an Piroofeesar Piitar Kaagiwaanjaa gama isaanitiin Keeniyaatti pirezidaantiin haaraan filamuun waan jijjiiru akka hin qabne himan.
Pirezidaantiin haaraa filataman Wiiliyaam Ruutoo, "Waggoota 10 darbe Itti-aanaa Uhuruu Keeniyaattaa ta'uun tajaajile waan ta'eef hariiroo alaa [Keeniyaa] irratti jijjiirama taasisa tilmaama jedhu hin qabu" jedhu Pirof. Piitar.
'MM Abiy fi Ruutoon waan wal isaan fakkeessu qabu'
Wiiliyaam Ruutoo pirezidaantii Keeniyaa 5ffaa ta'uun filatamu isaanii hordofee jalqaba ergaa baga gammaddee kan ergeef MM Abiy Ahimad.
MM Abiy Ahimad Ruutoon mo'achuun himamee yeroodhuma gabaabaa gidduutti ergaa baga gammaddee erguufiin isaanii akkasumaan moo ergaa mataa isaa qaba?
Abdullaahii Boruu gochaan Abiya Ahimad waanuma biyyoonni walitti dhufeenya gaarii qaban irraa eegamu malee waan ergaa addaa qabu miti jedhu.
"Haa ta'u garuu lamaan isaanii amantoota warra wangeelaa waan ta'aniif walitti dhufeenyi isaanii akka cimuuf carraa banaaf," jedha.
"Sadarkaa nama dhuunfatti gaggeessitoonni biyyoota lamaanii walitti dhufeenya gaarii yoo qabaatan, shakkii Itoophiyaan jaarsummaa mootummaa Keeniyaa irraa qabdus ni xiqqeessa, Itoophiyaadhaafis gaaridha," jedha Abdullaahin.
Hayyuu Yunivarsiitii Naayiroonii kan ta'e Piroofeesar Piitar Kaagiwaanjaa yaada kana deeggaaruun, Keeniyaan jaarsa araaraa ta'uuf filatamtuu akka taate dubbata.
Keeniyaan miseensa Mana-maree Nageenyaa UN ta'uu fi deeggarsa dippilomaatota biyyoota lixaa qabaachun ishee gahee kana akka bahattu ishee taasisa jedhu.
Ambasaaddar Diinan garuu, "Nuti dhimma keenya asuma Afrikaatti karaa Gamtaa Afrikaa fixanna, isatu jalqabe isaanumti haa xumuru jenneeti malee mootummaa Keeniyaa irraa rakkoo qabaannee miti," jedhu.
Qaamoleen wal waraanan lachuu Keeniyaa irraa amantaa waan qabaniif Keeniyaatas ta'ee Wiiliyaam Ruutoo hariiroo isaan Itoophiyaa waliin qaban gaarii waan ta'eef Naayiroobiin maricha qopheessuuf gahumsa qabdi jedhu Pirofeesar Piitar.
"Kubbaaniyoota Keeniyaaf carraa gabaa guddaatu Itoophiyaa keessa jira"
Itoophiyaa fi Keeniyaan hariiroo nageenyaa, diinagdee fi hawaasummaa bara dheeraa haa qabaatan malee daldalli biyyoota lamaan gidduu jiru hariiroo isaanii kan ibsuu miti jedhu xinxaaltonni.
Haata'u garuu waggoota muraasaa as tarkaafiin biyyoonni lamaan fudhatan jijjiramni jiraachuu agarsiisa.
Ambasaaddar Diinan akka jedhanitti, gama diinagdeetinis walitti dhufeenyi Itoophiyaa fi Keeniyaa jabaataa jira.
"Fakkeenyaf, Itoophiyaan humna ibsaa Keeniyatti gurguruuf waliigalteen godhamee jira," jedhan Ambasaaddar Diinan.
Abdullaahii Boruu ammoo, "Waraanni osoo Itoophiyaa keessa jiraachuu baatee silaa yoona kampaaniwwan Keeniyaa heddu gabaa Itoophiyaa seenuuf carraa qabu turan."
"Itoophiyaan biyya uummata miliyeena 100 ol qabduudha. Kun ammoo gabaa kampaaniwwan Keeniyaatiif carraa guddaadha. Itoophiyaan diinagdeedhaan naannoo kanatti baatee mul'achuu barbaaddi waan ta'eef carraa kanatti fayyadamuu barbaaddi," jedha Aab Abdullaahiin.
MM Abiy bara 2018 angootti dhufuu hordofee dhaabbileen gurguddoon kanneen akka tajaajila telekomii fa'aa gabaa alaatiif banaa ta'anii jiru.
Kanumarraa ka'uun dhaabbanni telekoomii Keeniyaa guddichi Safaricom gabaa tajaajila telekoomii Itoophiyaa keessa galuu danda'ee jira.
Yeroo ammaa Safaricom magaala Durre Dawaa keessatti tajaajila telekoomii eegalee jira. Bara 2021 hojii gaggeessan dhaabbatichaa Aab Piitar Ndegiwaa BBC waliin turtii taasisaniin, Safaricom Itoophiyaa keessatti lammiilee miliyeena 1.5 ta'aniif carraa hojii akka uumu dubbatanii turan.
Amma immoo Itoophiyaan tajaajila baankii baroota dheeraaf abbootii qabeenyaa alaatiif hin eeyyamin turte banaa gochuu ishee beeksifteeti.
Manni Maree Ministeerotaa kora idilee 13ffaa Fulbaana 3, 2022 taa'en tajaajilli baankii investaroota biyya alaatiif banaa akka ta'uuf murteessera.
Kun ammoo baankileen Keeniyaa carraa gabaa Itoophiyaa keessatti hirmaachun fayyadamoo isaan taasisa.
Haalli nageenyaa Itoophiyaa amansiisaa taanan kampaaniwwanii fi baankileen Keeniyaa gabaa Itoophiyaa keessatti hirmaachuf carraa guddaa qabaachuu isaanii n Abdullahii Boruu ni akeeku.
Gama diinagdeen caalmatti walitti dhufeenya Ittophiyaafi Keeniyaa ni cimsa kan jedhamee eegamu ammoo bu'uuraaleewwan gurguddoon biyyoota lamaan wal-qunnamsiisan ijaaramuu isaaniti jedhu Aab Abdullaahiin.
Daandii guddaan Keeniyaa fi Itoophiyaa wal qunnamsiisu akkasumas buufanni doonii Laamuu ijaaramuun isaanii daldalaafi hariiroo biyyoota lamaanii caalmatti kan cimsu akka ta'e dubbatu Ambasaaddar Diinan.
Daandii geejjibaa biyyoota lamaan wal-qunnamsiisu Mombaasaa irraa ka'uun Finfinneetti kan fulla'u yoo ta'u, eebbifamee hojii eegaleera.
Ijaarsii kooridoorii geejibaa buufata Laamuu irraa ka'ee Sudaan Kibbaa qaxxaamuruun Itoophiyaa gahu bara 2012'tti eegalame. Buufanni kun biyya akka Itoophiyaa karra bishaanii hin qabneef murteessadha.
Ministeerri Muummee Abiy bara 2020 ji'a Muddee keessaa gara Keeniyaa deemun daawwannaa buufata Laamuutti taasisaniin carraa misoomaa fi guddinaa buufata Laamuutti argan abdii guddinaa isaan keessatti akka hore dubbatanii turan.












