Keeniyaan bu'aa filannoo pirezidaantummaa ifa gochuuf

Raayilaa Odiingaa fi Wiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, AFP

Bu’aan filannoo Keeniyaa torban darbe gaggeeffame haalaan eegamaa jiru ifa taasifamuuf jedhame.

Adeemsi bu’aa filannichaa qulqulleessuu xumuramuun wiirtuun biyyaleessaa sagalee lakkaa’u bu’aa filannichaa labsuu qophii xumureera.

Sagalee lakkaa’ameen Pirezidantiin itti-aanaa Wiiliyaam Ruutoo ministira muummee duraanii Raayilaa Odiingaa sagaleee xiqqaatiin dursaa jira.

Akka seera Keeniyaatti, bu’aan filannoo Hagayya 16 beeksifamuu qaba.

Itti-Aanaa Pirezidaantii Keeniyaa kan ta'e Wiiliyaam Ruutoon Sagalee %51.9 dursaa jira; Ministeerri Muummee duranii Raayilaa Odiingan ammoo sagalee %48.5 itti aanun kokkee wal qabanii jiru.

Itti-gaafatamaan Komishinii Filannoo biyyattii bu'aa filannoo beeksisuuf baay'ee boodatti harkifataa akka jiru amaneera.

Deeggartoonni kaadhimatoota lamaanii komii garaa garaa kaasuu irraa kan ka'e sagalee lakkaa'uufi mirkaneessuun si'a hedduu addaan citee ture.

Deeggartoonni Raayilaa Odiingaa hojjattoonni Komishinii Filannoo sagalee waliindhahaa jiru jechuun adeemsa sagalee filannoo lakkaa'uufi mirkaneessuu danqanii turan jedhame.

Kaleessa halkan 13, 2022 gaggeessan duula filannoo Odiingaa kan ta'e Sa'itabaahoo Olee Kanchorii carraan osoo hin kennaminiif akka tasaa waltajjii irratti bahee adeemsi sagaleen ittiin lakkaa'amu rakkoo akka qabu dubbate.

"Giddu-gala sagaleen itti lakkaa'amu (Bomas of Kenya) kanatti yakkatu gaggeefamaa jira, kana lammiilen biyyattii akka baran nan barbaada," jchuun dubbate. Sana booda maayikiraafoonin cufamee bakkichaa akka deemu taasifame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

atakaaroo kana hordofee humni hokkara bittinneessaa giddu-gala sagaleen itti lakkaa'amutti akka dabalamu godhamee jira jedhame.

Nageenyiifi tasgabbiin akka jiraatuuf qaaamolee addaa addaa irraa waamichi taasifamaa ture.

Waldaan Kaatolikii, yeroo bu'aan filannoo haalaan eegamaa jiru kanatti kaadhimamtoonni "miira itti-gaafatamummaatiin akka socha'aniifi obsan," waamicha gootee jirti.

Aanaalee filannoo (constituencies) 292 keessaa bu'aan filannoo aanaalee 141 ifatti beekamee jira.

Filannoo kanaan buufataalee filannoo 46,000 tti lammiilen miliyeena 14 sagalee isaanii kennaniiru.

Akka seera Keeniyaatti Komishiniin Filannoo bu'aa filannoo beeksisuuf guyyaa torba qaba. Kanaaf, hanga Hagayya 16, 2022 tti beeksisuu dhiisuuf mirga qaba jechuudha.

"Adeemsa sagalee mirkaneessuu akka saffisu gochuuf sirreeffama gochuu qabna," jedhe itti-gaafatamaan Komishinii Filannoo Keeniya kan ta'e Waafulaa Chabukaatin.

Sagalee filannoo aanaa tokkoo mirkaneessuf sa'aatii sadii hanga afurii akka fudhatu dubbata.

Itti dabaluunis, "Hojjattoonni keenya tokko tokko walitti fufiinsaan guyyaa sadii teessoo tokko rra taa'anii hojjataa jiru. Kun ammoo sirrii miti," jedhe Chabukaatin.

Giddu gala filannoon itti lakkaa'amu

Madda suuraa, Reuters

Giddu-gala sagalee lakkaa'utti maaltu ta'a?

Hojjattoonni Komishinii Filannoofi Daangawwanii Walabaa (IEBC) ammayyu giddu-gala sagaleen itti lakkaa'amuufi mirkanaa'u "Bomas" keessatti sagalee lakkaa'utti jiru.

Hojjattoonni kun sagalee filannoo waraqaadhaan buufataalee filannoo irraa dhufan tokko tokkoon ilaalanii mirkaneessaa jiru.

Itti-gaafatamaan Komishinii Filannoo ammoo bakka bu'oonni paartii hojii nuti ija isaanii duratti ifaafi bilisa taanee hojjannu nu jalaa xureessaa jiru jechuun komata.

Bakka bu'oonni paartilee ammoo Komishinichi "akka waan qorannoo yakkaa gaggeessuu" hojii sagalee lakkaa'uu lafarra harkisaa jira jechuun himatu.

Lammiilen Keeniyaa miira maalii keessa jiru?

Filannoowwan kanaan dura gaggeeffaman jeequmsatti geessuu hordofee kunis akkasuma ta'uu mala ykn ammoo haqamee irra deebiin akka gaggeeffamu murtaa'uu mala kan jedhu irraa miirri yaaddoo ni mul'ata.

Gaaggeessitoonniifi dhaabbileen garaa garaa lammiileen Keeniyaa obsaan akka eeggataniif waamicha dhiyeessaa turan.

Arkibishooppii Kaatolikii kan ta'an Antonii Muheriyaa, "kaadhimamaan mo'ateera jedhamee labsame injifannicha kabajaafi gadi of deebisuudhan fudhachuu qaba," jedhan.

"Waanti si hin gammachiifne yoo jiraate, mo'amuu kee fudhadhu... mormii yoo qabaatte ammoo karaa seeraa deemuu qabda.

Adeemsa kana keessatti kan kasaaru homtuu hin jiru, adeemsi dimokiraasii milkaa'an hunda keenyaaf mo'icha," jechuun ergaa kaadhimamtootaf dabarsan.

Itti-dabaluunis, "Keeniyaa dimokiraasin ishee siyaasa dorgommii qabu ijaaruu feena. Kadhimamaan milkaa'uu dhabe akka waan kasaareetti ilaalamuu osoo hin taane akka nama Keeniyaa keessatti dimokiraasin akka dagaaguuf gahee isaa baheetti ilaalamuu qaba," jedhu Arkibishoop Antonii Muheriyaa.

Filannoo bara 2007 gaggeeffameen sagaleen hatameera jedhamee hokkara ka'een namoonni 1,200 yoo du'an, 600,000 ta'an ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'anii turan.

Bara 2017 tti ammoo dhiyeessii loojistikiitiin walqabatee dogoggora uumameen Manni-Murtii Waliigalaa filannoon akka irra deebiin gaggeeffamuuf murteessee ture.

Filannoo bara kanaatiin dogoggorri kana duraa akka hin deebineef angawoota irratti dhiibbaan gaggeeffamaa jira.

Hanga filannoon raawwatutti biyyattii keessatti sochiiwwan garaa garaa akka murtaa'an godhameera. Manneen barnootaa hanga Hagayya 18 tti akka cufaman godhamaniiru.

Magaalaa Naayiroobii keessa sochiin gabaafi namaa akka yeroo kaanii miti.

Keeniyaa keessatti komiin sagaleen waliin dhahameera jedhu har'a kan jalqabe osoo hin taane durii ka'eeti.

Bara 1990'oota keessa sirni paartii daneessaa osoo hin dhufiin durayyuu akka qaama siyaasatti ilaalama ture.

Haata'u garuu, fedhiifi tattaafin filannoo sirriifi haqa-qabeessa gaggeessuuf jiru dhaabbatee hin beeku.

Filannoo bara 2007 hordofee rakkoon erga uumamee as filannoo irratti sagaleen akka waliin hin dhahamneef paartileen siyaasaafi akstivistoonni teeknoloojii fayyadamuun akka barbaachisu irratti falmii gaggeessuu eegalan.

Filannoon irratti teeknolojii fayyadamuun erga eegalamee filannoon bara kanaa isa sadaffaadha.

Bu'aan filannoo yoom ibsama?

Bu'aan waliigalaa yoom akka ibsamu hanga ammaatti waanti ifa ta'e hin jiru.

Kan mo'ate yoo beekame deeggartoota isaa biratti gammachuu guddaan akka ta'u waanuma eegamuudha.

Ta'uyyuu bu'aa filannoo kana kan ifa godhu Komishinii Filannoofi Daangawwanii Walabaa (IEBC) dha.

Kaadhimamaan tokko pirezidaantii ta'uudhaf:

  • sagalee guutummaa biyyattiitti kenname keessaa walakkaadhaa ol (50 + 1) argachuu,
  • kaawuntiiwwan jiran keessaa kaawuntii 24 tti yoo xiqqaate sagalee 25% argachuu qaba.

Ulaagaalee kana hin guunne taanan, filannoon irra deebin Fulbaana 8, 2022 akka gaggeeffamu seerri biyyattii ni dirqisiisa.