Summii bofaa, cidhaan waraabessaafi maariwaanaa dubbii filannoo pireezidantii Keeniyaa mi'eesse

Joorji Wajaakooyaa

Madda suuraa, GEORGE WAJACKOYAH

Daa'imummaaan Keeniyaa keessatti karaa gubbaa jiraachaa kan tureefi UKtti ammoo bool'a awwaalaa qotaa kan ture Joorji Wajaakooyaa pireezidantii Keeniyaa ta'uuf dorgomaa jira.

Yoo filannoo kan injifatu ta'e summii bofaa, cidhaan waraabessaafi maariwaanaa gara biyyoota alaatti erguun Keeniyaa addunyaa irratti adda duree gochuuf dhaadataa jira.

Wanti inni jedhu hojiitti hiikamuu danda'uu isaa namoonni hedduun shakkii qabaatanillee, dorgommii pireezidantummaa ho'aa jiru keessatti gurra akka horatu isa gargaaree jira.

Pirofeesarri ganna 63 ogummaa seeraa qabu kun, kaadhimamtoota afur filannoo Hagayya 09 gaggeeffamuu irratti morkatan keessaa amala addaa qabaachuun xiyyeeffannoo argachuu danda'eera.

Kaadhimamaan Paartii Ruuts kun tilmaama amma dura jiruun sagalee kennamu keessaa %4 qofa argate.

Morkattoonni ijoon lamaan Raayilaa Odiingaafi Wiiliyaam Ruutoon wal-duraa duubaan tilmaama sagalee %43 fi %39 argatanii jiru.

Yeroo jalqabaaf morkataa kan jiru Wajaakooyaaf dhibbeentaan 4 xiqqaa miti jedhu xiinxaltoonni filannicha dhimmanii hordofan.

Sagaleen isaa kennamtu dhibbeentaa tokkos taatu, morkattoota ijoo lamaan kan silaa gargar baastu ta'uu malti jechuun, bu'aa filanichaa jijjiiruuf humna akka qabu himu.

"Wajaakooyaan akkaataa silaa haala idileetiin namni itti kolfuun filannicha irratti dorgomaa jira, haata'u garuu qalbii dargaggoota magaalaa fi baadiyyaa aariifi miidhama qabanii hawwachuu isaa shakkiin hin jiru. Saba, naannoo fi amanamummaa paartii siyaasa Keeniyaa keessatti beekamuun osoo hin qabamiin deeggartoota horateera," jedha gaazexaa Keeniyaa 'Daily Nation' irratti kan barreessu Machaariyaa Gaayitoo.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Duula na filadhaa irratti pirofeesar Wajaakooyaan akka kaadhimamtoota biroo suufii fi karavaata osoo hin taane, tiishartii fi kofoo gaaf idilee uffatamu uffatee, shaashii mataatti hidhatee mul'ata.

Kana gochuu isaatiin gartuu namoota siyaasaa Keeniyaa malaammaltummaan yakku keessa akka hin jirre agarsiisa.

Sirboota reegeen shubbisuun akkasumas quba isaa akka nama maariwaanaa xuuxuu fakkeessuun deeggartoota isaa nagaa fuudha.

Filannicha kan injifatu ta'e qonna maariwaanaa seera qabeessa gochuun tajaajila indastirii fi fayyaaf akka oolu nan taasisa jehuun dubbata. Kana gochuunis rakkoo Keeniyaa gurguddoo lama, liqaa biyyaalessaa biyyattiirra tuulameefi hoji-dhabdummaa akka furu hima.

Keeniyaan omisha maariwaanaa irraa waggaatti shilingii tiriiliyoona 9 (doolaara bil. 76) argachuu dandeessi kan jedhu wajaakooyaan, silaa mootummaan "beesee cabduu liqeeffachuuf hin dirqamu" jedha.

"Biyyoonni Lixaa maariwaanaa seera qabeessa godhanii jiru, nuyi maaliif hin goonu?" jechuun gaafata.

Pirofeesar Wajaakooyaa duula na filadhaa irratti

Madda suuraa, GEORGE WAJACKOYAH

Ibsa waa'ee suuraa, Pirofeesar Wajaakooyaa duula na filadhaa irratti

Dubbii isaa kana ragaan deeggare dhiyeessuu baatullee duulli na filadhaa isaa maariwaanaa tajaajila indastirii fi fayyaaf oolchuu bu'uura godhata.

Marsariitiin dhugummaa odeeffannoo qulqulleessu 'Africa Check' jedhamu, karoorri isa kun kan nama dogoggorsudha jedhe.

Ta'us garuu marsaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'uufi, qalbii dargaggoota hojii dhabeeyyii hedduu hawwachuurraa isa hin dhorkine.

Karoorri pirofeesar Wajaakooyaa kun hojiirra yoo oole Keeniyaa tarree biyyoota akka Leseettoo, Afrikaa Kibbaa, Zaambiyaa fi Zimbaabuwee maariwaanaa gabaa addunyaa irratti gurguruuf yaalaa jiranii hiriirsa.

Daldalli maariwaanaa addunyaa bara 2028tti doolaara biliyoona 70 gaha jedhamee tilmaamama.

Ofii gonkumaa maariwaanaa xuuxee akka hin beekne kan himu pirofeesar Wajaakooyaa, yoo seera qabeessa kan godhamu tahe gammachuu ibsachuuf akka xuuxu dubbateera.

"Erga seera qabeessa godhamee booda yoo xuuxame rakkoon inni qabu tokkollee hin jiru," jedha.

Waldaan Kaatoliikii Keeniyaa yaadni nama kanaa dargaggoota araadatti jajjabeessa jechuun balaaleffattee jirti.

"Sababa araadaatiin maatiin diigamaa jira, hokkorri hanga du'aatti nu mudachaa jira" jedhan bishoop Jeems Maariyaa Waayinaanaa.

Kontiraataa mootummaan pireezidantii barri aangoo isaanii xumuramaa jiru Uhuuruu Keniyaataa Chaayinaaf kenne hunda keessa deebi'ee akka ilaaluus Wajaakooyaan waadaa galee jira.

Liqaa biyya alaa Keeniyaarra jiru keessaa dhibbeentaan 21 kan Chaayinaati. Chaayinaan waliigaltee akkamiin daandiiwwan fi daandii baaburaa akka ijaaraa turte ifaa miti.

Dubbiin ijoon biraa pirofeesar Wajaakooyaatti gurra hore dubbii horsiisa bofaati. Horsiisi bofaa utubaa diinagdee Keeniyaa ta'uu danda'a jedha.

Bofni summii hamaa qabu 'green mamba' jedhamu Bahaa fi Kibba Afrikaa keessatti argama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bofni summii hamaa qabu 'green mamba' jedhamu Bahaa fi Kibba Afrikaa keessatti argama

Summiin bofaa kan inni "warqii caalaa qaaliidha" jedhu farra summii bofaa akkasumas qorichoota kaan tolchuuf oola jedha. Foon bofaa ammoo biyyoota akka Chaayinaa nyaataaf itti fayyadamanitti ergama jedha.

"Kanarraa waggaatti galii doolaara biliyoona diinagdee keenya tumsu argachuu dandeenya" jedha Wajaakooyaan. Yaada isaa kana deeggaruuf garuu ragaan dhiyeesse tokkollee hin jiru.

Itti dabaluun Keeniyaan cidhaan waraabessaa biyyoota akka Chaayinaa keessatti akka qorichaatti tajaajilu gara alaa erguu qabdi jedha. Kun ammoo Maariwaanaa caalaa galii argamsiisuu akka danda'us dubbata.

Dubbiin isaa kun gareelee eegumsa bineensotaa irratti hojjetan akkasumas waldaa hakimoota bineeldotaa Keeniyaa dheekkamsiisee jira.

"Daldalli cidhaan waraabessaa fi bofaa dhorkaadha. Sanyii bineeldota kanaa balaaf kan saaxiludha," jedha waldaan hakimoota bineeldotaa.

Itti dabaluunis yaadni isaa kun "weerara dhukkubaa birootiif ka'uumsadha" jechuun vaayirasii fi baakteeriyaan waraabessaa fi bofarraa gara namaa akka tamsa'an godha jechuun akeekkachiise.

Waraabessi paarkiiwwan keeniyaa keessatti bineensota hawwata turiistotaa ta'am keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraabessi paarkiiwwan keeniyaa keessatti bineensota hawwata turiistotaa ta'am keessaa tokko

Namootni xiyyeeffannaa barbaada jechuun isa qeeqan akkuma jiran, bu'aa bahii jireenyaa hedduu keessa darbe pireezidantummaaf dorgomuuf gahuu isaatti kan isa dinqisiifatanis jiru.

Baadiyaa Keeniyaa keessatti kan dhalate Joorji Wajaakooyaa ijoollummaan maatiin isaa gargar bahuu hordofee, Naayiroobiitti jireenya karaa gubbaaf saaxilame.

Amantoota mana amantaa 'Hare Krishna' jedhamuun karaa irraa kaafamee mana amantichaa keessa jiraachaa ture. Booda achumatti luba ta'e.

Deeggarsa argateen barnoota sadarkaa lammataa xumuree poolisii Keeniyaatti makame. Gulantaa garagaraa keessa darbuun kutaa tikaa gahe.

Hojii irratti iccitiin ajjeechaa ministira haajaa alaa Keeniyaa Roobart Uukoo kan bara 1990 ajjeefameen wal-qabatu harka isaa galuu kan himu Wajaakooyaan, sababa kanaan hidhamee dararamuu dubbata. Booda gargaarsa Imbasii Ameerikaa Naayiroobii jiruun biyyaa baqate.

Aab Uukoon mana jireenyaa pireezidantii biyyattii yeroosii Daani'eel Araap Mooy keessatti akka ajjeefame bara 2010 qorannoon hanga bira gaahamuutti hibboo ta'ee ture.

Biyyaa baqatee gara UK erga godaanee booda yuunivarsiitii Wolverhaampitan keessatti osoo barachaa jiruu hojiilee akka waardiyyummaa, bool'a awwaalaa qotuu fi reeffa dhiquu hojjechu hima.

Hojiiwwan kunneen "garraamii fi bilchaataa" akka ta'u isa gochuu Deeyilii Neeshinitti himeera.

Seera barachuu kan himu Wajaakooyaan UK keessatti sochii siyaasaarratti hirmaataa ture. Pireezidantii Gaanaa bara 1981 hanga 2000 biyyattii bulchan Jeerii Roowliing waliin hojjechuus hima.

Pirofeesar Wajaakooyaa booda gara US godaanuun achitti haadha warraa isaa Afrikaan-Ameerikaan taate waliin bultii ijaarrate. Ijoollee sadis waliin horaniiru.

US keessattis dhaabbilee barnootaa garagaraa keessatti barachuu hima. Yuunivarsiitii Waaldan irraa PhD argateera.

Walumaagalatti barnootaa seera godaansaa, idil-addunyaa fi baqattummaan digirii 17 akka qabu hima. Gaayitoon kana yoo ibsu "yeroo barnoota kana hunda ta'anii barachuuf barbaachisu caalaa digirii isaatu irra baay'ata" jedha.

Pirofeesar Wajaakooyaan pireezidantii Keeniyaa ta'uuf dorgomuu akka fedhu himatee bara 2010 gara Keeniyaa deebi'e.

Yeroos karoora isaa san itti dhiisullee filannoo bara kanaa irratti filatamuuf duula na filadhaa gochaa jira.

Gaazexaan Keeniyaa beekamaan 'The Standard' jedhamu "taatee addaa duula na filadhaa keessatti qalbii namoota hawwate" jechuun isa ibse.

Wajaakooyaan hojii fi jireenyi dhibiin madaala akka eeggatu torbanitti guyyaa hojii afur qofatti akka xiqqeessu waada galuunis ijoo dubbii ta'eera. Musliimonni Jimaata, warri Adiveentiistii Sanbata, Kiristiyaanonni kaan ammoo Dilbata akka waaqeffatan guyyoota sadan ayyaana godheen labsa jedhe.

Kana qofa miti adabbii du'aa deebisee seera qabeessa gochuun namootni malaammaltummaan yakkaman, ugaalii (nyaata marqaa fakkaatu boqqoolloo irraa tolfamu) haga tokko erga nyaatanii booda filannoo isaaniitiin rasaasaan ykn ammoo fannifamanii akka ajjeefaman gochuuf waadaa seeneera.