Filannoo Keeniyaa 2022: Lammileen Keeniyaa bu'aa filannoo eeggachaa jiru

Lammiileen Keeniyaa guyyaa kaleessa bulchaa waggootii shan dhufan isaan bulchu filataniiru. Bakka tokko tokkotti hanqinni meeshaalee filannoo yeroon dhiyaachuu dhabuun mul'atullee filannichii naga qabeessa ture jedhameera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Filannoo Keeniyaa 2022: Eenyutu pirezidaantii shanaffaa Keeniyaa ta'a?

  2. Bakka morkataan cimaa deeggarsa qaba jedhanitti lakkaa’un harkifate

    Hojjetoota buufata filannoo sha'ee dhugaa jiran

    Sagalee lakkaa'uun bulchiinsa Wiliyaam Ruutoon akka deeeggarsa cimaa keessatti qaban himan, Kaawontii Uhaziin Gishuu, keessatti boodatti harkifate jedhame.

    Kanaaf ammoo sababiin, rakkoo sanduuqawwan sagaleen baatan gara wiirtuuwwan itti lakkaa'amaniitti geejjibsiisuun walqabata.

    Magaalaa Eldoreet keessatti, sagalee kennuun Kibxata galgala yeroon xumuramullee bu'aawwan filannoo hanga tokkodha ganama kana wiirtuu guddaa kan qaqqabsiifaman.

    Buufatawwan filannoo hedduu keessatti sagalee lakkaa'uun halkan bakka ejentoonni paartiifi taajjabdoonni jiranitti gaggeeffamaa buleera.

    Qondaalli komishinii filannoo tokko akka gabaasaa BBC Imaanu'eel Igunzaatti himanitti, erga buufanni filannoo Kibxata banamee kaasanii isaaniifi namoonni kaan hojiirra waan turaniif sa'aatii 24 keessatti yeroo jalqabaatiif kan midhaan afaanitti qabachuuf yeroo argatan.

    Sababa rakkoowwan lojistikiifi adeemsa mirkaneessuu baayyee cimaa ta'eef filattoonni bu'aa arguudhaaf sa'aatii dheeraaf ykn guyyootaaf akka eegan qondaalonni himaniiru.

  3. Keeniyaatti manneen- barnootaa deebisanii banuun Wixatatti darbe

    Barattoota Keeniyaa

    Ministeeri Barnoota Keeniyaa Joorj Magoohan Guutummaa biyyattii keessatti guyyaa manneen barumsaa banaman jijjiruun, Hagayya 15 akka banamuu beeksise.

    “Qophii filannoof manneen barumsaa dusee akka cufamu ta'ee ture. Kun ammoo Hagayya 11 irraa deebi’ee akka banamus himee ture,” jedhe.

    Ammoo, lakkaa'uun filannoo hanga amma deemaa jiraachuu beekasisuun manaanneen barnootaa banuun guyyaa birootti dabarsuu dubbate.

    “Kanaaf, erga mariʼatamee booda, mootummaan manneen barumsaa Hagayya 15 akka banamu murteesseera”.

  4. Dorgommii pirezidaantummaa Keeniyaa cimaa jedhameef sagaleen lakkaa'amaa jira

    Pirezidaantiin haaraa kan waggoota kurnan darban bulchaa turan Uhuruu Keeniyaataa irraa baallii fudhatan baruudhaaf sagaleen lakkaa'amaa jira.

    Dorgommiin pirezidaantummaa Keeniyaa miillanaa kun cimaafi kan kokkee walqaban ta'ee mul'achaa jira jedhameera.

    Guyyaan sagalee kennuu irra caalaa naga qabeessa ture, garuu lakkoofsi namoota filannoof bahanii hanga eegameen gadi ta'eera jedhame.

    Kanaaf ammoo sababiin filattoonni yaaddoofi sodaa qaala'insa gatii nyaataa, malaammaltummaafi sodaa nageenyaa keessa ta'uu malu kan jedhudha.

    Akka tilmaama komishinii filannootti uummanni bahee filate %60 yoo ta'u, kun ammoo filannoo marsaa darbee waggota shan duraa kan %80 ture waliin walbira qabamee yoo ilaalamu gadi bu'eera.

    Lammileen Keeniyaa gaggeessaan itti aanu ministira muumee duraanii, Raayilaa Odingaa kan Mr. Uhuruu Keniyaattaan deeggaran moo pirezidantii Itti-aanaa Wiliyaam Ruutoo ta'a jedhanii hawwiin eegaa jiru.

    Uummanni biyyattii bulchitoota kaawontiiwwaniifi miseensota mana-marees filateera.

    Bu'aan filannichaa seera-qabeessa ta'e himamuudhaaf guyyoota fudhachuu mala jedhmaa jira, dorgommichi garuu baayyee cimaafi bu'aan walitti dhiyaatu eegamaa jira.

    Dubartii Keeniyaa kaardii filannoo qabattee jirtu

    Madda suuraa, Getty Images

  5. Miseensi mana-maree buufata filannootti ajjeechaan shakkame barbaadamaa jira

    MP Didmus Barasaa

    Madda suuraa, Dimus Tiwiter

    Miseensi mana-maree Keeniyaa bakka sagalee filannoo lakkaa'aa jiranitti gargaaraa morkataa isaa tokko itti dhukaasuun ajjeesuun shakkame barbaadamaa jira.

    Kun kan ta'e Lixa Keeniyaa Kaawontii yookiin bulchiinsa Bungomaa jedhamu keessattidha.

    Akka namni ijaan arge jedhetti, bakka-bu'aan ummataa Kimiliiliii Didmus Barasaa namicha kana mataa keessa kan rukute buufata filannootti atakaaroo keessa erga seenanii boodadha.

    Miseensi mana-maree ajjeechaan shakkame kun amma poolisiin barbaadamaa jira.

    Shakkamaan kun kanaan dura miseensa paarlaamaa kan ture yoo ta'u filannoo waliigalaa bara kanaatiin marsaa lammaffaatiif dorgomaa jira.

    Aanga'oonni ajjeechaa kana qorachaa jiran shakkamaan kun akka harka kennatuuf sa'aatii 24 kennaniiruuf.

    Mr Barasaa rakkoo uumuun ijoo dubbii ta'uun isaaf haaraa miti. Bara darbe, weellisaa naannawaa tokko arrabsuudhaan to'atamee ture.

    Namni kun kanaan dura loltuu ta'uun tajaajileera.

  6. Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Lammilee Keeniyaa filachuuf hiriiran

    Madda suuraa, AFP

    Lammileen Keeniyaa bu'aa filannoo eeggachaa jiru.

    Lammiileen Keeniyaa guyyaa kaleessa bulchaa waggootii shan dhufan isaan bulchu filataniiru.

    Bakka tokko tokkotti hanqinni meeshaalee filannoo yeroon dhiyaachuu dhabuun mul'atullee filannichii naga qabeessa ture jedhameera.

    Waan haaraa jiru isin biraan geenya.

  7. Buufataaleen filannoo cufaman

    Filannoo pireezidantummaaf buufataaleen filannoo qophaa'an namoota sa'aa 11 irraa eegalee kanneen sagalee isaanii kennuuf dabaree eeggachaa jiraniin alatti warra haaraa dhufanitti karra cufatan.

    Lixa Naayiroobiitti buufata filannoo mana barnootaa St Joseph's irraa kan gabaastu Marsha Ochieng yeroo sa'aatiin 11 ta'u mooraan mana barnootichaa poolisootaan cufameera jetti.

    Filattootni gariin hiriyyoonni isaanii ammallee sagalee kennuuf gara buufataalee filannoo imalaa akka jiran ibsanis, sagantaa qabameen buufataaleen filannoo sa'aa 11 irratti cufaman.

  8. Warri doqdoqqee oofan sagalee kennitoota tolaan marmaarsan

    Konkolaachisaa doqdoqqee

    Magaalaa Keeniyaa Sulula Qiinxamaa keessatti argamtu Eldoretitti, namoonni baayyee sagalee isaanii kennuuf qe'ee isaanii qullaa dhiisanii yaa'aniiru.

    Daldaltoonni suuqii qabanillee hojjettootni isaanii sagalee akka kennan boqonnaa eeyyamuun balbala cufataniiru. Daldala muraasa qofatu banaa jira.

    Buufata sagaleen kennamutti, filattoonni hojjettoota filannoo kana geggeessan akka harka ho'aniifi hiriira dheeraa halkan sa'atii 10:00 jalqabe akka keessumeessan gorsaa turan.

    Wiiliyaam Ruutoo namoota pireezidantummaa Keeniyaaf dorgoman keessaa tokko yoo tahu bulchiinsa Usiyaan Gishuutti dhageettii qaba.

    Lafa dhalootasaa Sugooyiitti immoo warreen doqdoqqee oofan hojii isaanii guyyuu dhiisanii, filattoota dhukkubsataniifi maanguddoota gara buufata filannootti tolaan marmaarsaa turan.

  9. Filannoo Keeniyaa 2022: Namoota siyaasaa Itoophiyaa filannoo Keeniyaa taajjabaa jiran

  10. Odiingaan yoo filannoof dhufan deeggartoonni itti duudan

    Raayilaa Odingaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Raayilaa Odiingaan pirezidaantummaaf dorgomaa jiru

    Dorgomaan pirezidantii Raayilaa Odingaa magaalaa Naayiroobii bakka Kibraa jedhamutti sagalee kennaniiru.

    Yeroo isaan gahan hiriirri ture jeeqame, namoonni cookaa turan. Poolisiin namoota to’achuu hin dandeenye.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Namoonni bakka kanatti barii sa’aatii 10 eegalee filachuuf qorra keessa toora galanii eegaa turani.

    Dheerinni hiriira kanaa ofirratti dacha’ee hanga 2km dheerata

    Odingaan morkataa cimaa Wiiliyaam Ruutooti
    Ibsa waa'ee suuraa, Odingaan morkataa cimaa Wiiliyaam Ruutooti

    Sagalee kennuun galgala sa’aatii 11’00’tti kan xumuramu ta’us, namoonni hiriirarra jiran sa’aatii daangeffame darbanii sagalee kennuu danda’u.

    Namoota filachuuf bahan
  11. Kaadhimamtoota filannoo Keeniyaa dhiiraafi dubartootaan yoo ilaalame

    Dhima kooroniyaa filannoo Keeniyaa keessatti

    Madda suuraa, BB

    Kaadhimamtooti filannoo Keeniyaa biyyaaleessaa har’a gaggeeffame keessatti dorgomaa jiran yoo dhiiraafi dubartiin wal bira qabamee ilalalamu dhiiroonni harka baayyeen caalu.

    Fakkeenyaa:

    ·Namoonni pirezidaantummaaf dorgoman arfanu dhiidha.

    ·Kanneen aangoo bulchiinsaaf dorgoman keessaa dhiirooti 242 yoo ta’an dubartoonni 24.

    ·Miseensummaa mana maree bakka bu’ootaa ummataatiif ammo dhiiroonni 1,899 yoo dorgoman lakkoofsi dubartootaa 233.

    ·Seenatarummaaf kan dorgoman dhiiroota 295 yoo ta’an, dubartoonni 46 qofaadha.

  12. Adeemsi filannoo naga qabeessa - Pirezidant Keeniyaataa

    Pirezidantiin Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataan qe'ee isaanii kan ta'e bulchiinsa Kiyaambuu giddu-gala biyyattii argamtutti argamuun sagalee kennaniiru.

    "Filannoon kun bilisaafi haqa-qabeessa ta'a jedheen amana; adeemsi filannichaa naga-qabeessadha," jechuun erga sagalee kennan booda gaazexeessitootatti himan.

    Pirezidaantichi haadha warraa isaanii- Giifti-duree duraanii Niginaa Keniyaattaatti aanuun filatan.

    Niginaa Keniyaataa maqaa Maamaa Niginaa jedhamuun beekamu.

    Maamaa Nigiinaan immoo haadha warraa gaggeessaa Keeniyaa jalqabaa walabummaan booda kan ta'an kan Jomoo Keeniyaataati.

    Miidiyaaleen biyya keessaa dubbii Keniyaataan erga filataniin dubbatan qoodaniiru:

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Pirezidant Uhuruu Keeniyaataa akka heera Keeniyaatti turtii marsaa lamaa erga biyyattii gaggeessanii booda amma baallii dabarsuuf deemu.

    Itti-aanaan isaanii, Wiiliyaam Ruutoo bakka isaanii bu'uuf dorgomaa jiru. Keeniyaataan garuu Raayilaa Odingaa deeggaraa jiru.

    Raayilaa Odingaan ammoo ministira muummee duraanii yoo ta'an, yeroo sanatti mormituu Keeniyaattaa cimaa turan.

  13. Filannoo Keeniyaa irratti hirmaachuuf nama meeqatu galmaa'e?

    Filannoo Keeniyaa har'a Adooleessa 9, 2022 gaggeeffamaa jiru irratti sagalee kennuuf kan galmaa'an miiliyoona 22 olidha.

    Kanneen keessaa magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiitti namoonni miiliyoona 2.4 galmaa'aniiru.

    Magaalaa guddoo biyyattiitti namoonni miiliyoona 2.4 galmaa'aniiru
  14. Bakkee Somaaliyaa daangessutti al-Shabaab filattoota doorsisuun ibsame

    Filattoota Kaaba Keeniyaa

    Kaaba-baha Keeniyaatti buufatawwan filannoo hedduu nagaan banamaniiru.

    Haa ta’u malee, hidhattoonni al-Shabaab kanneen sagalee kennuuf bahan doorsisuutu gabaafame.

    Bulchiinsi Waajir Somaaliyaatti dhihaata.

    Kana duras gareen kuni haleellaa Yunivarsiitii Gaarissaarratti raawwateen barattoonni hedduu ajjeefamaniiru.

    Galgala kaleessaa milishoonni miseensota garee kanaa ta'uun shakkaman qe’eewwan bulchiinsa Mandeeraa jala jiranirratti haleellaa akka raawwatan amanama.

    Magaalli Arabiyaa jedhamtuufi magaalaa Mandeeraa irraa 70km fagaattu xiyyeeffannoo isaaniiti jedhame yaadama.

    Maloonni kominikeeshinii bakkichaa adda citaniiru. Jiraattonni bakkichaa miidiyaatti dubbachuu sodaa qabu.

    Kunis jihaadistoota sodaachuuni. Dabalataanis, keessumaa yeroo filannoo kana aangawoonni mootummaa sochii jihaadistootaa ol ka’e akka hasa'amu hin fedhan.

    Baha Waajiritti hidhattooti namoonni dhaqanii sagalee akka hin kennine dhorkuutu gabaafame.

    Qe’ee Qarsaatti jiraattonni maqaa naaf dhoksaa jedhanii BBC’tti dubbatanitti hidhattooti al-Shabaab namoota sagalee kennuuf konkolaataan adeemaa turan buusanii konkolaataa ibidda itti qabsiisaniiru.

    Akka jiraattonni jedhanitti, hidhattooti jiraattonni filannoo keessa akka hin hirmaanne dhorkaa turani.

    Dhimma kana gaafachuuf komaandara poolisii bulchinsichaa Hilaari Torooyitichitti bilbilluus hin deebifne.

    Bakkeewwan tokko tokkootti taateewwan qondaaltonni filannoo meeshaalee sagalee itti kennaan ummata biraan gahuu tursiisuuf isaan danqees mudateera.

    Bakkee filannoo Eldaas buufata filannoo 72 qabutti sagalee kennuun hin eegalle.

    Galgala kaleessaa magaalattiitti dhukaasi dhagahamaa ture. Sababa isaa garuu BBC’n adda baafachuu hin dandeenye.

  15. 'Maqaan abbaa koo du'e galmee filannoorratti argame'

    Nama Onkoloolessa 2018 boqote

    Madda suuraa, Alex Mutuk

    Keeniyaatti namni filannoof bahe tokko maqaa abbaa isaa du'eeru galmee filannoo keessatti arguu BBCtti hime.

    Namni maqaan isaa Ambrose Muasya jedhamu kan Onkoloolessa bara 2018 du'e magaalaa Machakoos jedhamtu ollaa Naayiroobii taate keessatti akka filatuuf galmaa'ee arguu ilmi isaa Alex Mutuku hime.

    Maatiin maqaan abbaa isaanii akka Galmee Filannnoo irraa haqamuuf dhiyeessanii turanillee hin haqamiin hafeera.

    Akka dargaggoo kanaatti, dhiyeenya kan bakka irbaata nyaataa jiru tokkotti namni tokko eessumni isaanii lubbuun hin jirre marsariitii filachuuf irratti galmaa'an komishiniin filannoo dhiyeessurratti arguu dubbate.

    Kanarraa ka'uun, eda halkan maqaa abbaa isaa yeroo marsariitiirrra ilaalutti maqaan abbaa isaa ammallee akka filataatti galmaa'ee jiraachuu argee rifate.

    "Ani galmeen Namootaafi IEBC [Komishinii filannoofi Daangaawwanii Walabaa] gidduu walta'iinsi hin jiru jedheen shakka. Sababiin isaa nuti maqaan isaa akka haqamuuf waraqaa isaa galchineerra," jechuun BBCtti hime.

    "Ammallee daataa ququlleesuun taasifamuu qaba jedheen yaada."

    Maqaa nama lubbuun hin jirree galmee filannoo irratti

    Madda suuraa, Alex Mutuku

  16. Filannoon Keeniyaa amma gaggeeffamaa jiruu lakkoofsaan yoo ibsamu

    Keenyaa Lakkoofsaan

    Keeniyaatti filannoon pirezidaantummaa gaggeeffamaa jira. Namoota meeqatu filachuuf galmaa'e?

    Parlaamaa keessatti teessuma meeqatu qabatama?

    Odeeffannoo filattootaa lakkoofsaan maal fakkaata? Hirmaannaa dubartootaa hoo?

    Hirmaannaa dargaggootaafi hirmaannaan hawaasaa kutaa dhiibaman keessaa jiraatan hoo maal fakkaata?

    Gaaffiilee kanneeniifi kan biraatiif asiin gadii deebii ni argattu dubbifadhaa.

    Filattoota galmaa'an
    Teessuma qabataman
    Odeeffannoo filattootaa
    Hirmaannaa dubartootaa
    Hirmaannaa dargaggoota kutaa hawaasaa dhiibaman keessaa ta'an
  17. Filannoo Keeniyaa 2022: Lammileen Keeniyaa bu'aa filannoo eeggachaa jiru

  18. Kaadhimamaa ittti-aanaa pirezidaantiif dorgomu ashaaraan qubasaa adda baasuu dide

    Wiliyaam Ruutoo wajjin itti-aanaa pirezidantii ta'uuf kan dorgomu Rigaatii Gaachaguwaa meeshan ittiin ashaaraa qubaa kennu eenyummaa isaa adda baasuu diduudhan buufata filannoo yeroo dheeraaf dhaabbachuuf dirqame.

    Meeshaan kun ashaaraa elektirooniksii namoonni osoo sagalee hin kennin dura eenyummaa isaanii adda baasuuf kan gargaarudha.

    Gaachaguwan si'a heddu ashaaraa kennuuf yaalii godhus maashinichi eenyummaa isaa adda baasuu hin dandeenye.

    Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti, yeroo dheeraa erga dhaabbatee booda galmeen maqaa namoota sagalee kennuuf galmaa'anii erga ilaalamee akka sagalee kennu ta'eera.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  19. Lammiileen Keenyaa har’a filataa kan jiran eenyuu fa’i?

    Filattoonni eenyuu filatu?

    Lammiilee Keeniyaa miiliyoona 22 ol ta’an filannoo har’a gaggeeffamu irratti hirmaachuuf galmaa’aniiru. Isaanis yoo xinnaate sagalee jaha kennuun filatu.

    Filatoonni kan filatan:

    ·Pirezidaantii

    ·Bulchaa Kaawuntii

    ·Seenaatara

    ·Miseensa Gumii biyyaalessaa

    ·Gumii biyyaalessaa keessatti bakka bu’oota dubartootaa

    ·Miseensota seera tumtoota kaawuntiiti.

  20. Mombaasaa fi kaaba Keeniyaa bakka tokko tokkotti sagalee kennuun boodatti harkifate

    Kaawuntii Kaaba-baha Keeniyaa Waajiir keessatti bakka tokko tokkotti sagalee kennuun ammallee hin jalqabamiin jira. Sababiin ammoo meeshaaleen filannoof barbaachisan hin rabsamiin waan jiruuf jedhe gabaasaan BBC.

    Namoonni hangi tokko filachuuf hiriira qabatanii kan jiran yoo ta'u, hiriirri namoota sagalee kennuuf mul'atu kan kaawuntiiwwan biroo keessa jiru bira qabamee yeroo ilallamu gabaabaadha.

    Kaawuntii kaaba Keeniyaa Marsaabiit kessattis buufataaleen filannoo ja'a hin banamiin jiru.

    Mombaasaatti ammoo filattoonni sa'aatii filannoon itti jalqabamu dursanii qaqqabanis, filannoon osoo hin jalqabiin tureera.

    Jiraattonni magalaa qarqara galaanaa, Mombaasaa duubatti harkifachuu filanoo kanaatiif yaaddoo akka qaban himaniiru.

    Namoota sagalee kennuuf hiriiranii jiran, Keeniyaa Waajiir
    Namoota sagalee kennuuf hiriiran, Keeniyaa Marsaabiit