Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buʼaa filannoo Keniyaaa 2022: Oduu dogoggoraa bu’aa filannoo Pireezidaantummaa Keeniyaarratti
Wayita lammiileen Keeniyaa bu'aa filannoo Kibxata Hagayya 09, 2022 gaggeesani hawwiidhaan eegaa jiran kantti, namoonni garii miidiyyalee hawaasarratti oduu dogoggoraa bu'aa filannoorratti dabarsaa jiru.
Oduu dogoggoraa miidiyaa hawaasarratti balʼinaan qodamaa jiru keessaa hanga tokko akkasitti ibsineerra. Dawoo Odingaa keessatti lakkoofsi namoota filannoof galmaa'anii kan sagalee kennatan kan caaludha jedha inni tokko.
Barreessaan pirezidantii Itti-aanaa Wiiliyaam Ruutoo deeggaruu guca bu'aa filannoo fuula Tiwitarii irratti barreessuun, bakka morkataan isaanii Raayilaa Odingaa deeggarsa cimaa itti qabu Kisumuu gama lixa Keeniyaatti namoonni sagalee kennan dhibbeentaa 107.7 ta'uu hime.
"Namoonni gabaa Kondeeletti sagalaee kennuuf galmaa'an 362 garuu kan sagalee kennan 390," jechuun Tiwittariirratti barreese. Akka barreeffama kanaatti namoonni sagalee kennan kanneen galmaa'an akka caaluu argisiisa.
Haata'u malee, yoo odeeffannoo marsariitii Komishinii Filannoo fi Daangaawwan Walabaa (IEBC) irratti baayyina lakkoofsa namoota filachuuf galmaa'ee ilaalatanii, baayyinni lakkoofsa namoota sagalee jidduugalichatti kannanii sirriin 632 ta'u agarsiisa.
Dogongorri qubee lakkoofsa jaha gara sadiitti jijjiree, akka waan namoonni baayyeen kanneen sagalee kannuuf galmaa'an caalaa filatan fakkeesse. Innis dogongora ta'u BBC mirkaneesseera.
Filannoo Keeniyaa 2022 kanaan Keeniyaa hogganuuf kanneen pirezdaantummaaf dorgomaa jiran eenyu fa'i? kan jedhu kana keessaa tokkoo tokkoo namootaa irratti cuqaasuun odeeffannoo ni argattu.
Kaadhimamaa itti-aanaa pirezidaantiif dorgomu ashaaraan qubsaa adda baasuu dide.
Dubii Himaan Ministeera Muumee duraanii Raayilaa Odingaa akka jedhanitti, namni itti-aanaa Ruutoo ta'uuf dorgomaa jiru maqaan isaa galmeerra ilaalamee osoo ashaaraa hin fayyadamiin sagalee kenne.
Akka Makawuu Mutuwaa jedhetti, meeshaan elektirooniksii filannoodhaaf fayyadame ashaaraa quba Rigaadii Gachaguwaa baasuuf rakkoon waan mudateef jedhe. Booda keessa ammoo erga qubasaa rifensa isaatti rigeen booda ashaaraan isaa buddifamu akka danda'e barreesse. Kun kan hubatame barreeffama paartii isaanii mormaa turan irraayi.
Akkaawuntii Tiwitaraa IEBCn walitti dhufeenya hin qabne:
Akkaawuntiin tiwittaa 'IEBC Tabulation' jedhamu fi loogoo Komishinichaatti fayyadamuun bu'aa filannoo beeksisaa ture.
Akkaawutiin amma haqame kunis geessituu gara marsariitii Komishinii Filannoo fi Daangaawwan Walabaa (IEBC)'tti geessu qabachuun akka akkaawuntiikomishinichaa sirrii ta'etti of fakkeessuun namoota dogoggorsiise.
Akkaawuntiin Ebla keessa banamee ture kunis odeeffannoo dogongoraa dabarsaa turre malee kan komishinichaan hidhata hin qabne ta'un adda baheera. Torbanoota hedduuf qabiyyeewwan waa'ee qunnamtii saalaa maxxansaa akka ture adda baafameera.
Akkasumas barreeffamoota dhihenna kana maxxansaa tureen ammoo namoota siyaasaa filannicha keessatti hirmaatan irratti odeeffannoowwan loogii argiisisaa fi waan akkaawuntii IEBC isa dhugaa irra hin eegamu maxxansaa ture.
Akkaawuntiin kun seeraa tiwitaraa cabsuu isaatiin akka dhaabbatu taasifameera.
Awustiraaliyaatti kenniinsi sagalee hin gaggeeffamne:
Odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa kan akka WhatsApp, Twitter fi Facebook fa'i irratti qoodaman akka jedhaniitti, kenniinsi sagale biyya alaattikanneen akka magaalaa Siidinii- Awustiraaliyaa fa'i keessatti gaggeeffamu odeessan.
Akka odeeffannoo kanaattis, sagalee magaalaa Siidnitti kennameen injifannoo kan Odingaa ta'uu himan. Garuu kenniinsi sagalee Awustiraaliyaa keessatti geggeffame hin jiru ture.
Komiishinii Filannoo fi daangaalee walabaa biyya alaa lammileen Keeniyaa keessa jiraataniitti sagalee kennachuu danda'an jechuun biyyoon adda baasee: Buruundii, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa, Yugaandaa, Afrikaa Kibbaa, Ingilaand, Kaanaadaa, Ameerikaa, Sudaan Kibbaa, Kaataar, UAE fi Jarman ta'uu beeksiseera.
Haaluma kanaanis Awustiraaliyaan biyyoota kana keessaa hin jirtu. Imbaasiin Keeniyaa Awustiraaliyaatti argamus magaalaa Kanbeeraa jira malee Siidinii keessa miti.