Filannoo Keeniyaa 2022: Namoota siyaasaa Itoophiyaa filannoo Keeniyaa taajjabaa jiran

Namoota siyaasaa buleeyyii filannoo Keeniyaa 2022 tajjaban

Madda suuraa, IGAD, Wiliyaam Ruutoo, Pirof Mararaa

Filannoo pirezidaantummaa Keeniyaatti adeemsifamaa jiru kanneen taajjabaa jiran keessaa namoonni siyaasaa Itoophiyaa buleeyyiinis ni jiru.

Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Haayilamaariyaam Dassaalany, Pirezidantii duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomaafi Pirofeesar Mararaa Guddinaa warra filannoo Keeniyaa 2022 kana taajjabaa jiranidha.

Lammiileen Keeniyaa guyyaa har'aa bulchaa waggootii shan dhufan isaan bulchu filachuutti jiru.

Obbo Haaylamaariyaam jila taajjabdoota dhaabbata buufata isaa Afrikaa Kibbaa godhate Brenthurst Foundation hoogganu. 

Obbo Haaylamaariyaam miseensa gorsaa boordii dhaabbatichaatis. 

Jilli bulchaan duraanii mootummaa Itoophiyaa hoogganan miseensota 36 akka qabu dhaabbatichi ibsa baasen beeksiseera. 

Miseensota jila Obbo Haayilamaariyaam hoogganan keessaa weellisaan Yugaandaa siyaasa keessa hirmaatu Boobi Waayin ni argama.

''Yeroo dhihotti sirni dimookiraasii, bulchiinsi hirmaachisaa ta’e, akkasumas nagaafi tasgabbiin Afrikaa keessatti karaa dheeraa imale. Garuummoo ofirras deebi’e,’’ jechuun Obbo Haaylamaariyaam ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Filannoon Keeniyaas kaayyoo Gamtaa Afrikaa 1963 waliin akka wal simus ibsan.

Isaan ala Pirezidantiin duraanii Itoophiyaa Dr Mulaatuu Tashoomaa dursaa taajjabdoota Dhaabbata Tumsa Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) ta’un hirmaataa jiru.

Dhaabbati kuni bulchiinsota Keeniyaa garagaraa kudhanitti siqanitti miseensota taajjaban bobbaaseera.

Hoogganaan Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Pirofeesar Mararaa Guddinaanillee kanneen taajjabaa jiran keessaati.

Yeroo ammaa magaalaa Keeniyaa Mombaasaatti taajjabaa akka jiran BBC’tti himaniru Piroof Mararaan.

Buufataalee filannoo heddutti namoonni sagalee kennuuf jecha halkan sa'aatii sagal irraa kaasee hiriiraa turan.

Bakkeewwan buufata filannoo hedduttuu lammiileen sagalee isaanii kennuuf bahan hanga buufataaleen filannoo banamanitti hiriiranii osoo dhaabanii mul'ataniiru.

Lammiilen sagalee erga kennanii booda naannoo buufata filannoo gadi dhiisanii akka gara manaatti galuun bu'aa filannoo akka eegan poolisiin biyyachii ummataaf waamicha dhiyeesseera.

Pirezidantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaataa filannoon sirnaan adeemaa jira jechuun dubbataniiru.

Filannoo kana dura tureen waldhibdeen dhalatuun ni yaadatama.