Buʼaa filannoo Keniyaaa 2022: Oduu dogoggoraa bu’aa filannoo Pireezidaantummaa Keeniyaarratti
Wayita lammiileen Keeniyaa bu'aa filannoo Kibxata Hagayya 09, 2022 gaggeesani hawwiidhaan eegaa jiran kantti, namoonni garii miidiyyalee hawaasarratti oduu dogoggoraa bu'aa filannoorratti dabarsaa jiru.
Oduu dogoggoraa miidiyaa hawaasarratti balʼinaan qodamaa jiru keessaa hanga tokko akkasitti ibsineerra. Dawoo Odingaa keessatti lakkoofsi namoota filannoof galmaa'anii kan sagalee kennatan kan caaludha jedha inni tokko.
Barreessaan pirezidantii Itti-aanaa Wiiliyaam Ruutoo deeggaruu guca bu'aa filannoo fuula Tiwitarii irratti barreessuun, bakka morkataan isaanii Raayilaa Odingaa deeggarsa cimaa itti qabu Kisumuu gama lixa Keeniyaatti namoonni sagalee kennan dhibbeentaa 107.7 ta'uu hime.
"Namoonni gabaa Kondeeletti sagalaee kennuuf galmaa'an 362 garuu kan sagalee kennan 390," jechuun Tiwittariirratti barreese. Akka barreeffama kanaatti namoonni sagalee kennan kanneen galmaa'an akka caaluu argisiisa.
Haata'u malee, yoo odeeffannoo marsariitii Komishinii Filannoo fi Daangaawwan Walabaa (IEBC) irratti baayyina lakkoofsa namoota filachuuf galmaa'ee ilaalatanii, baayyinni lakkoofsa namoota sagalee jidduugalichatti kannanii sirriin 632 ta'u agarsiisa.
Maxxansa X irra dabri, 1Qabiyyee X hayyamtaa?Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu Dogongorri qubee lakkoofsa jaha gara sadiitti jijjiree, akka waan namoonni baayyeen kanneen sagalee kannuuf galmaa'an caalaa filatan fakkeesse. Innis dogongora ta'u BBC mirkaneesseera.

Eenyummaa saanii baruuf kaadhimamaa filadhaa
- Kaadhimamaan pirezidaantummaa kan umuriin waggaa 77 Yunivarsitii Teeknolojii Jarman keessatti argamu Maagdeburg irraa injinarummaan eebbifaman.
- Paartii Aziimiiyoo La Umoojaa bakka bu'uun kaadhimamaa pirezidaantii ta'un dhiyaatan.
- Filannoowwan darban afuriitti pirezidaantummaaf kan dorgoman yoo ta'u, kan ammaa yeroo shanaffaa saaniti.
- Odiingaan namoota siyaasaa Keeniyaa keessatti dimokiraasii paartii sabdaneessaaf qabsaa'an keessaa tokko turan. Sababii kanaatinis hidhamaniiru, baqaafis saaxilamanii ture.
- Waggoota 10n dura MM ta'un tajaajilaniiru.
- Odiingaan aangoorra wayita turaniitti, ibsaa baadiyaatti babal'isuuf ijaarsa daandiitiin akka milkaa'an himama.
- Damee daldala xixiqqaafi invastimantii maanufaakchariitiin guddina diinagdee dijiitii lamaa galmeessuu danda'aniiru.
- Tajaajila fayyaa qulqullina qabu hunda akka gahuu gochuu.
- Guddina qaama, sammuufi hawaasummaa ummataatiif ispoortiifi dhaabbilee bashannanaa babal'isuu.
- Yaalii fonqolcha motummaa Hagayya 1, 1982 hordofee, Laayilaa Odiingaa to'atamuun biyya ganu dabalatee himmannaawwan hedduun irratti dhiyaate ture. Komishiniin Dhugaa Haqaa fi Haraaraa Odiingaan dursaa fonqolcha motummaa waliin hidhata akka qabu itti himame. Odiingaan garuu ni waakkatu. -Man-kuusaa Biyyaaleessa Keeniyaa
- Gaheessi waggaa 55 Wiiliiyaam Ruutoon saanintii biqiltuufi beeladaatiin digrii sadaffaa, akkasumas digrii jalqabaa Yunivarsitii Naayirobii irraa argataniiru.
- Ruutoon Paartii miseensa Keeniyaa Kiwaanzaa ta'e, Paartii Yunaayitidi Aliyaansi bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgomu.
- Hogganaa garee 'Yuuz For Keeniyaa' ta'anii maqaa gaarii hin qaban turan.
- Ministira Qonnaa wayita turanitti waajjirrisaanii hunda caalaa kan irraa eegamu raawwachuun beekkamtii argatee ture.
- Heera motummaa haaraa 2010 baheen ittaanaa pirezidaantii ta'un tajaajilaniiru.
- Waggoota 10'f bakka bu'aa naannoo Eldooreeti ta'un miseensa paarilaamaa turan.
- Dhaabbiilee xixiqqaafi jidduugalaatiif waggaan doolara miiliyoona 424 ni ramada.
- Baasiiwwan garaagaraa haguuguuf deeggarsa barnoota biyyaaleessaa ni hundeessa.
- Kaabinee isaanii keessaa wallakkaan, akkasumas karaa mudamaatiin harka sadii keessaa lama dubatootaan akka qabamu taasisa.
- Manni murtii Olaanaa Keeniyaa waggaa 4n dura Wiiliyaam Ruutoo lafa heektaara 40 qabatan akka gadhiisanii fi qannaan bulaa lafti na jalaa fudhatameera jedhee himateef doolaara 62,500 akka kanfaluu murteessee ture.- Seera Keeniyaa
- Bara 2011tti, Mr Ruttoon dhimmoota yakka namoomaa sadiin himatame: Ajjeechaa, biyyaa arii'uu fi dirqiidhaan dabarsuu fi ajjeechaa ummataatiin Mana Murtii Yakka Idil-Addunyaa (ICC)tti himataman. Waggoota shaniin booda ammoo manni murtichaas ragaan ajjeechaa dhiyaate gahaa miti jechuun himannicha haqe-ICC
- Piroofessarri umuriin waggaa 61 Yunivarsitii Waarwick irraa misooma seeraatiin fi Yuniversity Baaltimor irraas seeraan digrii lammaaffaa qaba.
- Mr Waajaackoyaah Paartii Ruuts bakka bu'uun pirezideentummaaf dorgomu.
- Bara bulchiinsa pirezidaanti Daani'el Mo'i osoo qondaaltootaan akka hin himatamneef biyyaa akka bahuuf hin taasifamiin dura, damee Addaatti qorataa ta'un hojjataniiru.
- Dhaabbata seeraa bara 2018tti hundeessan keessas ni hojatu.
- Yunivarsitiiwwan US, UK fi Keeniyaatti seeraafi diinadgee barsiisuu.
- Indastirii Marijuana (bhang) seera qabsiise.
- Guyyoota hojii Wiixataa hanga Kamisaatti jijjiirre.
- Jaarroollii, namoota saaxilamtootaafi dubartoota ulfaatii kunuunsa fayyaa bilisaafi deeggarsa.
- Deevid Mwaaree Paartii Agaanoo bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgomu.
- Hogganaa Paartii Agaanoti.
- Yunivarsitii Naayiroobii irraa seeraan digrii fi qo'annoowwan hoggansaatiin ammoo digrii lammataa argatan.
- Abbaa seeraafi waggoota 30 oliif seeraan hojjataniiru.
- Dhaabbata seeraa kan qaban yoo ta'u, aangoowwan siyaasaa hedduurra hojjaniiru.
- Bara 2006tti Paartii Agaanoo hundeessan.
- Malaamaltummaa weeraraarratti ni qabsaa'a.
- Carraa hojii ni uuman.
- Qabeenyaawwan Keeniyaa biyya alaa jiru ni deebiisisu.
Kaadhimamaa itti-aanaa pirezidaantiif dorgomu ashaaraan qubsaa adda baasuu dide.
Dubii Himaan Ministeera Muumee duraanii Raayilaa Odingaa akka jedhanitti, namni itti-aanaa Ruutoo ta'uuf dorgomaa jiru maqaan isaa galmeerra ilaalamee osoo ashaaraa hin fayyadamiin sagalee kenne.
Akka Makawuu Mutuwaa jedhetti, meeshaan elektirooniksii filannoodhaaf fayyadame ashaaraa quba Rigaadii Gachaguwaa baasuuf rakkoon waan mudateef jedhe. Booda keessa ammoo erga qubasaa rifensa isaatti rigeen booda ashaaraan isaa buddifamu akka danda'e barreesse. Kun kan hubatame barreeffama paartii isaanii mormaa turan irraayi.
Maxxansa X irra dabri, 2Qabiyyee X hayyamtaa?Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu Akkaawuntii Tiwitaraa IEBCn walitti dhufeenya hin qabne:
Akkaawuntiin tiwittaa 'IEBC Tabulation' jedhamu fi loogoo Komishinichaatti fayyadamuun bu'aa filannoo beeksisaa ture.
Akkaawutiin amma haqame kunis geessituu gara marsariitii Komishinii Filannoo fi Daangaawwan Walabaa (IEBC)'tti geessu qabachuun akka akkaawuntiikomishinichaa sirrii ta'etti of fakkeessuun namoota dogoggorsiise.
Akkaawuntiin Ebla keessa banamee ture kunis odeeffannoo dogongoraa dabarsaa turre malee kan komishinichaan hidhata hin qabne ta'un adda baheera. Torbanoota hedduuf qabiyyeewwan waa'ee qunnamtii saalaa maxxansaa akka ture adda baafameera.
Akkasumas barreeffamoota dhihenna kana maxxansaa tureen ammoo namoota siyaasaa filannicha keessatti hirmaatan irratti odeeffannoowwan loogii argiisisaa fi waan akkaawuntii IEBC isa dhugaa irra hin eegamu maxxansaa ture.
Akkaawuntiin kun seeraa tiwitaraa cabsuu isaatiin akka dhaabbatu taasifameera.
Awustiraaliyaatti kenniinsi sagalee hin gaggeeffamne:
Odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa kan akka WhatsApp, Twitter fi Facebook fa'i irratti qoodaman akka jedhaniitti, kenniinsi sagale biyya alaattikanneen akka magaalaa Siidinii- Awustiraaliyaa fa'i keessatti gaggeeffamu odeessan.
Akka odeeffannoo kanaattis, sagalee magaalaa Siidnitti kennameen injifannoo kan Odingaa ta'uu himan. Garuu kenniinsi sagalee Awustiraaliyaa keessatti geggeffame hin jiru ture.
Komiishinii Filannoo fi daangaalee walabaa biyya alaa lammileen Keeniyaa keessa jiraataniitti sagalee kennachuu danda'an jechuun biyyoon adda baasee: Buruundii, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa, Yugaandaa, Afrikaa Kibbaa, Ingilaand, Kaanaadaa, Ameerikaa, Sudaan Kibbaa, Kaataar, UAE fi Jarman ta'uu beeksiseera.
Haaluma kanaanis Awustiraaliyaan biyyoota kana keessaa hin jirtu. Imbaasiin Keeniyaa Awustiraaliyaatti argamus magaalaa Kanbeeraa jira malee Siidinii keessa miti.
Odeessa kana irratti dabalata