Raayilaa Amoolo Odiingaa
Gamtaa Azimi'oo la Umojaa
- Kaadhimamaan pirezidaantummaa kan umuriin waggaa 77 Yunivarsitii Teeknolojii Jarman keessatti argamu Maagdeburg irraa injinarummaan eebbifaman.
- Paartii Aziimiiyoo La Umoojaa bakka bu'uun kaadhimamaa pirezidaantii ta'un dhiyaatan.
- Filannoowwan darban afuriitti pirezidaantummaaf kan dorgoman yoo ta'u, kan ammaa yeroo shanaffaa saaniti.
- Odiingaan namoota siyaasaa Keeniyaa keessatti dimokiraasii paartii sabdaneessaaf qabsaa'an keessaa tokko turan. Sababii kanaatinis hidhamaniiru, baqaafis saaxilamanii ture.
- Waggoota 10n dura MM ta'un tajaajilaniiru.
- Odiingaan aangoorra wayita turaniitti, ibsaa baadiyaatti babal'isuuf ijaarsa daandiitiin akka milkaa'an himama.
- Damee daldala xixiqqaafi invastimantii maanufaakchariitiin guddina diinagdee dijiitii lamaa galmeessuu danda'aniiru.
- Tajaajila fayyaa qulqullina qabu hunda akka gahuu gochuu.
- Guddina qaama, sammuufi hawaasummaa ummataatiif ispoortiifi dhaabbilee bashannanaa babal'isuu.
- Yaalii fonqolcha motummaa Hagayya 1, 1982 hordofee, Laayilaa Odiingaa to'atamuun biyya ganu dabalatee himmannaawwan hedduun irratti dhiyaate ture. Komishiniin Dhugaa Haqaa fi Haraaraa Odiingaan dursaa fonqolcha motummaa waliin hidhata akka qabu itti himame. Odiingaan garuu ni waakkatu. -Man-kuusaa Biyyaaleessa Keeniyaa
Wiiliyaam Saamooy Ruutoo
Gamtaa Keeniyaa Kuwaanzaa
- Gaheessi waggaa 55 Wiiliiyaam Ruutoon saanintii biqiltuufi beeladaatiin digrii sadaffaa, akkasumas digrii jalqabaa Yunivarsitii Naayirobii irraa argataniiru.
- Ruutoon Paartii miseensa Keeniyaa Kiwaanzaa ta'e, Paartii Yunaayitidi Aliyaansi bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgomu.
- Hogganaa garee 'Yuuz For Keeniyaa' ta'anii maqaa gaarii hin qaban turan.
- Ministira Qonnaa wayita turanitti waajjirrisaanii hunda caalaa kan irraa eegamu raawwachuun beekkamtii argatee ture.
- Heera motummaa haaraa 2010 baheen ittaanaa pirezidaantii ta'un tajaajilaniiru.
- Waggoota 10'f bakka bu'aa naannoo Eldooreeti ta'un miseensa paarilaamaa turan.
- Dhaabbiilee xixiqqaafi jidduugalaatiif waggaan doolara miiliyoona 424 ni ramada.
- Baasiiwwan garaagaraa haguuguuf deeggarsa barnoota biyyaaleessaa ni hundeessa.
- Kaabinee isaanii keessaa wallakkaan, akkasumas karaa mudamaatiin harka sadii keessaa lama dubatootaan akka qabamu taasisa.
- Manni murtii Olaanaa Keeniyaa waggaa 4n dura Wiiliyaam Ruutoo lafa heektaara 40 qabatan akka gadhiisanii fi qannaan bulaa lafti na jalaa fudhatameera jedhee himateef doolaara 62,500 akka kanfaluu murteessee ture.- Seera Keeniyaa
- Bara 2011tti, Mr Ruttoon dhimmoota yakka namoomaa sadiin himatame: Ajjeechaa, biyyaa arii'uu fi dirqiidhaan dabarsuu fi ajjeechaa ummataatiin Mana Murtii Yakka Idil-Addunyaa (ICC)tti himataman. Waggoota shaniin booda ammoo manni murtichaas ragaan ajjeechaa dhiyaate gahaa miti jechuun himannicha haqe-ICC
Joorji Waajaakoyaah
Paartii Ruuts
- Piroofessarri umuriin waggaa 61 Yunivarsitii Waarwick irraa misooma seeraatiin fi Yuniversity Baaltimor irraas seeraan digrii lammaaffaa qaba.
- Mr Waajaackoyaah Paartii Ruuts bakka bu'uun pirezideentummaaf dorgomu.
- Bara bulchiinsa pirezidaanti Daani'el Mo'i osoo qondaaltootaan akka hin himatamneef biyyaa akka bahuuf hin taasifamiin dura, damee Addaatti qorataa ta'un hojjataniiru.
- Dhaabbata seeraa bara 2018tti hundeessan keessas ni hojatu.
- Yunivarsitiiwwan US, UK fi Keeniyaatti seeraafi diinadgee barsiisuu.
- Indastirii Marijuana (bhang) seera qabsiise.
- Guyyoota hojii Wiixataa hanga Kamisaatti jijjiirre.
- Jaarroollii, namoota saaxilamtootaafi dubartoota ulfaatii kunuunsa fayyaa bilisaafi deeggarsa.
Deeviid Miwuraa Waayihiigaa
Paartii Agaanoo
- Deevid Mwaaree Paartii Agaanoo bakka bu'uun pirezidaantummaaf dorgomu.
- Hogganaa Paartii Agaanoti.
- Yunivarsitii Naayiroobii irraa seeraan digrii fi qo'annoowwan hoggansaatiin ammoo digrii lammataa argatan.
- Abbaa seeraafi waggoota 30 oliif seeraan hojjataniiru.
- Dhaabbata seeraa kan qaban yoo ta'u, aangoowwan siyaasaa hedduurra hojjaniiru.
- Bara 2006tti Paartii Agaanoo hundeessan.
- Malaamaltummaa weeraraarratti ni qabsaa'a.
- Carraa hojii ni uuman.
- Qabeenyaawwan Keeniyaa biyya alaa jiru ni deebiisisu.









