Pirezidantiin Keeniyaa haaraa filatame Oromoo biratti maaliif jaalataman?

Madda suuraa, AFP
Pirezidantii Keeniyaa shanaffaa ta'uun kan filataman Wiiliyaam Ruutoo Oromoo biratti deeggarsa guddaa argachaa jiru.
''Ilma Abbaa Gadaa'' jechuun uummatii Booranaa maqaa Liiban moggaaseeraaf.
Namoonni gariin ammoo gostisaa Kalenjiin Oromoo wajjin walitti dhufeenya qabaa? jechuunillee gaaffii kaasaa jiru.
Ruutoo yeroo dheeraaf michuu cimaa warraa Booranaa jedhamee deeggarsa hawaasaafi namoota siyaasaa naannolee Afaan Oromoo dubbatan irraa argachaa ture.
Namoonni siyaasaa kan akka Nayoomii Jiloo fi Diidoo Raasoo miseensa paarlaamaa tahuun paartii Wiiliyaam Ruutoo Yunaayitid Dimokiraatik Alliyaans (UDA) jedhamuun filatamaniiru.
Gaavarnara Marsaabeet Muhammud Alii ammoo michuu cimaa Ruutoo turullee, filannoo miilanaa kanaan Raayilaa Odiingaa deegaruun paartii biraatiin dorgome.
Karaa miseensota paartii UDAtiin alatti Wiliyaam Ruutoo qalbii hawaasa Oromoo keessa seeneera.
Lammiileen Itoophiyaallee miidiyaa hawaasummaa gubbaa 'Ilma Abbaa Gadaa' jechuun gammachuu ibsaafii turaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ruutoon sagantaa agarsiisa aadaa Oromoo Booranaafi duula filannoof gara hawaasa kanaatti imaletti Afaan Oromoo qalbiitti qabachuun qajeelfatee uummataa nagaa gaafate.
Dabalataanis yeroo duula filannoo gaggeessanittis uffata aadaa, lichoo fi orooroo qabachuun uumataa hawwateera.
“Yoo afaan namni tokko beekuu [garuu kan isaa hin taaneen] itti dubbatte, dubbiin sun gara mataa deemti. Yoo afaan kan isaa ta'een itti dubbatte garuu dubbiin sun gara onnee deemti,” kan Neelsan Maandeellaa jedhe nama yaadachiisa gochu Aab Ruutoo.
Oromoo-Booranaa Kaaba Keeniyaa jirutti afaan hawaasichi beeku akka Siwaahilii ykn Ingliffaan itti dubbatee ni dhagahu. Garuu afaan kan isaanii Afaan Oromootiin itti dubbachuu filate.
Akkasumas, yeroo duula na filadhaarratti Afaan Oromootiin uummataa Booranaa nagaa gaafachuun isaa baay’ee hawaasatti dhaga’ame.
Booranni nagaaf bakka guddaa waan qabuuf nagaa yeroo wal gaafatullee ni dheeressa, irra deddeebiyee gaafata.
Ruutoonis akkuma Booranaa nagaa gaafachuu dheeressuun, “Yooyya, ammallee yooyyaa,..nageenii isan badhaadhaa,…ijjoolleen urgooftuu,...bona yaatuu,” jedhe Isihooloo, Taana Riivaar, Saakuu hanga Mooyalee yeroo duula isaa geggeese.
Namoonni siyaasaa beekamoon Raayilaa sagalee kennaa jedhanii uummata horsiise bulaa kadhachaa turan, garuu naannolee Afaan Oromoo dubbatanitti Ruutooti mo’e.
Galgaloo Kanaa Godaanaa dargaggoota miidiyaa hawaasarratti Ruutoo filadhaa jechuun duula geegessaa turan keessaa tokkoodha.
“Ruutoo kura argachuun naaf gammachuu… garuu waan ani sababeeffadhe irra gammaddeti jira.
“Ruutoon ilma horsiise-bulaa, mucaa hiyyeesaa kan akka keennatti lukkuu nagaadee, yunivarsitii barate, siyaasaa keenyaa keessatti hirmaatee dhumarratti milkaa’e amma pirezidantii ta’e,” jedha
Akka inni jedhutti, Ruutoon qonnaan-bulaafi horsiise-bulaa waan ta’eef, dhimma uummata Booranaa sirritti hubata.
“Nu horsiise-bulaa, ilma horsiise-bulaa malee namni rakkoo teenna qabatamaan nuu beekuu danda’u hin jiru.
“Ruutoo gosa teenna ta’u baatus, nama rakkoo ummataa horsiisee bulaa beekuu danda’u, kanaaf hin dhaabbanna, hin herreganna, rakkoo keessa nu baasaa jenne abdanna, tanaaf gammanne.”
Naannoo Isihooloo bakka Booranni barcuma gaavarnaar [bulchaa], seenetiifi miseensaa paarlaamaa Isihooloo keessatti injiffannoon Ruutoo gammachuu guddoo kakaafte jedhu.
Muhammud Alii dhaabbata qabeenya gurguruufi bituu, magaala Isihooloo keessatti geggeesa. Ruutoon wanta gaarii uummataa Booranaaf hawwa jedhe yaada.
“Uummati Booranni yeroo dheeraaf mootummaan dagatameera. Ruutoon argachuun bilisummaa uummataa kennaaf,” jedha
Ruutoon fedhii uummataa ni guutaa kan jedhu Muhammud, gaafa bara 2002 gara siyaatti dhufuudhaan filatamee hawaasa horsiise-bulaaf dhiibbaa geggeessuu hima.
“Akkasuma bara 2013 pirezidaantii itti-aanaa erga tahen booda karaa paartii isaatiin namni Boorana ministeera ta’uun muudame.”
Ammaa filannoon Isihoolotti geggeeffame qajeelaa miti kan jedhu Muhammud, akka hawaasa tokkotti bu’aa filannichaa bulchiinsa Ruutoo jalatti mormuun salphaa jedha.
“Filannicha mormuu yoo dhiifne, namoonni siyaasa kan Isihoolotti aangoo dhaban bulchiinsa Ruutoo keessatti muudamani aangoo biroo argatan jennee abdanna,” jedha
Duula na filadharratti sirbi artistooti Oromoo Ormaa Ruutoof sirban, naannolee afaanicha dubbatan hunda dabalatee Keeniyaa keessatti faaruu biyyaa ta’e.
“Ufiifuu..dagaafuu..abba Daadoo tosha..Sane tosha..wametosha..Ruutoo Raisii weetuu,” jechuun Ruutoon pirezidantii isaani filatamaa ta’u ibsan.
Erga inni pirezidaantii tahun labsamee ammoo, Ruutoon Oromoo tahun yookan gosti isaa Oromoon walitti dhufeenya qabuun miidiyaa hawaasarratti dubbii ijoo ta’e.

Madda suuraa, KENYA DEPUTY PRESIDENT OFFICE
Kaleenjiin gosa akkamiiti?
Pirezidantiin Keeniyaa haaraa filataman Wiiliyaam Ruutoo sabi isaanii Boorana osoo hin taane Kaalenjiin jedhama.
Kaleenjiin gosoota Keeniyaa 47 keessaa tokkodha. Kaleenjiin ummata Naayilootik kan gosoota afaaniifi aadaan isaanii wal fakkaatu saddeet qabu; Kipsigis, Nandi, Tugen, Keiyo, Marakwet, Pokot, Sabaot fi Terik.
Abbootiinsaanii durii godaantoota Kush Itoophiyaafi Naayilootik Sudaan irra Dh.K.D. gidduu bara 2000 fi 1000 dhufu himan.
Keeniyaa keessa bakki isaan jiraatan baddaa lixa biyyatiifi naannoo Riifti Vaalii keessadha. Lakoofsi isaanii Keeniyaa keessatti baay'inaan afraffaa irra jira.
Walitti dhufeenyi isaan Oromoo waliin qaban qoratamuu baatus, wanti isaan wal fakkeessu heddu jiraachuu akka danda’u himu namoonni aadaa, jiruufi jireenya hawaasa lamaanii itti dhiyeenyaan beekan.
Kaleenjiin akkuma Oromoofi saboota Afrikaa durii aadaa, duudhaafi amantee durduriin buluun beekama.
Ummanni kunneen hawaasa garagaraarra dhufus, afaan isaanii wal akeeka. Fakkeennaaf, Oromoo haadhaan aayyoo yoo jedhu, isaan ammoo iyoo jedhu. saaniin- Sanit, abuyyaan/Wasiilaa-abule, roobii- robta.
Jechooti bira baay’etu jira.
Kaleenjiin akkuma ummataa Oromoo qonnaan-bulaafi horsiise-bulaa qaban. Akkumaa itittuun Oromoo biratti beektu, isan biratis beekamti. Isaan itittuun Mursik jedhan.
Akkuma atileetonni Itoophiyaaf fiigan beekamoon Oromoo ta’an, atileetonni Keeniyaa fiigan hedduun Kaleenjii keessaati.












