Dubartoota Keeniyaa siyaasa dhiirri dhuunfate cabsuuf qabsootti jiran

Aadde Geediyaa Adan Maammoo, ganna 34, haadha ijoollee lamaati. Namni gosaan walqoodee wal ajjeesu ishee ‘hubnaan’ bulchaa ta’uuf yaadde. Silaa milkoofte yeroo jalqabaaf ta’a.
Bulchaa ta‘uuf kan feete rakkoon qofti waan jiruuf garuu hin turre. ‘’Bungooti [Miseensa Paarlaamaa] cufti warri dhiira, senaatar dhiira, governor [bulchaa] dhiira, itti-aanaan governor [i/aanaa bulchaa] dhiira,’’ jechuun komatti.
Garuu, qormaati biraa ishee qunname. ''Ammoo nan beekani, siyaasaa keessa hin jiru.’’ Beekamuu dhabuunimmoo sagalee ishee dhabsiisuu mala.
Rakkoon kana caalu garuu jira. Yaada ishee kana akka dhiiftu gosti ishee gaafate.
Gosti keessaa dhalatte Saakuyyeefi kan itti heerumte, Reendila, ishee dhowwuu dubbatti.
Sababniis dorgomtoonni kaan kan isaan sagalee kennuuf yaadan waan jiraniif sagalee dhabuu malta jechuun ''waanuma dhibii [biraa] hojjedhu’’ jedhaniin.
Lakkoofsi dubartoota filannoo Keeniyaa baranaarratti aangoo siyaasaa argachuuf dorgoman bara kaanirraa wayya. Garuu ammallee xiqqaadha.
Ragaan Komishinii Filannoo Keeniyaa akka agarsiisutti hirmaannaan dubartootaa bara 2017 7% turerraa barana 11% guddate.
Haa ta’u malee, hedduun isaanii sababa aadaa, duudhaafi amantiirraan kan ka’e danqaan isaan qunnama. Akka hin dorgomne dhorkamu.

‘Dubartoota hin xiqqeessani’
‘’Warri horii [horsiisan] mara hedduu fulaa nami dhiiraa itti jiru kan nama uwwaa [dubartoota] hin xiqqeessani. Akkasiin jaarroleen na keessaa baasten hin taa’u jedhe.
‘’Kanuma uwwaa namni jabaa harkaa qabe hojii hojjechuu hin danda’a,’’ jechuun dorgommii biraa seente.
Yeroo ammaa bakka buutuu dubartootaa bulchiinsa yookiin Kaawuntii Marsabiit [Women Representative] ta’uf dorgomuu jirti. Dorgommii kana dubartii qofatu dorgoma.
Mootummaan Keeniyaa Paarlaamaa keessa bakka bu'iinsa dubartootaa guddisuufi carraa kana uume.
Yeroo ammaa Geediyaa malee dubartoonni jaha dorgomuutti jiru. Dorgomtoota Geediyaa keessaa tokko Aadde Faaxumaa Hawwaa Rariidha. Siyaasa seenuuf jedhanii hojii dhaabuu dubbatu.
Aadde Faaxumaan waggoota 15 barsiistuu turan. Garuu akka Aadde Geediyaa miti, paartii hin qabani. Kanaaf, qofaa dorgomu.
Kanneen kana dura dorgoman qeequ, waan wayyoo qabu akka dalagan amanu.
''Nama uwwaa [dubartii] kan beelaan gaggabe arge. Ardaa Gaddaa Kormaa Sololootti. Guyyaa sun akka malee garaa hammaadhe,'' jechuun sababa siyaasa akka seenan isaan dirqe himu.
Hongeen waggoota 40 keessa isa olaanaadha jedhame biyyoota Baha Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Itoophiyaafi Somaaliyaa hubeera.
‘Hin shakkani’
Dubartoota Kaaba Keeniyaa duula filannootti ko’ooman keessa Aadde Haliimaa Qaliif Kuusenis tokko.
Yeroo ammaa Mana Maree Kaawuntii Marsabiit (Member of County Assembly Marsabit central) ta’uf dorgommiitti jiru.
Akka dorgomtuun kuni jedhanitti bakkee filannoo – isaan ward jedhuun - isaan dorgomaa jiranitti dubartiin isaan callaa yookaan qofaadha.

‘’Kuraan kuni guddinuma dhiiraatu fuulaa hojjeta. Anni warra dhiiraa kana danda’ee waliin duula tolchee karaa danda’un dur deema malee ta’u hin danda’a jedha.’’
Dorgomtoota sagal teessuma kanaaf dorgoman keessaa saddeet isaanii dhiira. Aadde Haliimaan qofaa isaanii dhiirota kaan dorgomuutti jiru.
''Gaafa qaraa tokko xiqqoo hin shakkani,’’ jechuun hawaasi hooggansa dubartiirraa shakkii akka qabu hubachuu dubbatu.
‘’Yoo ati ilmaa durbaa qabaatte suni jedhee naa dhahi jedhee biyyallee guddoo laaffifadhe,’’ jedhu.
Akka yaada isaaniitti amma hawaasi jijjiirameera. ‘’Position cufa akka nama uwwaa hojjechuu hin dandeenya,’’ jechuun himu.
Aadde Haliimaan waggoota 18’f erga barsiisaa turan booda gara siyaasaa fulleeffatan. Maal jennaan?
‘’Ani guddoo jijjiirama fedha. Ardaa tan keessa namuma dhiira callaatti nuuf bulchaa ta’a. Siyaasa waan akka malee jaaladhu,’’ jechuun ibsu.
Nagaa nagaa….
Kaaba Keeniyaa bulchiinsa yookiin Kaawuntii Marsabiititti hawaasi gosa gosaan waan walitti hammaateef baatii Caamsaa eegalee uggurri ka’ameera.
Hawaasnis ta’e warri nu filadhaa jechuun duula gaggeessu ajandaan isaanii guddoo nagaafi nagaadha.
''Nadheen hedduutu dhirsa dhabe, ilmaan hedduutu abbaa dhabe,‘‘ jechuun waan taajjaban Aadde Faaxumaan dubbatu. Kanaaf ajandaan isaanii ijoo nagaa fiduudha.
Mana barumsaattis walaloo nagaa tolchanii ijoollee shamarran somsisuu/ barsiisuu dubbatu.

Ajandaan Aadde Geediyaas nagaa busuudha. Gosa Booranaas ta’e Gabraa ala ta’un isaanii dhageettii naa dabala, akkasumas kuraaf [filannoo] faayidaa akka qabu amanu.
Geediyaan kana dura hooggantuu damee turizimii bulchinsichaa ta’un tajaajilte.
Aadde Halimaanis ajandaan isaanii kanuma. Keessumaa bakkeen filannoo isaan itti dorgoman rakkoo nageenyaa hamaa qaba.
Yoo milkaa’anis wanti guddaa hawaasi biraa eegu rakkoo kana akka furanidha.
'‘Wanti kuni waan irra ejjanii ilaalan qabdi,’’ kan jedhan Aadde Haliimaan akka dubartii tokko ‘’hojii kana nan danda’a,'' jedhu.
‘An haa dorgomuuf abbaan warraa, hawaasi waliigaluu qaba’
Bulchiinsota Keeniyaa keessaa 14 hawaasi xiyyeeffannoo fedhu [marginalized community] keessa jiraatu akka ta'e gabaasi Baankiin Addunyaa bara 2014 baase eera.
Hawaasa kana keessa olaantummaan dhiiraa guddaa ta’uufi dubartoonni hiree isaaniirratti murtii dhoowwamuun egeree isaanii rakkoo buuseera.
Sababa barsiifataafi aadaa dubartiif dursa hin kennineen dorgommii siyaasaa keessaa dhorkamu.

Aadde Keeli Maarinaa Kokuwaayi saba Maasaayi keessaati. Yeroo ammaa miseensa Paarlaamaa Bahaa Kajiyaado ta’uf dorgomuutti jiru.
Hanga abbaan warraafi hawaasi ittiin waliigalutti dubartiin siyaasa yookiin hooggansa keessa akka seenan tasa hin jajjabeessan jechuun dubbatu.
'‘Rakkoon guddaa abbaan warraa akka isaafi ijoollee dhiiftee deemte yaada. Dubartiin akka mana turtu amanama.’’
Dubartoonni hawaasa gad-aanoo keessaa dhufan duula na filadhaarrattis rakkoon isaan qunnama.
Dubartootni hawaasa hacuucame keessa jiran fageenya hamma warri kaan imalan adeemuun ni danda’ama jechuun ejjennoo isaanii ibsu.












