Filannoo Keeniyaa 2022: Pirezidantii shanaffaa ta'uun kan filataman Wiiliyaam Ruutoo eenyu?

Wiliyaam Ruutoo yeroo duula filannoo taasisaa turetti

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Itti-Aanaa Keeniyaa Wiiliyaam Saamoy Ruutoo filannoo Keeniyaa keessatti taasifameen irra - aanuun Pirezidantii Keeniyaa ta'un filataman.

Komishiniin Filannoo Keeniyaa akka beeksisetti Ruutoon morkataa isaanii ijoo Raayilaa Odiingaa sagalee xiqqaan injifachuuni kan filataman.

Waggoota kurnan darban Pirezidantii Keeniyaa ta'un kan tajaajilan Uhuruu Keeniyaataan filannoo kanarratti I/Aanaa isaanii dhiisanii Odiingaaf sagaleen akka kennamu duula gaggeessaa turan.

Waa'ee Wiiliyaam Ruutoo garuu maal beekna? Nami biyya Bahaa Afrikaa bulchuuf jedhan kuni eenyu?

Daldalaa lukkuu

Ijoollummaan isaanii jireenya hiyyeessota Keeniyaa hedduu fakkaata. Jalqaba miila qullaa mana barnootaa seenan. Yeroo jalqabaatiif kophee kan kaawwatan umurii isaanii15tti ture.

Akkasumas, qarqara daandii Riifti Vaalii keessaatti lukkuufi acholoonii gurguraa turan.

Filannoo keessatti akka nama iyyeessaaf dhaabbatuutti of ibsuun isaanii kan nama ajaa'ibu hin ta'u jechuun namoonni isaan ibsu.

Ruuttoon filannicha keessatti dhaadannoo 'Kenya Kwanza (Dursi Keenyaaf) jechuun guddina diinagdee fiduuf waadaa seenan.

Dargaggoota Keeniyaa umuriin isaanii waggaa 18 fi 34 jidduutti argamuufi hojii hin qabne %40 ta'aniif carraa hojiin uuma jechuun duula gaggeessaa turan.

Imala siyaasaa

Ruutoon bara 1992 siyaasa seenani. Yeroo sanattis pirezidaantii Keeniyaa kan turan Daani'eel Araaf Mooy irraa gorsa akka argatan himama.

Ga'eessi ganna 55 nama dubbii beekuu akka ta'e himamaaf. Sababii kanaatinis hiriira deeggarsaa irratti namoota hedduu bahaafi turan.

Gaaffiilee miidiyaaleetiif haalli deebii itti kennunis nama dubbii kan beekuu ta'u mirkanneesseera.

Yeroo baayyees ''hirriyaakoo'' jechuun dubbachuu jaalata. Kunis ummata filatu waliin walitti dhufeenya gaarii ummachuufi qalbii qeeqxootaa hawwachuuf isa gargaareera.

Ministirummaa barnootaa dabalatee aangoowwan ministirummaa adda addaa irras turan. Erga bara 2013 as ammoo ittaanaa pirezidaanti ta'uun tajaajilaa jiru.

Wiiliyaam Ruutoo Kaaba keeniyaatti

Madda suuraa, Getty Images

Filannoo bara 2007 namoonni 1200 ol irratti du'aniifi lammiileen Keeniyaa hedduu hin daganneerrattis hirmaataniiru.

Eegasii Keeniyaataa waliin yakka namoomaa raawwatameetiin himannaan mana murtii yakka idil-addunyaa irratti banamee ture.

Barnoota

  • Gaheessi waggaa 55 Wiiliiyaam Ruutoon saayinsiifi biqiltuufi beeladaatiin digrii sadaffaa, akkasumas digrii jalqabaa Yunivarsitii Naayirobii irraa argataniiru.
  • Ruutoon Paartii miseensa Keeniyaa Kiwaanzaa ta'e, Paartii Yunaayitidi Aliyaansi bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgomu.
  • Hogganaa garee 'Yuuz For Keeniyaa' ta'anii maqaa gaarii hin qaban turan.

Milkaa'inoota ijoo

  • Ministira Qonnaa wayita turanitti waajjirrisaanii hunda caalaa kan irraa eegamu raawwachuun beekkamtii argatee ture.
  • Heera motummaa haaraa 2010 baheen ittaanaa pirezidaantii ta'un tajaajilaniiru.
  • Waggoota 10'f bakka bu'aa naannoo Eldooreeti ta'un miseensa paarilaamaa turan.

Waan itti himataman

  • Manni murtii Olaanaa Keeniyaa waggaa 4n dura Wiiliyaam Ruutoo lafa heektaara 40 qabatan akka gadhiisanii fi qannaan bulaa lafti na jalaa fudhatameera jedhee himateef doolaara 62,500 akka kanfaluu murteessee ture.
  • Bara 2011'tti, Mr Ruttoon dhimmoota yakka namoomaa sadiin himatame: Ajjeechaa, biyyaa arii'uu fi dirqiidhaan dabarsuu fi ajjeechaa ummataatiin Mana Murtii Yakka Idil-Addunyaa (ICC)tti himataman. Waggoota shaniin booda ammoo manni murtichaas ragaan ajjeechaa dhiyaate gahaa miti jechuun himannicha haqe-ICC

Maatii

Siyaasa Keeniyaa keessatti sabni gahee olaanaa qaba. Ruutoon baayyinaan sadaffaa kan ta'an saba Kaalaanjii irraa dhufani.

Kaalaanjii irraa pirezidaantii tokko qofatu biyya bulche. Isaanis kan biyyattii bara dheeraaf bulchan Araaf Mooy turan.

Ruutoon Raacheel waliin gaa'ela dhaabbataniiru. Yeroo jalqabaatiif kan wal baranis sagantaa waldaa dargaggootaa irratti ture.

Pirezidant Uhuruu Keeniyaataafi Pirezidantii I/Aanaa Wiiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Uhuruu Keeniyaataafi Pirezidantii I/Aanaa Wiiliyaam Ruutoo

Ijoollee jahas godhataniiru. Ilmi isaanii angafaa Niik jaarsoolii Kaaleenjiitiin eebbifamun, ittigaafatamummaa siyaasaatiif kaadhimamaa jira tilmaamni jedhu akka jiraatu taasiseera.

Intalli isaa Juun ammoo ministeera dhimma alaa keessatti miindeeffamte hojjatti.

Jaalala qonnaa

Aab Ruutoon qonnaqadhaaf jaalala olaanaa qabu. Kanaafu omisha boqqoolloo, aannaniif horsiisa lukkuu irratti hirmaataniiru.

Gara lixaafi naannoolee baadiyaa biyyatii keessa maqaasaatiin lafa bal'aatu jira. Gama indastirii keessummeessutiinis invastimanii gaggeessaa jiru.

Ruutoo malaammaltummaa motummaa waliinis maqaan isaa irra deddebiin ka'a. Kanaan wal qabatees madda qabeenyaa isaarratti gaaffiin ni ka'a.

Bara 2013 murtee mana murtii olaanaa biyyatiitiin lafa qonnaa heektaara 40 akka deebiisu murtaa'eera.

Qonnaan bulaa hokkara filannoo bara 2007 booda lafa irra fudhateefis beenyaa akka kanfalu itti murtaa'era.